Ermiyaas
38 Shefaatiyaan ilmi Maataan, Gedaaliyaan ilmi Paashuur, Yuukaal+ ilmi Shelemiyaa fi Paashuur+ ilmi Maalkiyaa dubbii Ermiyaas namoota sana hundumaatti akkana jechuudhaan dubbate ni dhagaʼan: 2 “Yihowaan akkana jedha: ‘Namni magaalaa kana keessatti hafu goraadeedhaan, beelaa fi golfaadhaan* ni duʼa.+ Namni Kaladootatti harka kennu* garuu lubbuudhaan jiraachuu isaa itti fufa; lubbuun isaa akka boojuutti isaaf ni hafa,* innis ni jiraata.’+ 3 Yihowaan akkana jedha: ‘Magaalaan kun dhugumaan harka raayyaa waraanaa mootii Baabilonitti dabarfamtee ni kennamti, innis ishii ni qabata.’”+
4 Bulchitoonni sunis mootichaan akkana jedhan: “Inni dubbii akkanaa isaanitti dubbachuudhaan hamilee* loltoota magaalaa kana keessatti hafanii, hamilee namoota hundumaas laaffisaa waan jiruuf, maaloo namichi kun akka ajjeefamu godhi.+ Sababiin isaas, namichi kun nagaa saba kanaa utuu hin taʼin badiisa isaanii barbaada.” 5 Zedeeqiyaan Mootichis, “Kunoo, inni harka keessan keessa jira; ani mootichi isin dhowwuuf homaa gochuu hin dandaʼu” jedhee deebise.
6 Kanaafuu, isaan Ermiyaasiin qabanii boolla bishaanii Maalkiyaa ilma mootichaa isa Mooraa Eegdotaatti+ argamu keessa buusan. Wadaroodhaan gad isa ni buusan. Boolli bishaanii sun dhoqqee qofa malee bishaan hin qabu ture; Ermiyaasis dhoqqee sana keessa gad lixuu jalqabe.
7 Ebeedmeleek+ namni Itoophiyaa inni xuʼaashii* mana* mootichaa taʼe, Ermiyaasiin boolla bishaanii keessa buusuu isaanii ni dhagaʼe. Yeroo kanatti mootichi Karra Biiniyaam bira taaʼee ture;+ 8 Ebeedmeleekis mana* mootichaa keessaa gad baʼee mootichaan akkana jedhe: 9 “Yaa gooftaa koo yaa mootii, namoonni kun Ermiyaas raajicha irratti jalʼina raawwataniiru! Boolla bishaanii keessa isa buusaniiru; magaalattii keessa daabboon hafe waan hin jirreef, inni achitti beelaan ni duʼa.”+
10 Yeroo kanatti mootichi, “Namoota 30 asii fudhadhuutii duʼuu isaa dura Ermiyaas raajicha boolla bishaanii keessaa harkisii baasi” jedhee Ebeedmeleek isa nama Itoophiyaa taʼe sana ajaje. 11 Kanaafuu, Ebeedmeleek namoota sana fuudhee gara mana* mootichaa, gara iddoo mana qabeenyaa+ jalatti argamu tokkoo ni dhaqe; isaanis bakka sanaa bututtuu fi huccuu moofaa fudhatanii wadaroodhaan gara boolla bishaaniitti Ermiyaasiif gad buusan. 12 Achiis Ebeedmeleek namni Itoophiyaa sun Ermiyaasiin, “Maaloo, bututtuu fi huccuu sana bobaa kee fi wadaroo sana gidduu kaaʼi” jedhe. Ermiyaasis akkasuma godhe; 13 achiis isaan Ermiyaasiin wadaroodhaan harkisanii boolla bishaanii keessaa baasan. Ermiyaasis Mooraa Eegdotaa+ keessa jiraate.
14 Zedeeqiyaan Mootichis Ermiyaas raajichi balbala sadaffaa isa mana Yihowaa keessatti argamutti gara isaa akka dhufu dhaamsa isatti erge; mootichis Ermiyaasiin, “Wantan si gaafadhu tokkon qaba. Homaa na hin dhoksin” jedhe. 15 Ermiyaasis Zedeeqiyaadhaan, “Yoon sitti hime, akka na ajjeestu beekamaa dha. Gorsa yoon siif kennes, na hin dhageessu” jedhe. 16 Kanaafuu, Zedeeqiyaan Mootichi, “Yihowaa isa jiraataa isa lubbuu kana nuuf kenneen* nan kakadha, ani si hin ajjeesu; harka namoota lubbuu kee balleessuu barbaadan* kanaattis dabarsee si hin kennu” jedhee iccitiidhaan Ermiyaasiif kakate.
17 Achiis Ermiyaas Zedeeqiyaadhaan akkana jedhe: “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Waaqni raayyaa akkana jedha: ‘Ati bulchitoota mootii Baabilonitti yoo harka kennite,* lubbuun kee siif oola;* magaalaan kunis ibiddaan hin gubamtu; atii fi maatiin kees lubbuudhaan ni ooltu.+ 18 Haa taʼu malee, ati bulchitoota mootii Baabilonitti harka hin kennitu* taanaan, magaalaan kun harka Kaladootaatti dabarfamtee ni kennamti; isaan ibiddaan ishii ni gubu;+ atis harka isaanii jalaa hin miliqxu.’”+
19 Achiis Zedeeqiyaan Mootichi Ermiyaasiin, “Harka isaaniitti dabarfamee yoon kenname, gocha gara jabinaa na irratti raawwachuu waan dandaʼaniif, Yihudoota gara Kaladootaatti baqatan nan sodaadha” jedhe. 20 Ermiyaas garuu akkana isaan jedhe: “Ati harka isaaniitti dabarfamtee hin kennamtu. Maaloo, sagalee Yihowaa isa ani sitti himaa jiru kanaaf ajajami; akkana yoo goote gaarii siif ni taʼa; lubbuudhaanis ni jiraatta. 21 Harka kennuu* yoo didde garuu, wanti Yihowaan natti mulʼise kun ni raawwatama: 22 Kunoo, dubartoonni mana* mootii Yihudaa keessatti hafan hundi gara bulchitoota mootii Baabilonitti ni geeffamu,+ akkanas ni jedhu:
‘Namoonni ati amanatte* si gowwoomsanii si moʼaniiru.+
Isaan miilli kee dhoqqee keessa akka lixu godhaniiru.
Amma isaan duubatti deebiʼaniiru.’
23 Isaanis haadhotii manaa kee fi ilmaan kee hundumaa Kaladootatti ni kennu; atis harka isaanii jalaa hin miliqxu; kanaa mannaa, mootiin Baabilon si qabata;+ siin kan kaʼes magaalaan kun ibiddaan ni gubamti.”+
24 Achiis Zedeeqiyaan Ermiyaasiin akkana jedhe: “Ati akka hin duunetti, waaʼee wantoota kanaa eenyutti illee hin himin. 25 Bulchitoonni akkan sii wajjin dubbadhe dhagaʼanii gara kee dhufanii, ‘Maaloo, wanta mootichatti dubbatte nutti himi. Wanta tokko illee nu hin dhoksin, nuti si hin ajjeesnu.+ Mootichi maal siin jedhe?’ yoo siin jedhan, 26 ‘Achitti akkan hin duuneef, gara mana Yehonaataanitti deebisee akka na hin ergine mooticha kadhachaan ture’ jedhiitii isaaniif deebisi.”+
27 Boodas bulchitoonni hundi gara Ermiyaas dhufanii gaaffii isa gaafatan. Innis wanta mootichi akka dubbatu isa ajajee ture hundumaa isaanitti hime. Namni wanta isaan mariʼatan dhagaʼe tokko illee waan hin turreef, isaan sana booda homaa isatti hin dubbanne. 28 Hamma guyyaa Yerusaalem qabamtetti Ermiyaas Mooraa Eegdotaa keessa jiraate;+ yommuu Yerusaalem qabamtettis inni achuma ture.+