Hisqiʼel
24 Waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa kurnaffaatti ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 2 “Yaa ilma namaa, guyyaa harʼaa,* eeyyee, guyyaa kana galmeessi. Mootiin Baabilon guyyaa kanatti Yerusaalemiin haleeluu jalqabeera.+ 3 Warra finciltoota taʼan sana ilaalchisee fakkeenya* dubbadhu, waaʼee isaanii akkana jedhi:
“‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
“Disticha ibidda irra kaaʼi; ibidda irra kaaʼiitii bishaan itti naqi.+
4 Luqqeettuu isaa fi ceekuu isaa dabalatee
Foon gaggaarii mummurame hundumaa achi keessa kaaʼi;+ lafeewwan filatamoo taʼanis distichatti guuti.
5 Bushaayee keessaa hoolaa filatamaa taʼe fudhadhu;+ distii sana jalattis itti naannessiitii qoraan naqi.
Achi keessatti foonicha affeeli, lafee sanas bilcheessi.”’
6 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Magaalaa dhiiga dhangalaastu, ishii distii ligidaaʼe taatee fi ligidni ishii irraa hin balleeffamne sanaaf wayyoo!+
Foonicha tokko tokkoon baasiitii disticha duwwaa godhi;+ carraas isaaniif hin buusin.
7 Sababiin isaas, dhiigni ishii ishii keessa jira;+ ishiin dhiiga sana qarsaa qullaa taʼe irratti dhangalaasteetti.
Dhiigni sun biyyoon akka itti hin uwwifamnetti, ishiin lafa irratti isa hin dhangalaasne.+
8 Anis dheekkamsa koo kakaasee ishii irratti haaloo baʼuuf,
Dhiiga ishiin dhangalaaste qarsaa calaqqisuu fi qullaa taʼe irra kaaʼeera;
Kanas kanan godhe, dhiiga sanatti biyyoon akka hin uwwifamneefi.’+
9 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Magaalaa dhiiga dhangalaastu sanaaf wayyoo!+
Ani qoraanicha nan tuula.
10 Qoraanicha tuuli, ibiddas itti qabsiisi,
Foonicha akka gaariitti affeeli, maraqii isaa dhangalaasi, lafeewwan sunis haa gubatan.
11 Sibiilli diimaan sun akka gaariitti akka diimatuuf,
Distii duwwaa sana ibidda irra kaaʼiitii hoʼisi.
Xuraaʼummaan isaa keessa isaatti ni baqa,+ ligidni isaas ni gubata.
12 Ligidni cimaan sun waan irraa hin kaaneef,
Abdii nama kutachiisa, nama dadhabsas.+
Ligiduma isaa wajjin ibiddatti darbadhu!’
13 “‘Xuraaʼummaan kee, gocha kee isa qaanessaa taʼeen kan dhufe dha.+ Ani si qulqulleessuuf yaalii godheen ture; ati garuu xuraaʼummaa kee irraa hin qulqullooftu. Hamma aariin koo si irraa qabbanaaʼutti ati qulqulluu hin taatu.+ 14 Ani Yihowaan kana dubbadheera. Inni ni raawwatama. Utuun duubatti hin jedhin, utuun hin gaddinii fi utuun hin gaabbin tarkaanfii nan fudhadha.+ Isaan akka daandii keettii fi akka gocha keetti sitti ni murteessu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”
15 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 16 “Yaa ilma namaa, ani rukuttaa tokkoon nama ati jaallattu si jalaa nan fudhadha.+ Ati gadduu,* booʼuus taʼe imimmaan dhangalaasuu hin qabdu. 17 Sagalee utuu hin dhageessisin aadi; sirna nama duʼeef godhamu hin raawwatin.+ Marata mataa hidhadhu,+ kophees godhadhu.+ Afaan kee* hin haguuggatin;+ nyaata warri kaan sii fidanis* hin nyaatin.”+
18 Ani ganama sabichatti nan dubbadhe; haati manaa tiyyas galgala ni duute. Anis borumtaa isaatti akkuman ajajame nan godhe. 19 Sabichis, “Wantoonni gochaa jirtu kun akkamitti akka nu ilaallatan nutti hin himtuu?” naan jedhan. 20 Anis akkana jedheen isaaniif deebise: “Dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 21 ‘Akkana jedhii mana Israaʼelitti dubbadhu: “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani iddoo qulqulluu koo isa ittiin boontan, isa baayʼee jaallattanii fi hawwii garaa keessanii* taʼe sana nan xureessa.+ Ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa keessan warri dhiistanii deemtan sun goraadeedhaan ni kufu.+ 22 Sana booda isinis akkuma ani godhe gochuuf ni dirqamtu. Afaan keessan hin haguuggattan; nyaata warri kaan isiniif fidanis hin nyaattan.+ 23 Maranni mataa keessanii mataa keessan irraa hin hiikamu; kopheen keessanis miila keessan irraa hin baʼu. Isin hin gadditan yookiin hin boossan. Kanaa mannaa, isin balleessaa keessaniin kan kaʼe ni tortortu;+ walittis ni aaddu. 24 Hisqiʼel mallattoo isiniif taʼeera.+ Isinis akkuma inni godhe ni gootu. Kun yommuu raawwatamus isin ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’”’”
25 “Ati garuu yaa ilma namaa, guyyaa ani isaan irraa dahoo isaanii ishii bareedduu madda gammachuu isaanii taate, ishii baayʼee jaallatanii fi hawwii garaa* isaanii taate, ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii wajjin fudhadhutti,+ 26 namni miliqe tokko oduu isaa sitti ni hima.+ 27 Atis guyyaa sanatti afaan kee banattee nama miliqe sanatti ni dubbatta; sana booda calluma hin jettu.+ Ati isaaniif mallattoo ni taata; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”