LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Miilkiyaas 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Miilkiyaas

      • Luboonni sabicha barsiisuu dhiisan (1-9)

        • Lubichi afaan isaa irraa beekumsa qabaachuu qaba (7)

      • Jalʼinaan hiriyaa gaaʼelaa waan hiikaniif yakkamtoota taʼan (10-17)

        • “Ani wal hiikuu nan jibba” jedha Yihowaan (16)

Miilkiyaas 2:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mil 1:6

Miilkiyaas 2:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:14-17; Kes 28:15
  • +Hag 1:11

Miilkiyaas 2:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ifadha.”

  • *

    Jechuunis, faltii horii aarsaa taʼee dhihaatuu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoe 1:17

Miilkiyaas 2:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 40:12, 15; Lak 3:6; 18:23; His 44:15, 16

Miilkiyaas 2:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “kabajuufi.”

Miilkiyaas 2:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Barumsi.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 17:8, 9
  • +Bau 32:26

Miilkiyaas 2:7

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “barumsa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 24:8; 2Se 15:3; Nah 8:7, 8; His 44:23, 24

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 54

Miilkiyaas 2:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “Barumsa keessaniin.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 11:52
  • +Nah 13:29

Miilkiyaas 2:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 19:15; Kes 1:17; 16:19

Miilkiyaas 2:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mil 1:6; 1Qo 8:6
  • +Nah 5:8

Miilkiyaas 2:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “iddoo qulqulluu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 20:26
  • +Kes 7:1, 3; Abo 3:5, 6; 1Mo 11:1, 2; Nah 13:23

Miilkiyaas 2:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 15:22

Miilkiyaas 2:13

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “lammaffaanis.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 21:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 42

Miilkiyaas 2:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “seeraan fuute.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 5:18-20; Mat 19:4-6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 42

Miilkiyaas 2:16

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “inni wal hiikuu ni jibba.”

  • *

    Ykn., “nama jalʼina raawwatus.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 2:24; Mat 5:32; 19:8, 9; Mar 10:5-9
  • +Mil 2:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 42

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    12/2018, ful. 11

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2016, ful. 11

    Dammaqaa!,

    7/2015, ful. 15

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2014, ful. 12

Miilkiyaas 2:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 1:14, 15
  • +His 18:29

Yaada Wal Simu

Mil. 2:1Mil 1:6
Mil. 2:2Lew 26:14-17; Kes 28:15
Mil. 2:2Hag 1:11
Mil. 2:3Yoe 1:17
Mil. 2:4Bau 40:12, 15; Lak 3:6; 18:23; His 44:15, 16
Mil. 2:62Se 17:8, 9
Mil. 2:6Bau 32:26
Mil. 2:7Kes 24:8; 2Se 15:3; Nah 8:7, 8; His 44:23, 24
Mil. 2:8Luq 11:52
Mil. 2:8Nah 13:29
Mil. 2:9Lew 19:15; Kes 1:17; 16:19
Mil. 2:10Mil 1:6; 1Qo 8:6
Mil. 2:10Nah 5:8
Mil. 2:11Lew 20:26
Mil. 2:11Kes 7:1, 3; Abo 3:5, 6; 1Mo 11:1, 2; Nah 13:23
Mil. 2:121Sa 15:22
Mil. 2:13Fak 21:27
Mil. 2:14Fak 5:18-20; Mat 19:4-6
Mil. 2:16Uma 2:24; Mat 5:32; 19:8, 9; Mar 10:5-9
Mil. 2:16Mil 2:10
Mil. 2:17Isa 1:14, 15
Mil. 2:17His 18:29
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Miilkiyaas 2:1-17

Miilkiyaas

2 “Yaa luboota nana, ajajni kun isiniif kenname.+ 2 Isin yoo na dhagaʼuu diddan, maqaa kootiif ulfina kennuufis garaa keessanitti yoo isa qabachuu baattan, ani abaarsicha isinitti nan erga;+ eebba keessanis abaarsatti nan jijjiira.+ Eeyyee, isin garaa keessanitti waan isa hin qabanneef, ani eebba keessan abaarsatti jijjiireera” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

3 “Kunoo, ani isiniin kan kaʼe, sanyii keessan isa facaafame nan balleessa;*+ fuula keessan irratti faltii, eeyyee, faltii ayyaanota keessanii nan facaasa; isinis isaa* wajjin ni gatamtu. 4 Achiis isin ajaja kana kanan isiniif kenne kakuun ani Leewwii wajjin gale akka itti fufuuf taʼuu isaa ni hubattu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

5 “Kakuun ani isaa wajjin gale kakuu jireenyaa fi kakuu nagaa ti; kana kanan isaaf kennes akka inni na sodaatuufi.* Inni na sodaateera, eeyyee, maqaa kootiif ulfina guddaa kenna ture. 6 Seerri* dhugaa afaan isaa keessa ture;+ jalʼinnis afaan isaa irratti hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan naa wajjin deddeebiʼeera;+ namoota hedduus dogoggora irraa deebiseera. 7 Lubichi yeroo hundumaa afaan isaa irraa beekumsa qabaachuu qaba; namoonnis seera* afaan isaa keessaa baʼu barbaaduu qabu;+ sababiin isaas, inni ergamaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.

8 “Isin garuu daandicha irraa jalʼattaniittu. Seerichaa wajjin haala wal qabateen* namoota hedduu gufachiistaniittu.+ Isin kakuu Leewwii balleessitaniittu”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 9 “Kanaafuu, ani namoota hundumaa duratti kan tuffatamtanii fi kan gad qabamtan akka taatan nan godha; sababiin isaas, isin daandiiwwan koo hin eegne; kanaa mannaa seericha raawwachuu irratti loogdaniittu.”+

10 “Hundi keenya iyyuu abbaa tokko qabna mitii?+ Kan nu uumes Waaqa tokkicha mitii? Maarree, kakuu abbootii keenyaa xureessuudhaan maaliif gocha gantummaa wal irratti raawwanna?+ 11 Yihudaan gocha gantummaa raawwateera; Israaʼelii fi Yerusaalem keessattis wanti jibbisiisaan raawwatameera; sababiin isaas, Yihudaan qulqullummaa* Yihowaa isa inni jaallatu sana xureesseera;+ intala waaqa biyya ormaas fuudheera.+ 12 Inni eenyu iyyuu yoo taʼe, Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif kennaa aarsaa taʼu kan dhiheessu yoo taʼe illee, Yihowaan nama akkana godhu kam iyyuu dunkaanota Yaaqoob keessaa ni balleessa.”+

13 “Wanti isin gootan kan biraanis* jira; innis iddoon aarsaa Yihowaa imimmaan, booʼichaa fi aaduudhaan akka guutamu kan godhu dha; kanaan kan kaʼes inni kennaa aarsaa keessaniitiif xiyyeeffannaa hin kennu yookiin wanti isin fiddan kam iyyuu isa duratti fudhatama hin argatu.+ 14 Isinis, ‘Maaliif?’ jettu. Sababiin isaas, Yihowaan sii fi haadha manaa ijoollummaa kee gidduutti ragaa baatuu dha; ishiin michuu kee fi haadha manaa kee ishii kakuu galteef* taatus ati ishii ganteetta.+ 15 Haa taʼu malee, akkana kan hin goone tokko jira; sababiin isaas, inni hamma tokko hafuuricha qaba. Inni maal barbaada ture? Sanyii Waaqayyoo barbaada ture. Kanaafuu, hafuura keessan eeggadhaa; haadha manaa ijoollummaa keessanii hin ganinaa. 16 Sababiin isaas, ani wal hiikuu nan jibba”*+ jedha Yihowaan Waaqni Israaʼel; “nama jalʼinaan uffata isaa faalus* nan jibba” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. “Hafuura keessan eeggadhaa; gantummaas hin raawwatinaa.+

17 “Isin dubbii keessaniin Yihowaa nuffisiistaniittu.+ Isin garuu, ‘Akkamitti isa nuffisiisne?’ jettu. ‘Namni wanta hamaa raawwatu kam iyyuu ija Yihowaa duratti gaarii dha; inni isatti ni gammada’+ yookiin ‘Waaqni haqaa meerre?’ jechuudhaani.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi