Leewwota
15 Yihowaan itti fufuudhaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Akkana jedhaatii Israaʼelotatti dubbadhaa: ‘Dhiirri tokko qaama hormaataa* isaa keessaa dhangalaʼaan yoo yaaʼe, dhangalaʼaan kun xuraaʼaa isa godha.+ 3 Namni kun dhangalaʼaa sanaan kan kaʼe xuraaʼaa dha; dhangalaʼaan kun qaama hormaataa isaa keessaa yaaʼuu isaa yoo itti fufes taʼe qaama hormaataa isaa yoo cufe inni xuraaʼaa dha.
4 “‘Sireen namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sun irra ciise kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; akkasumas wanti inni irra taaʼe kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa. 5 Namni siree isaa tuqu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+ 6 Namni miʼa namichi dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sun irra taaʼe irra taaʼu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 7 Namni qaama namicha dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sanaa tuqu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 8 Namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu sun nama qulqulluu irratti yoo tufe, namni sun uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 9 Kooraan namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu irra taaʼe kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa. 10 Namni wanta inni irra taaʼu kam iyyuu tuqu hundi hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa; namni miʼawwan kana baatu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 11 Namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu+ sun harka isaa bishaaniin utuu hin dhiqatin nama tokko yoo tuqe, namni sun uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 12 Miini suphee namni dhangalaʼaan keessaa yaaʼu tuqe haa caccabsamu; miini mukaa kam iyyuu garuu bishaaniin haa dhiqamu.+
13 “‘Dhangalaʼaan sun yoo dhaabbatee fi namichis isa irraa yoo qulqullaaʼe, inni qulqulluu taʼuuf guyyaa torba ni lakkaaʼa; achiis uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaan burqaatti dhiqachuu qaba; innis qulqulluu ni taʼa.+ 14 Guyyaa saddeettaffaattis gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama+ fidee balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti dhihaatee lubichatti isaan haa kennu. 15 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu godhee dhiheessa; achiis lubichi sababii dhangalaʼaa isaatiif namichaaf Yihowaa duratti araara ni argamsiisa.
16 “‘Dhiirri tokko sanyiin isaa yoo dhangalaʼe, guutummaa qaama isaa bishaaniin haa dhiqatu; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+ 17 Inni uffata yookiin gogaa sanyiin sun tuqe kam iyyuu bishaaniin haa miiccu; miini sunis hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
18 “‘Dhiirri tokko dubartii takka wajjin yoo ciisee fi sanyiin isaa yoo dhangalaʼe, isaan qaama isaanii bishaaniin haa dhiqatan; hamma galgalaattis xuraaʼoo ni taʼu.+
19 “‘Dubartiin takka dhangalaʼaa qaama ishii keessaa yaaʼu yoo qabaatte, laguu ishiitiin kan kaʼe guyyaa torbaaf kan xuroofte ni taati.+ Namni ishii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.+ 20 Wanti ishiin yeroo xuraaʼummaa laguu ishiitti irra ciistu kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; wanti ishiin irra teessu hundis xuraaʼaa ni taʼa.+ 21 Namni siree ishii tuqu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 22 Namni miʼa ishiin irra teesse kam iyyuu tuqu hundi uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa. 23 Namni siree yookiin miʼa ishiin irra teesse kan biraa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.+ 24 Dhiirri tokko ishii wajjin yoo ciisee fi laguun xuraaʼummaa ishii yoo isa tuqe,+ guyyaa torbaaf xuraaʼaa ni taʼa; sireen inni irra ciisu kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa.
25 “‘Dubartiin takka guyyoota hedduudhaaf dhiigni ishii yoo dhangalaʼe,+ yeroon kun yeroo laguun ishii itti dhufu yoo taʼuu baate+ yookiin yeroo laguun ishii turu caalaa dhiigni ishii kan dhangalaʼu yoo taʼe, ishiin akkuma guyyoota laguu xuraaʼummaa ishiitti guyyoota dhangalaʼaan ishii keessaa yaaʼu hundumaatti kan xuroofte ni taati. 26 Sireen ishiin yeroo dhangalaʼaan ishii keessaa yaaʼu kanatti irra ciistu kam iyyuu akkuma siree yeroo xuraaʼummaa laguu ishii taʼa;+ miini ishiin irra teessu kam iyyuu akkuma yeroo xuraaʼummaa laguu ishiitti xuraaʼaa ni taʼa. 27 Namni wantoota kana tuqu kam iyyuu xuraaʼaa ni taʼa; inni uffata isaa miiccachuu fi qaama isaa bishaaniin dhiqachuu qaba; hamma galgalaattis xuraaʼaa ni taʼa.+
28 “‘Dhangalaʼaan ishii yommuu dhaabbatu garuu, guyyaa torba ni lakkaaʼatti; sana booda qulqulluu ni taati.+ 29 Guyyaa saddeettaffaattis ishiin gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama+ haa fudhattu; achiis balbala dunkaana walgaʼii irratti gara lubichaatti isaan haa fiddu.+ 30 Lubichis isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu godhee dhiheessa; achiis sababii dhangalaʼaa ishii isa xuraaʼaa taʼe sanaaf Yihowaa duratti araara ishiidhaaf ni argamsiisa.+
31 “‘Akka kanaan isaan xuraaʼummaa isaaniitiin godoo qulqulluu koo isa isaan gidduu jiru xureessanii akka hin duuneef, Israaʼelonni xuraaʼummaa isaanii irraa akka fagaatan ni gootu.+
32 “‘Seerri nama dhangalaʼaan keessaa yaaʼu, nama sanyiin isaa dhangalaʼuu isaatiin kan kaʼe xuraaʼaa taʼe,+ 33 dubartii xuraaʼummaa laguu irra jirtu,+ dhiira yookiin dubartii dhangalaʼaan qaama isaanii keessaa yaaʼu kam iyyuu,+ akkasumas dhiira dubartii xurooftee wajjin ciisu ilaalchisee kenname kana dha.’”