LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 17
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Eeliyaas raajichi ongeen akka dhufu raajii dubbate (1)

      • Arraagessonni Eeliyaasiin sooran (2-7)

      • Eeliyaas gara dubartii Saraaptaa abbaan manaa irraa duʼe tokkoo dhaqe (8-16)

      • Ilmi dubartii abbaa manaa irraa duʼee ni duʼe; duʼaas ni kaafame (17-24)

1 Mootota 17:1

Miiljaleewwan

  • *

    “Waaqni Koo Yihowaa Dha” jechuu dha.

  • *

    Kal., “isa ani dura dhaabbadhuun.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:15, 16, 22, 24; 18:36, 38, 46; 2Mo 2:8, 11; Luq 1:17; Yoh 1:19, 21
  • +Iya 22:9
  • +Kes 28:15, 23; Er 14:22; Luq 4:25; Yaq 5:17

1 Mootota 17:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Laga Gogaa Keriit.”

1 Mootota 17:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “qurruuwwan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 37:25; Mat 6:11

1 Mootota 17:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Laga Gogaa Keriit.”

1 Mootota 17:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 11:23; Abo 15:19

1 Mootota 17:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 18:5

1 Mootota 17:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 4:25, 26

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 13-14

1 Mootota 17:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 11:32, 37

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 13

1 Mootota 17:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 13

1 Mootota 17:12

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, kaballaa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 4:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 14

1 Mootota 17:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 14

1 Mootota 17:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 34:10; 37:17, 19; Flp 4:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 14

1 Mootota 17:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:41, 42; Luq 4:25, 26

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 14-15

1 Mootota 17:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 14-15

1 Mootota 17:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 4:19, 20

1 Mootota 17:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “anii fi ati maal wal irraa qabna?”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 13:26

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 15

1 Mootota 17:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 4:21, 32

1 Mootota 17:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 99:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2014, ful. 15

1 Mootota 17:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuun mucaa kanaa akka itti deebitu.”

1 Mootota 17:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yaq 5:16
  • +Kes 32:39; 1Sa 2:6; 2Mo 4:32, 34; 13:21; Luq 7:15; 8:54, 55; Yoh 5:28, 29; 11:44; HoE 9:40, 41; 20:9, 10; Rom 14:9; Ibr 11:17, 19

1 Mootota 17:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 11:35

1 Mootota 17:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 3:2

Yaada Wal Simu

1Mot. 17:11Mo 17:15, 16, 22, 24; 18:36, 38, 46; 2Mo 2:8, 11; Luq 1:17; Yoh 1:19, 21
1Mot. 17:1Iya 22:9
1Mot. 17:1Kes 28:15, 23; Er 14:22; Luq 4:25; Yaq 5:17
1Mot. 17:4Fr 37:25; Mat 6:11
1Mot. 17:6Lak 11:23; Abo 15:19
1Mot. 17:71Mo 18:5
1Mot. 17:9Luq 4:25, 26
1Mot. 17:10Ibr 11:32, 37
1Mot. 17:122Mo 4:2
1Mot. 17:14Fr 34:10; 37:17, 19; Flp 4:19
1Mot. 17:15Mat 10:41, 42; Luq 4:25, 26
1Mot. 17:172Mo 4:19, 20
1Mot. 17:18Iyo 13:26
1Mot. 17:192Mo 4:21, 32
1Mot. 17:20Fr 99:6
1Mot. 17:22Yaq 5:16
1Mot. 17:22Kes 32:39; 1Sa 2:6; 2Mo 4:32, 34; 13:21; Luq 7:15; 8:54, 55; Yoh 5:28, 29; 11:44; HoE 9:40, 41; 20:9, 10; Rom 14:9; Ibr 11:17, 19
1Mot. 17:23Ibr 11:35
1Mot. 17:24Yoh 3:2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 17:1-24

Mootota Tokkoffaa

17 Yeroo kanatti Eeliyaas*+ Tishbichi inni Giiliyaad+ keessa jiraatu Ahaabiin, “Yihowaa Waaqa Israaʼel isa jiraataa isa ani tajaajiluun* nan kakadha, ajaja kootiin yoo taʼe malee waggoottan kanatti fixeensis taʼe bokkaan hin jiraatu!” jedhe.+

2 Dubbiin Yihowaa akkana jedhus gara isaa ni dhufe: 3 “Asii baʼiitii gara kallattii bahaatti deemi; Sulula Keriit* isa Yordaanos irraa gara bahaatti argamu keessas dhokadhu. 4 Lagicha keessaa dhugi; anis arraagessonni* achitti nyaata akka sii fidan nan ajaja.”+ 5 Innis yeruma sana deemee akkuma dubbiin Yihowaa jedhe ni godhe; dhaqees Sulula Keriit* isa Yordaanos irraa gara bahaatti argamu keessa ni taaʼe. 6 Arraagessonnis ganama ganama daabboo fi foon, galgala galgalas daabboo fi foon isaaf ni fidu turan; innis lagicha keessaa ni dhuga ture.+ 7 Haa taʼu malee, biyyattii keessa bokkaan waan hin jirreef guyyoota muraasa booda lagichi ni goge.+

8 Yeroo kanatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara isaa ni dhufe: 9 “Kaʼi, gara Saraaptaa ishii Siidoon keessatti argamtuu dhaqiitii achi taaʼi. Kunoo, achitti dubartiin abbaan manaa irraa duʼe tokko nyaata akka siif kennitu nan ajaja.”+ 10 Kanaafuu, inni kaʼee gara Saraaptaa deeme. Yommuu gara karra magaalattii dhufus, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe takka utuu qoraan funaannattuu arge. Kanaafuu, ishii waamee, “Maaloo, akkan dhuguuf bishaan xinnoo kubbaayyaatti naa fidi” ishiidhaan jedhe.+ 11 Yommuu isaaf fiduu deemtus ishii waamee, “Maaloo, daabboo xinnoos naa fidi” ishiidhaan jedhe. 12 Yeroo kanatti ishiin, “Waaqa kee Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani daakuu hammaarraa* tokko isa hubboo guddaa keessa jiruu fi zayitii xinnoo hubboo xinnoo keessa jiru malee daabboo hin qabu.+ Amma ani gara manaatti deebiʼee ofii kootii fi ilma kootiif waa qopheessuuf qoraan xinnoo funaannachaan jira. Erga isa nyaannee booda garuu duʼatu nu eeggata” isaan jette.

13 Yeroo kanatti Eeliyaas akkana ishiidhaan jedhe: “Hin sodaatin. Gara manaa dhaqiitii akkuma jette godhi. Jalqaba garuu daakuu hafe sana irraa bixxillee xinnoo tolchiitii naa fidi. Sana booda ofii keetii fi ilma keetiif waa qopheessuu dandeessa. 14 Sababiin isaas Yihowaan Waaqni Israaʼel, ‘Hamma Yihowaan lafa irratti bokkaa roobsutti, daakuun hubboo guddaa sana keessaa hin dhumu; zayitiinis hubboo xinnoo sana keessaa hin dhumu’+ jedha.” 15 Kanaafuu, ishiin dhaqxee akkuma Eeliyaas ishiidhaan jedhe goote; ishiin, innii fi maatiin ishii guyyoota hedduudhaaf ni nyaatan.+ 16 Akkuma Yihowaan karaa Eeliyaas dubbatettis, daakuun hubboo guddaa sana keessaa hin dhumne; zayitiinis hubboo xinnoo sana keessaa hin dhumne.

17 Kana booda, ilmi dubartii abbaa manichaa taate sanaa ni dhukkubsate; dhukkubni isaa baayʼee cimaa waan taʼeefis hafuura baafachuu dhaabe.+ 18 Yeroo kanatti ishiin Eeliyaasiin, “Yaa nama Waaqa dhugaa, maalan si godhe?* Balleessaa koo na yaadachiisuu fi ilma koo ajjeesuuf dhuftee?”+ jette. 19 Inni garuu, “Mucaa kee natti kenni” ishiidhaan jedhe. Achiis mucicha harka ishii irraa fudhatee baatee gara kutaa baaxii irraa isa keessa jiraatutti geesse; siree ofii isaa irras isa ciibse.+ 20 Sana booda, “Yaa Waaqa koo Yihowaa,+ ati ilmi ishii akka duʼu gochuudhaan dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi ani bira taaʼu tana irrattis rakkina ni fiddaa?” jedhee gara Yihowaatti iyye. 21 Achiis siʼa sadii mucicha irratti diriiree, “Yaa Waaqa koo Yihowaa, maaloo, mucaan kun deebiʼee akka jiraatu* godhi” jedhee gara Yihowaatti iyye. 22 Yihowaanis kadhannaa Eeliyaas ni dhagaʼe;+ muchichis gara jireenyaatti deebiʼe; ni fayyes.+ 23 Eeliyaasis mucicha fuudhee kutaa baaxii irraa sana keessaa gara manaatti gad buusee haadha isaatiif isa kenne; achiis Eeliyaas, “Kunoo, ilmi kee fayyeera”+ ishiidhaan jedhe. 24 Yeroo kanatti dubartittiin Eeliyaasiin, “Amma ati dhugumaan nama Waaqayyoo+ taʼuu kee fi dubbiin Yihowaa inni ati dubbattes dhugaa taʼuu isaa beekeera” jette.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi