Ermiyaas
46 Dubbiin Yihowaa saboota ilaalchisee gara Ermiyaas raajichaa dhufe isa kana:+ 2 Gibxiidhaaf,+ jechuunis raayyaa waraanaa Faraʼoon Nekoo+ mootii Gibxii isa Laga Efraaxis biratti argamuu fi Yehoyaaqiim+ ilmi Yosiyaas mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilon Kaarkemiishitti injifate sana ilaalchisee dubbiin dhufe isa kana:
3 “Gaachanoota kee warra xixinnaa* fi gaachanoota kee warra guguddaa qopheessi,
Gara waraanaattis qajeeli.
4 Isin abbootiin fardeenii, fardeen feʼadhaa, irras taaʼaa.
Iddoo keessan qabadhaa, baarmeexaa sibiilaa keessanis godhadhaa.
Eeboo qaradhaa, kootii sibiilaa keessanis uffadhaa.
5 ‘Isaan akka malee sodaatanii kanan argu maaliifi?
Isaan baqachaa jiru, loltoonni isaaniis moʼamaniiru.
Naasuudhaan baqataniiru, loltoonni isaanii of irra hin garagalle.
Bakka hundumaa jeequmsatu jira’ jedha Yihowaan.
6 ‘Inni saffisa qabu baqachuu hin dandaʼu, loltoonnis miliquu hin dandaʼan.
Isaan karaa kaabaatiin, Laga Efraaxis biratti,
Gufatanii kufaniiru.’+
7 Inni akka Laga Abbayyaatti,
Akka lageen dambaliiwwan bishaanii qabanitti dhufaa jiru kun eenyu?
8 Gibxiin akkuma Laga Abbayyaatti,+
Akkuma lageen dambaliiwwan bishaanii qabanitti dhuftee,
‘Ani ol baʼee lafa nan uwwisa.
Magaalattii fi warra ishii keessa jiraatan nan balleessa’ jetti.
9 Isin fardeen, ol baʼaa!
Isin gaariiwwan fardaas, akka malee fiigaa!
Loltoonni haa baʼan,
Kuushii fi Puut warri gaachanatti fayyadaman,+
Namoonni Luudim+ warri iddaatti fayyadamanii fi iddaa dabsanis*+ haa baʼan.
10 “Guyyaan sun guyyaa Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa diinota isaa irratti haaloo itti baʼu dha. Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni Gooftaa Ol Aanaa taʼe biyya kaabaa keessatti Laga Efraaxis+ biratti aarsaa* qopheesse waan qabuuf, goraadeen dhiiga isaanii ni nyaata, ni quufas.
11 Yaa intala Gibxii ishii durba taate nana,
Zayitii fiduuf gara Giiliyaaditti ol baʼi.+
Ati fayyuu waan hin dandeenyeef,
Qoricha baayʼifachuun kee gatii hin qabu.+
12 Saboonni salphina kee dhagaʼaniiru,+
Iyyi kees biyyattii keessa guuteera.
Loltuun loltuu gufachiisa,
Lamaan isaanii iyyuu waliin ni kufu.”
13 Dubbiin Yihowaan Nebukadnezaar* mootiin Baabilon biyya Gibxii rukutuuf akka dhufu Ermiyaas raajichatti dubbate isa kana:+
14 “Gibxii keessatti kana labsaa, Migdool keessattis beeksisaa.+
Noofii* fi Xaafnes+ keessatti kana labsaa.
Akkana jedhaa: ‘Goraadeen naannoo kee hundumaa waan nyaatuuf,
Iddoo kee qabadhu, of qopheessis.
15 Namoonni keessan warri jajjaboon haxaaʼamanii kan balleeffaman maaliifi?
Yihowaan gad waan isaan qabeef,
Isaan iddoo isaanii irra hin dhaabbanne.
16 Namoonni isaanii hedduun gufatanii kufaniiru.
Isaan, “Gara jabina goraadeetiin kan kaʼe,
Kaʼaa, gara saba keenyaattii fi gara biyya keenyaatti haa deebinu”
Waliin jechaa jiru.’
17 Isaan achitti, ‘Faraʼoon mootiin Gibxii oduu baayʼisa,
Carraa argatetti* hin fayyadamne’
Jedhanii labsaniiru.+
18 Mootichi inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe akkana jedha: ‘Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha,’
‘Inni* akkuma Taabor+ isa gaarota gidduutti argamuutti,
Akkuma Qarmeelos+ isa galaanicha biratti argamuutti ni dhufa.
19 Yaa intala Gibxii keessa jiraattu nana,
Miʼa kee boojuudhaaf qopheeffadhu.
Sababiin isaas, Noof* wanta sodaachisu ni taati;
Ibiddaan ni gubamti,* bakka namni keessa hin jiraannes ni taati.+
20 Gibxiin akkuma goromsa bareedduu ti,
Haa taʼu malee, qarxaasaan kaaba irraa ishiitti ni dhufa.
21 Loltoonni ishii warri mindeeffamanii fi gidduu ishiitti argaman illee akkuma jabbilee gabbatanii ti,
Haa taʼu malee, isaanis duubatti deebiʼanii waliin baqataniiru.
Guyyaan badiisa isaanii,
Yeroon itti qoratamanis waan isaanitti dhufeef,
Isaan iddoo isaanii irra dhaabbachuu hin dandeenye.’+
22 ‘Sagaleen ishii akkuma sagalee bofa loʼuu ti,
Sababiin isaas, isaan akkuma namoota muka muraniitti*
Qottoo qabatanii humnaan ishiitti dhufu.
23 Bosonni ishii kan keessa hin darbamne fakkaatus, isaan bosona ishii ni ciru’ jedha Yihowaan.
‘Sababiin isaas, isaan awwaannisoota caalaa hedduu dha, lakkoofsi isaaniis hammana hin jedhamu.
24 Intalli Gibxii ni qaaneffamti.
Namoota kaabaattis dabarfamtee ni kennamti.’+
25 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Amoon+ isa waaqa Noo*+ taʼetti, gara Faraʼoonitti, gara Gibxiitti, gara waaqolii ishiittii+ fi gara mootota ishiitti, eeyyee, gara Faraʼoonii fi gara warra isatti amanaman hundumaatti nan deebisa.’+
26 “‘Harka warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadaniitti,* harka Nebukadnezaar* mootii Baabilonittii fi harka tajaajiltoota isaatti dabarsee isaan nan kenna.+ Haa taʼu malee, ishiin sana booda akkuma kanaan duraa bakka namoonni keessa jiraatan ni taati’ jedha Yihowaan.+
27 ‘Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, hin sodaatin,
Yaa Israaʼel, hin naʼin.+
Sababiin isaas, ani siin biyya fagoo irraa,
Sanyii kees biyya boojiʼamanii itti fudhataman irraa nan deebisa.+
Yaaqoob ni deebiʼa, utuu hin jeeqamin tasgabbiidhaan ni jiraata,
Kan isa sodaachisus hin jiraatu.+
28 Kanaafuu, tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin.