LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 13
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Yehoʼahaaz mootii Israaʼel (1-9)

      • Yoʼaas mootii Israaʼel (10-13)

      • Eelsaaʼi hinaaffaa Yoʼaas qore (14-19)

      • Eelsaaʼi ni duʼe; lafeen isaa nama tokko duʼaa ni kaase (20, 21)

      • Raajiin Eelsaaʼii inni dhumaa ni raawwatame (22-25)

2 Mootota 13:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 11:2, 21
  • +2Mo 8:26; 9:27
  • +2Mo 10:30, 35

2 Mootota 13:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:28-30; 13:33; 14:16

2 Mootota 13:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 12:29
  • +Lew 26:14, 17
  • +1Mo 19:17; 2Mo 8:12
  • +2Mo 13:24

2 Mootota 13:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 3:7; Abo 10:16; 2Mo 14:26, 27

2 Mootota 13:5

Miiljaleewwan

  • *

    Nagaa fi tasgabbiidhaan jiraachuu isaanii argisiisa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Nah 9:27

2 Mootota 13:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 10:29; 17:21
  • +Kes 7:5; 1Mo 14:15; 16:33

2 Mootota 13:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Amo 1:3
  • +2Mo 8:12; 10:32

2 Mootota 13:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 10:35

2 Mootota 13:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 14:1

2 Mootota 13:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “cubbuuwwan kanaan ni deddeebiʼe.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 10:29

2 Mootota 13:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 14:8, 13

2 Mootota 13:13

Miiljaleewwan

  • *

    Yeroboʼaam Lammaffaa argisiisa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 14:28
  • +2Mo 10:35; 13:9

2 Mootota 13:14

Miiljaleewwan

  • *

    Yaanni kun tarii Waaqayyo irraa ykn bakka buʼoota isaa irraa gargaarsa gaafachuu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:16
  • +2Mo 2:11, 12

2 Mootota 13:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “fayyinaa.”

  • *

    Ykn., “fayyinaa.”

  • *

    Ykn., “ni moota.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 29:1; 1Mo 20:26

2 Mootota 13:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 13:25

2 Mootota 13:20

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “waggichi yommuu seenutti,” arfaasaatti taʼuu hin oolu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 1:1; 24:2

2 Mootota 13:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 11:44; Ibr 11:35

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    12/2017, ful. 5

2 Mootota 13:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:15
  • +2Mo 8:12; 10:32

2 Mootota 13:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 13:14-16
  • +Uma 26:3
  • +Uma 28:13; Fr 105:8; Mik 7:20
  • +2Mo 14:26, 27

2 Mootota 13:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ni moʼe.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 13:19

Yaada Wal Simu

2Mot. 13:12Mo 11:2, 21
2Mot. 13:12Mo 8:26; 9:27
2Mot. 13:12Mo 10:30, 35
2Mot. 13:21Mo 12:28-30; 13:33; 14:16
2Mot. 13:3Ibr 12:29
2Mot. 13:3Lew 26:14, 17
2Mot. 13:31Mo 19:17; 2Mo 8:12
2Mot. 13:32Mo 13:24
2Mot. 13:4Bau 3:7; Abo 10:16; 2Mo 14:26, 27
2Mot. 13:5Nah 9:27
2Mot. 13:62Mo 10:29; 17:21
2Mot. 13:6Kes 7:5; 1Mo 14:15; 16:33
2Mot. 13:7Amo 1:3
2Mot. 13:72Mo 8:12; 10:32
2Mot. 13:92Mo 10:35
2Mot. 13:102Mo 14:1
2Mot. 13:112Mo 10:29
2Mot. 13:122Mo 14:8, 13
2Mot. 13:132Mo 14:28
2Mot. 13:132Mo 10:35; 13:9
2Mot. 13:141Mo 19:16
2Mot. 13:142Mo 2:11, 12
2Mot. 13:171Sa 29:1; 1Mo 20:26
2Mot. 13:192Mo 13:25
2Mot. 13:202Mo 1:1; 24:2
2Mot. 13:21Yoh 11:44; Ibr 11:35
2Mot. 13:221Mo 19:15
2Mot. 13:222Mo 8:12; 10:32
2Mot. 13:23Uma 13:14-16
2Mot. 13:23Uma 26:3
2Mot. 13:23Uma 28:13; Fr 105:8; Mik 7:20
2Mot. 13:232Mo 14:26, 27
2Mot. 13:252Mo 13:19
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 13:1-25

Mootota Lammaffaa

13 Yoʼaas+ ilmi Akaaziyaa+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 23ffaa isaatti, Yehoʼahaaz ilmi Yehuu+ Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 17fis ni bulche. 2 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; cubbuu Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe hojjechuu isaas itti fufe.+ Isa irraas hin garagalle. 3 Kanaafuu, aariin Yihowaa+ Israaʼel irratti ni bobaʼe;+ innis baroota sana hundatti harka Hazaaʼel+ mootii Sooriyaattii fi harka Benhadaad+ ilma Hazaaʼelitti dabarsee isaan kenne.

4 Yeroo boodas Yehoʼahaaz Yihowaa biratti fudhatama argachuuf ni kadhate; Yihowaanis cunqursaa mootiin Sooriyaa Israaʼel irra geessise waan argeef, kadhannaa isaa ni dhagaʼe.+ 5 Kanaafuu, Yihowaan harka Sooriyaa jalaa bilisa isaan baasuuf fayyisaa tokko Israaʼeliif ni kenne;+ Israaʼelonnis akkuma duraanii mana mana isaanii keessa jiraachuu dandaʼan.* 6 (Haa taʼu malee, isaan cubbuu mana Yeroboʼaam isa inni Israaʼelonni akka hojjetan godhe irraa hin deebine.+ Isaan cubbuu kana hojjechuu isaanii itti fufan; utubaan waaqeffannaas*+ Samaariyaa keessatti akkuma dhaabbatetti jira ture.) 7 Mootiin Sooriyaa akkuma awwaara oobdii keessa jiruutti dhidhiitee+ isaan balleessee waan tureef,+ raayyaan waraanaa Yehoʼahaaziif hafe abbootii fardeenii 50, gaarii fardaa 10 fi loltoota lafoo 10,000 qofa ture.

8 Seenaan Yehoʼahaaz inni hafe, wanti inni godhe hundii fi jabinni isaa, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 9 Achiis Yehoʼahaaz abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Samaariyaatti isa awwaalan;+ ilmi isaa Yoʼaasis bakka isaa mootii taʼe.

10 Yoʼaas mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 37ffaa isaatti, Yoʼaas+ ilmi Yehoʼahaaz Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 16fis ni bulche. 11 Inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; cubbuuwwan Yeroboʼaam ilmi Nebaat Israaʼelonni akka hojjetan godhe hunda irraas hin deebine.+ Cubbuuwwan kana hojjechuu isaas ittuma fufe.*

12 Seenaan Yoʼaas inni hafe, wanti inni godhe hundi, jabinni isaa fi akkamitti Amaaziyaa mootii Yihudaa wajjin akka wal waraane+ kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 13 Achiis Yoʼaas abbootii isaa wajjin ni boqote; Yeroboʼaamis*+ teessoo isaa irra ni taaʼe. Yoʼaasis mootota Israaʼelii wajjin Samaariyaatti ni awwaalame.+

14 Eelsaaʼi+ dhukkuba yeroo booda isa ajjeeseen qabamee yeroo turetti, Yoʼaas mootiin Israaʼel gara isaatti gad buʼee, “Abbaa koo! Abbaa koo! Gaarii fardaa Israaʼel, abbootii fardeenii isaas!”*+ jedhee isa duratti booʼe. 15 Eelsaaʼis, “Iddaa fi xiyyawwan fudhadhu” isaan jedhe. Kanaafuu, inni iddaa fi xiyyawwan ni fudhate. 16 Eelsaaʼis mootii Israaʼeliin, “Iddicha harka keetti qabadhu” jedhe. Kanaafuu, inni harka isaatti ni qabate; achiis Eelsaaʼi harka isaa harka mootichaa irra ni kaaʼe. 17 Achiis, “Karaa bahaatiin foddicha bani” isaan jedhe. Innis foddicha ni bane. Eelsaaʼis, “Futtaasi!” isaan jedhe. Innis ni futtaase. Yeroo kanatti Eelsaaʼi, “Xiyya injifannoo* Yihowaa, xiyya injifannoo* Sooriyaa irratti argamuu! Ati guutummaatti hamma ishii balleessitutti Afeeqitti+ Sooriyaa ni rukutta”* isaan jedhe.

18 Itti fufuudhaanis Eelsaaʼi, “Xiyyawwan sana fudhadhu” isaan jedhe; innis xiyyawwan sana ni fudhate. Achiis mootii Israaʼeliin, “Laficha waraani” jedhe. Kanaafuu, inni laficha siʼa sadii waraanee dhiise. 19 Yeroo kanatti namni Waaqa dhugaa sun isatti aaree, “Siʼa shan yookiin siʼa jaʼa laficha waraanuu qabda turte! Utuu akkana gooteetta taʼee, guutummaatti hamma balleessitutti Sooriyaa ni rukutta turte; amma garuu Sooriyaa kan rukuttu siʼa sadii qofa dha”+ isaan jedhe.

20 Sana booda Eelsaaʼi ni duʼe; achiis ni awwaalame. Tuutawwan weerartootaa+ warra Moʼaab, jalqaba waggaatti* gara biyyattiitti dhufan jiru turan. 21 Namoonni muraasni utuu nama tokko awwaalaa jiranii tuutawwan weerartootaa sana argan; kanaafuu, isaan dafanii namicha iddoo awwaalchaa Eelsaaʼi keessatti gatanii baqatan. Namichis yommuu lafeewwan Eelsaaʼii tuqu gara jireenyaatti ni deebiʼe;+ kaʼees miila isaatiin ni dhaabbate.

22 Guutummaa bara Yehoʼahaazitti, Hazaaʼel+ mootiin Sooriyaa Israaʼelota ni cunqursa ture.+ 23 Haa taʼu malee, Yihowaan kakuu Abrahaam,+ Yisihaaqii+ fi Yaaqoobii+ wajjin galeef jedhee gaarummaa fi gara laafina isaanitti ni argisiise;+ akkasumas isaaniif akka yaadu ni argisiise. Inni isaan balleessuu hin barbaanne; hamma harʼaattis of duraa isaan hin gatne. 24 Hazaaʼel mootiin Sooriyaa yommuu duʼetti, ilmi isaa Benhadaad bakka isaa mootii taʼe. 25 Yoʼaas ilmi Yehoʼahaaz, magaalota Hazaaʼel yommuu abbaa isaa Yehoʼahaaziin waraanaa turetti isa irraa fudhate Benhadaad ilma Hazaaʼel irraa ni deebifate. Yoʼaasis siʼa sadii Benhadaadiin ni rukute;*+ magaalota Israaʼelis ni deebifate.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi