LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 5
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Hiiraam Mootichi miʼawwan ijaarsaa dhiheesse (1-12)

      • Solomoon warra hojii dirqamaa hojjetan filate (13-18)

1 Mootota 5:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “yeroo kamitti iyyuu Daawitiin kan jaallatu waan tureef.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 27:3
  • +2Sa 5:11

1 Mootota 5:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 2:3

1 Mootota 5:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:5; 1Se 22:7, 8

1 Mootota 5:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 4:24, 25
  • +Fak 16:7

1 Mootota 5:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:12, 13; 1Se 22:9, 10; 2Se 2:4

1 Mootota 5:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 6:9, 20
  • +2Se 2:8

1 Mootota 5:7

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “hedduu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 2:11, 12

1 Mootota 5:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 6:5; 1Mo 6:15; 2Se 3:5

1 Mootota 5:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 2:15, 16; Iz 3:7

1 Mootota 5:11

Miiljaleewwan

  • *

    Qorosiin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

  • *

    Kal., “zayitii tumame.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 2:10

1 Mootota 5:12

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “kakuu waliif ni galan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 3:12; 4:29; Yaq 1:5

1 Mootota 5:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 9:15

1 Mootota 5:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 20:24; 1Mo 4:6; 12:18

1 Mootota 5:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “baʼaa baatan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 16:10; 1Mo 9:20-22; 2Se 2:2, 17, 18; 8:7-9
  • +1Se 22:15

1 Mootota 5:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 9:23

1 Mootota 5:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 21:14
  • +1Mo 6:7
  • +1Mo 7:9; 1Se 22:2

1 Mootota 5:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 13:1, 5

Yaada Wal Simu

1Mot. 5:1His 27:3
1Mot. 5:12Sa 5:11
1Mot. 5:22Se 2:3
1Mot. 5:32Sa 7:5; 1Se 22:7, 8
1Mot. 5:41Mo 4:24, 25
1Mot. 5:4Fak 16:7
1Mot. 5:52Sa 7:12, 13; 1Se 22:9, 10; 2Se 2:4
1Mot. 5:61Mo 6:9, 20
1Mot. 5:62Se 2:8
1Mot. 5:72Se 2:11, 12
1Mot. 5:82Sa 6:5; 1Mo 6:15; 2Se 3:5
1Mot. 5:92Se 2:15, 16; Iz 3:7
1Mot. 5:112Se 2:10
1Mot. 5:121Mo 3:12; 4:29; Yaq 1:5
1Mot. 5:131Mo 9:15
1Mot. 5:142Sa 20:24; 1Mo 4:6; 12:18
1Mot. 5:15Iya 16:10; 1Mo 9:20-22; 2Se 2:2, 17, 18; 8:7-9
1Mot. 5:151Se 22:15
1Mot. 5:161Mo 9:23
1Mot. 5:17Mul 21:14
1Mot. 5:171Mo 6:7
1Mot. 5:171Mo 7:9; 1Se 22:2
1Mot. 5:18Iya 13:1, 5
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 5:1-18

Mootota Tokkoffaa

5 Hiiraam mootiin Xiiros+ yeroo hunda michuu Daawit waan tureef,* Solomoon bakka abbaa isaa mootii taʼee akka dibame yommuu dhagaʼu tajaajiltoota isaa gara Solomoonitti erge.+ 2 Solomoonis deebisee akkana jedhee Hiiraamitti+ dhaame: 3 “Abbaan koo Daawit hanga Yihowaan diinota isaa faana miila isaa jala isaaf galchutti kallattii hundumaatiin waraanni waan isa irratti banamaa tureef, maqaa Waaqa isaa Yihowaatiif mana ijaaruu akka hin dandeenye akka gaariitti beekta.+ 4 Amma garuu Waaqni koo Yihowaan kallattii hundumaatiin boqonnaa naaf kenneera.+ Kan na mormu tokko illee hin jiru; wanti hamaanis raawwatamaa hin jiru.+ 5 Kanaafuu, akkuma Yihowaan, ‘Maqaa kootiif mana kan ijaaru, ilma kee isa ani bakka kee teessoo kee irra kaaʼu dha’ jedhee abbaa koo Daawitiif waadaa gale, ani maqaa Waaqa koo Yihowaatiif mana ijaaruu yaadeera.+ 6 Egaa muka gaattiraa Libaanon+ akka naaf muran namoota kee ajaji. Nu keessaa namni tokko illee akka Siidoonotaatti muka muruu akka hin dandeenye ni beekta; kanaafuu, tajaajiltoonni koo tajaajiltoota kee wajjin ni hojjetu; anis akka ati murteessitetti tajaajiltoota keetiif mindaa nan kaffala.”+

7 Hiiraamis dhaamsa Solomoon kana yommuu dhagaʼu baayʼee gammadee, “Saba guddaa* kana akka bulchuuf Daawitiif ilma ogeessa taʼe waan kenneef harʼa Yihowaan haa jajamu!” jedhe.+ 8 Kanaafuu, Hiiraam akkana jedhee Solomoonitti dhaame: “Ergaa ati natti ergite dhagaʼeera. Anis saanqaa gaattiraa fi birbirsaa siif qopheessuudhaan wanta ati barbaaddu hunda nan godha.+ 9 Tajaajiltoonni koos Libaanonii gara galaanichaatti gad isaan ni fidu; achiis ani walitti isaan hidhee galaanicha irra kaaʼee bakka ati jettetti siif nan erga. Ani achitti akka hiikaman nan godha; atis achii isaan fudhachuu dandeessa. Ati immoo gama keetiin soorata ani si gaafadhu maatii kootiif ni dhiheessita.”+

10 Kanaafuu, Hiiraam saanqaa gaattiraa fi birbirsaa Solomoon barbaadu hunda ni dhiheesse. 11 Solomoonis maatii isaatiif soorata akka taʼuuf, qamadii safartuu qorosii* 20,000 fi zayitii ejersaa baayʼee gaarii taʼe* safartuu qorosii 20 Hiiraamiif ni kenne. Solomoon waggaa waggaadhaan Hiiraamiif kana ni kenna ture.+ 12 Yihowaanis akkuma waadaa isaaf galee turetti Solomooniif ogummaa ni kenne.+ Hiiraamii fi Solomoon gidduu nagaan jira ture; lamaan isaaniis walii galtee ni godhan.*

13 Solomoon Mootichi guutummaa Israaʼel keessaa namoota hojii dirqamaa hojjetan ni filate; namoonni filatamanis 30,000 turan.+ 14 Innis jiʼa jiʼaan 10,000 godhee dabaree dabareedhaan gara Libaanonitti isaan erga ture. Isaanis jiʼa tokko Libaanon keessatti, jiʼa lama immoo mana isaaniitti dabarsu turan; Adoniraamis+ warra hojii dirqamaa hojjetan irratti itti gaafatamaa ture. 15 Solomoon namoota hojii humnaa hojjetan* 70,000 fi namoota gaarota+ irratti dhagaa bocan+ 80,000 qaba ture; 16 kana malees, Solomoon bulchitoota+ warra ol aantummaadhaan hojjettoota toʼatan 3,300 qaba ture. 17 Isaan dhagoota bocamaniin buʼuura manichaa kaaʼuuf,+ ajaja mootichaatiin dhagoota guguddaa+ fi dhagoota gatii guddaa qaban+ ni baasu turan. 18 Kanaafuu, ijaartonni Solomoon, ijaartonni Hiiraamii fi Geebaalonni+ dhagaa ni bocan; manicha ijaaruufis saanqaawwanii fi dhagoota ni qopheessan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi