LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Haadhotiin manaa Solomoon garaa isaa jalʼisan (1-13)

      • Mormitoota Solomoon (14-25)

      • Yeroboʼaam gosoonni kudhan akka isaaf kennaman waadaan ni galameef (26-40)

      • Solomoon ni duʼe; Rooboʼaam mootii taʼe (41-43)

1 Mootota 11:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 3:1
  • +Kes 17:15, 17; Nah 13:26
  • +Uma 19:36, 37
  • +1Mo 14:21
  • +1Mo 16:30, 31
  • +Uma 26:34, 35

1 Mootota 11:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “isaanii wajjin gaaʼelaan walitti hin firoominaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 34:16; Kes 7:3; Iya 23:12, 13; 2Qo 6:14

1 Mootota 11:3

Miiljaleewwan

  • *

    Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.

  • *

    Ykn., “haadhotiin manaa isaa dhiibbaa guddaa isa irra geessisan.”

1 Mootota 11:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Yihowaadhaaf guutummaatti kan bule.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 11:42
  • +Kes 7:3, 4; Nah 13:26

1 Mootota 11:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 2:11, 13; 10:6; 1Sa 7:3
  • +Sef 1:5

1 Mootota 11:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:5

1 Mootota 11:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 23:13
  • +Lew 18:21; HoE 7:43
  • +Lew 26:30; Lak 33:52; 2Mo 21:1, 3

1 Mootota 11:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 3:5; 9:2
  • +Kes 7:3, 4; Fak 4:23

1 Mootota 11:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 7:19, 20

1 Mootota 11:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 17:21

1 Mootota 11:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 10:18, 19

1 Mootota 11:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:12, 15
  • +Kes 12:11
  • +1Mo 12:20; 2Se 11:1

1 Mootota 11:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:12, 14
  • +Uma 27:40

1 Mootota 11:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 8:13

1 Mootota 11:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 10:12

1 Mootota 11:19

Miiljaleewwan

  • *

    Mootuu bulchituu hin taane.

1 Mootota 11:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “harma guuste.”

1 Mootota 11:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 2:10
  • +1Mo 2:34

1 Mootota 11:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 8:3
  • +1Mo 11:14

1 Mootota 11:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ajjeesetti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 10:18
  • +2Sa 8:5; 1Mo 19:15; Isa 7:8

1 Mootota 11:26

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “harka isaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 9:22
  • +1Mo 11:31; 12:32; 14:10; 2Se 11:14; 13:3, 20
  • +2Se 13:6

1 Mootota 11:27

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Miiloo.” Jecha Afaan Ibrootaa hiika “itti guutuu” jedhu qabu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 9:15, 24
  • +2Sa 5:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2086

1 Mootota 11:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 5:16

1 Mootota 11:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:15; 14:2; 2Se 9:29

1 Mootota 11:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:16

1 Mootota 11:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 49:10
  • +Kes 12:5, 6; 1Mo 11:13; Fr 132:13
  • +1Mo 12:20; 2Se 11:1

1 Mootota 11:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:15; 2Se 15:2

1 Mootota 11:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 9:4, 5; Fr 89:49; 132:17; Isa 9:7

1 Mootota 11:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:20; 2Se 10:16

1 Mootota 11:36

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, sanyii.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:29; 1Mo 15:4; 2Mo 8:19

1 Mootota 11:37

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “wanta lubbuun kee barbaadde.”

1 Mootota 11:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 15:5
  • +2Sa 7:11

1 Mootota 11:39

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:16
  • +Uma 49:10; Isa 11:1; Luq 1:32, 33

1 Mootota 11:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:25
  • +2Se 10:2

1 Mootota 11:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 9:29-31

1 Mootota 11:42

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Guyyoonni.”

1 Mootota 11:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 3:10; 2Se 13:7; Mat 1:7

Yaada Wal Simu

1Mot. 11:11Mo 3:1
1Mot. 11:1Kes 17:15, 17; Nah 13:26
1Mot. 11:1Uma 19:36, 37
1Mot. 11:11Mo 14:21
1Mot. 11:11Mo 16:30, 31
1Mot. 11:1Uma 26:34, 35
1Mot. 11:2Bau 34:16; Kes 7:3; Iya 23:12, 13; 2Qo 6:14
1Mot. 11:41Mo 11:42
1Mot. 11:4Kes 7:3, 4; Nah 13:26
1Mot. 11:5Abo 2:11, 13; 10:6; 1Sa 7:3
1Mot. 11:5Sef 1:5
1Mot. 11:61Mo 15:5
1Mot. 11:72Mo 23:13
1Mot. 11:7Lew 18:21; HoE 7:43
1Mot. 11:7Lew 26:30; Lak 33:52; 2Mo 21:1, 3
1Mot. 11:91Mo 3:5; 9:2
1Mot. 11:9Kes 7:3, 4; Fak 4:23
1Mot. 11:102Se 7:19, 20
1Mot. 11:112Mo 17:21
1Mot. 11:122Se 10:18, 19
1Mot. 11:132Sa 7:12, 15
1Mot. 11:13Kes 12:11
1Mot. 11:131Mo 12:20; 2Se 11:1
1Mot. 11:142Sa 7:12, 14
1Mot. 11:14Uma 27:40
1Mot. 11:152Sa 8:13
1Mot. 11:18Lak 10:12
1Mot. 11:211Mo 2:10
1Mot. 11:211Mo 2:34
1Mot. 11:232Sa 8:3
1Mot. 11:231Mo 11:14
1Mot. 11:242Sa 10:18
1Mot. 11:242Sa 8:5; 1Mo 19:15; Isa 7:8
1Mot. 11:261Mo 9:22
1Mot. 11:261Mo 11:31; 12:32; 14:10; 2Se 11:14; 13:3, 20
1Mot. 11:262Se 13:6
1Mot. 11:271Mo 9:15, 24
1Mot. 11:272Sa 5:7
1Mot. 11:281Mo 5:16
1Mot. 11:291Mo 12:15; 14:2; 2Se 9:29
1Mot. 11:311Mo 12:16
1Mot. 11:32Uma 49:10
1Mot. 11:32Kes 12:5, 6; 1Mo 11:13; Fr 132:13
1Mot. 11:321Mo 12:20; 2Se 11:1
1Mot. 11:33Kes 28:15; 2Se 15:2
1Mot. 11:341Mo 9:4, 5; Fr 89:49; 132:17; Isa 9:7
1Mot. 11:351Mo 12:20; 2Se 10:16
1Mot. 11:362Sa 7:29; 1Mo 15:4; 2Mo 8:19
1Mot. 11:381Mo 15:5
1Mot. 11:382Sa 7:11
1Mot. 11:391Mo 12:16
1Mot. 11:39Uma 49:10; Isa 11:1; Luq 1:32, 33
1Mot. 11:401Mo 14:25
1Mot. 11:402Se 10:2
1Mot. 11:412Se 9:29-31
1Mot. 11:431Se 3:10; 2Se 13:7; Mat 1:7
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 11:1-43

Mootota Tokkoffaa

11 Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi intala Faraʼoon+ malees, dubartoota biyya ormaa+ hedduu, jechuunis dubartoota biyya Moʼaab,+ biyya Amoon,+ biyya Edoom, biyya Siidoonii+ fi biyya Heet+ ni jaallate. 2 Isaan saboota Yihowaan, “Isaan waaqolii isaanii akka hordoftan garaa keessan waan jalʼisaniif, isin isaanii wajjin walitti hin makaminaa;* isaanis isinii wajjin walitti hin makamin”+ jedhee waaʼee isaanii Israaʼelotatti dubbate keessaa kan dhufan turan. Solomoon garuu isaanitti ni maxxane; isaan ni jaallates. 3 Inni haadhotii manaa giiftota taʼan 700 fi saajjatoota* 300 qaba ture; haadhotiin manaa isaas suutuma suuta garaa isaa Waaqayyo irraa ni jalʼisan.* 4 Solomoon bara dulluma+ isaatti haadhotiin manaa isaa waaqolii kan biroo duukaa akka buʼu garaa isaa ni jalʼisan;+ garaan isaas akka garaa abbaa isaa Daawit Waaqa isaa Yihowaa duratti guutuu* hin turre. 5 Solomoonis waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretii+ fi waaqa balfamaa Amoonotaa kan taʼe Milkoom+ duukaa ni buʼe. 6 Solomoon wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate; akka abbaan isaa Daawit godhettis guutummaatti Yihowaa duukaa hin buune.+

7 Solomoon waaqa balfamaa Moʼaab kan taʼe Kemooshii fi waaqa balfamaa Amoonotaa+ kan taʼe Moleekiif+ gaara Yerusaalem fuuldura jiru irratti iddoo ol kaʼaa+ kan ijaare yeroo kanatti ture. 8 Solomoon haadhotii manaa isaa warra biyya ormaa, warra waaqolii isaaniitiif aarsaa aarfamuu fi aarsaa kan biraa dhiheessan hundumaatiif akkanuma godhe.

9 Solomoon garaan isaa Yihowaa Waaqa Israaʼel isa siʼa lama isatti mulʼate+ irraa waan jalʼateef,+ Yihowaan isatti ni dheekkame; 10 kana malees, inni waaqolii kan biroo duukaa akka hin buune isatti himuudhaan waaʼee dhimma kanaa isa akeekkachiisee ture.+ Inni garuu wanta Yihowaan ajaje hojii irra hin oolchine. 11 Yihowaanis Solomooniin akkana jedhe: “Ati kana waan gooteef, akkasumas akka ani si ajajetti kakuu koo fi dambiiwwan koo waan hin eegneef, ani mootummicha si irraa tarsaasee tajaajiltoota kee keessaa isa tokkoof nan kenna.+ 12 Haa taʼu malee, ani abbaa kee Daawitiif jedhee bara jireenyaa keetti kana hin godhu. Harka ilma keetii irraa mootummicha nan tarsaasa;+ 13 taʼus ani guutummaa mootummichaa isa irraa hin tarsaasu.+ Tajaajilaa koo Daawitii fi Yerusaalem ishii ani filadheef+ jedhee gosa tokko ilma keetiif nan kenna.”+

14 Achiis Yihowaan maatii mootii Edoom+ kan taʼe Hadaad Edoomticha mormituu godhee Solomoon irratti ni kaase.+ 15 Yommuu Daawit Edoomiin moʼetti,+ Yoʼaab ajajaan raayyaa waraanaa warra ajjeefaman awwaaluuf ol baʼee, akkasumas dhiirota Edoom keessa jiran hunda ajjeesuuf yaalii godhee ture. 16 (Sababiin isaas Yoʼaabii fi guutummaan Israaʼel hamma inni dhiirota Edoom keessa jiran hundumaa ajjeesee fixutti jiʼa jaʼaaf achi turan.) 17 Taʼus, Hadaad tajaajiltoota abbaa isaa warra Edoomota taʼan tokko tokkoo wajjin ni baqate; isaanis gara Gibxii ni dhaqan; yeroo sanatti Hadaad mucaa xinnoo ture. 18 Kanaafuu, isaan Miidiyaan irraa kaʼanii gara Phaaraan dhaqan. Isaanis Phaaraan+ irraa namoota fudhatanii gara Gibxiitti, jechuunis gara Faraʼoon mootii Gibxiitti dhufan; innis Hadaadiif mana ni kenne; soorannis akka isaaf kennamu ni godhe; akkasumas lafa isaaf ni kenne. 19 Hadaad Faraʼoon duratti fudhatama waan argateef, Faraʼoon obboleettii haadha manaa isaa, jechuunis obboleettii Taafeenes mootittii* isatti ni heerumsiise. 20 Yeroo booda obboleettiin Taafeenes ilma Genubaat jedhamu isaaf ni deesse; Taafeenes mana Faraʼoon keessatti isa ni guddiste;* Genubaatis ilmaan Faraʼoonii wajjin mana Faraʼoon keessa jiraate.

21 Hadaad utuu Gibxii keessa jiruu Daawit abbootii isaa wajjin akka boqotee+ fi ajajaa raayyaa waraanaa kan taʼe Yoʼaabis akka duʼe ni dhagaʼe.+ Kanaafuu, Hadaad Faraʼooniin, “Gara biyya koo akkan dhaquuf na geggeessi” jedhe. 22 Faraʼoon garuu, “Gara biyya kee dhaquu kan barbaadde, ana biraa maaltu sitti hirʼatee ti?” isaan jedhe. Yeroo kanatti inni, “Homtuu natti hin hirʼanne; maaloo, na geggeessi” isaan jedhe.

23 Akkasumas, Waaqayyo Rezoon ilma Eliyaadaa isa gooftaa isaa Hadaadʼezeer+ mootii Zoobaa jalaa baqate sana mormituu godhee Solomoon irratti kaase.+ 24 Inni, yommuu Daawit isaan moʼetti* namoota walitti qabee ajajaa tuuta weerartoota tokkoo taʼee ture.+ Kanaafuu, isaan gara Damaasqoo+ dhaqanii achi buufatan; Damaasqoo keessa taaʼaniis bulchuu jalqaban. 25 Rezoon, miidhaa Hadaad geessisetti dabalee, bara Solomoon hundumaatti Israaʼeliin ni morme; yeroo Sooriyaa irratti bulchaa turettis Israaʼeliin akka malee ni jibba ture.

26 Tajaajilaa Solomoon+ kan taʼe Efreemichi Yeroboʼaam+ jedhamuu fi ilma Neebaat taʼe tokkos jira ture; inni Zeredaadhaa kan dhufe yeroo taʼu, haati isaa Zeruuyaa kan jedhamtuu fi abbaan manaa kan irraa duʼe turte. Innis mooticha irratti fincila* kaasuu jalqabe.+ 27 Sababiin inni mooticha irratti fincila itti kaase kana ture: Solomoon Koobicha*+ ijaaree fi bakka banamaa dallaa Magaalaa abbaa isaa Daawit+ duuchee ture. 28 Yeroboʼaam kun nama dandeettii guddaa qabu ture. Solomoonis dargaggeessi kun nama jabaatee hojjetu taʼuu isaa yommuu argu, tajaajila dirqamaa mana Yoseef keessatti hojjetamu hunda irratti ilaaltuu ol aanaa isa godhe.+ 29 Yeroo sanatti Yeroboʼaam Yerusaalemii baʼee utuu deemuu, Ahiyaan+ Shiiloonichi inni raajii taʼe karaa irratti isa argate. Ahiyaan uffata haaraa uffatee ture; dirree sana irras lamaan isaanii qofatu jira ture. 30 Ahiyaanis uffata haaraa uffate sana qabee bakka 12tti tarsaase. 31 Achiis Yeroboʼaamiin akkana jedhe:

“Erbee kurnan kana ofii keetiif fudhadhu; sababiin isaas, Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Kunoo, ani mootummicha harka Solomoon irraa tarsaasee, gosoota kudhan siif nan kenna.+ 32 Haa taʼu malee, tajaajilaa koo Daawitii+ fi Yerusaalem magaalaa ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadheef+ jecha, gosti tokko kan isaa taʼee itti fufa.+ 33 Ani kana kanan godhu, isaan na dhiisanii+ waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretiif, waaqa Moʼaabotaa kan taʼe Kemooshii fi waaqa Amoonotaa kan taʼe Milkoomiif waan sagadaniif, akkuma abbaan isaa Daawit godhettis wanta na duratti sirrii taʼe hojjechuudhaan, akkasumas dambiiwwan koo fi murtiiwwan koo eeguudhaan daandiiwwan koo irra waan hin deemneefi. 34 Haa taʼu malee, tajaajilaan koo Daawit inni ani filadhe+ ajajawwan koo fi dambiiwwan kootiif waan ajajameef, ani isaaf jedhee mootummicha guutummaatti harka isaa irraa hin fudhadhu; inni bara jireenyaa isaa hundumaatti ajajaa taʼee akka itti fufu nan godha. 35 Haa taʼu malee, mootummicha, jechuunis gosoota kurnan sana harka ilma isaa irraa fuudhee siif nan kenna.+ 36 Daawit tajaajilaan koo Yerusaalem magaalaa maqaan koo akka ittiin waamamuuf ani ofii kootiif filadhe keessaa na duratti yeroo hunda ibsaa* akka qabaatuuf,+ ilma isaatiif gosa tokko nan kenna. 37 Ani sin filadha; atis wanta barbaadde* hunda irratti ni bulchita; Israaʼel irrattis mootii ni taata. 38 Akkuma tajaajilaan koo Daawit godhe,+ wantan si ajaje hunda yoo hojii irra oolchite, akkasumas dambiiwwan koo fi murtiiwwan kootiif ajajamuudhaan, daandiiwwan koo irra yoo deemtee fi wanta na duratti sirrii taʼe yoo raawwatte ani sii wajjinis nan taʼa. Akkuman Daawitiif ijaare mana bara baraa siif nan ijaara;+ Israaʼeliinis siif nan kenna. 39 Sababii kanaatiin sanyii Daawit nan salphisa;+ garuu akkana kanan godhu yeroo hundumaatiif miti.’”+

40 Kanaafuu, Solomoon Yeroboʼaamiin ajjeesuuf yaalii godhe; Yeroboʼaam garuu gara Gibxiitti, jechuunis gara Shishaaq+ mootii Gibxiitti+ baqatee hanga Solomoon duʼutti Gibxii keessa jiraate.

41 Seenaan Solomoon inni hafe, wanti inni godhe hundii fi ogummaan isaa kitaaba seenaa waaʼee Solomoon dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ 42 Barri* Solomoon Yerusaalem keessa taaʼee guutummaa Israaʼel irratti itti bulche waggaa 40 ture. 43 Achiis Solomoon abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa abbaa isaa Daawit keessattis ni awwaalame; ilmi isaa Rooboʼaamis+ bakka isaa mootii ni taʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi