LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 13
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Barnaabaasii fi Saaʼol misiyoonota taʼanii ergaman (1-3)

      • Qophrositti tajaajiluu (4-12)

      • Haasaa Phaawulos Anxokiyaa ishii Phisdiyaatti dhiheesse (13-41)

      • Gara saboota kaaniitti akka deeman raajiidhaan ajajaman (42-52)

Hojii Ergamootaa 13:1

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Niiger.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 12:28; Efe 4:11, 12

Hojii Ergamootaa 13:2

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:15
  • +1Xi 2:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 96-97

Hojii Ergamootaa 13:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 97

Hojii Ergamootaa 13:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 97

Hojii Ergamootaa 13:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 12:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 97

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2010, ful. 7

Hojii Ergamootaa 13:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 97-98

Hojii Ergamootaa 13:7

Miiljaleewwan

  • *

    Bulchaa koonyaa warra Roomaa. Ibsa Jechootaa ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 97-98

Hojii Ergamootaa 13:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 97-99

Hojii Ergamootaa 13:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 98-99

Hojii Ergamootaa 13:10

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:44

Hojii Ergamootaa 13:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 98-99

Hojii Ergamootaa 13:12

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Hojii Ergamootaa 13:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 12:12
  • +HoE 15:37, 38

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 100

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2010, ful. 7

Hojii Ergamootaa 13:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:1, 2; 18:4; 19:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 88

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 100-101

Hojii Ergamootaa 13:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 15:21

Hojii Ergamootaa 13:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 101

Hojii Ergamootaa 13:17

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ol kaafameen.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 6:1, 6; Kes 7:6, 8

Hojii Ergamootaa 13:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 16:35; Lak 14:33, 34

Hojii Ergamootaa 13:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 7:1; Iya 14:1, 2

Hojii Ergamootaa 13:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 2:16; 1Sa 3:20

Hojii Ergamootaa 13:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 8:4, 5
  • +1Sa 10:21; 11:15

Hojii Ergamootaa 13:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 16:12, 13; Fr 89:20
  • +1Sa 16:1
  • +1Sa 13:13, 14

Hojii Ergamootaa 13:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:12; Isa 11:1; Luq 1:31, 32, 68, 69

Hojii Ergamootaa 13:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 3:1, 6

Hojii Ergamootaa 13:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 3:11; Luq 3:16

Hojii Ergamootaa 13:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:5, 6; Luq 24:47, 48

Hojii Ergamootaa 13:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 53:7, 8

Hojii Ergamootaa 13:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:59, 60; Luq 23:13-15; Yoh 19:4
  • +Mat 27:22, 23; Yoh 19:15

Hojii Ergamootaa 13:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “awwaala yaadannoo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 27:59, 60; Yoh 19:40-42

Hojii Ergamootaa 13:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 28:5, 6; HoE 2:24

Hojii Ergamootaa 13:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 28:16; HoE 1:3; 3:15; 1Qo 15:4-7

Hojii Ergamootaa 13:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 1:4
  • +Fr 2:7; Ibr 1:5; 5:5

Hojii Ergamootaa 13:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 55:3

Hojii Ergamootaa 13:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 16:10; HoE 2:31

Hojii Ergamootaa 13:36

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “rafeera.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 2:29

Hojii Ergamootaa 13:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 2:27

Hojii Ergamootaa 13:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 24:46, 47; HoE 5:31; 10:43

Hojii Ergamootaa 13:39

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Ibr 10:1
  • +Isa 53:11; Rom 3:28; 5:18; 8:3; Ibr 7:19

Hojii Ergamootaa 13:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +An 1:5

Hojii Ergamootaa 13:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 11:23; 14:21, 22

Hojii Ergamootaa 13:44

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Hojii Ergamootaa 13:45

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 14:1, 2; 17:4, 5

Hojii Ergamootaa 13:46

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:5, 6; HoE 3:25, 26; Rom 1:16
  • +Luq 2:29-32; HoE 18:5, 6; Rom 10:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 102-104

Hojii Ergamootaa 13:47

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 49:6; HoE 1:8

Hojii Ergamootaa 13:48

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    10/2018, ful. 12

Hojii Ergamootaa 13:49

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Hojii Ergamootaa 13:50

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 23:34; HoE 14:2, 19; 17:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 103

Hojii Ergamootaa 13:51

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:14; Luq 9:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 102-104, 105-107

Hojii Ergamootaa 13:52

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 5:12

Yaada Wal Simu

HoE. 13:11Qo 12:28; Efe 4:11, 12
HoE. 13:2HoE 9:15
HoE. 13:21Xi 2:7
HoE. 13:5HoE 12:25
HoE. 13:10Yoh 8:44
HoE. 13:13HoE 12:12
HoE. 13:13HoE 15:37, 38
HoE. 13:14HoE 17:1, 2; 18:4; 19:8
HoE. 13:15HoE 15:21
HoE. 13:17Bau 6:1, 6; Kes 7:6, 8
HoE. 13:18Bau 16:35; Lak 14:33, 34
HoE. 13:19Kes 7:1; Iya 14:1, 2
HoE. 13:20Abo 2:16; 1Sa 3:20
HoE. 13:211Sa 8:4, 5
HoE. 13:211Sa 10:21; 11:15
HoE. 13:221Sa 16:12, 13; Fr 89:20
HoE. 13:221Sa 16:1
HoE. 13:221Sa 13:13, 14
HoE. 13:232Sa 7:12; Isa 11:1; Luq 1:31, 32, 68, 69
HoE. 13:24Mat 3:1, 6
HoE. 13:25Mat 3:11; Luq 3:16
HoE. 13:26Mat 10:5, 6; Luq 24:47, 48
HoE. 13:27Isa 53:7, 8
HoE. 13:28Mat 26:59, 60; Luq 23:13-15; Yoh 19:4
HoE. 13:28Mat 27:22, 23; Yoh 19:15
HoE. 13:29Mat 27:59, 60; Yoh 19:40-42
HoE. 13:30Mat 28:5, 6; HoE 2:24
HoE. 13:31Mat 28:16; HoE 1:3; 3:15; 1Qo 15:4-7
HoE. 13:33Rom 1:4
HoE. 13:33Fr 2:7; Ibr 1:5; 5:5
HoE. 13:34Isa 55:3
HoE. 13:35Fr 16:10; HoE 2:31
HoE. 13:36HoE 2:29
HoE. 13:37HoE 2:27
HoE. 13:38Luq 24:46, 47; HoE 5:31; 10:43
HoE. 13:39Ibr 10:1
HoE. 13:39Isa 53:11; Rom 3:28; 5:18; 8:3; Ibr 7:19
HoE. 13:41An 1:5
HoE. 13:43HoE 11:23; 14:21, 22
HoE. 13:45HoE 14:1, 2; 17:4, 5
HoE. 13:46Mat 10:5, 6; HoE 3:25, 26; Rom 1:16
HoE. 13:46Luq 2:29-32; HoE 18:5, 6; Rom 10:19
HoE. 13:47Isa 49:6; HoE 1:8
HoE. 13:50Mat 23:34; HoE 14:2, 19; 17:5
HoE. 13:51Mat 10:14; Luq 9:5
HoE. 13:52Mat 5:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
  • 48
  • 49
  • 50
  • 51
  • 52
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 13:1-52

Hojii Ergamootaa

13 Gumii Anxokiyaa keessa raajonnii fi barsiisonni jiru turan;+ isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Gurraacha* jedhamu, Luukiyos isa biyya Qareenaa, Maanaayin isa Heroodis bulchaa koonyaa taʼee wajjin baratee fi Saaʼol turan. 2 Isaan utuma Yihowaa* tajaajilaa fi soomaa jiranii hafuurri qulqulluun, “Barnaabaasii fi Saaʼoliin adda naaf baasaa;+ ani hojii tokko akka naaf hojjetan isaan filadheera” jedhe.+ 3 Achiis isaan erga soomanii fi erga kadhatanii booda, harka isaanii isaan irra kaaʼanii isaan ergan.

4 Kanaafuu, namoonni kun hafuura qulqulluudhaan ergamanii gara Seluuqiyaatti gad buʼan; achii kaʼaniis dooniidhaan gara Qophros dhaqan. 5 Yommuu magaalaa Salaamiis gaʼanis manneen sagadaa Yihudootaa keessatti dubbii Waaqayyoo labsuu jalqaban. Yohaannisis isaan gargaara ture.+

6 Guutummaa odola sanaa keessa naannaʼanii yommuu Phaafoos gaʼan, namicha Yihudii Baaryesuus jedhamu, isa falfalaa fi raajii sobduu taʼee wajjin wal argan. 7 Inni bulchaa biyyaa* Sargiwos Phaawulos jedhamuu fi hubataa taʼee wajjin ture. Namichi kun dubbii Waaqayyoo dhagaʼuuf fedhii guddaa waan qabuuf, Barnaabaasii fi Saaʼoliin ofitti waame. 8 Eliimaas inni falfalaa taʼe sun garuu (“Eliimaas” jechuun “falfalaa” jechuu dha) bulchaan biyyaa sun amantii kana akka hin fudhanne dhowwuu barbaadee isaan mormuu jalqabe. 9 Yeroo kanatti Saaʼol inni Phaawulos jedhamu hafuura qulqulluudhaan guutamee hubatee isa ilaalee 10 akkana jedhe: “Yaa namicha gowwoomsaa fi hammina hundumaatiin guutamte nana, ilma Diyaabilos,+ diina wanta qajeelaa hundumaa, daandii Yihowaa* isa sirrii jalʼisuu hin dhiistuu? 11 Kunoo, harki Yihowaa* si irra jira, jaamaa ni taata, yeroo muraasaaf ifa aduu hin argitu.” Yeruma sanas hurrii cimaa fi dukkanni isa uwwise; nama harka isa qabee deemu barbaachas asii fi achi deeme. 12 Bulchaan biyyaa sun barumsa waaʼee Yihowaa* barate dinqisiifatee waan tureef, wanta taʼe sana yommuu argu ni amane.

13 Phaawulosii fi hiriyoonni isaa Phaafoosii kaʼanii dooniidhaan Phergee ishii Phamfiliyaatti argamtu gaʼan. Yohaannis+ garuu isaan dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.+ 14 Isaan immoo Phergeedhaa kaʼanii gara Anxokiyaa ishii Phisdiyaatti argamtuu dhufan. Achiis guyyaa Sanbataatti gara mana sagadaa seenanii+ taaʼan. 15 Seerichii fi Raajonni uummata duratti erga dubbifamanii booda,+ geggeessitoonni mana sagadaa sun, “Yaa obbolootaa, dubbii uummaticha jajjabeessu yoo qabaattan dubbadhaa” jedhanii isaanitti ergan. 16 Kanaafuu, Phaawulos kaʼee dhaabbatee harka isaatiin mallattoo erga isaaniif kennee booda akkana jedhe:

“Namoonni Israaʼelii fi warri Waaqayyoon sodaattan kaan dhaggeeffadhaa. 17 Waaqni saba Israaʼel, abbootii keenya ni filate; utuma isaan biyya Gibxii keessa orma taʼanii jiraachaa jiranii, ol isaan qabee irree jabaadhaan* achi keessaa isaan baase.+ 18 Lafa onaa keessattis gara waggaa 40tiif isaaniif obse.+ 19 Saboota biyya Kanaʼaan keessa jiran torba erga balleessee boodas, biyya isaanii dhaalaan isaaniif kenne.+ 20 Kun hundi kan taʼe gara waggaa 450 keessatti ture.

“Kana booda, hanga Saamuʼel raajichaatti abbootii murtii isaaniif kenne.+ 21 Sana booda garuu mootiin akka isaaniif muudamu gaafatan;+ Waaqayyos Saaʼol ilma Qiish isa gosa Biiniyaam+ keessaa taʼe waggaa 40f isaaniif kenne. 22 Erga isa aangoo irraa buusee booda immoo, Daawitiin mootii godhee isaaniif kaase;+ waaʼee isaas, ‘Ani Daawit ilma Issey+ isa nama akka garaa koo taʼe+ argadheera; inni wantan barbaadu hunda ni hojjeta’ jedhee dhugaa baʼeera. 23 Akkuma waadaa galettis Waaqayyo sanyii namicha kanaa keessaa fayyisaa tokko, jechuunis Yesuusiin+ Israaʼeliif fideera. 24 Inni dhufuu isaa dura Yohaannis, cuuphaa isa mallattoo yaada geddarannaa taʼe Israaʼelota hundaaf ifatti lallabee ture.+ 25 Taʼus, Yohaannis yommuu tajaajila isaa raawwachaa turetti, ‘Eenyun isinitti fakkaadhe? Ani isa miti. Garuu kunoo, inni ani kophee isaa illee hiikuuf gaʼumsa hin qabne tokko ana duubaan dhufaa jira’ jedha ture.+

26 “Yaa obbolootaa, isin warri sanyii maatii Abrahaam taatan, akkasumas isin warri Waaqayyoon sodaattan kaan, dubbiin fayyinaa kun nuuf ergameera.+ 27 Taʼus, jiraattonni Yerusaalemii fi bulchitoonni isaanii isa hin beekne; kanaa mannaa, yeroo murtii kennanitti wanta Raajonni dubbatanii+ fi yeroo hunda sanbata sanbata sagalee guddaadhaan dubbifamu raawwataniiru. 28 Wanta duʼaaf isa geessisu tokko illee kan isa irratti hin arganne taʼus,+ Philaaxos akka isa ajjeesu cimsanii gaafatan.+ 29 Wantoota waaʼee isaa barreeffaman hunda erga raawwatanii booda, muka irraa buusanii awwaala* keessa isa kaaʼan.+ 30 Waaqayyo garuu duʼaa isa kaase;+ 31 innis guyyoota hedduudhaaf warra Galiilaadhaa jalqabee hanga Yerusaalemitti isa duukaa deemanitti mulʼate. Amma isaan waaʼee isaa namootaaf ragaa baʼaa jiru.+

32 “Kanaafuu, nuti misiraachoo waaʼee abdii abbootii keenyaaf galame sanaa dubbatu isiniif labsaa jirra. 33 Waaqayyo Yesuusiin duʼaa kaasee+ abdii kana nu warra ijoollee isaanii taaneef guutummaatti raawwateera; kunis faarfannaa isa lammaffaa irratti, ‘Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera’+ jedhamee barreeffameera. 34 Waaqayyo, Yesuusiin kan duʼaa kaase, matumaa deebiʼee akka hin tortorretti waan taʼeef, ‘Ani jaalala amanamaa hin badne isa Daawit abdachiifame sana isinitti nan argisiisa’+ jedheera. 35 Kana malees, faarfannaa kan biraa keessatti, ‘Inni siif amanamaa taʼe akka tortoru hin heyyamtu’ jedheera.+ 36 Daawit garuu bara jireenyaa isaa hundumaatti Waaqayyoon tajaajilee duʼeera;* abbootii isaa wajjin awwaalamees tortoreera.+ 37 Inni Waaqayyo duʼaa kaase sun garuu hin tortorre.+

38 “Kanaafuu, yaa obbolootaa, dhiifamni cubbuu karaa isaa argamu isiniif lallabamaa akka jiru hubadhaa;+ 39 Seerri Musee qajeelaa isin gochuu hin dandeenye;+ haa taʼu malee, duʼa namicha kanaatiin kan kaʼe Waaqayyo nama amanu kam iyyuu qajeelaa jedhee ni waama.+ 40 Kanaafuu, wanti kitaaba Raajotaa keessatti akkana jedhamee dubbatame akka isin irra hin geenye of eeggadhaa: 41 ‘Isin qoostota nana, hojiin bara keessanitti hojjechaa jiru ilaalaa; kun hojii isin utuma balʼinaan isinitti himamee illee akkan raawwadhe hin amanne dha; isin ni dinqisiifattu, ni dhumtus.’”+

42 Yommuu isaan gad baʼan, namoonni sun waaʼee dhimma kanaa Sanbata isa dhufuttis akka isaanitti himan isaan kadhatan. 43 Kanaafuu, walgaʼiin mana sagadaa keessatti godhamu yommuu xumuramu, Yihudoonnii fi namoonni amantii Yihudii fudhatanii Waaqayyoon waaqeffatan hedduun Phaawulosii fi Barnaabaas duukaa buʼan; isaanis namoonni sun gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irraa fayyadamuu isaanii akka itti fufan cimsanii isaan gorsan.+

44 Sanbata itti aanutti, namoonni magaalattii garri caalaan dubbii Yihowaa* dhagaʼuuf walitti qabaman. 45 Yihudoonni yommuu namoota sana argan hinaaffaadhaan kakaʼanii wanta Phaawulos dubbatu mormanii isa arrabsuu jalqaban.+ 46 Achiis Phaawulosii fi Barnaabaas ija jabinaan akkana isaaniin jedhan: “Dubbiin Waaqayyoo jalqaba isinitti himamuun isaa barbaachisaa ture.+ Isin dubbicha fudhachuu diddanii jireenyi bara baraa akka isiniif hin malle ofuma keessanii waan murteessitaniif, kunoo nuti saboota kaaniif ni lallabna.+ 47 Sababiin isaas Yihowaan,* ‘Hamma andaara lafaatti fayyina akka labsituuf saboota kaaniif ifa akka taatu si muudeera’ jedhee nu ajajeera.”+

48 Saboonni kaan yommuu kana dhagaʼan, baayʼee gammadanii dubbii Yihowaatiif* ulfina kennuu jalqaban; warri jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban hundis amantoota taʼan. 49 Kana malees, dubbiin Yihowaa* guutummaa biyyattii keessatti babalʼate. 50 Yihudoonni garuu dubartoota beekamoo Waaqayyoon sodaatanii fi dhiirota magaalattii beekamoo taʼan kakaasuudhaan, Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii+ biyya isaanii keessaa isaan baasan. 51 Kanaafuu, isaan awwaara miila isaanii isaanitti hurgufatanii gara Iqooniyum dhaqan.+ 52 Barattoonnis gammachuu fi hafuura qulqulluudhaan guutamuu isaanii itti fufan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi