LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 22:21, 22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 “Isinis biyya Gibxii keessatti nama biyya ormaa waan turtaniif,+ ati nama biyya ormaa irratti daba hin raawwatin yookiin isa hin cunqursin.+

      22 “Dubartii abbaan manaa irraa duʼe yookiin mucaa abbaa hin qabne* kam iyyuu hin cunqursinaa.+

  • Keessa Deebii 10:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan Waaqa waaqolii,+ Gooftaa gooftotaa, Waaqa guddaa, jabaa fi sodaatamaa taʼe dha; inni eenyuuf iyyuu hin loogu,+ mattaʼaas hin fudhatu. 18 Inni mucaa abbaa* hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haqaan ni murteessa;+ nama biyya ormaa ni jaallata;+ nyaataa fi uffatas isaaf ni kenna.

  • Miilkiyaas 3:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 “Ani murtiidhaaf gara keessan nan dhufa; falfaltoota,+ ejjitoota, namoota sobaan kakatan,+ namoota warra mindeessanii hojjechiisan,+ dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi mucaa abbaa hin qabne* gowwoomsan,+ akkasumas warra namoota biyya ormaa gargaaruu didan*+ irratti dafee ragaa nan baʼa. Isaan kun na hin sodaanne” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

  • Yaaqoob 1:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Akka ilaalcha Waaqaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan* qulqulluunii fi xurii hin qabne, ijoollee warra hin qabnee+ fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan+ rakkina isaanii irratti gargaaruu,+ akkasumas xurii addunyaa irraa of eeguu dha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi