Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif; “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.* Yommuu Saaʼol Daawitiin ajjeesuuf namoota gara mana isaatti* ergetti.+
2 Warra gocha hamminaa raawwatan irraa na oolchi,
Jalʼoota* jalaas na baraari.
3 Kunoo, isaan riphanii na* eeggatu;+
Namoonni ciccimoonis na haleelu,
Yaa Yihowaa, akkana kan godhan garuu, waanan fincileef yookiin waanan cubbuu hojjedheef miti.+
4 Dogoggora kanan hin raawwanne taʼus, isaan natti fiigan, na haleeluufis ni qophaaʼan.
Yommuun si waammadhu kaʼi, wanta isaan godhanis ilaali.
5 Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, ati Waaqa Israaʼeli.+
Xiyyeeffannaa kee gara saboota hundumaatti gochuuf dammaqi.
Gantoota hamoo taʼan kamitti iyyuu gara laafina hin argisiisin.+ (Seelaa)
6 Isaan galgala galgala ni deebiʼu;+
Akka sarootaatti ni gururiʼu;*+ suuta jedhaniis magaalattii keessa asii fi achi ni deemu.+
7 Wanta afaan isaanii keessaa yaaʼu* ilaali;
Arrabni isaanii akka goraadee ti,+
Sababiin isaas isaan, “Eenyutu dhagaʼa?” jedhu.+
9 Yaa Waaqayyo, ati iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* waan taateef,+
Yaa Jabina koo, ani sin eeggadha.+
10 Waaqni jaalala amanamaa natti argisiisu na gargaara;+
Waaqayyo miira injifannootiin gara diinota koo akkan ilaalu godha.+
11 Sabni koo akka hin irraanfannetti, isaan hin ajjeesin.
Humna keetiin asii fi achi akka jooran godhi;
Gaachana keenya kan taate yaa Yihowaa, isaan akka kufan godhi.+
12 Cubbuu afaan isaaniitii fi dubbii arraba isaaniitiin kan kaʼe,
Abaarsaa fi gowwoomsaa dubbataniin kan kaʼes,
Sababa of tuulummaa isaaniitiin kiyyoodhaan haa qabaman.+
13 Dheekkamsa keetiin isaan fixi;+
Lammata akka hin argamnettis isaan fixi;
Waaqayyo Yaaqoob gidduutti, hamma andaara lafaattis bulchaa kan jiru taʼuu isaa akka beekan godhi.+ (Seelaa)
14 Isaan galgala haa deebiʼan;
Akka sarootaatti haa gururiʼan,* suuta jedhaniis magaalattii keessa asii fi achi haa deeman.+
15 Wanta nyaatan barbaacha asii fi achi haa jooran;+
Akka isaan quufan yookiin bakka boqotan akka argatan hin godhin.
16 Ani garuu, waaʼee jabina keetii nan faarfadha;+
Ganamas waaʼee jaalala kee isa amanamaa gammachuudhaan nan dubbadha.