LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 35
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Lakkoofsaa

      • Magaalota Leewwotaaf kennaman (1-8)

      • Magaalota itti baqatan (9-34)

Lakkoofsa 35:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 22:1; 36:13

Lakkoofsa 35:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 49:7; Kes 18:1; Iya 14:4
  • +Lew 25:32-34; Iya 21:3; 2Se 11:14

Lakkoofsa 35:4

Miiljaleewwan

  • *

    Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Lakkoofsa 35:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 4:42
  • +Iya 20:2, 3, 7, 8; 21:13, 21, 27, 32, 36, 38

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2087-2088

Lakkoofsa 35:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 21:3

Lakkoofsa 35:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 49:7
  • +Lak 26:54; 33:54

Lakkoofsa 35:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 3:8; 23:23; Lak 34:2

Lakkoofsa 35:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu rukute.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 21:12, 13; Kes 4:42; 19:4, 5

Lakkoofsa 35:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 19:11, 12; Iya 20:5, 9
  • +Lak 35:19; Kes 19:6

Lakkoofsa 35:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 4:41-43
  • +Kes 19:8, 9; Iya 20:7

Lakkoofsa 35:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu rukute.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 12:49; Lew 19:34; Lak 15:16
  • +Iya 20:2, 3

Lakkoofsa 35:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 9:5; Bau 21:12; Lew 24:17; Kes 19:11, 12

Lakkoofsa 35:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    11/2017, ful. 9

Lakkoofsa 35:20

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ciisee eeggachuudhaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 21:14; Kes 19:11, 12

Lakkoofsa 35:22

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ciisee eeggachuudhaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 21:12, 13; Kes 19:4, 5; Iya 20:2, 3

Lakkoofsa 35:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 35:12; Iya 20:4, 5

Lakkoofsa 35:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 29:4, 7

Lakkoofsa 35:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 20:6

Lakkoofsa 35:30

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 17:6; 19:15; Ibr 10:28
  • +Uma 9:6; Bau 20:13

Lakkoofsa 35:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 9:5; Bau 21:14; Kes 19:13

Lakkoofsa 35:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 4:8, 10; Fr 106:38; Luq 11:50
  • +Uma 9:6

Lakkoofsa 35:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 25:8; Lew 26:12

Yaada Wal Simu

Lak. 35:1Lak 22:1; 36:13
Lak. 35:2Uma 49:7; Kes 18:1; Iya 14:4
Lak. 35:2Lew 25:32-34; Iya 21:3; 2Se 11:14
Lak. 35:6Kes 4:42
Lak. 35:6Iya 20:2, 3, 7, 8; 21:13, 21, 27, 32, 36, 38
Lak. 35:7Iya 21:3
Lak. 35:8Uma 49:7
Lak. 35:8Lak 26:54; 33:54
Lak. 35:10Bau 3:8; 23:23; Lak 34:2
Lak. 35:11Bau 21:12, 13; Kes 4:42; 19:4, 5
Lak. 35:12Kes 19:11, 12; Iya 20:5, 9
Lak. 35:12Lak 35:19; Kes 19:6
Lak. 35:14Kes 4:41-43
Lak. 35:14Kes 19:8, 9; Iya 20:7
Lak. 35:15Bau 12:49; Lew 19:34; Lak 15:16
Lak. 35:15Iya 20:2, 3
Lak. 35:16Uma 9:5; Bau 21:12; Lew 24:17; Kes 19:11, 12
Lak. 35:20Bau 21:14; Kes 19:11, 12
Lak. 35:22Bau 21:12, 13; Kes 19:4, 5; Iya 20:2, 3
Lak. 35:24Lak 35:12; Iya 20:4, 5
Lak. 35:25Bau 29:4, 7
Lak. 35:28Iya 20:6
Lak. 35:30Kes 17:6; 19:15; Ibr 10:28
Lak. 35:30Uma 9:6; Bau 20:13
Lak. 35:31Uma 9:5; Bau 21:14; Kes 19:13
Lak. 35:33Uma 4:8, 10; Fr 106:38; Luq 11:50
Lak. 35:33Uma 9:6
Lak. 35:34Bau 25:8; Lew 26:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Lakkoofsa 35:1-34

Lakkoofsa

35 Yihowaan itti fufuudhaan gammoojjii Moʼaab isa Yerikoo gamatti, Yordaanos+ biratti argamu keessatti Museedhaan akkana jedhe: 2 “Israaʼelonni dhaala argatan keessaa magaalota Leewwonni keessa jiraatan,+ akkasumas iddoowwan dheedichaa magaalota sanatti marsanii jiran Leewwotaaf akka kennan isaan ajaji.+ 3 Isaanis magaalota sana keessa ni jiraatu; bakki dheedichaa sunis loon isaaniitiif, qabeenya isaaniitiif, akkasumas horiiwwan isaanii kaan hundaaf ni taʼa. 4 Bakki dheedichaa magaalota sanaa warri Leewwotaaf kennitan, dallaa magaalattiitti marsee jiru irraa kallattii hundumaatiin dhundhuma* 1,000 kan dheeratu ni taʼa. 5 Isinis magaalattii gidduutti hambistanii magaalattiidhaa alatti gara bahaatiin dhundhuma 2,000, gara kibbaatiin dhundhuma 2,000, gara dhihaatiin dhundhuma 2,000, gara kaabaatiinis dhundhuma 2,000 ni safartu. Bakki dheedichaa magaalota isaanii kanneen kana ni taʼu.

6 “Magaalota itti baqatan warra namni nama ajjeese akka itti baqatuuf+ kennitan 6+ fi magaalota kan biroo 42 Leewwotaaf ni kennitu. 7 Isin walumaa galatti magaalota 48 fi iddoowwan dheedichaa isaanii Leewwotaaf ni kennitu.+ 8 Magaalota kana dhaala Israaʼelotaa irraa fuutanii isaaniif kennitu.+ Garee isa guddaa irraa hedduu, garee isa xinnoo irraa immoo xinnoo fuutu.+ Gareen hundi dhaala fudhatee wajjin haala wal gituun magaalota isaa irraa muraasa Leewwotaaf ni kenna.”

9 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 10 “Akkana jedhii Israaʼelotatti dubbadhu: ‘Isin Yordaanosiin ceetanii gara biyya Kanaʼaanitti seenuuf jettu.+ 11 Bakka namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese* itti baqatu akka taʼanitti, magaalota itti baqatan taʼanii akka tajaajilaniif magaalota isiniif mijatan filadhaa.+ 12 Magaalonni kun namni nama ajjeese yaaʼicha duratti murtiidhaaf dhihaachuu isaa dura akka hin duunetti,+ magaalota nama haaloo baʼu jalaa itti baqattan isiniif ni taʼu.+ 13 Magaalonni itti baqatan warri isin qopheessitan jaʼan faayidaa kanaaf oolu. 14 Magaalota itti baqatan akka taʼaniif, Yordaanos gamanaan magaalota sadii,+ biyya Kanaʼaan keessattis magaalota sadii+ ni qopheessitu. 15 Magaalonni jaʼan kun Israaʼelotaaf, nama biyya ormaatiif,+ akkasumas qubataa isaan gidduu jiraatuuf, magaalota namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese* kam iyyuu baqatee kooluu itti galu ni taʼu.+

16 “‘Haa taʼu malee, namni sun miʼa sibiilaatiin nama tokko yoo rukutee fi namichi yoo duʼe, namni sun nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba.+ 17 Inni dhagaa isa ajjeesuu dandaʼuun yoo isa rukutee fi namichi yoo duʼe, namni sun nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba. 18 Namichi meeshaa mukaa isa ajjeesuu dandaʼuun yoo isa rukutee fi namni sunis yoo duʼe, namichi nama lubbuu balleesse dha. Namni lubbuu balleesse sun mamii tokko malee ajjeefamuu qaba.

19 “‘Nama lubbuu balleesse sana kan ajjeesu nama haaloo baʼu dha. Inni yommuu isa argatutti ofuma isaatiin isa ajjeesa. 20 Namni sun isa jibbee isa darbachuu isaatiin yookiin hamminaan kakaʼee* wanta tokko isatti darbachuu isaatiin yoo duʼe+ 21 yookiin isa jibbee harka isaatiin isa rukutuu isaatiin kan kaʼe namichi yoo duʼe, namni isa rukute sun mamii tokko malee ni ajjeefama. Inni nama lubbuu balleesse dha. Namni haaloo baʼu yommuu isa argatutti, nama lubbuu balleesse sana ni ajjeesa.

22 “‘Haa taʼu malee, kan isa darbate utuu itti hin yaadin yoo taʼee fi isa jibbee miti taanaan yookiin wanta tokko kan isatti darbate hamminaan kakaʼee* miti taanaan+ 23 yookiin utuu isa hin argin dhagaa yoo isa irra buusee fi namichi yoo duʼe, taʼus kana kan godhe diina isaa taʼee yookiin isa miidhuu barbaadee miti taanaan, 24 yaaʼichi murtoowwan kanaa wajjin haala wal simuun namicha isa rukutee fi namicha haaloo baʼu sana gidduutti murtii haa kennu.+ 25 Yaaʼichi nama lubbuu balleesse sana harka nama haaloo baʼu sanaa irraa oolchee, gara magaalaa itti baqatan isa namichi itti baqatee ture sanatti isa haa deebisu; namichis hamma lubni ol aanaan inni zayitii qulqulluudhaan dibame+ sun duʼutti achi keessa jiraachuu qaba.

26 “‘Haa taʼu malee, namni lubbuu balleesse sun daangaa magaalaa itti baqatamuu isa itti baqate sana keessaa yoo baʼe, 27 namni haaloo baʼu sunis namicha lubbuu balleesse sana daangaa magaalaa itti baqate sanaa alatti argatee yoo isa ajjeese, namni kun dhiiga isaatiif itti hin gaafatamu. 28 Sababiin isaas, inni hamma lubni ol aanaan duʼutti magaalaa itti baqatamu keessa jiraachuu qaba. Lubni ol aanaan sun erga duʼee booda garuu, namichi lubbuu balleesse sun gara lafa isaatti deebiʼuu ni dandaʼa.+ 29 Iddoowwan jireenyaa keessan hundumaa keessatti guutummaa dhaloota keessaniitiif kun dambii yeroo murtii kennitan hordoftan taʼee ni tajaajila.

30 “‘Namni nama* ajjeese kam iyyuu ragoonni yoo isa irratti ragaa baʼan+ nama lubbuu balleesse waan taʼeef haa ajjeefamu;+ haa taʼu malee, eenyu iyyuu ragaa namni tokko qofti isa irratti baʼuun ajjeefamuu hin qabu. 31 Namni lubbuu balleesse mamii tokko malee ajjeefamuu waan qabuuf, lubbuu nama duʼuu qabu kanaatiif furii hin fudhatinaa.+ 32 Namni magaalaa itti baqatamutti baqate tokko lubni ol aanaan duʼuu isaa dura deebiʼee lafa isaa irra akka jiraatu gochuuf furii hin fudhatinaa.

33 “‘Dhiigni lafattii waan xureessuuf, lafa irra jiraattan hin xureessinaa;+ dhiiga nama dhiiga sana dhangalaase sanaatiin yoo taʼe malee, dhiiga lafa irratti dhangalaʼeef wanti araara argamsiisu hin jiru.+ 34 Ani Yihowaan saba Israaʼel gidduu waanan jiraadhuuf, biyya keessa jiraattan isa ani irra jiraadhu hin xureessinaa.’”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi