Baʼuu
36 “Bezaaliʼel, Oholiyaabii fi nama dandeettii* qabu hundumaa wajjin ni hojjeta; namoonni kun akkuma Yihowaan ajajetti hojii tajaajila qulqulluu hundumaa hojjechuu akka beekaniif Yihowaan ogummaa fi hubannaa isaaniif kenneera.”+
2 Achiis Museen Bezaaliʼel, Oholiyaabii fi nama dandeettii qabu hundumaa warra Yihowaan garaa isaanii keessa ogummaa kaaʼee+ fi nama hojicha fedhiidhaan hojjechuuf garaan isaa isa dirqisiise+ hundumaa ni waame. 3 Achiis isaan buusii+ Israaʼelonni hojii tajaajila qulqulluu sanaaf fidan hundumaa Musee harkaa ni fuudhan. Haa taʼu malee, uummatichi ganama ganama kennaawwan fedhiidhaan dhihaatan gara isaatti fiduu isaa ittuma fufe.
4 Achiis hojii qulqulluu sana erga jalqabanii booda, hojjettoonni dandeettii qaban hundi tokko tokkoon dhufanii, 5 “Uummatichi hojii akka hojjetamu Yihowaan ajajeef wanta barbaachisu irra baayʼee caalu fidaa jira” jedhanii Museetti himu turan. 6 Kanaafuu Museen beeksisni, “Yaa namoota Israaʼel, buusii qulqulluudhaaf kana booda miʼawwan hin fidinaa” jedhu guutummaa buufatichaatti akka himamu ajaje. Akka kanaan uummatichi wanta akkamii iyyuu akka hin fidne ni ittifame. 7 Miini sun hojii hojjetamuu qabu hundumaatiif gaʼaa ture; hamma barbaachisu irras kan caalu ture.
8 Kanaafuu, hojjettoonni dandeettii qaban hundi+ huccuuwwan dunkaanaa quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame, foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee fi foʼaa diimaa irraa tolfaman kudhan irraa godoo qulqulluu+ ni tolchan; innis* isaan irratti bifa kiruubelotaa ni dhaʼe.+ 9 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma* 28, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 ture. Huccuuwwan dunkaanaa hundi hammi isaanii qixxee ture. 10 Innis huccuuwwan dunkaanaa shan walitti ni qabsiise; huccuuwwan dunkaanaa shan kaanis walitti ni qabsiise. 11 Sana booda qarqara huccuu dunkaanaa isa dhumaa bakka itti wal qabsiifamu irratti gurroowwan foʼaa bifa cuquliisaa ni tolche. Huccuu dunkaanaa isa kan biraa keessaa qarqara huccuu bakka isa kan biraa wajjin itti wal qabatu irrattis akkanuma ni godhe. 12 Inni bakka itti wal qabatanitti fuullee walii akka taʼaniif, huccuu dunkaanaa isa tokko irratti gurroowwan 50, qarqara huccuu dunkaanaa isa kan biraa irrattis gurroowwan 50 ni tolche. 13 Dhuma irrattis godoon qulqulluun sun tokko akka taʼuuf, warqii irraa wal qabsiistuu 50 tolchee huccuuwwan dunkaanaa sana wal qabsiistuu sanaan wal qabsiise.
14 Achiis dunkaana godoo qulqulluu sana akka uwwisuuf rifeensa reʼee irraa huccuuwwan dunkaanaa ni tolche. Huccuuwwan dunkaanaa inni tolche 11 turan.+ 15 Huccuun dunkaanaa tokkoon tokkoon isaa dheerinni isaa dhundhuma 30, dalgi isaa immoo dhundhuma 4 ture. Huccuuwwan dunkaanaa 11n hundi hammi isaanii qixxee ture. 16 Achiis huccuuwwan dunkaanaa shan walitti ni qabsiise; huccuuwwan dunkaanaa kaan jaʼas walitti ni qabsiise. 17 Sana booda huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman keessaa qarqara huccuu isa dhumaa irratti gurroowwan 50 ni tolche; huccuuwwan dunkaanaa walitti qabsiifaman kaan keessaa qarqara huccuu bakka isa kan biraa wajjin itti wal qabatu irrattis gurroowwan 50 ni tolche. 18 Dunkaanichi wal qabatee tokko akka taʼuufis sibiila diimaa irraa wal qabsiistuu 50 ni tolche.
19 Inni gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame irraa wanta dunkaanicha irraan uwwifamu ni tolche; wanta isa irraan uwwifamu immoo gogaa tahaash irraa ni tolche.+
20 Achiis godoo qulqulluu sanaaf muka laaftoo+ irraa maqaaniiwwan ol dhaabbatan ni tolche.+ 21 Tokkoon tokkoon maqaanii kanaa ol dheerinni isaa dhundhuma kudhan, dalgi isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture. 22 Maqaanichi tokkoon tokkoon isaa muchawwan wal bira jiran lama qaba ture. Maqaaniiwwan godoo qulqulluu hundumaa kan tolche akka kanaan ture. 23 Akka kanaan karaa kibba godoo qulqulluutiif maqaaniiwwan kallattii kibbaatti garagalan 20 ni tolche. 24 Achiis miiloowwan uraa qabanii fi maqaaniiwwan 20n kana jala oolan 40 meetii irraa ni tolche; muchawwan maqaanii tokko jala jiran lamaaniif miiloowwan uraa qaban lama, muchawwan maqaaniiwwan itti aanan jala jiran kaaniifis muchawwan lama lamaaf miiloowwan uraa qaban lama lama ni tolche.+ 25 Karaa kaaba godoo qulqulluutiif maqaaniiwwan 20 ni tolche; 26 akkasumas miiloowwan isaanii warra uraa qaban 40 meetii irraa ni tolche; maqaanii tokko jalatti miiloowwan uraa qaban lama, tokkoon tokkoon maqaaniiwwan itti aanan kaan jalattis miiloowwan uraa qaban lama lama ni tolche.
27 Karaa duubaa godoo qulqulluu isa kallattii dhihaatti argamuuf maqaaniiwwan jaʼa ni tolche.+ 28 Godoo qulqulluu sanaaf karaa duubaatiin utubaa golee akka taʼaniif maqaaniiwwan lama ni tolche. 29 Utubaawwan kun jalaa kaasee hamma amartii isa jalqabaa fiixee irra jiruutti dachaa taʼanii kan tolfaman turan. Inni utubaawwan golee lamaan kan tolche akkuma kanaan ture. 30 Kanaafuu, isaan maqaaniiwwan saddeet, akkasumas miiloowwan isaanii warra uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman 16 qabu turan; kana jechuun, maqaanii tokko jalatti miiloowwan uraa qaban lamatu jira ture jechuu dha.
31 Achiis inni muka laaftoo irraa danqaraawwan ni tolche; maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa tokkoon argamaniif danqaraawwan shan,+ 32 maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa kan biraatiin argamaniif danqaraawwan shan, akkasumas maqaaniiwwan kallattii godoo qulqulluu gara isa duubaatiin, jechuunis gara dhihaatiin argamaniif danqaraawwan shan ni tolche. 33 Danqaraa gidduu isa maqaaniiwwan sana walakkaa darbuu fi fiixee isa tokkoo hamma fiixee isa kaanii gaʼus ni tolche. 34 Maqaaniiwwan sana warqiidhaan ni uwwise; amartiiwwan danqaraawwan sun keessa loʼan warqii irraa ni tolche; danqaraawwan sanas warqii ni uwwise.+
35 Achiis foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa golgaa+ tokko ni hojjete. Isa irrattis bifa kiruubelotaa+ ni dhaʼe.+ 36 Achiis golgichaaf utubaawwan muka laaftoo afur tolchee warqiidhaan isaan uwwise; hookkoowwan isaanii warqii irraa ni tolche; meetii baqsees utubaawwan sanaaf miiloowwan uraa qaban afur ni tolche. 37 Sana booda foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame walitti dhaʼuudhaan balbala dunkaanichaatiif golgaa tokko ni hojjete;+ 38 akkasumas utubaawwan isaa shananii fi hookkoowwan isaanii ni hojjete. Gubbaa isaanii fi wal qabsiistuuwwan* isaanii warqiidhaan ni uwwise; miiloowwan isaanii warri uraa qaban garuu sibiila diimaa irraa kan tolfaman turan.