Kitaaba Izraa
3 Jiini torbaffaan+ yommuu gaʼetti, Israaʼelonni* magaalota isaanii keessa utuu jiranii, Yerusaalem keessatti tokko taʼanii walitti qabaman. 2 Isaan akka Seera Musee+ isa nama Waaqa dhugaa taʼe sanaa keessatti barreeffametti, achi irratti aarsaawwan gubaman dhiheessuuf Yeshuwaan+ ilmi Yehozaadaaqii fi luboonni isaa wajjin tajaajilan, akkasumas Zarubaabel+ ilmi Saalaatiʼelii+ fi obboloonni isaa kaʼanii iddoo aarsaa Waaqa Israaʼel ni ijaaran.
3 Kanaafuu, isaan namoota biyyoota naannoo isaaniitti argaman kan sodaatan taʼus,+ iddoo aarsaa bakka isaa duriitti ni hojjetan; isaan achi irratti aarsaawwan gubaman warra Yihowaadhaaf dhihaatan, jechuunis aarsaawwan gubaman+ warra ganamaa fi galgala dhihaatan dhiheessuu jalqaban. 4 Achiis isaan akka seerichi ajajutti Ayyaana Daasii* ni kabajan;+ guyyaa guyyaadhaanis hamma ajajame aarsaawwan gubaman ni dhiheessan.+ 5 Sana booda isaan aarsaawwan gubaman warra yeroo hunda dhihaatan,+ aarsaawwan baatii haaraa+ fi warra tibba ayyaanota qulqulluu+ Yihowaatti dhihaatan hundumaa, akkasumas kennaa namni hundi fedhiidhaan Yihowaadhaaf kennu+ ni dhiheessan. 6 Buʼuurri mana qulqullummaa Yihowaa amma iyyuu kan hin kaaʼamne taʼus, isaan guyyaa jalqabaa jiʼa torbaffaatii+ kaasee aarsaawwan gubaman Yihowaadhaaf dhiheessuu ni jalqaban.
7 Isaan warra dhagaa bocanii+ fi ogeeyyii harkaatiif+ maallaqa ni kennan; Qiiros mootiin Faarsi akka isaaniif heyyamettis+ saanqaa muka gaattiraa galaana irra kaaʼanii Libaanon irraa gara Yoopheetti+ waan fidaniif, isaan warra Siidoonii fi warra Xiirosiif nyaata, dhugaatii fi zayitii ni kennan.
8 Isaan gara mana Waaqa dhugaa isa Yerusaalemitti argamuu dhufanii waggaa lammaffaa isaatti, waggicha keessaa jiʼa isa lammaffaatti Zarubaabel ilmi Saalaatiʼel, Yeshuwaan ilmi Yehozaadaaqii fi obboloonni isaanii warri kaan, luboonnii fi Leewwonni, akkasumas warri boojuudhaa deebiʼanii+ gara Yerusaalemitti dhufan hundi hojicha ni jalqaban; isaanis hojii mana Yihowaatti hojjetamu ol aantummaadhaan akka toʼataniif Leewwota umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe ni muudan. 9 Kanaafuu Yeshuwaan, ilmaan isaa fi obboloonni isaa, akkasumas ilmaan Yihudaa kan taʼan Qaadmiʼelii fi ilmaan isaa, ilmaan Henaadaad,+ ilmaan isaanii fi obboloota isaanii warra Leewwota taʼanii wajjin taʼuudhaan warra hojii mana Waaqa dhugaa keessatti hojjetamu hojjetan ol aantummaadhaan ni toʼatan.
10 Ijaartonni yommuu buʼuura mana qulqullummaa Yihowaa kaaʼanitti,+ luboonni uffata isaanii uffatan malakataan,+ Leewwonni warri ilmaan Asaaf taʼan immoo siimbaaliidhaan* akka qajeelfama Daawit mootiin Israaʼel kennetti+ Yihowaa jajachuuf ni dhaabbatan. 11 Isaanis, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan inni Israaʼeliif qabu bara baraaf jabaatee dhaabbata”+ jedhanii wal harkaa fuudhanii+ Yihowaa jajachuu fi galateeffachuu jalqaban. Buʼuurri mana Yihowaa waan kaaʼameefis, sana booda guutummaan sabichaa sagalee guddaadhaan Yihowaa ni jajate. 12 Luboonni, Leewwonnii fi dura buutonni manneen abbootii hedduun, jechuunis maanguddoonni warri mana isa durii argan,+ buʼuurri mana kanaa kaaʼamuu isaa yommuu argan sagalee isaanii ol kaasanii booʼan; namoonni hedduun kaan garuu sagalee isaanii ol kaasanii ililchan.+ 13 Namoonni sun hamma fagoodhaa dhagaʼamutti sagalee isaanii ol kaasanii iyyaa waan turaniif, namoonni sagalee ililchuu sana sagalee booʼichaa sana irraa adda baafachuu hin dandeenye.