Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboo Yaadannootiin.” Miktaam.* Faarfannaa Daawit. Barsiisuuf. Yeroo inni Aaraam Nahaaraayimii fi Aaraam Zoobaa wajjin wal waraanetti, akkasumas Yoʼaab deebiʼee Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota 12,000 rukutetti.+
60 Yaa Waaqayyo, ati nu gatteetta; dallaawwan keenyas diigdeetta.+
Ati nutti aartee turte; amma garuu deebisii nu simadhu!
2 Lafti akka kirkirtu gooteetta; ishii banteetta.
Ishiin jigaa waan jirtuuf, baqaqaawwan ishii suphi.
3 Sabni kee rakkina akka argu gooteetta.
Daadhii wayinii nu gatantarsu akka dhugnu gooteetta.+
4 Isaan baqatanii iddaa jalaa akka miliqaniif,
Warra si sodaataniif mallattoo kenni.* (Seelaa)
5 Warri ati jaallattu ooluu akka dandaʼaniif,
Harka kee mirgaatiin nu baraari, deebiis nuuf kenni.+
6 Waaqayyo qulqullummaa isaatiin* akkana jedhee dubbateera:
7 Akkuma Minaaseen kan koo taʼe, Giiliyaadis kan koo ti,+
Efreem baarmeexaa sibiilaa* mataa kootii ti;
8 Moʼaab miʼa dhiqannaa koo ti.+
Edoom irratti kophee koo nan darbadha.+
Filisxeem irrattis miira injifannootiin nan iyya.”+
9 Gara magaalaa marfamtetti* kan na geessu eenyu?
Hamma Edoomitti kan na geggeessu eenyu?+
10 Yaa Waaqayyo, ati isa nu gate sana,
Yaa Waaqa keenya, ati isa raayyaawwan waraanaa keenyaa wajjin baʼuu dhiise sana mitii?+
11 Fayyinni namootaan argamu gatii waan hin qabneef,+
Dhiphina keenya keessatti nu gargaari.