LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Filiphisiyus 1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Filiphisiyus

      • Nagaa dhaamuu (1, 2)

      • Waaqa galateeffachuu; kadhannaa Phaawulos (3-11)

      • Rakkinni jiraatus misiraachichi ni babalʼate (12-20)

      • Kiristoosiif jedheen jiraadha; yoon duʼes anaaf buʼaa dha (21-26)

      • Misiraachichaa wajjin wal simaa jiraadhaa (27-30)

Filiphisiyus 1:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Xi 3:1, 8
  • +HoE 16:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Gurmaaʼuu, ful. 53

Filiphisiyus 1:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ta 1:2

Filiphisiyus 1:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “misiraachicha babalʼisu irratti hirmaannaa gochaa.”

Filiphisiyus 1:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Qo 1:8
  • +Flp 2:13

Filiphisiyus 1:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 3:1; Flp 1:13; Qol 4:18; 2Xi 1:8; Flm 13
  • +HoE 24:10, 14; 25:10-12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa,

    7/2023, ful. 3

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 149-150

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 21

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2015, ful. 22-23

Filiphisiyus 1:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 17:3
  • +Ibr 5:14
  • +1Ta 3:12

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2022, ful. 3

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2019, ful. 9-10

Filiphisiyus 1:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 12:2
  • +Rom 14:13, 21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 12

    Dammaqaa!,

    Lakk. 1 2020, ful. 12

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2019, ful. 10-12

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2008, ful. 24

Filiphisiyus 1:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 15:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2019, ful. 12

    Masaraa Eegumsaa,

    5/1/2007, ful. 8

Filiphisiyus 1:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 3:1
  • +HoE 28:30, 31

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2013, ful. 14-16

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2099

Filiphisiyus 1:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Flp 1:7

Filiphisiyus 1:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Qo 1:11
  • +Yoh 15:26

Filiphisiyus 1:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 14:8; 1Ph 4:16

Filiphisiyus 1:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Gal 2:20
  • +1Ta 4:14; 2Xi 4:8; Mul 14:13

Filiphisiyus 1:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Xi 4:6
  • +2Qo 5:6, 8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2008, ful. 28

Filiphisiyus 1:27

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “tokkummaadhaan.”

  • *

    Ykn., “akka lammii tokkootti deddeebiʼaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 15:5, 6; 1Qo 1:10
  • +Efe 4:1, 3; Qol 1:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2012, ful. 11-12

    9/15/2010, ful. 13-14

Filiphisiyus 1:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Ta 1:6
  • +Luq 21:19; 2Ta 1:4, 5

Filiphisiyus 1:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 5:41

Filiphisiyus 1:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 16:22, 23; 1Ta 2:2

Yaada Wal Simu

Filp. 1:11Xi 3:1, 8
Filp. 1:1HoE 16:12
Filp. 1:41Ta 1:2
Filp. 1:61Qo 1:8
Filp. 1:6Flp 2:13
Filp. 1:7Efe 3:1; Flp 1:13; Qol 4:18; 2Xi 1:8; Flm 13
Filp. 1:7HoE 24:10, 14; 25:10-12
Filp. 1:9Yoh 17:3
Filp. 1:9Ibr 5:14
Filp. 1:91Ta 3:12
Filp. 1:10Rom 12:2
Filp. 1:10Rom 14:13, 21
Filp. 1:11Yoh 15:5
Filp. 1:13Efe 3:1
Filp. 1:13HoE 28:30, 31
Filp. 1:16Flp 1:7
Filp. 1:192Qo 1:11
Filp. 1:19Yoh 15:26
Filp. 1:20Rom 14:8; 1Ph 4:16
Filp. 1:21Gal 2:20
Filp. 1:211Ta 4:14; 2Xi 4:8; Mul 14:13
Filp. 1:232Xi 4:6
Filp. 1:232Qo 5:6, 8
Filp. 1:27Rom 15:5, 6; 1Qo 1:10
Filp. 1:27Efe 4:1, 3; Qol 1:10
Filp. 1:282Ta 1:6
Filp. 1:28Luq 21:19; 2Ta 1:4, 5
Filp. 1:29HoE 5:41
Filp. 1:30HoE 16:22, 23; 1Ta 2:2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Filiphisiyus 1:1-30

Warra Filiphisiyusiif

1 Phaawulosii fi Ximotewos warra garboota Kiristoos Yesuus taʼan irraa, ilaaltota ol aanaa fi tajaajiltoota gumii+ dabalatee, qulqulloota Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanii fi Filiphisiyus+ keessa jiran hundumaaf:

2 Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.

3 Ani yeroon isin yaadadhu hundumaatti Waaqa koo nan galateeffadha; 4 yeroo hundumaa waaʼee hunda keessanii gammachuudhaan wawwaannaa nan dhiheessa;+ 5 kana kanan godhus, isin guyyaa jalqabaatii kaastanii hanga ammaatti misiraachichaaf gumaacha gochaa* waan jirtaniifi. 6 Sababiin isaas, inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun, hanga guyyaa Kiristoos Yesuusitti+ hojii sana akka xumuru nan amana.+ 7 Isin yeroon hidhamee jirutti,+ akkasumas misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuuf yaalaa turetti,+ gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa irratti anaa wajjin waan hirmaattaniif garaa koo keessa jirtu; kanaan kan kaʼes, hunda keessan ilaalchisee kana yaaduun koo sirrii dha.

8 Jaalala guddaa isa Kiristoos Yesuus qabuun hunda keessan hammam akkan yaadu Waaqayyo ragaa naaf baʼa. 9 Jaalalli keessan beekumsa sirrii+ fi hubannaa guutuudhaan+ caalaatti guddachaa akka deemu+ kadhachuu koo ittan fufa; 10 kunis isin wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastanii beekuudhaan,+ hamma guyyaa Kiristoositti mudaa kan hin qabne akka taatanii fi warra kaan akka hin gufachiisneefi;+ 11 akkasumas Waaqayyo ulfina akka argatuu fi akka jajamuuf, firii qajeelinaa karaa Yesuus Kiristoos+ argamuun akka guutamtaniifi.

12 Yaa obbolootaa, haalli ani keessa jiru caalaatti misiraachicha babalʼisuuf gumaacha gochuu isaa akka beektan nan barbaada; 13 Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo+ waardiyyoota mootii Roomaa hundaa fi warra kaan hunda biratti akka gaariitti beekameera.+ 14 Hidhamuu kootiin kan kaʼe, obboloota Gooftaa tajaajilan keessaa hedduun isaanii jabina argataniiru; dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuufis caalaatti ija jabina argisiisaa jiru.

15 Dhugaa dha, namoonni tokko tokko Kiristoosiin kan lallaban hinaaffaa fi morkiidhaan kakaʼanii ti; warri kaan garuu yaada gaariidhaan kakaʼanii ti. 16 Warri yaada gaariidhaan kakaʼanii lallaban ani misiraachichaaf falmuuf akkan muudame+ waan beekaniif jaalalaan kakaʼanii Kiristoosiin lallabu; 17 warri kaan garuu, garaa qulqulluudhaan utuu hin taʼin, hidhamuu koo irratti rakkina dabaluuf jedhanii jibbaan kakaʼanii kana godhu. 18 Kun buʼaa maalii argamsiise ree? Fakkeessuudhaanis taʼe dhugaadhaan, karaa kamiin iyyuu Kiristoos lallabamaa jira; anis kanatti nan gammada. Gara fuulduraattis gammaduu koo ittan fufa; 19 sababiin isaas, wawwaannaa keessanii+ fi deggersa hafuura Yesuus Kiristoosiin+ kun fayyina akka naaf argamsiisu beeka. 20 Kunis wantan hawwiidhaan eeggadhuu fi abdii koo isan karaa tokkoon illee itti hin qaanofnee wajjin kan wal simu dha; akkuman kanaan dura gochaa ture, bilisummaadhaan dubbachuudhaan yoon jiraadhes taʼe yoon duʼe, qaama kootiin Kiristoosiin ol nan godha.+

21 Gama kootiin, yoon jiraadhe, Kiristoosiif jedheen jiraadha;+ yoon duʼes kun anaaf buʼaa dha.+ 22 Ani fooniin yoon jiraadhe, kun firii hojii koo ti; haa taʼu malee, wantan filadhu hin beeksisu. 23 Ani gadhiifamuu fi Kiristoosii wajjin taʼuu isa shakkii tokko malee hunda irra wayyu waanan hawwuuf,+ wantoota kana lamaan gidduutti dhiphachaan jira.+ 24 Haa taʼu malee, isiniif jedhee fooniin turuun koo anaaf caalaatti barbaachisaa dha. 25 Kanaafuu, waaʼee kanaa mirkanaaʼaa waanan taʼeef, guddina akka gootanii fi amantii keessatti akka gammaddaniif fooniin turuu fi hunda keessanii wajjin jiraachuu koo akkan itti fufu beeka; 26 kunis, yommuun lammata gara keessan dhufu gammachuun isin karaa Kiristoos Yesuus qabdan guutee akka irraa dhangalaʼuufi.

27 Ani yoon dhufee isin arges taʼe yoon isin irraa fagaadhee jiraadhe, akka nama tokkootti*+ hafuura tokkoon amantii misiraachoo sanaaf wal cinaa dhaabbattanii carraaqqii gochuudhaan jabaattanii dhaabbachuu keessan akkan dhagaʼuuf, misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsuu wajjin haala wal simuun jiraadhaa;*+ 28 akkasumas karaa kamiin iyyuu diinota keessan hin sodaatinaa. Kun isaan akka badan,+ isin garuu fayyina akka argattan+ kan mirkaneessu dha; kunis Waaqayyo biraa kan kenname dha. 29 Sababiin isaas, isin Kiristoositti amanuuf qofa utuu hin taʼin, isaaf jettanii dhiphachuufis mirga argattaniittu.+ 30 Isinis qabsoo utuu ani gochaa jiruu argitanii+ fi ammas gochaa akkan jiru dhageessan sana gochaa jirtu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi