LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • nwt Tiitoo 1:1-3:15
  • Tiitoo

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Tiitoo
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Tiitoo

TIITOODHAAF

1 Phaawulos isa amantii namoonni Waaqayyo filate qabanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii isa Waaqayyoof buluu dabalatuu wajjin haala wal simuun garbicha Waaqayyoo fi ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa; 2 kunis abdii jireenya bara baraa+ isa Waaqni sobuu hin dandeenye+ bara dheeraa dura waadaa gale irratti kan hundaaʼe dha; 3 haa taʼu malee, yeroo ofii isaatii murteessetti karaa hojii lallabaa akka beekamu godhe; hojiin kunis ajaja Waaqayyo isa Fayyisaa keenyaatiin imaanaadhaan natti kennameera;+ 4 Tiitoo ilma koo isa dhugaa, isa amantiidhaan tokko taaneef:

Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Kiristoos Yesuus biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan siif haa taʼu.

5 Qarxeesitti kanan si dhiise, wantoota mudaa* qaban akka sirreessituu fi akkuman si ajajetti magaalota hundatti jaarsolii akka muudduufi; 6 namni himata irraa walaba taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, ijoollee amananii fi jireenya gadhiisii jiraachuudhaan yookiin ajajamuu diduudhaan hin himatamne qabu yoo jiraate muudi.+ 7 Ilaaltuu ol aanaan bulchaa Waaqayyoon muudame waan taʼeef, nama himata irraa walaba taʼe, nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne,+ nama dafee hin aarre,+ nama hin machoofne, abbaa humnaa kan hin taane,* nama sassataan faayidaa sirrii hin taane argachuuf hin yaalle taʼuu qaba; 8 kanaa mannaa, keessummaa kan simatu,+ waan gaarii kan jaallatu, sirriitti kan yaadu,+ qajeelaa, amanamaa,+ kan of toʼatu,+ 9 akkasumas barumsa gaarii*+ taʼeen jajjabeessuu* fi warra barumsicha morman balleessaa isaanii hubachiisuu+ akka dandaʼuuf, ogummaa ittiin barsiisuu wajjin haala wal qabateen dubbicha isa amanamaa sana cimsee kan qabate+ taʼuu qaba.

10 Sababiin isaas, namoonni hin ajajamne, namoonni dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi namoonni gowwoomsitoota taʼan hedduun, keessumaa immoo namoonni dhaqna qabaa cimsanii hordofan jiru.+ 11 Isaan faayidaa sirrii hin taane argachuuf jedhanii, wanta barsiisuu hin qabne barsiisuudhaan amantii guutummaa maatii tokko tokkoo waan diiganiif, afaan isaan qabsiisuun barbaachisaa dha. 12 Isaanuma keessaa namni raajii isaanii taʼe tokko, “Warri Qarxees yeroo hunda kan soban, bineensota hamoo, albaadhota hojii hin jaallanne dha” jedheera.

13 Wanti dubbatame kun dhugaa dha. Kanaafuu, balleessaa isaanii cimsii isaan hubachiisi. Kunis amantiitti jaboo* taʼuudhaan 14 oduu durii Yihudootaa fi ajaja namoota dhugaa irraa garagalaniitiif xiyyeeffannaa akka hin kennine isaan gargaara. 15 Namoota qulqulluu taʼaniif wanti hundi qulqulluu dha;+ namoonni xuraaʼoo taʼanii fi amantii hin qabne garuu, sammuun isaaniis taʼe qalbiin isaanii xuraaʼaa waan taʼeef,+ isaaniif wanti qulqulluu taʼe hin jiru. 16 Waaqa akka beekan ifatti dubbatu, hojii isaaniitiin garuu isa ganu;+ sababiin isaas, isaan jibbisiisoo, kan hin ajajamnee fi hojii gaarii kamiif iyyuu gaʼumsa kan hin qabne dha.

2 Ati garuu wanta barumsa gaarii* wajjin wal simu dubbachuu kee itti fufi.+ 2 Dhiironni maanguddoon barsiifata madaalamaa kan qaban, itti gaafatamummaan kan itti dhagaʼamu, sirriitti kan yaadan, amantii cimaa kan qaban, jaalala kan qabanii fi jabaatanii kan dhaabbatan haa taʼan. 3 Haaluma wal fakkaatuun, dubartoonni maanguddoon amala Waaqayyoof ulfina fidu kan qaban, maqaa namaa kan hin balleessine, daadhii wayinii hedduudhaaf garboota kan hin taanee fi wanta gaarii kan barsiisan haa taʼan; 4 kana yoo godhan, dubartoonni umurii dargaggummaa irra jiran abbootii manaa isaanii fi ijoollee isaanii akka jaallatan gorsuu,* 5 akkasumas sirriitti kan yaadan akka taʼan, qulqullummaadhaan akka jiraatan, mana keessatti akka hojjetan,* gaarii akka taʼanii fi abbootii manaa isaaniitiif akka bitaman+ gorsuu dandaʼu; kunis dubbiin Waaqayyoo akka hin arrabsamne godha.

6 Haaluma wal fakkaatuun, dhiironni dargaggoota taʼan sirriitti kan yaadan+ akka taʼan gorsi; 7 hojii gaarii hojjechuudhaan karaa hundumaatiin fakkeenya taʼuu kee argisiisi. Wanta qulqulluu taʼe dhimmii barsiisi;+ 8 kana yeroo gootus dubbii gaarii* komatamuu hin dandeenyetti fayyadami;+ kunis warri nu morman dogoggora waaʼee keenya dubbatan dhabanii akka qaanaʼaniifi.+ 9 Warri garboota taʼan karaa hundumaatiin gooftolii isaaniitiif haa bitaman;+ kanas isaan gammachiisuuf yaaluudhaan, isaan falmuu dhiisuudhaan, 10 akkasumas isaan jalaa hatuu mannaa+ guutummaatti amanamoo taʼuudhaan haa argisiisan; akka kanaan, barumsi Waaqa isa Fayyisaa keenya taʼe sanaa karaa hundumaatiin akka miidhagu gochuu dandaʼu.+

11 Sababiin isaas, gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan inni akaakuu namootaa hundumaatiif fayyina argamsiisu mulʼifameera.+ 12 Innis wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa+ irraa akka fagaannu, sirna* ammaa kana keessatti+ sirriitti yaaduudhaan, qajeelummaadhaan, akkasumas Waaqayyoof buluudhaan akka jiraannu nu leenjisa; 13 akka kanaan abdii gammachiisaa,+ akkasumas mulʼachuu Waaqa keenya isa guddichaa fi mulʼachuu Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos eegganna; 14 inni wantoota seeraan ala taʼan hunda jalaa bilisa nu baasuuf,*+ akkasumas saba qabeenya dhuunfaa isaa taʼee fi hojii gaariidhaaf hinaafu+ ofii isaatiif qulqulleeffachuuf dabarsee of kenneera.+

15 Wantoota kana ilaalchisee aangoo guutuudhaan dubbachuu, gorsuu* fi balleessaa hubachiisuu kee itti fufi.+ Eenyu iyyuu akka si tuffatu hin heyyamin.

3 Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif+ akka bitamanii fi akka ajajaman, akkasumas hojii gaarii hundumaatiif kan qophaaʼan akka taʼan isaan yaadachiisuu kee itti fufi; 2 kana malees, maqaa namootaa kan hin balleessine, lola kan hin jaallannee fi yaada ofiitti kan hin cichine,+ akkasumas namoota hundatti garraamummaa hundumaa kan argisiisan akka taʼan isaan yaadachiisi.+ 3 Nuti iyyuu duraan hubannaa kan hin qabne, kan hin ajajamne, karaa irraa kan maqfamne, hawwii fi gammachuu adda addaatiif kan garboomne, yeroo hunda hammina kan hojjennuu fi kan hinaafnu, akkasumas jibbisiisoo fi kan wal jibbinu turre.

4 Haa taʼu malee, gaarummaan Waaqa+ keenya isa Fayyisaa keenya taʼe sanaa fi jaalalli inni ilmaan namootaatiif qabu yommuu mulʼifamu 5 (kun kan taʼe inni gara laafessa waan taʼeef malee, hojii qajeelinaa nuti hojjenneen miti),+ inni dhiqannaa isa jireenya nuuf argamsiise+ sanaan, akkasumas hafuura qulqulluudhaan haaraa nu godhee nu fayyiseera.+ 6 Hafuura kanas karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos baayʼinaan* nu irratti dhangalaaseera;+ 7 kana kan godhes, gaarummaa isaa isa guddaadhaan+ qajeelota erga jedhamnee booda, akka abdii jireenya bara baraa+ nuuf kenname sanaatti dhaaltota akka taanuufi.+

8 Dubbiin kun amanamaa dha; namoonni Waaqayyotti amanan sammuun isaanii hojii gaarii hojjechuu irratti akka xiyyeeffatu gochuu akka dandaʼaniif, dhimmawwan kana jabeessitee akka dubbattu nan barbaada. Wantoonni kun gaarii fi namootaaf faayidaa kan argamsiisani dha.

9 Haa taʼu malee, falmii gowwummaa, hidda dhalootaa lakkaaʼuu, akkasumas Seericha irratti wal falmuu fi wal loluu irraa fagaadhu; sababiin isaas, wantoonni kun buʼaas taʼe gatii hin qaban.+ 10 Nama garee amantii babalʼisu,+ siʼa tokko gorsi,* siʼa lammaffaas gorsi;+ yoo dhagaʼuu dide immoo isa irraa fagaadhu;+ 11 namni akkanaa daandicha irraa kan jalʼate, cubbuu hojjechaa kan jiruu fi kan ofitti murteesse taʼuu isaa beeki.

12 Yeroo gannaa Niqopholiisitti dabarsuuf waanan murteesseef, Arxemaasiin yookiin Tikiqoosiin+ yommuun gara keetti ergu, gara koo dhufuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi; 13 Zenaas inni Seericha akka gaariitti beekuu fi Apholos wanta karaadhaaf isaan barbaachisu akka hin dhabne isaan gargaari.+ 14 Namoonni keenyas yeroo gargaarsi ariifachiisaan barbaachisutti gargaarsa kennuuf+ hojii gaarii hojjechuu haa baratan; kunis isaan buʼaa* kan hin qabne akka hin taaneefi.+

15 Warri anaa wajjin jiran hundi nagaa siif dhaamaniiru. Obboloota keenya warra nu jaallatanitti nagaa naa himi.

Gaarummaa guddaan hunda keessanii wajjin haa taʼu.

Ykn., “hirʼina.”

Ykn., “kan nama hin rukunne.” Jechi Afaan Giriikii as irratti hojii irra oole karaa qaamaas taʼe dubbiidhaan nama rukutuu argisiisa.

Ykn., “fayya qabeessa; faayida qabeessa.”

Ykn., “gorsuu.”

Kal., “fayyaa.”

Ykn., “faayida qabeessa.”

Ykn., “leenjisuu.”

Ykn., “mana isaanii sirriitti akka qaban.”

Ykn., “fayya qabeessa; faayida qabeessa.”

Ykn., “bara.” Ibsa Jechootaa ilaali.

Kal., “nu furuuf.”

Ykn., “jajjabeessuu.”

Ykn., “arjummaadhaan.”

Ykn., “akeekkachiisi.”

Kal., “firii.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi