NAAHOM
1 Murtii Nanawwee irratti dabarfame:+ Kitaaba mulʼataa Naahom* Eelqooshichaa:
2 Yihowaan Waaqa guutummaatti akka isaaf bulan barbaaduu fi haaloo baʼu dha;+
Yihowaan haaloo ni baʼa, dheekkamsa isaa ibsuufis qophaaʼaa dha.+
Yihowaan diinota isaa irratti haaloo ni baʼa,
Hamajaajota isaatiifis dheekkamsa walitti ni qaba.
3 Yihowaan aariidhaaf suuta kan jedhuu+ fi humna guddaa kan qabu dha,+
Taʼus Yihowaan adaba barbaachisu kennuu irraa matumaa duubatti hin jedhu.+
Daandiin isaa bubbee fi obomboleettii badiisa geessisu keessa jira,
Duumessoonnis akkuma awwaara miila isaa jala jiruu ti.+
Baashaanii fi Qarmeelos ni coolligu,+
Daraaraawwan Libaanonis ni coolligu.
5 Sababa isaatiin gaaronni ni sochoʼu,
Tabbawwanis ni baqu.+
Laftis fuula isaatiin kan kaʼe,
Biyyattii fi warra ishii keessa jiraatan hundumaa wajjin ni jeeqamti.+
6 Dheekkamsa isaa dura eenyutu dhaabbachuu dandaʼa?+
Aarii isaa isa guddaa eenyutu dandamachuu dandaʼa?+
Dheekkamsi isaa akka ibiddaatti ni dhangalaʼa,
Qarsaawwanis isaan kan kaʼe ni caccabu.
7 Yihowaan gaarii dha,+ guyyaa dhiphinaattis dahoo dha.+
Inni warra isatti kooluu galan ni beeka.*+
8 Inni lolaa haree sokkuun iddoo ishii* guutummaatti ni balleessa,
Diinota isaas dukkanni ni hordofa.
9 Isin Yihowaa irratti maal karoorfattu?
Inni guutummaatti isin ni balleessa.
Dhiphinni siʼa lammaffaadhaaf hin kaʼu.+
10 Isaan akkuma qoreetti wal xaxaniiru,
Isaan akkuma warra dhugaatii alkooliitiin* machaaʼanii ti;
Taʼus akkuma galabaa gogaatti ni gubatu.
11 Si keessaa inni gorsa gatii hin qabne kennuudhaan
Yihowaa irratti waan hamaa qopheessu ni kaʼa.
12 Yihowaan akkana jedha:
“Isaan jabina guutuu kan qabanii fi hedduu yoo taʼan illee,
Ni kutamu, ni duʼus.*
Ani si* adabeera, kana booda garuu si hin adabu.
13 Ani waanjoo isaa si irraa nan cabsa,+
Hidhaa kees bakka lamatti nan kuta.
14 Yihowaan waaʼee kee* akkana jedhee ajaja dabarseera:
‘Maqaan kee kana booda itti hin fufu.
Mana* waaqolii kee keessaa fakkiiwwan bocamanii fi siidaawwan sibiilaa* nan balleessa.
Ati tuffatamaa waan taateef, awwaala siif nan qopheessa.’
15 Kunoo, miilli nama misiraachoo fiduu,
Kan isa nagaa labsu+ sanaa gaarota irra jira.
Yaa Yihudaa, ayyaanota kee kabaji,+ wareega kees raawwadhu,
Sababiin isaas, inni gatii hin qabne sun lammata si keessa hin darbu.
Inni guutummaatti ni balleeffama.”
2 Inni bittinneessu sun sitti* dhufeera.+
Dahoowwan eegi.
Daandicha dammaqinaan eegi.
Mudhii kee hidhadhu,* cimina kee hundumaas walitti qabadhu.
2 Yihowaan ulfina Yaaqoob,
Ulfina Israaʼelii wajjin iddootti ni deebisa,
Sababiin isaas, warri badiisa geessisan isaan balleessaniiru;+
Latiiwwan isaaniis mancaasaniiru.
3 Gaachanoonni namoota isaa warra jajjaboo taʼanii halluu diimaa dibamaniiru,
Loltoonni isaa uffata baayʼee diimaa taʼe uffataniiru.
Guyyaa inni waraanaaf qophaaʼutti,
Sibiilli gaariiwwan fardaa waraanaa isaa akka ibiddaatti calaqqisa,
Eeboowwan isaa muka gaattiraa qabanis ni mirmirfamu.
4 Gaariiwwan fardaa waraanaa daandiiwwan irra akka malee fiigu.
Addabaabayiiwwan irra olii fi gad ni fiigu.
Isaan akkuma guca bobaʼuu ni ifu, akkuma bakakkaas ni balaqqeessaʼu.
5 Inni ajajjoota isaa ni waama.
Isaan yommuu fuulduratti adeeman ni gufatu.
Isaan gara dallaa ishiitti ni fiigu;
Ittisa ni dhaabu.
6 Karrawwan lageenii ni banamu,
Manni mootummaas ni diigama.*
7 Kun labsameera:* Ishiin saaxilamteetti,
Boojuudhaan fudhatamteetti, garbittiiwwan ishiis ni aadu;
Isaan qoma* isaanii rukutaa sagalee akka gugee* dhageessisu.
8 Nanawween+ umurii ishii guutuu akkuma bishaan kuufamaa turte,
Amma garuu isaan ishii irraa ni baqatu.
Tokko tokko, “Dhaabbadhaa! Dhaabbadhaa!” jedhanii iyyu,
Garuu duubatti kan garagalu hin jiru.+
9 Meetii saamaa, warqii saamaa!
Qabeenyichi dhuma hin qabu.
Inni wantoota gatii guddaa qaban hundumaatiin guutameera.
10 Magaalattiin duwwaa dha, onteetti, baddeettis!+
Onneen isaanii sodaadhaan baqeera, jilbi isaanii laafeera, tafni isaanii ni hollata;
Fuulli hunda isaaniis diimateera.
11 Holqi leencotaa+ inni leenconni saafelli keessatti sooratan,
Iddoon eenyu iyyuu utuu isaan hin sodaachisin
Leenci ilmoolee isaa dura buʼee keessaa baʼu sun eessa jira?
12 Leencichi ilmoolee isaatiif hamma isaan gaʼu adamsee ni fide,
Leencota dhaltuudhaafis hudhee ni ajjeese.
Inni boolla isaa wanta adamseen,
Holqa isaas horii ciccireen ni guute.
13 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani si irratti nan kaʼa,+
Gaariiwwan fardaa waraanaa kee guutummaatti nan guba,+
Goraadeenis leencota saafela kee ni nyaata.
Wanta adamsitu lafa irraa nan balleessa,
Sagaleen ergamtoota keetiis kana booda hin dhagaʼamu.”+
3 Magaalaa dhiiga dhangalaastu sanaaf wayyoo!
Ishiin gowwoomsaa fi saamichaan kan guutamte dha.
Ishiin matumaa adamsuu hin dhiistu!
2 Sagaleen alangaa fi sagaleen kililchuu geengoowwanii ni dhagaʼama,
Fardeen gulufanii fi gaariiwwan fardaa fiiganis ni mulʼatu.
3 Abbaan fardaa farda irra taaʼe, goraadeen calaqqisu, eeboon ifu,
Namoonni ajjeefaman hedduunii fi tuullaan reeffawwanii ni mulʼata,
Reeffawwan sun lakkoofsi isaanii dhuma hin qabu.
Isaan reeffawwan sanaan ni gufatu.
4 Kunis kan taʼe, gocha sagaagalummaa hedduu sagaagaltuun sun raawwattuun kan kaʼe dha,
Ishiin bareedduu fi kan nama hawwattu dha, falfala raawwachuu irrattis dandeettii guddaa qabdi,
Sagaagalummaa ishiitiin saboota, falfala ishiitiinis maatiiwwan kiyyoo keessa galchiti.
5 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, ani si* irratti kaʼeera,+
Qamisii kee hamma fuula keetti si irraa nan soqola;
Saboonni qullaa kee,
Mootummoonnis salphina kee akka argan nan godha.
7 Namni si argu hundi si irraa ni baqata,+
Akkasumas, ‘Nanawween balleeffamteetti!
Eenyutu ishiidhaaf gadda?’ jedha.
Namoota si jajjabeessan eessaan argadha?
8 Ati Noo Amoon,*+ ishii jalʼisiiwwan Abbayyaa+ bira turte irra ni caaltaa?
Bishaanonni ishiitti marsanii turan;
Qabeenya ishii galaanichaan argatti turte, dallaan ishiis galaanicha ture.
9 Itoophiyaa fi Gibxiin ishiidhaaf madda jabina guddaa turan.
Puutii+ fi Liibiyaan gargaartota ishii* turan.+
10 Haa taʼu malee, ishiin illee boojiʼamteetti;
Boojuudhaan fudhatamteetti.+
Ijoolleen ishiis qarqara* daandii hundumaa irratti ni caccabsaman.
Isaan namoota ishii warra kabajamoo irratti carraa ni buufatan,
Namoonni ishii warri guguddoon hundis miilli isaanii hidhaa sibiilaatiin ni hidhame.
11 Atis ni machoofta;+
Ni dhokatta.
Diina jalaa baʼuuf dahoo ni barbaaddatta.
12 Dahoowwan kee hundi akkuma mukeetii harbuu firiiwwan jalqaba bilchaatan qabanii ti;
Isaan yoo raafaman afaan warra isaan nyaatanii keessatti harcaʼu.
13 Kunoo, loltoonni kee si gidduutti akkuma dubartootaa taʼaniiru.
Karrawwan biyya keetii diinota keetiif akka gaariitti ni banamu.
Danqaraa karrawwan keetii ibiddi ni nyaata.
14 Yeroo marfamtu sanaaf bishaan waraabbadhu!+
Dahoowwan kee jabeeffadhu.
Dhoqqeetti seeniitii suphee dhidhiiti;
Miʼa xuubii ittiin tolchan qabadhu.
15 Yeroo sanatti illee ibiddi si nyaata.
Goraadeen si kuta.+
Akkuma ilmoo awwaannisaattis si nyaata.+
Akka ilmoo awwaannisaatti of baayʼisi!
Eeyyee, akkuma awwaannisaatti of baayʼisi!
16 Ati urjiilee samii caalaa daldaltoota kee baayʼifatteetta.
Ilmoon awwaannisaa sun gogaa isaa of irraa baasee barrisee sokka.
17 Eegdonni kee akkuma awwaannisaa,
Ajajjoonni kees akkuma hoomaa awwaannisaa ti.
Isaan guyyaa qorraatti dallaa dhagaa keessa buufatu,
Yommuu aduun baatu garuu barrisanii sokku;
Bakka isaan jiran eenyu iyyuu hin beeku.
18 Yaa mootii Asoor, tiksitoonni kee muganiiru;
Guguddoonni kees manuma isaanii keessa taaʼu.
Namoonni kee gaarota irratti bittinnaaʼaniiru,
Walitti kan isaan qabus hin jiru.+
19 Badiisa si irra gaʼu irraa boqonnaa hin argattu.
Madaan kee fayyuu hin dandaʼu.
Namoonni waaʼee kee oduu dhagaʼan hundi harka isaanii walitti rukutu;+
Sababiin isaas, gara jabina kee isa wal irraa hin cinneen kan hin miidhamne hin jiru.”+
“Jajjabina kan Kennu” jechuu dha.
Ykn., “ni kunuunsa.”
Jechuunis, Nanawwee.
Ykn., “dhugaatii qamadii irraa tolfameen.”
Ykn tarii, “innis keessa ni darba.”
Jechuunis Yihudaa.
Jechuunis Asoor.
Ykn., “Mana qulqullummaa.”
Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfaman.”
Jechuunis, Nanawwee.
Kal., “Tafa kee cimsadhu.”
Ykn., “ni jiga.”
Ykn., “murteeffameera.”
Kal., “onnee.”
Ykn., “makoodii; andarii.”
Jechuunis, Nanawwee.
Jechuunis, Teebes.
Kal., “kee.”
Kal., “mataa.”