Keessa Deebii
3 “Achiis deebinee karaa Baashaaanitti geessu qabannee ol ni baane. Oog mootiin Baashaanis namoota isaa hundumaa qabatee Edraayitti nu waraanuuf gad baʼe.+ 2 Yihowaanis, ‘Ani isas taʼe saba isaa hundumaa, akkasumas biyya isaa harka keetti dabarsee waanan kennuuf isa hin sodaatin; atis wantuma Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraachaa ture irratti goote isa irrattis ni goota’ naan jedhe. 3 Kanaafuu, Waaqni keenya Yihowaan Oog mootii Baashaanii fi saba isaa hundumaa harka keenyatti dabarsee kenne; nutis isa rukunne; saba isaa keessaas namni tokko illee hin oolle. 4 Achiis magaalota isaa hundumaa qabanne. Magaalaan nuti isaan irraa hin fudhanne hin jiru ture. Guutummaa naannoo Argoob warra bulchiinsa Oog isa Baashaan keessa ture sanaa jala jiran, jechuunis magaalota 60 ni fudhanne.+ 5 Magaalonni kun hundi dallaawwan dhagaa dhedheeroo taʼan, balbaloota, danqaraawwanii fi magaalota baadiyyaa hedduu qabu turan. 6 Haa taʼu malee, akkuma Sihoon mootii Heshboon irratti goone, isaaniinis guutummaatti ni balleessine.+ Magaalota hundumaa, dhiirota, dubartootaa fi ijoollee ni balleessine.+ 7 Horiiwwanii fi wantoota magaalota keessaa boojine hundumaas ofii keenyaaf ni fudhanne.
8 “Yeroo sanatti Sulula* Arnoon irraa jalqabee hamma Gaara Hermoonitti+ biyya mootota Amoorotaa lamaan+ warra naannoo Yordaanos keessa jiraachaa turan sanaa ni fudhanne; 9 (gaara kana Siidoononni Siriyoon jedhanii waamu turan; Amooronni immoo Seenir jedhanii waamu turan) 10 kana malees, magaalota lafa diriiraa* hundumaa, guutummaa Giiliyaad, akkasumas guutummaa Baashaan hamma Saalekaa fi Edraay+ warra magaalota bulchiinsa Oog isa Baashaanitti argamu sanaa taʼaniitti ni qabanne. 11 Oog mootiin Baashaan namoota Refaayim keessaa isa dhumaa ture. Sireen* reeffaa isaa sibiila* irraa kan tolfame yeroo taʼu, hamma harʼaattis Raabaa ishii magaalaa Amoorotaa taate keessatti argama. Sireen sun akka safartuu baramaa taʼeetti dheerinni isaa dhundhuma* sagal, dalgi isaa immoo dhundhuma afur ture. 12 Yeroo sanatti lafa kana dhaalaan ni fudhanne. Innis naannoo Aroʼer+ ishii Sulula* Arnoon biratti argamtu irraa jalqabee jiruu fi walakkaa naannoo gaarotaa Giiliyaad kan dabalatu ture; anis magaalota ishii Ruubenotaa fi Gaadotaaf nan kenne.+ 13 Kutaa Giiliyaad isa hafee fi guutummaa Baashaan isa bulchiinsa Oog taʼe immoo walakkaa gosa Minaaseetiif nan kenne.+ Guutummaan naannoo Argoob inni kan Baashaan taʼe biyya Refaayim jedhama ture.
14 “Yaaʼir+ ilmi Minaasee guutummaa naannoo Argoob+ hamma daangaa Geeshurotaa fi Maʼaakotaatti+ kan fudhate yeroo taʼu, gandeen Baashaan kanas maqaa ofii isaatiin Hawoot Yaaʼir* jedhee moggaase.+ Isaanis hamma harʼaatti maqaa kanaan waamamu. 15 Anis Giiliyaadiin Maakiiriif nan kenne.+ 16 Ruubenotaa fi Gaadotaaf+ immoo Giiliyaad irraa jalqabee hamma Sulula* Arnoonitti nan kenne. Walakkaan sululichaas daangaa isaa ture. Kana malees hamma Yaaboq, jechuunis hamma sulula daangaa Amoonotaa taʼe sanaatti, 17 Arabaa fi Yordaanos, akkasumas daangaa sana, Kinereet irraa hamma Galaana Arabaatti, jechuunis hamma Galaana Soogiddaa* isa kallattii bahaatiin irraan gadee Phisgaa jalatti argamu sanaatti isaaniif nan kenne.+
18 ‘Yeroo kanatti ajaja kana isiniif nan kenne: ‘Waaqni keessan Yihowaan akka ishii dhaaltaniif lafa kana isiniif kenne. Namoonni keessan warri ciccimoo taʼan hundi meeshaa waraanaa hidhatanii Israaʼelota warra obboloota keessan taʼan dura ni ceʼu.+ 19 Magaalota ani isiniif kenne keessatti kan hafan haadhotii manaa keessan, ijoollee keessanii fi horiiwwan keessan (isin horiiwwan hedduu akka qabdan akka gaariitti nan beeka) qofa dha; 20 kunis kan taʼu, Yihowaan akkuma isiniif godhetti hamma obboloota keessaniif boqonnaa kennutti, akkasumas hamma isaan lafa Waaqni keessan Yihowaan Yordaanos gamatti isaaniif kennu sana dhaalaan fudhatanitti dha. Achiis tokkoon tokkoon keessan gara dhaala keessan isa ani isiniif kennetti ni deebitu.’+
21 “Yeroo kanatti akkana jedheen Iyyaasuu+ ajaje: ‘Wanta Waaqni keessan Yihowaan mootota lamaan sana irratti godhe ati ijuma keetiin argiteetta. Yihowaan mootummoota gara isaaniitti ceetu hundumaa irrattis wantuma wal fakkaatu ni godha.+ 22 Kan isiniif lolu Waaqa keessan Yihowaa waan taʼeef, isaan hin sodaatinaa.’+
23 “Yeroo kanatti akkana jedheen Yihowaa kadhadhe: 24 ‘Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, ati guddina kee fi irree kee isa jabaa ana tajaajilaa keetti argisiisuu jalqabdeetta;+ samii irrattis taʼe lafa irratti waaqni akka kee wantoota guguddaa akkanaa raawwatu eenyu?+ 25 Maaloo, ani ceʼee biyya gaarii isa Yordaanos gama jiru, naannoo gaarotaa isa gaarii taʼe sanaa fi Libaanoniin akkan ilaalu naaf heyyami.’+ 26 Yihowaan garuu sababii keessaniin baayʼee natti aaree waan tureef+ na hin dhageenye. Kanaa mannaa, Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Si gaʼa! Kana booda dhimma kana natti hin kaasin. 27 Gara fiixee Phisgaatti ol baʼiitii,+ gara dhihaa, gara kaabaa, gara kibbaa fi gara bahaa ilaali; ati Yordaanosiin waan hin ceeneef, biyyattii ijuma keetiin ilaali.+ 28 Saba kana dura buʼee kan ceʼuu+ fi biyya ati argitu sana akka dhaalan kan godhu isa waan taʼeef, Iyyaasuu muudi,+ isa jajjabeessi, akkasumas isa cimsi.’ 29 Kun hundi kan taʼe yeroo nuti Beet Peʼoor+ fuuldura sululicha keessa jiraachaa turretti dha.