LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 44
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Eebba sabni Waaqni filate argatu (1-5)

      • Yihowaa malee Waaqni hin jiru (6-8)

      • Waaqoliin namoonni tolfatan gatii hin qaban (9-20)

      • Yihowaan isa Israaʼeliin furu dha (21-23)

      • Karaa Qiiros iddootti deebiʼuu (24-28)

Isaayyaas 44:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 17:1, 7; 35:10, 11; Isa 41:8

Isaayyaas 44:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “guyyaa dhalatte irraa.”

  • *

    “Isa Qajeelaa” jechuu yeroo taʼu, maqaa ulfinaa Israaʼeliif kenname dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 43:1; 44:21
  • +Kes 32:15; 33:5, 26
  • +Isa 41:10; Er 30:10

Isaayyaas 44:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lafa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 41:17
  • +Isa 32:14, 15

Isaayyaas 44:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 61:11

Isaayyaas 44:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Zak 13:9

Isaayyaas 44:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 33:5; Isa 33:22
  • +Bau 6:6; Er 50:34
  • +Isa 41:4; 48:12; Mul 22:13
  • +Kes 4:35, 39; Isa 43:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 142

Isaayyaas 44:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 46:9
  • +Isa 43:9; 45:21

Isaayyaas 44:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 41:10
  • +Isa 43:10
  • +Kes 32:4; 2Sa 22:32

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    11/2022, ful. 4

Isaayyaas 44:9

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, fakkiiwwan.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 10:14; 1Mo 18:26; 1Qo 8:4
  • +Fr 115:4, 5
  • +Er 51:17

Isaayyaas 44:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 10:5; HoE 19:26

Isaayyaas 44:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 5:3, 7

Isaayyaas 44:12

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “gajaraa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 40:19; 41:7; 46:6

Isaayyaas 44:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “kompaasiidhaanis.”

  • *

    Ykn., “mana qulqullummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:4; Kes 4:15, 16; HoE 17:29
  • +Kes 27:15

Isaayyaas 44:14

Miiljaleewwan

  • *

    Muka baala magariisa urgaaʼuu fi nyaata miʼeessuuf oolu qabu.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 40:20; Er 10:3

Isaayyaas 44:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:4, 5; Lew 26:1; An 2:18, 19

Isaayyaas 44:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 37:37, 38; 45:20; 46:7

Isaayyaas 44:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 10:8, 14; Rom 1:21-23

Isaayyaas 44:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Muka gogaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 27:15

Isaayyaas 44:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu isaa.”

Isaayyaas 44:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 43:1; 44:1
  • +Isa 49:15

Isaayyaas 44:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 51:1; 103:12; Isa 1:18; 43:25; Er 33:8; HoE 3:19
  • +Isa 1:27; 48:20; 59:20

Isaayyaas 44:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 49:13; 55:12
  • +Isa 60:21

Isaayyaas 44:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 44:6
  • +Iyo 26:7; Isa 40:22
  • +Isa 42:5; 48:13

Isaayyaas 44:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Mallattoo raajonni sobaa kennan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hos 9:7
  • +2Sa 15:31; Isa 29:14

Isaayyaas 44:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 23:14; Isa 55:10, 11; Zak 1:6
  • +Fr 147:2
  • +Isa 60:10
  • +Isa 61:4

Isaayyaas 44:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 42:15; Er 50:38; Mul 16:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 3

Isaayyaas 44:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iz 1:1, 2; Isa 41:25; 45:1; 46:11; Dan 10:1
  • +Isa 48:14
  • +2Se 36:22, 23; Iz 6:3; Isa 45:13

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 3

Yaada Wal Simu

Isa. 44:1Uma 17:1, 7; 35:10, 11; Isa 41:8
Isa. 44:2Isa 43:1; 44:21
Isa. 44:2Kes 32:15; 33:5, 26
Isa. 44:2Isa 41:10; Er 30:10
Isa. 44:3Isa 41:17
Isa. 44:3Isa 32:14, 15
Isa. 44:4Isa 61:11
Isa. 44:5Zak 13:9
Isa. 44:6Kes 33:5; Isa 33:22
Isa. 44:6Bau 6:6; Er 50:34
Isa. 44:6Isa 41:4; 48:12; Mul 22:13
Isa. 44:6Kes 4:35, 39; Isa 43:10
Isa. 44:7Isa 46:9
Isa. 44:7Isa 43:9; 45:21
Isa. 44:8Isa 41:10
Isa. 44:8Isa 43:10
Isa. 44:8Kes 32:4; 2Sa 22:32
Isa. 44:9Abo 10:14; 1Mo 18:26; 1Qo 8:4
Isa. 44:9Fr 115:4, 5
Isa. 44:9Er 51:17
Isa. 44:10Er 10:5; HoE 19:26
Isa. 44:111Sa 5:3, 7
Isa. 44:12Isa 40:19; 41:7; 46:6
Isa. 44:13Bau 20:4; Kes 4:15, 16; HoE 17:29
Isa. 44:13Kes 27:15
Isa. 44:14Isa 40:20; Er 10:3
Isa. 44:15Bau 20:4, 5; Lew 26:1; An 2:18, 19
Isa. 44:17Isa 37:37, 38; 45:20; 46:7
Isa. 44:18Er 10:8, 14; Rom 1:21-23
Isa. 44:19Kes 27:15
Isa. 44:21Isa 43:1; 44:1
Isa. 44:21Isa 49:15
Isa. 44:22Fr 51:1; 103:12; Isa 1:18; 43:25; Er 33:8; HoE 3:19
Isa. 44:22Isa 1:27; 48:20; 59:20
Isa. 44:23Isa 49:13; 55:12
Isa. 44:23Isa 60:21
Isa. 44:24Isa 44:6
Isa. 44:24Iyo 26:7; Isa 40:22
Isa. 44:24Isa 42:5; 48:13
Isa. 44:25Hos 9:7
Isa. 44:252Sa 15:31; Isa 29:14
Isa. 44:26Iya 23:14; Isa 55:10, 11; Zak 1:6
Isa. 44:26Fr 147:2
Isa. 44:26Isa 60:10
Isa. 44:26Isa 61:4
Isa. 44:27Isa 42:15; Er 50:38; Mul 16:12
Isa. 44:28Iz 1:1, 2; Isa 41:25; 45:1; 46:11; Dan 10:1
Isa. 44:28Isa 48:14
Isa. 44:282Se 36:22, 23; Iz 6:3; Isa 45:13
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 44:1-28

Isaayyaas

44 “Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob,

Yaa Israaʼel isan filadhe nana,+ dhagaʼi.

 2 Yihowaan inni si uume,

Inni si tolche,+

Inni yeroo gadameessa keessa turte irraa* jalqabee si gargaare akkana jedha:

‘Yaa tajaajilaa koo Yaaqoob,

Yaa Yeshuurun*+ isan filadhe nana, hin sodaatin.+

 3 Sababiin isaas, ani isa* dheebote irratti bishaan,+

Lafa gogaa irrattis lageen yaaʼan nan dhangalaasa.

Sanyii kee irratti hafuura koo,

Ijoollee kee irrattis eebba koo nan dhangalaasa.+

 4 Isaan akkuma biqiltuu marga lalisaa gidduu jiruutti

Akkuma mukeetii alaltuu lageen yaaʼan qarqara jiraniittis ni biqilu.+

 5 Inni tokko, “Ani kan Yihowaa ti” jedha.+

Inni kan biraan maqaa Yaaqoobiin of waama,

Inni kan biraan immoo, “Ani kan Yihowaa ti” jedhee harka isaa irratti barreessa.

Maqaa Israaʼeliinis waamamuu jalqaba.’

 6 Yihowaan Mootiin Israaʼel,+ inni isa furu,+

Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha:

‘Ani isa jalqabaa fi isa xumuraa ti.+

Ana malee Waaqni kan biraan hin jiru.+

 7 Kan akka kootii eenyu?+

Inni deebii haa kennu, haa dubbatu, naaf haa mirkaneessus!+

Isaan yeroon saba isa bara dheeraa dura ture hundeesse irraa jalqabee

Wantoota dhiheenyatti dhufan,

Wantoota gara fuulduraatti raawwatamanis haa dubbatan.

 8 Hin naʼinaa,

Sodaadhaan hin hadoodinaa.+

Ani dursee tokkoon tokkoon keessanitti hin himnee? Akkasumas isinitti hin beeksisnee?

Isin dhugaa baatota koo ti.+

Ana malee Waaqni kan biraan jiraa?

Hin jiru, Qarsaan kan biraan hin jiru;+ ani tokko illee hin beeku.’”

 9 Warri fakkiiwwan bocaman tolchan hundi gatii hin qaban,

Miʼawwan isaanii warri isaan bakka guddaa kennaniif sunis faayidaa hin qaban.+

Ragoonni isaanii* kun homaa hin argan, homaas hin beekan,+

Kanaafuu, warri isaan tolchan ni qaanaʼu.+

10 Namni waaqa tolfatu yookiin sibiila baqfame irraa

Fakkii faayidaa hin qabne tolfatu eenyu?+

11 Kunoo, michoonni isaa hundi ni qaanaʼu!+

Ogeeyyiin harkaa sunis namoota dha.

Hundi isaanii walitti qabamanii iddoo isaanii haa qabatan.

Isaan ni naʼu, hundi isaaniis ni salphatu.

12 Namni sibiila tumu, sibiilicha barbadaa irra kaaʼee meeshaa* isaatiin ni tolcha.

Irree isaa isa jabaadhaan tumee

Burruusaan boca itti baasa.+

Achiis ni beelaʼa, humni isaas ni dhuma;

Bishaan waan hin dhugneefis ni dadhaba.

13 Namni muka bocu wadaroo safaraa isaa diriirsee boronqii diimaadhaan sarara itti baasa.

Achiis qirixiidhaan ni soqa, meeshaadhaanis* boca itti baasa.

Fakkii namaa irratti ni kaasa,+

Bifa namaa isa miidhagus irratti ni boca,

Achiis mana* keessa isa kaaʼa.+

14 Namni hojiin isaa muka gaattiraa muruu taʼe tokko jira.

Inni akaakuu mukaa tokko, jechuunis muka qilxuu ni filata,

Mukti sun mukeetii bosonaa gidduutti hamma cimutti ni eega.+

Inni muka laawuroo* ni dhaaba, bokkaanis isa guddisa.

15 Achiis namni tokko ibidda bobeessuuf itti fayyadama.

Inni muraasa isaa bobeessee ibidda qaqqaammata;

Ibidda qabsiisees daabboo tolfata.

Haa taʼu malee, waaqa tolfatee isa ni waaqeffata.

Fakkii bocamaa tolfatees gombifamee isa duratti ni sagada.+

16 Walakkaa isaa ibiddaan ni guba;

Walakkaa isaatiin immoo foon waadee nyaata, ni quufas.

Ibidda qaqqaammatees, “Ishoo, natti hoʼe, ibiddichas argeera” jedha.

17 Isa hafe garuu fakkii bocee waaqa ni tolfata.

Isaaf ni sagada, isa ni waaqeffatas.

Achiis, “Ati waaqa koo waan taateef, na oolchi” jedhee

Kadhannaa isatti dhiheessa.+

18 Isaan homaa hin beekan, homaas hin hubatan;+

Sababiin isaas, ijji isaanii walitti qadaadameera, arguus hin dandaʼan,

Garaan isaanii hubannaa hin qabu.

19 Namni garaa isaatti xiinxalee

Yookiin beekumsa qabaatee yookiin hubannaa qabaatee,

“Walakkaa isaa nan bobeesse,

Ibidda isaatiinis daabboo tolchee, foonis waadee nan nyaadhe.

Maarree isa irraa hafeen wanta jibbisiisaa tolchuun qabaa?+

Muka* hoo waaqeffachuun qabaa?” jedhu hin jiru.

20 Inni daaraa ni nyaata.

Garaan isaa inni gowwoomfame karaa irraa isa jalʼiseera.

Inni of* oolchuu hin dandaʼu

Yookiin, “Wanti harka mirgaa koo irra jiru soba dha mitii?” hin jedhu.

21 “Ati tajaajilaa koo waan taateef,

Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel, wantoota kana yaadadhu.

Ani si tolcheera, ati tajaajilaa koo ti.+

Yaa Israaʼel, ani si hin irraanfadhu.+

22 Ani balleessaa kee akka waan duumessaan haguugameetti,+

Cubbuu kees akka waan duumessa cimaadhaan haguugameetti nan haqa.

Waanan si furuuf, gara kootti deebiʼi.+

23 Yihowaan tarkaanfii waan fudhateef,

Isin samiiwwan ililchaa!

Isin iddoowwan gad fagoon lafaas ililchaa!

Isin gaaronni,

Ati bosonnii fi mukeetiin kee hundis ililchaa!+

Sababiin isaas, Yihowaan Yaaqoobiin fureera,

Ulfina isaas Israaʼel irratti argisiiseera.”+

24 Yihowaan inni si furu,+

Inni yeroo gadameessa keessa turtee jalqabee si tolche akkana jedha:

“Ani Yihowaa isa wanta hunda tolche dha.

Ani ofii kootiin samiiwwan akka huccuutti afeera,+

Lafas diriirseera.+

Eenyutu anaa wajjin ture?

25 Mallattoo namoonni dubbii gatii hin qabne dubbatan kennan* nan fashaleessa,

Warri hooda dubbatanis akkuma gowwootaa akka taʼan nan godha;+

Namoota ogeeyyii nan joonjessa,

Beekumsa isaaniis gowwummaatti nan jijjiira;+

26 Ani dubbiin tajaajiltoota kootii akka raawwatamu nan godha,

Raajii ergamoonni koo dubbatanis guutummaatti nan raawwadha;+

Ani waaʼee Yerusaalem, ‘Ishiin bakka jireenyaa ni taati’+

Waaʼee magaalota Yihudaas, ‘Isaan deebiʼanii ni ijaaramu,+

Diiggaawwan ishiis deebisee nan ijaara’+ nan jedha;

27 Ani bishaanota gad fagoodhaan, ‘Hurkaa,

Lageen keessan hundumaas nan gogsa’+ nan jedha;

28 Waaʼee Qiirosis,+ ‘Inni tiksee koo ti,

Fedhii koo hundumaas guutummaatti ni raawwata’+ nan jedha;

Waaʼee Yerusaalem, ‘Ishiin deebitee ni ijaaramti,’

Waaʼee mana qulqullummaas, ‘Buʼuurri kee ni kaaʼama’+ nan jedha.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi