Leewwota
5 “‘Namni* tokko namoonni ragaa akka baʼan* labsamuu isaa dhagaʼee,+ ragaa baʼuu utuma dandaʼuu yookiin dhimma sana argee yookiin dhagaʼee utuma jiruu, utuu hin dubbatin hafuudhaan cubbuu yoo hojjete, balleessaa isaatiif itti gaafatama.
2 “‘Yookiin namni* tokko raqa bineensa bosonaa qulqulluu hin taanee, raqa beeladoota qulqulluu hin taanee yookiin raqa uumama tuutaan yaaʼuu fi qulqulluu hin taanee dabalatee wanta qulqulluu hin taane kam iyyuu yoo tuqe,+ inni kana kan godhe utuu hin beekin yoo taʼe illee xuraaʼaa ni taʼa; yakkamaas ni taʼa. 3 Yookiin tarii namni tokko utuu hin beekin xuraaʼummaa namaa,+ jechuunis wanta xuraaʼaa isa xureessuu dandaʼu kam iyyuu yoo tuqe, boodas kana yoo beeke inni yakkamaa ni taʼa.
4 “‘Yookiin namni* tokko, gaariis taʼe hamaa wanta tokko gochuuf jarjaree yoo kakate, sana booda garuu jarjaree kakachuu isaa yoo hubate, dhimmichi maal iyyuu yoo taʼe inni yakkamaa ni taʼa.*+
5 “‘Wantoota kana keessaa isa tokkoon yakkamaa yoo taʼe, karaa kamiin cubbuu akka raawwate himachuu+ qaba. 6 Cubbuu hojjete kanaaf aarsaa yakkaa,+ jechuunis bushaayee isaa keessaa xobbaallaa hoolaa goromtii tokko yookiin xobbaallaa reʼee goromtii tokko aarsaa cubbuutiif Yihowaadhaaf haa fidu. Achiis lubichi cubbuu isaatiif araara isaaf ni argamsiisa.
7 “‘Hoolaa fiduu hin dandaʼu yoo taʼe garuu, cubbuu raawwatameef aarsaa yakkaa akka taʼuuf isa tokko aarsaa cubbuu, isa kan biraa immoo aarsaa gubamu+ godhee gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama Yihowaadhaaf haa fidu.+ 8 Wantoota kanas gara lubichaatti ni fida; lubichis jalqaba isa aarsaa cubbuutiif dhihaatu sana fidee guutummaatti utuu irraa hin kutin karaa fuulduraatiin morma isaa irraa hamma tokko ni kuta. 9 Dhiiga gugee aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu sanaa irraas muraasa isaa cinaa iddoo aarsaa irratti ni facaasa; dhiiga isa hafe immoo iddoo aarsaa jalatti ni dhangalaasa.+ Kun aarsaa cubbuu ti. 10 Inni gugee isa kan biraa akkuma yeroo hundumaa godhamutti aarsaa gubamu godhee ni dhiheessa;+ lubichis cubbuu inni hojjeteef araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+
11 “‘Inni gugee bosonaa lama yookiin cuucii gugee lama dhiheessuu hin dandaʼu yoo taʼe, daakuu bullaaʼaa eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka tokko*+ cubbuu isaatiif aarsaa cubbuu godhee haa fidu. Kun aarsaa cubbuu waan taʼeef, zayitii itti naquu yookiin ixaana adii irra kaaʼuu hin qabu. 12 Gara lubichaattis isa haa geessu; lubichis isa irraa hammaarraa tokko fuudhee guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan, iddoo aarsaa irratti aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan gubbaatti ni aarsa. Kun aarsaa cubbuu ti. 13 Lubichis cubbuuwwan kana keessaa cubbuu inni hojjete kamiif iyyuu araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+ Aarsaan inni hafe akkuma aarsaa midhaanii+ kan lubichaa ni taʼa.’”+
14 Yihowaan itti fufuudhaan Museedhaan akkana jedhe: 15 “Namni* tokko utuu itti hin yaadin wantoota qulqulluu warra kan Yihowaa taʼan irratti cubbuu hojjechuudhaan amanamaa utuu hin taʼin yoo hafe,+ bushaayee isaa keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne aarsaa yakkaaf dhihaatu godhee Yihowaadhaaf haa fidu;+ gatiin isaa akka madaallii sheeqilii iddoo qulqulluu dhaabbataa taʼe* sanaatti meetii sheeqiliitiin* haa shallagamu.+ 16 Cubbuu iddoo qulqulluu sana irratti raawwateef kiisii haa kaffalu; kana malees, gatii isaa irratti harka shan keessaa harka tokko itti dabalee haa kaffalu.+ Lubichi korbeessa hoolaa aarsaa yakkaatiif dhihaatu sanaan araara akka isaaf argamsiisuuf,+ inni wanta kana lubichaaf ni kenna; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama.+
17 “Namni* tokko wantoota Yihowaan raawwatamuu akka hin qabne ajaje kam iyyuu gochuudhaan cubbuu yoo raawwate, kana kan godhe utuu itti hin yaadin yoo taʼe iyyuu, yakkamaa ni taʼa; balleessaa isaatiifis itti gaafatama.+ 18 Inni akka gatii shallagametti aarsaa yakkaatiif bushaayee isaa keessaa korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokko gara lubichaatti haa fidu.+ Achiis lubichi dogoggora inni utuu hin beekin raawwateef araara isaaf ni argamsiisa; cubbuun isaas isaaf ni dhiifama. 19 Kun aarsaa yakkaa ti. Inni dhugumaan Yihowaa irratti cubbuu hojjechuudhaan yakkamaa taʼeera.”