Kitaaba Izraa
6 Yeroo kanatti Daariyos Mootichi ajaja ni kenne; isaanis kuusaawwan* Baabilon keessa bakka qabeenyi itti walitti qabame keessatti argaman irratti qorannaa ni godhan. 2 Koonyaa Meedon keessa dahoo Ekbaataanaatti maraan kitaabaa tokko ni argame; achi irrattis yaanni akkana jedhu barreeffamee ture:
3 “Waggaa jalqabaa Qiiros Mootichaatti, Qiiros Mootichi mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu ilaalchisee ajaja akkana jedhu kennee ture:+ ‘Isaan achitti aarsaawwan akka dhiheessaniif, manichi deebiʼee haa ijaaramu; buʼuurri isaas haa kaaʼamu; ol dheerinni isaa dhundhuma* 60, dalgi isaas dhundhuma 60+ taʼee, 4 dhagaa guguddaa toora sadiin wal irra kaaʼamuu fi saanqaa toora tokkoon kaaʼamuun haa ijaaramu;+ baasiin isaas mana mootichaa keessaa haa kaffalamu.+ 5 Kana malees, miʼawwan warqii fi meetii mana Waaqayyoo warri Nebukadnezaar mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa ture keessaa fudhatee gara Baabilonitti geesse+ haa deebifaman; isaanis mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiru keessa bakka isaaniitti haa deebifaman; mana Waaqayyoo keessas haa kaaʼaman.’+
6 “Kanaafuu, amma ati Taatenaay inni bulchaa biyya Lagicha* Gamaa taate, Shetaar Bozenaayii fi michoonni keessan warri bulchitoota gad aanoo Lagicha Gamaa+ taatan bakka sanaa fagaadhaa. 7 Hojii mana Waaqayyoo kana keessa hin seeninaa. Bulchaan Yihudootaa fi jaarsoliin Yihudootaa mana Waaqayyoo sana iddoo isaa duriitti deebisanii ni ijaaru. 8 Kana malees, jaarsolii Yihudootaa warra mana Waaqayyoo ijaaraniif wanta gochuu qabdan ilaalchisee ani ajaja kana kenneera: Hojichi akka wal irraa hin cinneef,+ mana qabeenyaa mootichaa+ irraa, jechuunis qaraxa naannoo Lagicha Gamaatii walitti qabame irraa namoota kanaaf baasiin isaanii hatattamaan haa kennamu. 9 Akkuma luboonni Yerusaalem keessa jiraatan jedhanitti, Waaqa samiitiif aarsaawwan gubamaniif akka taʼanitti wanti isaan barbaachisu hundi, jechuunis jiboonni,+ korbeeyyiin hoolaa+ fi xobbaallaan* hoolaa,+ akkasumas qamadiin,+ soogiddi,+ daadhiin wayinii+ fi zayitiin+ guyyaa guyyaadhaan utuu addaan hin citin isaaniif haa kennamu; 10 kunis kan godhamu, isaan utuu addaan hin kutin aarsaawwan Waaqa samiiwwanii gammachiisan akka dhiheessaniif, akkasumas lubbuu mootichaa fi kan ilmaan isaatiif akka kadhataniifi.+ 11 Kana malees, namni seera kana cabsu kam iyyuu balleessaa isaa kanaaf mana isaa keessaa utubaan akka buqqifamu, innis ol kaafamee achi irratti akka fannifamu, manni isaas mana boolii uummataa* akka taʼu ani ajajeera. 12 Waaqni inni maqaan isaa achi akka jiraatu godhes,+ mootiis taʼe saba ajaja kana cabsuu fi mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamu balleessuuf harka isaa kaasu kam iyyuu haa garagalchu. Ani Daariyos ajaja kana kenneera. Kunis hatattamaan haa raawwatamu.”
13 Achiis Taatenaay inni bulchaa naannoo Lagicha Gamaa taʼe, Shetaar Bozenaayii+ fi michoonni isaanii wanta Daariyos Mootichi ajaje hundumaa hatattamaan ni raawwatan. 14 Jaarsoliin Yihudootaas raajii Haageen+ raajichii fi Zakkaariyaas+ ilmi ilma Idoo dubbataniin jajjabina argatanii manicha ijaaruu isaanii itti fufan; hojichis isaaniif ni qajeele;+ isaan ajaja Waaqa Israaʼeliin,+ akkasumas ajaja Qiirosiin,+ ajaja Daariyosii+ fi ajaja Arxeksis+ mootii Faarsiin manicha ijaaranii xumuran. 15 Waggaa jaʼaffaa bulchiinsa Daariyos Mootichaatti, jiʼa Adaaritti,* jiʼicha keessaa guyyaa sadaffaatti manicha ijaaranii xumuran.
16 Achiis Israaʼelonni, luboonni, Leewwonnii+ fi warri duraan boojiʼamanii turan kaan eebba* mana Waaqayyoo kana gammachuudhaan ni kabajan. 17 Isaan eebba mana Waaqayyoo kanaaf qotiyyoo 100, korbeeyyii hoolaa 200 fi xobbaallaa hoolaa 400, akkasumas lakkoofsa gosoota Israaʼelii wajjin haala wal qixa taʼeen guutummaa Israaʼeliif aarsaa cubbuutiif akka taʼanitti korbeeyyii reʼee 12 ni dhiheessan.+ 18 Akkuma kitaaba Musee keessatti barreeffamettis,+ luboota akka garee garee isaaniitti, Leewwotas akka garee garee isaaniitti tajaajila mana Waaqayyoo isa Yerusaalem keessatti argamuuf ni muudan.+
19 Namoonni duraan boojiʼamanii turanis jiʼa isa tokkoffaa keessaa guyyaa 14ffaatti Faasikaa ni kabajan.+ 20 Luboonnii fi Leewwonni hundi of qulqulleessanii+ waan turaniif, hundi isaanii qulqulluu turan; isaan warra duraan boojiʼamanii turan hundumaatiif, akkasumas luboota isaanii wajjin tajaajilanii fi ofii isaaniitiif aarsaa Faasikaa ni qalan. 21 Achiis Israaʼelonni warri boojuudhaa deebiʼan, namoota Yihowaa Waaqa Israaʼeliin waaqeffachuuf* xuraaʼummaa saboota biyyattii irraa adda of baasanii isaanitti makaman+ hundumaa wajjin isa irraa ni nyaatan. 22 Kana malees, Yihowaan akka gammadan waan isaan godheef, akkasumas garaa mootii Asoor isaaniif laaffisuudhaan+ hojii mana Waaqa dhugaa isa Waaqa Israaʼel taʼee irratti akka isaan gargaaru* waan godheef, gammachuudhaan guyyaa torbaaf Ayyaana Maxinoo ni kabajan.+