LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 16
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Yohaannis

      • Barattoonni Yesuus ajjeefamuu dandaʼu (1-4a)

      • Hojii hafuura qulqulluu (4b-16)

      • Gaddi barattootaa gammachuutti jijjiirama (17-24)

      • Yesuus addunyaa injifate (25-33)

Yohaannis 16:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 9:22
  • +Mat 24:9; HoE 8:1; 12:1, 2; 26:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 278

Yohaannis 16:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:19; 15:20, 21; Rom 10:2; 1Qo 2:8

Yohaannis 16:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 13:19; 14:29

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 278

Yohaannis 16:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 7:33; 13:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 278

Yohaannis 16:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 16:22

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 278

Yohaannis 16:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:16, 26; 15:26; HoE 2:32, 33

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 278

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 32

Yohaannis 16:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 278

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 32

Yohaannis 16:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 15:22
  • +Yoh 5:37, 38

Yohaannis 16:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 12:31; 14:30

Yohaannis 16:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!, ful. 55-56

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2012, ful. 6

Yohaannis 16:13

Miiljaleewwan

  • *

    Lakk. 13 fi 14 irratti “inni” kan jedhame “gargaaraa” isa lakk. 7 irratti ibsame argisiisa. Yesuus “gargaaraa” (Afaan Giriikiitiin koorniyaa dhiiraatiin ibsame) jecha jedhutti kan fayyadame hafuura qulqulluu isa humna qaama hin qabne taʼe argisiisuufi; hafuurri qulqulluun Afaan Giriikiitiin koorniyaa kamiin iyyuu hin ibsamne.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 16:7
  • +HoE 11:28; 21:10, 11; 1Xi 4:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!, ful. 55-56

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 32

Yohaannis 16:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 15:26; 1Yo 2:27
  • +1Yo 4:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 32

Yohaannis 16:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 17:10

Yohaannis 16:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 7:33; 14:19

Yohaannis 16:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 28:8; Luq 24:39-41; Yoh 20:19, 20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 278

Yohaannis 16:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 24:51, 52

Yohaannis 16:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 4:6
  • +Yoh 14:13; 15:16; 1Yo 5:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 1 2021, ful. 10

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 17

Yohaannis 16:24

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 17

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2008, ful. 21-24

Yohaannis 16:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:21
  • +Yoh 17:7, 8

Yohaannis 16:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 13:3; Ibr 9:24

Yohaannis 16:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Zak 13:7; Mat 26:31; Mar 14:27
  • +Yoh 8:29

Yohaannis 16:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:27; Efe 2:14
  • +Yoh 14:30; HoE 14:22; 1Yo 4:4; 5:4; Mul 3:21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname, mataduree 22

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    4/2021, ful. 4

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    4/2016, ful. 30-31

    Yesuus—Karaa, ful. 279

Yaada Wal Simu

Yoh. 16:2Yoh 9:22
Yoh. 16:2Mat 24:9; HoE 8:1; 12:1, 2; 26:11
Yoh. 16:3Yoh 8:19; 15:20, 21; Rom 10:2; 1Qo 2:8
Yoh. 16:4Yoh 13:19; 14:29
Yoh. 16:5Yoh 7:33; 13:3
Yoh. 16:6Yoh 16:22
Yoh. 16:7Yoh 14:16, 26; 15:26; HoE 2:32, 33
Yoh. 16:9Yoh 15:22
Yoh. 16:9Yoh 5:37, 38
Yoh. 16:11Yoh 12:31; 14:30
Yoh. 16:13Yoh 16:7
Yoh. 16:13HoE 11:28; 21:10, 11; 1Xi 4:1
Yoh. 16:14Yoh 15:26; 1Yo 2:27
Yoh. 16:141Yo 4:2
Yoh. 16:15Yoh 17:10
Yoh. 16:16Yoh 7:33; 14:19
Yoh. 16:20Mat 28:8; Luq 24:39-41; Yoh 20:19, 20
Yoh. 16:22Luq 24:51, 52
Yoh. 16:23Flp 4:6
Yoh. 16:23Yoh 14:13; 15:16; 1Yo 5:14
Yoh. 16:27Yoh 14:21
Yoh. 16:27Yoh 17:7, 8
Yoh. 16:28Yoh 13:3; Ibr 9:24
Yoh. 16:32Zak 13:7; Mat 26:31; Mar 14:27
Yoh. 16:32Yoh 8:29
Yoh. 16:33Yoh 14:27; Efe 2:14
Yoh. 16:33Yoh 14:30; HoE 14:22; 1Yo 4:4; 5:4; Mul 3:21
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yohaannis 16:1-33

Wangeela Yohaannis

16 “Akka isin hin gufanneef, ani wantoota kana isinitti himeera. 2 Namoonni mana sagadaa keessaa isin ariʼu.+ Dhuguma iyyuu, saʼaatiin namni isin ajjeesu hundi+ Waaqayyoof tajaajila qulqulluu akka dhiheesse isatti dhagaʼamu ni dhufa. 3 Haa taʼu malee, isaan wantoota kana kan godhan Abbaas taʼe anaan waan hin beekneefi.+ 4 Taʼus, saʼaatiin wantoonni kun itti raawwataman yeroo gaʼu, ani isinitti himuu koo akka yaadattaniif wantoota kana isinitti himeera.+

“Ani isinii wajjin waanan tureef, jalqaba irratti wantoota kana isinitti hin himne. 5 Amma garuu gara isa na erge sanaa nan dhaqa;+ haa taʼu malee isin keessaa namni, ‘Eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu hin jiru. 6 Garuu ani wantoota kana waanan isinitti himeef, garaan keessan gaddaan guutameera.+ 7 Taʼus, dhuguman isiniin jedha, ani kanan deemu faayidaa keessaniif jedheeni. Sababiin isaas, ani yoon deeme malee gargaaraan sun+ gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu, isa gara keessanitti nan erga. 8 Inni yeroo dhufu, waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaa fi waaʼee murtii ragaa amansiisaa addunyaadhaaf dhiheessa. 9 Jalqaba waaʼee cubbuu dhiheessa,+ sababiin isaas, isaan anatti hin amanne;+ 10 achiis waaʼee qajeelummaa, sababiin isaas, ani gara Abbaa nan dhaqa, isinis sana booda na hin argitan. 11 Itti fufees waaʼee murtii, sababiin isaas, bulchaan addunyaa kanaa itti murteeffameera.+

12 “Ani amma iyyuu wantootan isinitti himu hedduu qaba, garuu amma baachuu hin dandeessan. 13 Inni,* jechuunis hafuurri dhugaa yommuu dhufu+ garuu, gara dhugaa hundumaatti isin qajeelcha; sababiin isaas, inni wanta dhagaʼe dubbata, akkasumas wantoota dhufan isin beeksisa malee ofii isaatiin kakaʼee hin dubbatu.+ 14 Inni wanta kan koo taʼe irraa fudhatee waan isinitti beeksisuuf,+ anaaf ulfina ni kenna.+ 15 Wanti Abbaan qabu hundi kan koo ti.+ Inni wanta kan koo taʼe irraa fudhatee isinitti beeksisa kanan jedhe kanaafi. 16 Yeroo gabaabaa booda na hin argitan,+ ammas yeroo gabaabaa booda na argitu.”

17 Yeroo kanatti barattoonni isaa tokko tokko, “‘Yeroo gabaabaa booda na hin argitan, ammas yeroo gabaabaa booda na argitu’ akkasumas, ‘ani gara abbaa waanan dhaquuf’ yeroo nuun jedhu maal jechuu isaa ti?” waliin jedhan. 18 Kanaafuu, “‘Yeroo gabaabaa’ yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Waaʼee maalii dubbachaa akka jiru hin beeknu” jedhu turan. 19 Yesuus gaaffii isa gaafachuu akka barbaadan beekee akkana isaaniin jedhe: “Isin, ‘Yeroo gabaabaa booda na hin argitan, ammas yeroo gabaabaa booda na argitu’ waanan jedheef wanta kana wal gaafachaa jirtuu? 20 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin ni boossu, wayyoo wayyoos ni jettu, addunyaan garuu ni gammada; isin ni gadditu, taʼus gaddi keessan gara gammachuutti ni jijjiirama.+ 21 Dubartiin takka yommuu daʼuuf jettu saʼaatiin ishii waan gaʼeef ni gadditi; erga deessee booda garuu mucaan tokko gara addunyaa waan dhufeef, gammachuu ishii irraa kan kaʼe sana booda dhiphina ishii hin yaadattu. 22 Isinis amma gadditaniittu; haa taʼu malee, ani deebiʼee waanan isin arguuf garaan keessan ni gammada;+ gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin jalaa hin fudhatu. 23 Guyyaa sanatti isin gaaffii tokko illee na hin gaafattan. Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan,+ inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.+ 24 Isin hanga ammaatti waan tokko illee maqaa kootiin hin kadhanne. Gammachuun keessan guutuu akka taʼuuf, kadhadhaa ni argattu.

25 “Ani wantoota kana fakkeenyaan isinitti himeera. Saʼaatiin ani fakkeenyaan isinitti hin dubbanne ni dhufa; kanaa mannaa, ani waaʼee Abbaa ifatti isinitti nan hima. 26 Guyyaa sanatti isin maqaa kootiin Abbaa ni kadhattu; kana jechuun koo garuu ani isiniif nan kadhadha jechuu koo miti. 27 Sababiin isaas, isin waan na jaallattanii+ fi bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee akkan dhufe waan amantaniif,+ Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin jaallata. 28 Ani bakka buʼaa Abbaa taʼee gara addunyaa dhufeera. Amma addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa.”+

29 Yeroo kanatti barattoonni isaa akkana jedhan: “Kunoo, amma fakkeenyaan utuu hin taʼin ifatti dubbachaa jirta. 30 Ati wanta hunda akka beektuu fi gaaffii hamma gaafatamtutti eeguun akka si hin barbaachisne amma beekneerra. Kanaanis ati Waaqayyo biraa akka dhufte amanneerra.” 31 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Amma amantanii? 32 Saʼaatiin tokkoon tokkoon keessan kophaatti na dhiistanii gara mana mana keessaniitti itti faffacaatan ni dhufa; kunoo, ammuma iyyuu dhufeera.+ Taʼus, Abbaan anaa wajjin waan jiruuf, ani kophaa koo miti.+ 33 Isin karaa koo nagaa akka argattaniif, ani wantoota kana isinitti himeera.+ Addunyaa keessatti rakkinni isin irra gaʼa, garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼeera.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi