Seenaa Baraa Isa Lammaffaa
5 Kanaafuu, Solomoon hojiiwwan mana Yihowaatiif hojjechuu qabu hunda hojjetee xumure.+ Sana booda Solomoon wantoota abbaan isaa Daawit qulqulleesse achitti ni galche;+ meeticha, warqichaa fi miʼawwan sana hundas manneen qabeenyaa mana Waaqa dhugaa keessa ni kaaʼe.+ 2 Yeroo sanatti Solomoon jaarsolii Israaʼel, dura buutota gosootaa hundumaa fi dura buutota abbootii manneen Israaʼel walitti ni qabe. Isaanis taabota kakuu Yihowaa Xiyoon+ ishii Magaalaa Daawit+ taate keessaa fiduuf gara Yerusaalem ni dhufan. 3 Namoonni Israaʼel hundis ayyaana* isa jiʼa torbaffaatti ayyaaneffatamu irratti mooticha duratti walitti ni qabaman.+
4 Jaarsoliin Israaʼel hundis ni dhufan; Leewwonnis Taaboticha ol fuudhanii baatan.+ 5 Isaanis Taaboticha, dunkaana walgaʼii+ fi miʼawwan qulqulluu dunkaanicha keessa jiran hundumaa ni fidan. Luboonnii fi Leewwonni* wantoota kana ni fidan. 6 Solomoon Mootichii fi guutummaan yaaʼii Israaʼel warri gara isaa akka dhufan waamaman Taabota sana dura jiru turan. Hoolonnii fi loon baayʼina isaaniitiin kan kaʼe lakkaaʼamuu hin dandeenye hedduunis aarsaa godhamanii dhihaatan.+ 7 Achiis luboonni taabota kakuu Yihowaa sana fidanii kutaa manichaa isa keessaa, jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa qoochoowwan kiruubelotaa sana jala bakka isaaf qophaaʼe ni kaaʼan.+ 8 Kanaafuu, qoochoowwan kiruubelotaa sun bakka Taabotichi taaʼu irratti diriiranii turan; kanaan kan kaʼes, kiruubelonni sun Taabotichaa fi danqaraawwan+ isaa gubbaadhaan golganii turan. 9 Danqaraawwan sun baayʼee dhedheeroo waan turaniif, Kutaa Qulqulluu kutaa isa keessaa fuuldura jiru keessa dhaabbatanii fiixeewwan isaanii arguun ni dandaʼama ture; alaan garuu arguun hin dandaʼamu ture. Isaanis hamma harʼaatti achitti ni argamu. 10 Gabateewwan dhagaa lamaan yommuu sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼanii+ fi Yihowaan isaanii wajjin kakuu galetti+ Museen Horeebitti achi keessa kaaʼeen+ alatti wanti kan biraan Taaboticha keessa hin jiru ture.
11 Yommuu luboonni iddoo qulqulluu sanaa gad baʼan (sababiin isaas, luboonni achitti argaman hundi gareen isaanii maal iyyuu yoo taʼe,+ of qulqulleessanii turan),+ 12 faarfattoonni Leewwotaa+ warri kan Asaaf,+ kan Hemaan,+ kan Yedutuun,+ akkasumas kan ilmaan isaanii fi kan obboloota isaanii taʼan hundi huccuu baʼeessa uffatanii, siimbaalii,* meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaa qabatanii turan; isaan iddoo aarsaa irraa gara bahaatti dhaabbatanii turan; isaanii wajjinis luboonni malakata afuufan 120ni jiru turan.+ 13 Yeroo warri malakata afuufanii fi warri faarfatan tokkummaadhaan Yihowaa jajatanii fi galateeffatanitti, akkasumas yeroo isaan sagalee malakataa, sagalee siimbaalii fi sagalee meeshaawwan muuziqaa dhageessisanii, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii Yihowaa jajanitti, manichi, jechuunis manni Yihowaa duumessaan ni guutame.+ 14 Ulfinni Yihowaa mana Waaqa dhugaa waan guuteef, duumessichaan kan kaʼe luboonni achi dhaabbatanii tajaajiluu hin dandeenye.+