LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya 25
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Fakkeenyaa

    • FAKKEENYOTA SOLOMOON WARRA NAMOONNI HISQIYAAS MOOTICHAA QINDEESSANII FI GARAGALCHAN (25:1–29:27)

        • Icciitii eeguu (9)

        • Jechoota of eeggannoodhaan filataman (11)

        • Mana namaa yeroo hunda hin dhaqin (17)

        • Mataa diinaa irra barbadaa tuuluu (21, 22)

        • Oduu gaariin akkuma bishaan qabbanaaʼaa ti (25)

Fakkeenya 25:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 4:29, 32; Lal 12:9
  • +2Se 29:1

Fakkeenya 25:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 29:29; Rom 11:33

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 226

Fakkeenya 25:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 17:3

Fakkeenya 25:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:44, 46; Fak 20:28; 29:14

Fakkeenya 25:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 27:2
  • +Fr 131:1

Fakkeenya 25:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 14:8-10; 1Ph 5:5

Fakkeenya 25:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 18:17; Mat 5:25

Fakkeenya 25:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Iccitii warra kaanii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 18:15
  • +Fak 11:13

Fakkeenya 25:10

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “jette jettee.”

Fakkeenya 25:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 15:23; Isa 50:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    2/2019, ful. 15

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2015, ful. 19-20

Fakkeenya 25:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 141:5; Fak 1:8, 9; 9:8

Fakkeenya 25:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu gooftaa isaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 13:17

Fakkeenya 25:14

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “kennaa sobaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 5:37

Fakkeenya 25:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “garraamiinis.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 32:4, 5; Fak 15:1

Fakkeenya 25:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 25:27

Fakkeenya 25:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:16

Fakkeenya 25:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “gantuu taʼe.”

Fakkeenya 25:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “alkaalaayii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 137:3, 4

Fakkeenya 25:21

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Inni si jibbu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 23:5; 2Mo 6:21, 22; Fak 24:17; Mat 5:44

Fakkeenya 25:22

Miiljaleewwan

  • *

    Kun namichi laafee amalli isaa inni jabaan akka baqu gochuu argisiisa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 12:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 195

Fakkeenya 25:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 101:5

Fakkeenya 25:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 21:9, 19; 27:15

Fakkeenya 25:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 15:30; Isa 52:7

Fakkeenya 25:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ejjennoo isaa laaffisu.” Kal., “nama hamaa duratti gatantaru.”

Fakkeenya 25:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 25:16
  • +Fak 27:2; Yoh 5:44; Flp 2:3

Fakkeenya 25:28

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “hafuura isaa hin toʼanne.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 20:33; Fak 16:32; 22:24, 25; 29:11

Yaada Wal Simu

Fak. 25:11Mo 4:29, 32; Lal 12:9
Fak. 25:12Se 29:1
Fak. 25:2Kes 29:29; Rom 11:33
Fak. 25:4Fak 17:3
Fak. 25:51Mo 2:44, 46; Fak 20:28; 29:14
Fak. 25:6Fak 27:2
Fak. 25:6Fr 131:1
Fak. 25:7Luq 14:8-10; 1Ph 5:5
Fak. 25:8Fak 18:17; Mat 5:25
Fak. 25:9Mat 18:15
Fak. 25:9Fak 11:13
Fak. 25:11Fak 15:23; Isa 50:4
Fak. 25:12Fr 141:5; Fak 1:8, 9; 9:8
Fak. 25:13Fak 13:17
Fak. 25:14Mat 5:37
Fak. 25:15Uma 32:4, 5; Fak 15:1
Fak. 25:16Fak 25:27
Fak. 25:18Bau 20:16
Fak. 25:20Fr 137:3, 4
Fak. 25:21Bau 23:5; 2Mo 6:21, 22; Fak 24:17; Mat 5:44
Fak. 25:22Rom 12:20
Fak. 25:23Fr 101:5
Fak. 25:24Fak 21:9, 19; 27:15
Fak. 25:25Fak 15:30; Isa 52:7
Fak. 25:27Fak 25:16
Fak. 25:27Fak 27:2; Yoh 5:44; Flp 2:3
Fak. 25:281Sa 20:33; Fak 16:32; 22:24, 25; 29:11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Fakkeenya 25:1-28

Fakkeenya

25 Kanneen kunis fakkeenyota Solomoon+ warra namoonni Hisqiyaas+ isa mootii Yihudaa taʼe tajaajilaa turan qindeessanii fi garagalchani dha:

 2 Iccitii eeguun Waaqayyoof ulfina argamsiisa,+

Dhimma tokko akka gaariitti qoruunis moototaaf ulfina argamsiisa.

 3 Akkuma samiin ol fagaatuu fi laftis gad fagaattu,

Garaan moototaas kan hin qoratamne dha.

 4 Meetii irraa xurii balleessi,

Innis guutummaatti kan qulqullaaʼe taʼa.+

 5 Nama hamaa mootii duraa balleessi,

Teessoon isaas qajeelummaadhaan jabaatee ni dhaabbata.+

 6 Mootii duratti ulfina ofiif hin kennin,+

Namoota beekamoo gidduus hin taaʼin,+

 7 Sababiin isaas, nama guddaa duratti si salphisuu isaa mannaa,

“Gara kanaatti ol kottu” utuu siin jedhee wayya.+

 8 Ariifattee falmii seeraa keessa hin seenin,

Booda namni sun yoo si salphise maal goota?+

 9 Nama tokkoo wajjin dhimma kee irratti wal falmi,+

Wanta iccitiidhaan sitti himame* garuu hin saaxilin,+

10 Kunis, namni si dhagaʼu akka si hin salphisneef,

Atis oduu* hamaa deebistee sirreessuu hin dandeenye akka hin babalʼisneefi.

11 Jechi yeroo sirrii taʼetti dubbatame,

Akkuma poomii warqii miʼa meetii irraa tolfame keessa jiruu ti.+

12 Namni ogeessi nama gurra dhagaʼu qabu ifatu,

Akkuma lootii warqii fi faaya warqii baʼeessa irraa tolfamee ti.+

13 Ergamaa amanamaan gooftaa isaa* waan gammachiisuuf,+

Inni warra isa ergataniif

Akkuma qabbana cabbii guyyaa makaraatti argamuu ti.

14 Namni kennaa matumaa hin kennine* ilaalchisee of jajee dubbatu,

Akkuma duumessaa fi bubbee matumaa bokkaa hin fidnee ti.+

15 Obsuudhaan ajajaan waraanaa ni moʼama,

Arrabni laafaanis* lafee cabsuu dandaʼa.+

16 Damma yoo argatte, hamma si barbaachisu qofa nyaadhu,

Akka malee yoo nyaatte garuu si hooqqisiisuu dandaʼa.+

17 Akka si hin nuffinee fi si hin jibbinetti,

Mana michuu keetti miila hin baayʼisin.

18 Namni michuu isaa irratti sobaan ragaa baʼu,

Akkuma ulee waraanaa, akkuma goraadee fi akkuma xiyya qara qabuu ti.+

19 Yeroo rakkinaatti nama hin amansiisne* abdachuun,

Akkuma ilkaan cabee fi miila hollatutti amanamuu ti.

20 Namni garaa gaddeef faarfannaa faarfatu,

Akkuma nama guyyaa qorrutti uffata of irraa baasuu,

Akkuma dhangaggaaʼaa soodaa* irratti dhangalaʼee ti.+

21 Diinni kee* yoo beelaʼe wanta nyaatu isaaf kenni;

Yoo dheebote bishaan dhugu isaaf kenni;+

22 Kana gochuudhaan barbadaa mataa isaa irratti tuulta,*+

Yihowaanis si kiisa.

23 Bubbeen kaabaa bokkaa cimaa fida,

Arrabni hamatus fuula aare fida.+

24 Haadha manaa nyakkistuu taatee wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa

Golee baaxii manaa irra jiraachuu wayya.+

25 Oduu gaariin biyya fagoodhaa dhufu,

Akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu* dadhabe irratti dhangalaʼuu ti.+

26 Namni qajeelaan nama hamaadhaaf moʼamu,*

Akkuma burqaa dhoqqaaʼee fi boolla bishaanii mancaʼee ti.

27 Baayʼisanii damma nyaachuun gaarii miti,+

Ulfina ofii barbaaduunis ulfina miti.+

28 Namni aarii isaa toʼachuu hin dandeenye,*

Akkuma magaalaa dallaan ishii diigamee ti.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi