LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 18
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Yohaannis

      • Yihudaan Yesuusiin dabarsee kenne (1-9)

      • Pheexiros goraadeetti fayyadame (10, 11)

      • Yesuus gara Haannaasitti geeffame (12-14)

      • Pheexiros jalqaba gane (15-18)

      • Yesuus Haannaas duratti (19-24)

      • Pheexiros siʼa lammaffaa fi siʼa sadaffaa gane (25-27)

      • Yesuus Philaaxos duratti (28-40)

        • “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” (36)

Yohaannis 18:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Qedroon isa ganna lolaan keessa yaaʼu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 15:23
  • +Mat 26:36; Mar 14:32; Luq 22:39

Yohaannis 18:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:47; Mar 14:43

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 284

Yohaannis 18:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 40-41

    Yesuus—Karaa, ful. 284

Yohaannis 18:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 2:23
  • +Luq 22:47

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 40-41

Yohaannis 18:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 7:46

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 284

Yohaannis 18:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 284

Yohaannis 18:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 6:39; 17:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 284

Yohaannis 18:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:51; Mar 14:47; Luq 22:50

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 284

Yohaannis 18:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:52; Luq 22:51; Yoh 18:36
  • +Mat 20:22; 26:42

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 284

Yohaannis 18:13

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, soddaa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 3:2; HoE 4:5, 6
  • +Mat 26:57; Yoh 18:24

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2012, ful. 9

Yohaannis 18:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 11:49, 50

Yohaannis 18:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:58; Mar 14:54; Luq 22:54

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 288

Yohaannis 18:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “karra.”

Yohaannis 18:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:69, 70; Mar 14:66-68; Luq 22:55-57; Yoh 18:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 288

Yohaannis 18:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:55; Luq 4:15; 19:47; Yoh 7:14

Yohaannis 18:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 50:6

Yohaannis 18:23

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ragaa baʼi.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2011, ful. 5

Yohaannis 18:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:57

Yohaannis 18:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:69, 70; Mar 14:69, 70; Luq 22:58

Yohaannis 18:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 18:10

Yohaannis 18:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:74; Mar 14:72; Luq 22:60; Yoh 13:38

Yohaannis 18:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 27:2; Mar 15:1; Luq 23:1
  • +HoE 10:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 290-291

Yohaannis 18:30

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “yakka.”

Yohaannis 18:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 19:6
  • +Yoh 19:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 291

Yohaannis 18:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 20:18, 19; Yoh 3:14; 12:32

Yohaannis 18:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 27:11; Yoh 12:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 291

Yohaannis 18:34

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 291

Yohaannis 18:35

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 291

Yohaannis 18:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Xi 6:13
  • +Isa 9:6; Dan 2:44; 7:14
  • +Mat 26:52, 53; Yoh 18:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 31

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    6/2018, ful. 4-5

    Yesuus—Karaa, ful. 292

    Waaqayyoon Waaqeffadhu, ful. 160-161

Yohaannis 18:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 27:11
  • +Yoh 1:14, 17; 14:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 18

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2020, ful. 18

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    10/2018, ful. 7

    Yesuus—Karaa, ful. 292

Yohaannis 18:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 27:24; Luq 23:4; Yoh 15:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 292

    Masaraa Eegumsaa,

    5/15/2010, ful. 5

Yohaannis 18:39

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 27:15; Mar 15:6

Yohaannis 18:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 35:31; Luq 23:18, 19; HoE 3:14

Yaada Wal Simu

Yoh. 18:12Sa 15:23
Yoh. 18:1Mat 26:36; Mar 14:32; Luq 22:39
Yoh. 18:3Mat 26:47; Mar 14:43
Yoh. 18:5Mat 2:23
Yoh. 18:5Luq 22:47
Yoh. 18:6Yoh 7:46
Yoh. 18:9Yoh 6:39; 17:12
Yoh. 18:10Mat 26:51; Mar 14:47; Luq 22:50
Yoh. 18:11Mat 26:52; Luq 22:51; Yoh 18:36
Yoh. 18:11Mat 20:22; 26:42
Yoh. 18:13Luq 3:2; HoE 4:5, 6
Yoh. 18:13Mat 26:57; Yoh 18:24
Yoh. 18:14Yoh 11:49, 50
Yoh. 18:15Mat 26:58; Mar 14:54; Luq 22:54
Yoh. 18:17Mat 26:69, 70; Mar 14:66-68; Luq 22:55-57; Yoh 18:25
Yoh. 18:20Mat 26:55; Luq 4:15; 19:47; Yoh 7:14
Yoh. 18:22Isa 50:6
Yoh. 18:24Mat 26:57
Yoh. 18:25Mat 26:69, 70; Mar 14:69, 70; Luq 22:58
Yoh. 18:26Yoh 18:10
Yoh. 18:27Mat 26:74; Mar 14:72; Luq 22:60; Yoh 13:38
Yoh. 18:28Mat 27:2; Mar 15:1; Luq 23:1
Yoh. 18:28HoE 10:28
Yoh. 18:31Yoh 19:6
Yoh. 18:31Yoh 19:10
Yoh. 18:32Mat 20:18, 19; Yoh 3:14; 12:32
Yoh. 18:33Mat 27:11; Yoh 12:13
Yoh. 18:361Xi 6:13
Yoh. 18:36Isa 9:6; Dan 2:44; 7:14
Yoh. 18:36Mat 26:52, 53; Yoh 18:11
Yoh. 18:37Mat 27:11
Yoh. 18:37Yoh 1:14, 17; 14:6
Yoh. 18:38Mat 27:24; Luq 23:4; Yoh 15:25
Yoh. 18:39Mat 27:15; Mar 15:6
Yoh. 18:40Lak 35:31; Luq 23:18, 19; HoE 3:14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yohaannis 18:1-40

Wangeela Yohaannis

18 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, barattoota isaa wajjin gara iddoo biqiltuu Sulula Qedroon*+ gama jiru dhaqe; innii fi barattoonni isaa achi keessa seenan.+ 2 Yesuus barattoota isaa wajjin yeroo baayʼee achitti waan wal arguuf, Yihudaan inni dabarsee isa kennus iddoo kana beeka ture. 3 Kanaafuu, Yihudaan garee loltootaa fi eegdota mana qulqullummaa dura buutota lubootaa fi Fariisota biraa ergaman fidee dhufe; isaan guca, ibsaa fi meeshaa waraanaa qabatanii turan.+ 4 Achiis Yesuus, wanta isa irra gaʼuuf jedhu hunda waan beekeef gara fuulduraatti baʼee, “Eenyuun barbaaddu?” isaaniin jedhe. 5 Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhanii isaaf deebisan.+ Innis, “Inni ana dha” isaaniin jedhe. Yihudaan inni dabarsee isa kennus isaanii wajjin dhaabbatee ture.+

6 Haa taʼu malee yommuu Yesuus, “Inni ana dha” isaaniin jedhu, isaan gara duubaatti siqanii lafa irratti kukkufan.+ 7 Kanaafuu inni ammas, “Eenyuun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus nama Naazireet” jedhan. 8 Yesuusis, “‘Ana dha’ isiniin jedheeraam. Kanaafuu, isin ana barbaaddu yoo taʼe, namoonni kun haa deeman dhiisaa” jedhee deebise. 9 Kunis kan taʼe, “Warra ati naaf kennite keessaa ani tokko illee hin gatne” jedhee wanta dubbate sana raawwachuufi.+

10 Achiis Simoon Pheexiros inni goraadee qabatee ture goraadee isaa luqqifatee gurra mirgaa garbicha luba ol aanaa rukutee isa irraa kute.+ Maqaan garbicha sanaa Maalkos jedhama ture. 11 Yesuus garuu Pheexirosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi.+ Ani xoofoo Abbaan anaaf kenne dhuguu hin qabuu?” jedhe.+

12 Achiis loltoonni, ajajaan loltootaa fi eegdonni Yihudoota biraa ergaman Yesuusiin qabanii hidhan. 13 Haannaas abbiyyuu* Qayyaafaa+ isa bara sanatti luba ol aanaa ture+ sanaa waan taʼeef, isaan jalqaba gara isaatti isa geessan. 14 Qayyaafaan isa namni tokko uummatichaaf duʼuun isaa akka isaan fayyadu Yihudoota gorse sana dha.+

15 Yeroo kanatti Simoon Pheexirosii fi barataa kan biraan tokko Yesuus duukaa buʼaa turan.+ Barataan sun luba ol aanaa sana biratti kan beekamu waan tureef, Yesuusii wajjin mooraa luba ol aanaa sanaatti seene; 16 Pheexiros garuu aluma balbala* dura dhaabbatee ture. Kanaafuu, barataan inni kan biraan luba ol aanaa biratti beekamu sun gad baʼee eegduu balbalaa sanatti himee Pheexirosiin ol galche. 17 Yeroo kanatti tajaajiltuun eegduu balbalaa taate sun Pheexirosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette. Innis, “Miti”+ jedhe. 18 Yeroon isaa qorra waan tureef, garboonnii fi eegdonni, ibidda cilee qabsiisanitti marsanii dhaabbatanii qaqqaammatu turan. Pheexirosis isaanii wajjin dhaabbatee qaqqaammata ture.

19 Dura buʼaan lubootaa sunis, waaʼee barattoota isaa fi waaʼee barumsa isaa Yesuusiin gaafate. 20 Yesuusis akkana jedhee isaaf deebise: “Ani addunyaatti ifatti dubbadheera. Yeroo hunda mana sagadaa fi mana qulqullummaa+ bakka Yihudoonni hundi itti wal gaʼan keessatti barsiisaan ture; ani waan tokko illee iccitiidhaan hin dubbanne. 21 Maaliif ana gaafatta? Namoota wanta ani itti hime dhagaʼan gaafadhu. Kunoo, isaan kun wanta ani dubbadhe beeku.” 22 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, eegdota achi dhaabbatan keessaa tokko Yesuusiin kabalee,+ “Dura buʼaa lubootaatiif akkasitti deebistaa?” jedhe. 23 Yesuusis, “Wanta dogoggora taʼe dubbadheera yoon taʼe, dogoggora ani dubbadhe natti himi;* wantin dubbadhe sirrii yoo taʼe garuu maaliif na rukutta?” jedhee isaaf deebise. 24 Achiis Haannaas akkuma inni hidhametti gara Qayyaafaa luba ol aanaatti isa erge.+

25 Yeroo kanatti Simoon Pheexiros achi dhaabbatee ibidda qaqqaammata ture. Isaanis, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” isaan jedhan. Innis “Miti”+ jedhee gane. 26 Garboota luba ol aanaa sana keessaa tokko, inni fira namicha Pheexiros gurra isaa irraa kute+ sanaa taʼe, “Ani iddoo biqiltuu sana keessatti isaa wajjin si hin arginee?” jedhe. 27 Pheexiros garuu ammas ni gane; yeruma sanas kormaan indaaqqoo ni iyye.+

28 Achiis Yesuusiin Qayyaafaa biraa gara mana jireenyaa bulchaa sanaatti geessan.+ Yeroon isaas ganama barii ture. Isaan garuu utuu hin xuraaʼin Faasikaa nyaachuu akka dandaʼaniif, ofii isaaniitii mana bulchaa sanaa hin seenne.+ 29 Kanaafuu, Philaaxos isaanitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiheessitan maali dha?” jedhe. 30 Isaanis, “Namichi kun utuu balleessaa* hin hojjenne taʼee, dabarsinee sitti hin kenninu turre” jedhanii isaaf deebisan. 31 Kanaafuu Philaaxos, “Isin ofii keessanii isa fudhadhaatii akka seera keessaniitti itti murteessaa” isaaniin jedhe.+ Yihudoonnis, “Nuti eenyuun iyyuu akka ajjeesnu seerri nuuf hin heyyamu” isaan jedhan.+ 32 Kunis kan taʼe, wanti Yesuus duʼa akkamii duʼuuf akka jedhu dubbatee ture akka raawwatamuufi.+

33 Kanaafuu, Philaaxos ammas gara mana bulchaa sanaatti erga seenee booda Yesuusiin waamee, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” isaan jedhe.+ 34 Yesuusis, “Ati ofuma keetiin kakaatee kana na gaafatte moo, warra kaantu waaʼee koo sitti hime?” jedhe. 35 Philaaxosis deebisee, “Ani Yihudii dhaa ree? Sabuma kee fi dura buutota lubootaatu dabarsee natti si kenne. Ofii, wanti ati goote maali dha?” jedhe. 36 Yesuusis deebisee,+ “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti.+ Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa utuu taʼee, Yihudootatti dabarfamee akkan hin kennamneef tajaajiltoonni koo anaaf lolu turan.+ Amma garuu Mootummaan koo addunyaa kana irraa miti” jedhe. 37 Kanaafuu Philaaxos, “Maarree ati mootii dhaa?” isaan jedhe. Yesuusis, “Ani mootii akkan taʼe atumti iyyuu dubbachaa jirta.+ Ani dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf dhaladheera; gara addunyaa kanan dhufes kanaafi.+ Namni dhugaa cinaa dhaabbatu hundi sagalee koo ni dhagaʼa” jedhee deebise. 38 Philaaxosis, “Dhugaan maali dha?” isaan jedhe.

Philaaxos erga kana jedhee booda ammas gara Yihudootaatti gad baʼee akkana isaaniin jedhe: “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne.+ 39 Kana malees, akka barsiifata keessaniitti guyyaa Faasikaatti nama tokko isiniif nan hiika.+ Maarree, Mootii Yihudootaa akkan isiniif hiiku ni barbaadduu?” 40 Isaan ammas, “Barbaaniin malee, namicha kana miti!” jedhanii iyyan. Barbaan saamtuu ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi