LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 5
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Faarfannaa waaʼee maasii wayinii Yihowaa faarfatame (1-7)

      • Maasii wayinii Yihowaatiif wayyoo (8-24)

      • Waaqayyo saba isaatti dheekkame (25-30)

Isaayyaas 5:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 80:8; Isa 5:7; Er 2:21; Luq 20:9

Isaayyaas 5:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 21:33; Mar 12:1
  • +Hos 10:1

Isaayyaas 5:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 6:2

Isaayyaas 5:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 36:15; His 24:13

Isaayyaas 5:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:31, 33; Nah 2:3; Fr 79:1

Isaayyaas 5:6

Miiljaleewwan

  • *

    Gondoluu jechuun, damee mukaa dulloome irraa muruu jechuu dha.

  • *

    Jechuunis, muka akka hiddaa taʼee fi qoree qabu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 29:22, 23; Er 25:11; 45:4
  • +Isa 32:13
  • +Kes 11:16, 17

Isaayyaas 5:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 80:8; Er 12:10
  • +Mik 6:8
  • +Kes 15:9

Isaayyaas 5:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 2:1, 2
  • +1Mo 21:15, 16

Isaayyaas 5:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 36:20, 21; Isa 27:10

Isaayyaas 5:10

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “cimdii kudhan,” jechuunis, maasii guyyaatti qotiyyoo cimdiin kudhan qotu.

  • *

    Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

  • *

    Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

  • *

    Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:15, 17; Yoe 1:17

Isaayyaas 5:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 21:34; Rom 13:13

Isaayyaas 5:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 27:11; Er 8:7; Hos 4:6
  • +Fru 4:9

Isaayyaas 5:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

  • *

    Ykn., “lubbuu isaa.”

  • *

    Ykn., “Guguddoonni.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:63

Isaayyaas 5:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “haqa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 6:3; Mul 4:8
  • +Kes 32:4

Isaayyaas 5:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Murtiin; Gorsi.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 5:12; 17:15; His 12:22

Isaayyaas 5:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 17:15; Mil 2:17

Isaayyaas 5:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 3:7; Rom 12:16

Isaayyaas 5:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 23:20; 31:4, 5

Isaayyaas 5:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 16:19; Isa 1:23; Mik 3:11
  • +1Mo 21:13; Fak 17:15

Isaayyaas 5:24

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “barumsa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 31:20; 2Mo 17:13, 14; Nah 9:26; Isa 1:4

Isaayyaas 5:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 31:16, 17; 2Se 36:15, 16; Fru 2:2
  • +Er 16:4

Isaayyaas 5:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “jirma mallattoo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 52:4
  • +Kes 28:49, 50; Er 5:15
  • +Er 4:13

Isaayyaas 5:28

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “futtaasuuf kan qophaaʼe dha.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +An 1:8

Isaayyaas 5:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “leencota saafelaatti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 50:17

Isaayyaas 5:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 6:23
  • +Er 4:23

Yaada Wal Simu

Isa. 5:1Fr 80:8; Isa 5:7; Er 2:21; Luq 20:9
Isa. 5:2Mat 21:33; Mar 12:1
Isa. 5:2Hos 10:1
Isa. 5:3Mik 6:2
Isa. 5:42Se 36:15; His 24:13
Isa. 5:5Lew 26:31, 33; Nah 2:3; Fr 79:1
Isa. 5:6Kes 29:22, 23; Er 25:11; 45:4
Isa. 5:6Isa 32:13
Isa. 5:6Kes 11:16, 17
Isa. 5:7Fr 80:8; Er 12:10
Isa. 5:7Mik 6:8
Isa. 5:7Kes 15:9
Isa. 5:8Mik 2:1, 2
Isa. 5:81Mo 21:15, 16
Isa. 5:92Se 36:20, 21; Isa 27:10
Isa. 5:10Kes 28:15, 17; Yoe 1:17
Isa. 5:11Luq 21:34; Rom 13:13
Isa. 5:13Isa 27:11; Er 8:7; Hos 4:6
Isa. 5:13Fru 4:9
Isa. 5:14Kes 28:63
Isa. 5:16Isa 6:3; Mul 4:8
Isa. 5:16Kes 32:4
Isa. 5:19Er 5:12; 17:15; His 12:22
Isa. 5:20Fak 17:15; Mil 2:17
Isa. 5:21Fak 3:7; Rom 12:16
Isa. 5:22Fak 23:20; 31:4, 5
Isa. 5:23Kes 16:19; Isa 1:23; Mik 3:11
Isa. 5:231Mo 21:13; Fak 17:15
Isa. 5:24Kes 31:20; 2Mo 17:13, 14; Nah 9:26; Isa 1:4
Isa. 5:25Kes 31:16, 17; 2Se 36:15, 16; Fru 2:2
Isa. 5:25Er 16:4
Isa. 5:26Er 52:4
Isa. 5:26Kes 28:49, 50; Er 5:15
Isa. 5:26Er 4:13
Isa. 5:28An 1:8
Isa. 5:29Er 50:17
Isa. 5:30Er 6:23
Isa. 5:30Er 4:23
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 5:1-30

Isaayyaas

5 Mee, isan jaalladhu sanaaf

Waaʼee isan jaalladhu sanaa fi waaʼee maasii wayinii isaa nan faarfadha.+

Inni ani jaalladhu tabba lalisaa irratti maasii wayinii tokko qaba ture.

 2 Innis isa ni qote, dhagaas keessaa ni guure.

Muka wayinii diimaa filatamaa taʼe isa irra ni dhaabe,

Gidduu isaattis masaraa tokko ni ijaare,

Dhagaas bocee achi keessatti bakka wayinii itti cuunfan ni tolche.+

Inni mukti wayinii sun firii wayinii akka godhatu abdatee ture,

Mukichi garuu firii wayinii bosonaa qofa godhate.+

 3 “Egaa amma, isin jiraattonni Yerusaalemii fi namoonni Yihudaa,

Maaloo anaa fi maasii wayinii koo gidduutti murtii kennaa.+

 4 Wantin maasii wayinii kootiif gochuu qabuu fi

Utuun hin godhin hafe jiraa?+

Maarree, yommuun firii wayinii argachuuf abdadhetti,

Firii wayinii bosonaa qofa kan godhate maaliifi?

 5 Ammas maaloo,

Wantan maasii wayinii koo irratti godhu isinittan hima:

Dallaa qoree isaa nan buqqisa,

Innis ibiddaan ni gubama.+

Dallaa dhagaa isaa nan diiga,

Innis ni dhidhiitama.

 6 Inni ona akka taʼu nan godha;+

Hin gondolamu* yookiin jalli isaa hin qotamu.

Harangamaa* fi aramaadhaan ni liqimfama,+

Anis duumessoonni isa irratti bokkaa akka hin roobsine nan ajaja.+

 7 Maasiin wayinii Yihowaa Gooftaa Raayyaa mana Israaʼeli;+

Namoonni Yihudaas biqiltuu inni jaallatu dha.

Inni haqni akka dagaagu abdatee ture,+

Garuu kunoo, jalʼinatu taʼe;

Inni qajeelummaa abdatee ture,

Garuu kunoo, iyya dhiphinaatu taʼe.”+

 8 Warra namoota kaaniif wanta tokko illee utuu hin hambisin

Biyyattii irratti kophaa isaanii hamma hafanitti,

Mana irratti mana dabalataniif,+

Maasii irrattis maasii dabalataniif wayyoo!+

 9 Yihowaan Gooftaan Raayyaa,

Manneen hedduun guguddoo fi mimmiidhagoo yoo taʼan iyyuu,

Bakka sodaachisoo akka taʼanii fi

Ona akka taʼan+ utuma gurri koo dhagaʼuu kakateera.

10 Maasii wayinii hektaara afur* irraa, oomisha safartuu baatii* tokko,

Sanyii safartuu homeerii* tokko irraas oomisha eefaa* tokko qofatu argama.+

11 Warra dhugaatii alkoolii dhuguuf ganama bariidhaan kaʼaniif,+

Warra hamma daadhiin wayinii isaan gubutti hamma halkaniitti dhiisifataniif wayyoo!

12 Isaan affeerraa isaanii irratti baganaa fi meeshaa muuziqaa ribuu qabu,

Dibbee, ulullee fi daadhii wayinii qabu;

Taʼus gochawwan Yihowaa hin qalbeeffatan,

Hojiiwwan harka isaatiis hin hubatan.

13 Sabni koo beekumsa waan hin qabneef,+

Boojuudhaan ni fudhatamu;

Namoonni isaanii warri kabajamoo taʼan ni beelaʼu,+

Sabni isaanii hundis dheebuudhaan ni gubatu.

14 Kanaafuu, Awwaalli* of* ni balʼise,

Afaan isaas akka malee balʼisee ni bane;+

Simboon* ishii, iyyi ishii inni guddaanii fi wacni ishii

Dhugumaan gara isaatti gad ni buʼu.

15 Namni gad ni qabama,

Ni salphifama,

Ijji warra of tuulaniis ni salphifama.

16 Yihowaan Gooftaan Raayyaa murtii* isaatiin ol ni qabama;

Waaqni dhugaan, Inni Qulqulluun+ qajeelummaadhaan of ni qulqulleessa.+

17 Hoolonni xobbaallaan akkuma iddoo dheedichaa isaaniitti achitti ni dheedu;

Namoonni biyya ormaas iddoowwan ona taʼanii fi dur horiiwwan gabbatoon keessa turan keessaa ni nyaatu.

18 Warra yakka isaanii wadaroo gowwoomsaatiin,

Cubbuu isaaniis funyoo gaariin ittiin harkifamuun harkisaniif wayyoo;

19 Warra, “Inni hojii isaa haa saffisiisu;

Akka isa arginuuf dafee haa dhufu.

Nutis akka beeknuuf,

Kaayyoon* Isa Qulqulluu kan Israaʼel haa raawwatamu” jedhaniif wayyoo!+

20 Warra isa gaariidhaan hamaa, isa hamaadhaanis gaarii jedhaniif,+

Warra dukkana ifatti, ifas dukkanatti jijjiiraniif,

Warra isa hadhaaʼaa miʼaawaadhaan, isa miʼaawaas hadhaaʼaadhaan bakka buusaniif wayyoo!

21 Warra ogeessa akka taʼanitti of ilaalaniif,

Akka yaada isaaniittis hubattoota taʼaniif wayyoo!+

22 Warra daadhii wayinii dhuguu irratti jajjaboo taʼaniif,

Namoota dhugaatii alkoolii walitti makuu irratti dandeettii guddaa qabaniif,+

23 Warra mattaʼaa fudhachuudhaan nama hamaa bilisa baasaniif,+

Nama qajeelaa immoo haqa dhowwataniif wayyoo!+

24 Akkuma arrabni ibiddaa hoffaa gubutti,

Laboobnis marga gogaa shuntuursutti,

Hiddi isaanii ni tortora,

Daraaraan isaaniis akka daakuutti ni bittinnaaʼa;

Sababiin isaas, isaan seera* Yihowaa Gooftaa Raayyaa tuffataniiru,

Dubbii Isa Qulqulluu kan Israaʼelis salphisaniiru.+

25 Dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti kan bobaʼu kanaafi;

Inni harka isaa isaan irratti kaasee isaan rukuta.+

Gaaronni ni kirkiru,

Reeffi isaaniis daandiiwwan irratti akkuma kosii ni taʼa.+

Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,

Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.

26 Inni saba fagoo jiruuf mallattoo* dhaabeera;+

Andaara lafaa irraa akka dhufaniif siiqsee isaan waameera;+

Kunoo, isaan saffisa guddaadhaan dhufaa jiru.+

27 Isaan gidduudhaa kan dadhabu yookiin kan gufatu tokko illee hin jiru.

Kan mugus taʼe kan rafu hin jiru.

Qabattoon mudhii isaanii irra jiru hin laafne,

Hidhaan kophee isaaniis hin cinne.

28 Xiyyi isaanii hundi qaramaa dha,

Iddaan isaanii hundis kan dabsame dha.*

Kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa jabaa ti,

Geengoowwan gaarii fardaa isaaniis akkuma bubbee ti.+

29 Isaan akkuma leencaatti,

Akkuma ilmoolee leencaatti* baroodu.+

Isaan ni gururiʼu, adamsaniis ni qabatu,

Fudhatanii ni deemu, kan irraa oolchus hin jiru.

30 Guyyaa sanatti isaan akkuma galaanaatti,

Isa irratti ni gungumu.+

Namni xiyyeeffannaadhaan biyyattii ilaalu kam iyyuu dukkana nama dhiphisu arga;

Duumessootaan kan kaʼe ifni illee dukkanaaʼeera.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi