LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Fakkeenya 31
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Fakkeenyaa

      • DUBBII LEMUʼEL MOOTICHAA (1-31)

        • Haadha manaa kaamettii eenyutu argachuu dandaʼa? (10)

        • Jabaattee hojjetti (17)

        • Gaarummaan arraba ishii irra jira (26)

        • Ijoolleenii fi abbaan manaa ishii ishii jajatu (28)

        • Simboonii fi miidhaginni ni bada (30)

Fakkeenya 31:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 1:8; 2Xi 1:5

Fakkeenya 31:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 1:11, 28

Fakkeenya 31:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hos 4:11
  • +Kes 17:15, 17; 1Mo 11:1-3; Nah 13:26

Fakkeenya 31:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lal 10:17; Isa 28:7

Fakkeenya 31:6

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “warra jireenyi itti hadhaaʼeef.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 104:15; Mat 27:34
  • +Er 16:7

Fakkeenya 31:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 82:4

Fakkeenya 31:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 1:16, 17; 2Sa 8:15; Fr 72:1, 2; Isa 11:4

Fakkeenya 31:10

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “gaarii.”

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rut 3:10, 11; Fak 12:4; 19:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii,

    11/2016, ful. 3

Fakkeenya 31:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 2:18, 19; Tit 2:3-5

Fakkeenya 31:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 9:21

Fakkeenya 31:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Xi 5:9, 10

Fakkeenya 31:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Galii argattuunis.” Kal., “Firii harka ishii irraa argattuun.”

Fakkeenya 31:17

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “jabinaan mudhii ishii hidhatti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 24:15, 20

Fakkeenya 31:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 35:25

Fakkeenya 31:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 25:18; Fak 19:17; 1Xi 2:10; Ibr 13:16

Fakkeenya 31:21

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “dachaa.”

Fakkeenya 31:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rut 4:1; Iyo 29:7, 8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii,

    11/2016, ful. 2

Fakkeenya 31:24

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Uffata quncee talbaa jalatti uffatamu.”

Fakkeenya 31:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Guyyaa gara fuulduraatti ni kolfiti.”

Fakkeenya 31:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Qajeelfamni jaalalaa; Seerri jaalala amanamaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 13:22, 23; 1Sa 25:30, 31; As 5:8; Tit 2:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    6/2022, ful. 26

Fakkeenya 31:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 14:1; 1Xi 5:9, 10; Tit 2:3-5

Fakkeenya 31:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Maatii, ful. 49-50

Fakkeenya 31:30

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “duwwaa taʼe.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 9:30; As 1:10-12; Fak 6:25, 26
  • +Uma 24:60; Abo 5:7; 1Ph 3:3, 4

Fakkeenya 31:31

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Firii harka ishii irraa ishiidhaaf kennaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rut 3:10, 11
  • +Rom 16:1, 2

Yaada Wal Simu

Fak. 31:1Fak 1:8; 2Xi 1:5
Fak. 31:21Sa 1:11, 28
Fak. 31:3Hos 4:11
Fak. 31:3Kes 17:15, 17; 1Mo 11:1-3; Nah 13:26
Fak. 31:4Lal 10:17; Isa 28:7
Fak. 31:6Fr 104:15; Mat 27:34
Fak. 31:6Er 16:7
Fak. 31:8Fr 82:4
Fak. 31:9Kes 1:16, 17; 2Sa 8:15; Fr 72:1, 2; Isa 11:4
Fak. 31:10Rut 3:10, 11; Fak 12:4; 19:14
Fak. 31:131Sa 2:18, 19; Tit 2:3-5
Fak. 31:142Se 9:21
Fak. 31:151Xi 5:9, 10
Fak. 31:17Uma 24:15, 20
Fak. 31:19Bau 35:25
Fak. 31:201Sa 25:18; Fak 19:17; 1Xi 2:10; Ibr 13:16
Fak. 31:23Rut 4:1; Iyo 29:7, 8
Fak. 31:26Abo 13:22, 23; 1Sa 25:30, 31; As 5:8; Tit 2:3
Fak. 31:27Fak 14:1; 1Xi 5:9, 10; Tit 2:3-5
Fak. 31:30Uma 24:60; Abo 5:7; 1Ph 3:3, 4
Fak. 31:302Mo 9:30; As 1:10-12; Fak 6:25, 26
Fak. 31:31Rut 3:10, 11
Fak. 31:31Rom 16:1, 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Fakkeenya 31:1-31

Fakkeenya

31 Dubbii Lemuʼel Mootichaa, ergaa cimaa haati isaa isa barsiisuuf isaaf dabarsite:+

 2 Yaa ilma koo,

Yaa ilma gadameessa koo,

Yaa ilma wareegaa koo,+ maal sitti himu?

 3 Humna kee dubartootaaf hin kennin,+

Daandii mootota balleessus hin hordofin.+

 4 Yaa Lemuʼel, mootonni,

Eeyyee, mootonni daadhii wayinii dhuguun isaanii,

Bulchitoonnis, “Dhugaatiin koo eessa jira?” jechuun isaanii sirrii miti.+

 5 Kunis, dhuganii wanta labsame akka hin irraanfanneef,

Mirga warra rakkatoo taʼaniis akka hin jalʼisneefi.

 6 Dhugaatii alkoolii warra baduuf jedhaniif,+

Daadhii wayiniis warra dhiphina guddaa keessa jiraniif* kennaa.+

 7 Dhuganii hiyyummaa isaanii haa irraanfatan;

Sana booda isaan rakkina isaanii hin yaadatin.

 8 Nama dubbachuu hin dandeenyeef dubbadhu;

Mirga warra baduuf jedhan hundumaatiif falmi.+

 9 Dubbadhu, qajeelummaadhaanis murtii kenni;

Mirga nama rakkataa fi hiyyeessa taʼeef falmi.+

א [Aleef]

10 Haadha manaa kaamettii* eenyutu argachuu dandaʼa?+

Gatiin ishii gatii elellaa* irra baayʼee caala.

ב [Beet]

11 Abbaan manaa ishii garaadhaa ishiitti amanama,

Wanti gaarii taʼe akkamii iyyuus isatti hin hirʼatu.

ג [Giimel]

12 Umurii ishii guutuu,

Wanta gaarii isaaf gooti malee, wanta hamaa isa irratti hin raawwattu.

ד [Daalet]

13 Rifeensa hoolaa fi quncee talbaa walitti qabatti;

Harka ishiitiin hojjechuun ishii gammachiisa.+

ה [Hii]

14 Ishiin akkuma doonii daldaltuu ti,+

Nyaata ishii biyya fagoodhaa fidatti.

ו [Waaw]

15 Kana malees, halkaniin ni kaati,

Maatii ishiitiif nyaata isaanii,

Tajaajiltoota ishii warra durbaatiifis gaʼee isaanii ni kenniti.+

ז [Zaayin]

16 Maasii tokko ni ilaalti, achiis ni bitti;

Carraaqqii ishiitiinis* muka wayinii ni dhaabdi.

ח [Heet]

17 Hojii humnaatiif of qopheessiti,*+

Irree ishiis ni jabeeffatti.

ט [Teet]

18 Daldalli ishii buʼa qabeessa akka taʼe ni hubatti;

Halkan ibsaan ishii hin dhaamu.

י [Yood]

19 Harki ishii muka jirbii itti maran qabata,

Qubni ishiis cimsee calii qabata.+

כ [Kaaf]

20 Isa rakkateef harka ishii diriirsiti,

Isa hiyyeessa taʼeefis harka ishii banti.+

ל [Laamed]

21 Guutummaan maatii ishii uffata hoʼu* waan uffataniif,

Cabbii irraa kan kaʼe waaʼee maatii ishii hin yaaddoftu.

מ [Meem]

22 Uffata siree ni tolfatti.

Uffanni ishii quncee talbaa fi suufii bifa dhiilgee irraa kan tolfame dha.

נ [Nuun]

23 Abbaan manaa ishii karrawwan magaalattii keessatti,+

Bakka jaarsolii biyyattii gidduu taaʼutti akka gaariitti kan beekame dha.

ס [Saamek]

24 Uffata quncee talbaa* tolchitee gurgurti,

Daldaltootaafis qabattoo dhiheessiti.

ע [Ayiin]

25 Jabinaa fi miidhagina gonfatteetti,

Yeroo gara fuulduraas amanannaadhaan eeggatti.*

פ [Pee]

26 Afaan ishii ogummaadhaan banatti;+

Seerri gaarummaa* arraba ishii irra jira.

צ [Tsadee]

27 Sochii maatii ishii ni toʼatti,

Nyaata dhibaaʼummaas hin nyaattu.+

ק [Qoof]

28 Ijoolleen ishii kaʼanii gammadduu akka taate dubbatu;

Abbaan manaa ishiis kaʼee ishii jajata.

ר [Reesh]

29 Dubartoonni kaamettii taʼan hedduun jiru,

Ati garuu hunda isaanii irra iyyuu ni caalta.

ש [Shiin]

30 Simboon soba dha, miidhaginnis wanta badu* dha,+

Dubartiin Yihowaa sodaattu garuu ni jajamti.+

ת [Taaw]

31 Wanta ishiin gooteef ishii badhaasaa,*+

Hojiiwwan ishiis karrawwan magaalattii irratti ishii haa jajatan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi