Sefaaniyaa
1 Bara Yosiyaas+ ilma Amoon+ mootii Yihudaatti, dubbiin Yihowaa gara Sefaaniyaa* ilma Kuushii ilma Gedaaliyaa ilma Amaariyaa ilma Hisqiyaas dhufe isa kana:
2 “Ani wanta hundumaa guutummaatti lafa irraa haxaaʼee nan balleessa” jedha Yihowaan.+
3 “Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa.
Simbirroota samii fi qurxummii galaanaa,
Akkasumas gufuuwwan* sana+ hamootaa wajjin haxaaʼee nan balleessa;+
Ilmaan namootaas lafa irraa nan balleessa” jedha Yihowaan.
4 “Ani Yihudaa irrattii fi
Jiraattota Yerusaalem hundumaa irratti harka koo nan diriirsa,
Iddoo kana irraas hambaa* Baʼaal hundumaa,+
Maqaa luboota waaqa biyya ormaas luboota sanaa wajjin haxaaʼee nan balleessa;+
5 Akkasumas warra baaxii irratti raayyaa samiitiif sagadan,+
Warra utuma Yihowaadhaaf sagadanii, isaaf amanamoo taʼuufis utuma waadaa galanii+
Maalkaamiif amanamoo taʼuuf waadaa galan,+
6 Warra Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagalanii+ fi
Yihowaa hin barbaaddanne yookiin isa hin gaafanne+ haxaaʼee nan balleessa.”
7 Guyyaan Yihowaa waan dhihaateef, Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa duratti calluma jedhaa.+
Yihowaan aarsaa tokko qopheesseera; warra affeeres qulqulleesseera.
8 “Guyyaa aarsaa Yihowaatti bulchitoonni,
Ilmaan mootichaa+ fi warri uffata biyya ormaa uffatan hundi akka itti gaafataman nan godha.
9 Guyyaa sanatti namoonni waltajjii* irra baʼan hundi,
Warri mana gooftaa isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaadhaan guutan akka itti gaafataman nan godha.”
10 Yihowaan akkana jedha:
“Guyyaa sanatti Karra Qurxummii keessaa sagaleen iyyaa,+
Kutaa magaalattii Isa Lammaffaa keessaa sagaleen booʼichaa,+
Tabbawwan irraas sagaleen jeequmsa guddaa ni dhagaʼama.
11 Isin jiraattonni Maaktesh* booʼaa,
Sababiin isaas, daldaltoonni hundi balleeffamaniiru;*
Warri meetii madaalan hundi balleeffamaniiru.
12 Yeroo sanatti ani Yerusaalemiin ibsaatti fayyadamee of eeggannoodhaan nan sakattaʼa,
Warri dantaa hin qabne,* warri garaa isaaniitti,
‘Yihowaan gaariis taʼe hamaa hin godhu’ jedhan akka itti gaafataman nan godha.+
13 Qabeenyi isaanii ni saamama, manneen isaaniis ni balleeffamu.+
Isaan manneen ni ijaarratu, garuu keessa hin jiraatan;
Mukeetii wayinii ni dhaabu, garuu daadhii wayinii hin dhugan.+
14 Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhihaateera!+
Inni dhihoo dha, saffisa guddaadhaan dhihaachaa* jira!+
Sagaleen guyyaa Yihowaa sodaachisaa dha.+
Yeroo sanatti loltuun ni iyya.+
15 Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,+
Guyyaa dhiphinaa fi guyyaa yaaddoo,+
Guyyaa obomboleettii fi guyyaa badiisaa,
Guyyaa dukkanaa fi guyyaa dimimmisaa,+
Guyyaa duumessaa fi guyyaa dukkana cimaa ti.+
16 Guyyaa magaalota dallaa dhagaa qabanii fi masaraawwan dhedheeroo golee irra jiran irratti+