LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 31
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Seenaa Baraa

      • Hisqiyaas gantummaa balleesse (1)

      • Luboonnii fi Leewwonni sirriitti deggersa argatan (2-21)

2 Seenaa Baraa 31:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 30:1, 18
  • +Bau 23:24
  • +Kes 7:5; 2Mo 18:1, 4; 2Se 14:2, 3; 34:1, 3
  • +Kes 12:2
  • +2Se 23:16, 17

2 Seenaa Baraa 31:2

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “buufatawwan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 23:13, 27-30
  • +1Se 24:1
  • +1Se 23:6
  • +2Se 8:14

2 Seenaa Baraa 31:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 29:39
  • +Lak 28:9
  • +Lak 10:10
  • +Kes 16:16
  • +2Se 30:24

2 Seenaa Baraa 31:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “seera Yihowaatiif guutummaatti akka of kennaniif.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 18:21; Nah 10:38, 39

2 Seenaa Baraa 31:5

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, harka kudhan keessaa harka tokko.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 18:12
  • +Bau 22:29; 23:19; Nah 10:37
  • +Fak 3:9

2 Seenaa Baraa 31:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 27:30; Kes 14:28

2 Seenaa Baraa 31:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 23:16
  • +Lew 23:24

2 Seenaa Baraa 31:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 18:8
  • +Mil 3:10

2 Seenaa Baraa 31:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “kutaawwan nyaataa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Nah 10:38, 39; 12:44

2 Seenaa Baraa 31:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 27:30; Kes 14:28

2 Seenaa Baraa 31:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 26:17, 19
  • +Kes 12:5, 6; 16:10
  • +Lak 18:8
  • +Lew 2:10; 7:1

2 Seenaa Baraa 31:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 21:19
  • +1Se 24:1

2 Seenaa Baraa 31:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 4:2, 3; 8:24; 1Se 23:24
  • +1Se 24:4
  • +1Se 23:6

2 Seenaa Baraa 31:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 25:33, 34; Lak 35:2; Iya 21:13

2 Seenaa Baraa 31:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 29:35

Yaada Wal Simu

2Sen. 31:12Se 30:1, 18
2Sen. 31:1Bau 23:24
2Sen. 31:1Kes 7:5; 2Mo 18:1, 4; 2Se 14:2, 3; 34:1, 3
2Sen. 31:1Kes 12:2
2Sen. 31:12Se 23:16, 17
2Sen. 31:21Se 23:13, 27-30
2Sen. 31:21Se 24:1
2Sen. 31:21Se 23:6
2Sen. 31:22Se 8:14
2Sen. 31:3Bau 29:39
2Sen. 31:3Lak 28:9
2Sen. 31:3Lak 10:10
2Sen. 31:3Kes 16:16
2Sen. 31:32Se 30:24
2Sen. 31:4Lak 18:21; Nah 10:38, 39
2Sen. 31:5Lak 18:12
2Sen. 31:5Bau 22:29; 23:19; Nah 10:37
2Sen. 31:5Fak 3:9
2Sen. 31:6Lew 27:30; Kes 14:28
2Sen. 31:7Lew 23:16
2Sen. 31:7Lew 23:24
2Sen. 31:10Lak 18:8
2Sen. 31:10Mil 3:10
2Sen. 31:11Nah 10:38, 39; 12:44
2Sen. 31:12Lew 27:30; Kes 14:28
2Sen. 31:141Se 26:17, 19
2Sen. 31:14Kes 12:5, 6; 16:10
2Sen. 31:14Lak 18:8
2Sen. 31:14Lew 2:10; 7:1
2Sen. 31:15Iya 21:19
2Sen. 31:151Se 24:1
2Sen. 31:17Lak 4:2, 3; 8:24; 1Se 23:24
2Sen. 31:171Se 24:4
2Sen. 31:171Se 23:6
2Sen. 31:19Lew 25:33, 34; Lak 35:2; Iya 21:13
2Sen. 31:212Se 29:35
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Seenaa Baraa 31:1-21

Seenaa Baraa Isa Lammaffaa

31 Isaan wantoota kana hundumaa akkuma xumuraniin, Israaʼelonni achitti argaman hundi gara magaalota Yihudaatti baʼanii guutummaa Yihudaa fi Biiniyaam keessaa, akkasumas biyya Efreemii fi biyya Minaasee+ keessaa guutummaatti hamma balleessanitti siidaawwan waaqeffannaa ni caccabsan,+ utubaawwan waaqeffannaa* ni mummuran,+ akkasumas iddoowwan ol kaʼoo+ fi iddoowwan aarsaa ni diigan;+ achiis Israaʼelonni hundi gara magaalaa isaaniitti, tokkoon tokkoon isaaniis gara dhaala dhaala isaaniitti ni deebiʼan.

2 Sana booda Hisqiyaas aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa akka dhiheessaniif, akkasumas karra mooraawwan* Yihowaa keessatti akka isa tajaajilaniif, akka galata isaaf galchanii fi akka isa jajataniif+ luboota akka garee garee isaaniitti,+ Leewwotas akka garee garee isaaniitti+ ni muude; tokkoon tokkoon lubootaa fi Leewwotaas tajaajila isaaniitiif ni muude.+ 3 Akka Seera Yihowaa keessatti barreeffamettis, aarsaawwan ganamaa fi galgalaa,+ aarsaawwan gubaman warra guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatii haaraattii+ fi guyyoota ayyaanaatti+ dhihaatan dabalatee, qabeenya mootichaa keessaa hammi tokko aarsaawwan gubamaniif ni kennama ture.+

4 Dabalataanis inni, luboonnii fi Leewwonni seera Yihowaa cimsanii akka hordofaniif,* namoonni Yerusaalem keessa jiraatan gaʼee isaaniif malu akka isaaniif kennan ni ajaje.+ 5 Ajajni kun akkuma kennameenis, Israaʼelonni midhaan, wayinii haaraa, zayitii+ fi damma, akkasumas oomisha maasii isaanii hundumaa keessaa firiiwwan jalqabaa baayʼinaan ni kennan;+ isaan wanta hundumaa keessaa kurnoo* baayʼinaan ni fidan.+ 6 Namoonni Israaʼelii fi namoonni Yihudaa warri magaalota Yihudaa keessa jiraatanis, loonii fi hoolota isaanii keessaa, akkasumas wantoota qulqulluu Waaqa isaanii Yihowaadhaaf qulqulleeffaman keessaa kurnoo ni fidan.+ Isa fidan sanas bakka hedduutti tuulan. 7 Isaan jiʼa sadaffaatti+ kennaawwan isaanii walitti tuuluu jalqaban; jiʼa torbaffaattis+ tuulanii xumuran. 8 Hisqiyaasii fi bulchitoonni dhufanii tuullaawwan sana yommuu argan, Yihowaa ni jajatan; saba isaa Israaʼeliinis ni eebbisan.

9 Hisqiyaasis waaʼee tuullaawwan sanaa lubootaa fi Leewwota ni gaafate; 10 Azaariyaan inni mana Saadoq keessaa dura buʼaa lubootaa taʼes, “Isaan kennaawwan kana gara mana Yihowaatti fiduu+ erga jalqabanii kaasee sabichi hamma quufutti nyaachaa tureera; wanti baayʼeen irraa hafeera; Yihowaan sabicha waan eebbiseefis wanti baayʼee hedduu taʼe kun irraa hafuu dandaʼeera”+ isaan jedhe.

11 Yeroo kanatti Hisqiyaas mana Yihowaa keessatti kutaawwan mana kuusaa*+ akka qopheessan isaanitti hime; isaanis ni qopheessan. 12 Isaanis amanamummaadhaan kennaawwan kana, kurnoo fi wantoota qulqulluu taʼan fiduu isaanii itti fufan;+ Konaaniyaan Leewwichi wantoota kana hundumaa ol aantummaadhaan akka toʼatuuf itti gaafatamummaan isaaf kennamee ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo isatti aansee lammaffaa ture. 13 Yehiʼel, Azaaziyaan, Naahaat, Asaahel, Yerimoot, Yozaabaad, Eliʼeel, Yismaakiyaan, Maahaatii fi Benaayaan ajaja Hisqiyaas Mootichi kenneen, bakka buʼoota warra Konaaniyaa fi obboleessa isaa Shimeʼii gargaaran turan; Azaariyaanis mana Waaqa dhugaa ol aantummaadhaan ni toʼata ture. 14 Qoreen ilmi Yimnaa Leewwichi inni karra isa kallattii bahaatiin jiru eegu,+ kennaawwan fedhiidhaan Waaqa dhugaadhaaf kennaman+ irratti itti gaafatamummaa qaba ture; kana malees, inni buusiiwwan Yihowaadhaaf kennamanii+ fi wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼan+ ni hira ture. 15 Eedan, Miniyaamin, Yeshuwaan, Shemaayaan, Amaariyaanii fi Shekaaniyaan qajeelfama isaa jala kan turan yeroo taʼu, isaan magaalota lubootaa+ keessatti iddoo amanamummaa gaafatu irratti obboloota isaanii warra garee gareedhaan qoodamaniif,+ isa guddaa fi isa xinnaadhaaf gaʼee isaanii wal qixa hiruuf muudamanii turan. 16 Kunis dhiirota umuriin isaanii waggaa sadii fi isaa ol taʼe, warra akka hidda dhalootaa isaaniitti galmeeffaman, warra guyyaa guyyaadhaan mana Yihowaa keessatti tajaajiluu fi hojiiwwan garee isaanii raawwachuuf dhufaniif kennamuun ala ture.

17 Akkuma Leewwota umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe+ sanaa, luboonnis hidda dhalootaa isaaniitiin kan galmeeffaman akka manneen abbootii+ isaaniittii fi akka hojiiwwan garee isaaniitti ture.+ 18 Galmeen hidda dhalootaa isaaniis ijoollee isaanii, haadhotii manaa isaanii, ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii hundumaa, akkasumas guutummaa gumii isaanii kan dabalatu ture; isaan hojii isaanii isa amanamummaa gaafatu irratti wanta qulqulluu taʼeef of qulqulleessanii turan; 19 luboonni sanyii Aaron taʼan warri dirreewwan dheedichaa magaalota isaanii keessa jiraatanis galmee hidda dhalootaa sanatti dabalamaniiru.+ Dhiirota luboota taʼan hundumaatiif, akkasumas nama galmee hidda dhalootaa Leewwotaa keessatti dabalame hundumaatiif gaʼee isaa akka kennaniif, magaalota sana hundumaa keessatti dhiironni maqaa dhaʼamanii filataman jiru turan.

20 Hisqiyaas guutummaa Yihudaa keessatti kana ni raawwate; inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti gaarii fi sirrii taʼe ni godhe; isaafis amanamaa ture. 21 Inni hojiiwwan tajaajila mana Waaqa dhugaa+ wajjin yookiin Seerichaa fi ajaja kenname eeguu wajjin wal qabatan, warra inni Waaqa isaa barbaaddachuuf jalqabe hundumaa garaa guutuudhaan ni raawwate; milkaaʼinas ni argate.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi