Saamuʼel Tokkoffaa
28 Bara sanatti Filisxeemonni Israaʼelota waraanuuf raayyaawwan waraanaa isaanii walitti qaban.+ Kanaafuu Akiish Daawitiin, “Atii fi namoonni kee anaa wajjin gara waraanaa akka dhaqxan beekta” jedhe.+ 2 Yeroo kanatti Daawit Akiishiin, “Tajaajilaan kee maal akka godhu ati iyyuu beekta” jedhe. Akiishis Daawitiin, “Yeroo hundumaa eegduu koo* akka taatu kanan si muudu kanaafi” jedhe.+
3 Yeroo kanatti Saamuʼel duʼee ture; Israaʼelonni hundis isaaf booʼanii magaalaa isaa Raamaa keessatti isa awwaalanii turan.+ Saaʼolis eker dubbistootaa fi raagdota biyyattii keessaa balleessee ture.+
4 Filisxeemonni walitti qabamanii dhaqanii Shunaam+ keessa buufatan. Saaʼolis Israaʼelota hundumaa walitti qabe; isaanis Gilboʼaa+ keessa buufatan. 5 Saaʼol yommuu buufata Filisxeemotaa argu ni sodaate; onneen isaas akka malee rukutuu jalqabe.+ 6 Saaʼol Yihowaa kan gaafate taʼus,+ Yihowaan garuu abjuudhaanis taʼe Uuriimiidhaan+ yookiin karaa raajotaa matumaa isaaf hin deebisne. 7 Dhuma irrattis Saaʼol tajaajiltoota isaatiin, “Dubartii ekeraa dubbistu+ naaf barbaadaa; anis dhaqeen ishii gaafadha” jedhe. Tajaajiltoonni isaas, “Kunoo, dubartiin ekeraa dubbistu tokko Een Door+ keessa jirti” jedhanii isaaf deebisan.
8 Kanaafuu, Saaʼol eenyummaa isaa dhoksee, akkasumas uffata kan biraa uffatee namoota isaa lamaa wajjin halkaniin gara dubartii sanaa dhaqe. Innis, “Maaloo dandeettii ekeraa dubbisuuf qabdutti fayyadamiitii wanta gara fuulduraa na beeksisi;+ nama ani sitti himus naaf kaasi” ishiidhaan jedhe. 9 Dubartittiin garuu, “Saaʼol maal akka godhe beekta; inni biyyattii keessaa eker dubbistootaa fi raagdota balleesseera.+ Maarree, na ajjeesisuuf yaaddee kiyyoo keessa na* galchuuf kan yaaltu maaliifi?”+ isaan jette. 10 Achiis Saaʼol, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ati waaʼee kanaatiif hin adabamtu!” jedhee maqaa Yihowaatiin ishiidhaaf kakate. 11 Yeroo kanatti dubartittiin, “Eenyuun siif kaasu?” isaan jette. Innis, “Saamuʼeliin naaf kaasi” jedhee ishiidhaaf deebise. 12 Dubartittiinis yommuu “Saamuʼeliin”*+ argitu, sagalee ishii ol kaastee iyyite; achiis Saaʼoliin, “Maaliif na gowwoomsite? Ati Saaʼol mitii?” jette. 13 Mootichis, “Hin sodaatin, maaltu sitti mulʼata?” ishiidhaan jedhe. Dubartittiinis, “Wanti waaqa fakkaatu tokko lafa keessaa yommuu baʼu natti mulʼata” jettee Saaʼoliif deebiste. 14 Innis yeruma sana, “Namichi maal fakkaata?” jedhee ishii gaafate; ishiinis, “Namicha dulloomaa tokkotu ol baʼaa jira; inni qoloo uffateera”+ isaan jette. Yeroo kanatti Saaʼol inni ol baʼe sun, “Saamuʼel” taʼuu isaa ni hubate; achiis fuula isaatiin lafatti gombifamee sagade.
15 Achiis “Saamuʼel” Saaʼoliin, “Akkan kaʼu gochuudhaan maaliif na jeeqxa?” jedhe. Saaʼolis, “Ani rakkina guddaa keessan jira. Filisxeemonni na waraanaa jiru; Waaqayyo na irraa fagaateera; karaa raajotaas taʼe abjuudhaan naaf hin deebisu;+ maal gochuu akkan qabu akka na beeksistuuf kanan si waame kanaafi”+ isaan jedhe.
16 Achiis “Saamuʼel” akkana jedhe: “Yihowaan si irraa fagaatee+ diina kee erga taʼee, kan na gaafattu maaliifi? 17 Yihowaan raajii karaa koo akkana jechuudhaan dubbate ofuma isaatiif ni raawwata: Yihowaan mootummicha harka kee irraa tarsaasee Daawit isa michoota kee keessaa tokko taʼeef ni kenna.+ 18 Ati sagalee Yihowaatiif waan hin ajajamnee fi Amaaleqota warra aarii isaa isa bobaʼu kakaasan waan hin balleessineef,+ Yihowaan guyyaa kanatti wanta kana sitti fida. 19 Yihowaan Israaʼelotas taʼe siin harka Filisxeemotaatti dabarsee ni kenna;+ atii+ fi ilmaan+ kee boru anaa wajjin taatu. Yihowaan raayyaa waraanaa Israaʼelis harka Filisxeemotaatti dabarsee ni kenna.”+
20 Yeroo kanatti Saaʼol bakkuma dhaabbatee jirutti kufee lafa dhaʼe; dubbii “Saamuʼeliin” kan kaʼes baayʼee sodaate. Inni guyyaa guutuu fi halkan guutuu nyaata waan hin nyaanneef, humna tokko illee hin qabu ture. 21 Dubartittiinis gara Saaʼol dhuftee, inni baayʼee jeeqamuu isaa yommuu argitu akkana isaan jette: “Kunoo, ani tajaajiltuun tee wanta ati jetteef ajajameera; lubbuu koo balaadhaaf saaxilee*+ wanta ati naan jette godheera. 22 Ammas maaloo, wanta tajaajiltuun tee dubbattu dhaggeeffadhu. Mee nyaata xinnoo siifan dhiheessa; atis nyaattee humna karaa kee deemuuf si dandeessisu argatta.” 23 Inni garuu, “Hin nyaadhu” jedhee dide. Haa taʼu malee, tajaajiltoonni isaa fi dubartittiin irra deddeebiʼanii isa kadhatan. Dhuma irrattis wanta isaan jedhan dhagaʼuudhaan lafaa kaʼee siree irra taaʼe. 24 Dubartittiin mana keessaa jabbii coome tokko qabdi turte; ishiin daftee jabbii sana ni qalte;* daakuu fudhattee bukeessuudhaanis maxinoo tolchite. 25 Achiis Saaʼolii fi tajaajiltoota isaatiif ni dhiheessite; isaanis ni nyaatan. Sana booda isaan kaʼanii halkaniin deeman.+