LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abbootii Murtii 1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Abbootii Murtii

      • Injifannoowwan Yihudaanii fi Simiʼoon argatan (1-20)

      • Yebuusonni Yerusaalem keessa jiraachuu isaanii itti fufan (21)

      • Yoseef Beeteliin fudhate (22-26)

      • Kanaʼaanonni guutummaatti hin ariʼamne (27-36)

Abbootii Murtii 1:1

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ilmaan Israaʼel.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 24:29
  • +Lak 27:18, 21; Abo 20:18

Abbootii Murtii 1:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “kenneera.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 49:8; Kes 33:7; 1Se 5:2

Abbootii Murtii 1:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “carraa kootti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:1; 19:1, 9

Abbootii Murtii 1:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 9:3

Abbootii Murtii 1:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 10:6; Kes 20:17
  • +Uma 15:18-21; Bau 3:8; Abo 3:5; 1Mo 9:20, 21

Abbootii Murtii 1:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:8, 12

Abbootii Murtii 1:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:63; Abo 1:21

Abbootii Murtii 1:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 11:16; 15:20, 33

Abbootii Murtii 1:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 11:21; 15:13, 14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 9/2021, ful. 9

Abbootii Murtii 1:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 10:38
  • +Iya 15:15

Abbootii Murtii 1:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 13:3, 6; 14:24; Kes 1:35, 36; Iya 14:13
  • +Iya 15:16-19

Abbootii Murtii 1:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 3:9
  • +1Se 4:13

Abbootii Murtii 1:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “harree irra teessee harka ishii walitti rukutte.”

Abbootii Murtii 1:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Negeebitti.”

  • *

    “Miʼawwan (Saaniiwwan) Bishaanii” jechuu dha.

Abbootii Murtii 1:16

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, soddaa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 24:21; Abo 4:11
  • +Bau 3:1; 4:18; 18:1; Lak 10:29
  • +Kes 34:3; Abo 3:13
  • +Lak 21:1
  • +Lak 10:29-32

Abbootii Murtii 1:17

Miiljaleewwan

  • *

    “Badiisaaf Adda kan Baafame” jechuu dha.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 27:29; Kes 20:16
  • +Iya 19:1, 4

Abbootii Murtii 1:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 10:19; Iya 11:22
  • +Abo 14:19
  • +Iya 13:1-3; 15:20, 45

Abbootii Murtii 1:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dirree gad buʼaa.”

  • *

    Kal., “gaariiwwan fardaa sibiilaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 20:1; Iya 17:16

Abbootii Murtii 1:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 14:24; Iya 14:9
  • +Lak 13:22

Abbootii Murtii 1:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 15:63; 2Sa 5:6

Abbootii Murtii 1:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 14:4
  • +Uma 49:22, 24; Iya 16:1; Fr 44:3

Abbootii Murtii 1:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 35:6

Abbootii Murtii 1:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “jaalala amanamaa.”

Abbootii Murtii 1:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 6:25; 1Sa 15:6

Abbootii Murtii 1:27

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “naannoo ishiitti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 21:8, 25; Abo 5:19
  • +Iya 17:11, 12

Abbootii Murtii 1:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 9:25; 1Mo 9:20, 21
  • +Lak 33:55; Kes 7:2; 20:16; Iya 17:13

Abbootii Murtii 1:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 16:10; 1Mo 9:16

Abbootii Murtii 1:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:15, 16
  • +Kes 20:17; Abo 2:2

Abbootii Murtii 1:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 11:8; 19:28, 31
  • +Iya 19:29, 31
  • +Iya 19:30, 31
  • +Iya 21:8, 31

Abbootii Murtii 1:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:38, 39
  • +Kes 7:2

Abbootii Murtii 1:34

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “dirree gad buʼaatti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:47; Abo 18:1

Abbootii Murtii 1:35

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Harki.”

  • *

    Kal., “ulfaatetti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 10:12
  • +Iya 19:42, 48

Abbootii Murtii 1:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 34:2, 4; Iya 15:3, 12

Yaada Wal Simu

Abo. 1:1Iya 24:29
Abo. 1:1Lak 27:18, 21; Abo 20:18
Abo. 1:2Uma 49:8; Kes 33:7; 1Se 5:2
Abo. 1:3Iya 15:1; 19:1, 9
Abo. 1:4Kes 9:3
Abo. 1:5Uma 10:6; Kes 20:17
Abo. 1:5Uma 15:18-21; Bau 3:8; Abo 3:5; 1Mo 9:20, 21
Abo. 1:7Iya 15:8, 12
Abo. 1:8Iya 15:63; Abo 1:21
Abo. 1:9Iya 11:16; 15:20, 33
Abo. 1:10Iya 11:21; 15:13, 14
Abo. 1:11Iya 10:38
Abo. 1:11Iya 15:15
Abo. 1:12Lak 13:3, 6; 14:24; Kes 1:35, 36; Iya 14:13
Abo. 1:12Iya 15:16-19
Abo. 1:13Abo 3:9
Abo. 1:131Se 4:13
Abo. 1:16Lak 24:21; Abo 4:11
Abo. 1:16Bau 3:1; 4:18; 18:1; Lak 10:29
Abo. 1:16Kes 34:3; Abo 3:13
Abo. 1:16Lak 21:1
Abo. 1:16Lak 10:29-32
Abo. 1:17Lew 27:29; Kes 20:16
Abo. 1:17Iya 19:1, 4
Abo. 1:18Uma 10:19; Iya 11:22
Abo. 1:18Abo 14:19
Abo. 1:18Iya 13:1-3; 15:20, 45
Abo. 1:19Kes 20:1; Iya 17:16
Abo. 1:20Lak 14:24; Iya 14:9
Abo. 1:20Lak 13:22
Abo. 1:21Iya 15:63; 2Sa 5:6
Abo. 1:22Iya 14:4
Abo. 1:22Uma 49:22, 24; Iya 16:1; Fr 44:3
Abo. 1:23Uma 35:6
Abo. 1:25Iya 6:25; 1Sa 15:6
Abo. 1:27Iya 21:8, 25; Abo 5:19
Abo. 1:27Iya 17:11, 12
Abo. 1:28Uma 9:25; 1Mo 9:20, 21
Abo. 1:28Lak 33:55; Kes 7:2; 20:16; Iya 17:13
Abo. 1:29Iya 16:10; 1Mo 9:16
Abo. 1:30Iya 19:15, 16
Abo. 1:30Kes 20:17; Abo 2:2
Abo. 1:31Iya 11:8; 19:28, 31
Abo. 1:31Iya 19:29, 31
Abo. 1:31Iya 19:30, 31
Abo. 1:31Iya 21:8, 31
Abo. 1:33Iya 19:38, 39
Abo. 1:33Kes 7:2
Abo. 1:34Iya 19:47; Abo 18:1
Abo. 1:35Iya 10:12
Abo. 1:35Iya 19:42, 48
Abo. 1:36Lak 34:2, 4; Iya 15:3, 12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Abbootii Murtii 1:1-36

Abbootii Murtii

1 Iyyaasuun erga duʼee booda,+ Israaʼelonni,* “Nu keessaa Kanaʼaanota waraanuuf dursee kan ol baʼu eenyu?” jedhanii Yihowaa gaafatan.+ 2 Yihowaanis, “Yihudaan ol ni baʼa.+ Kunoo, ani biyyattii harka isaatti dabarsee nan kenna”* jedhe. 3 Yihudaanis obboleessa isaa Simiʼooniin, “Kanaʼaanota waraanuuf gara naannoo anaaf ramadameetti*+ naa wajjin ol baʼi. Anis gara naannoo siif ramadamee sii wajjin nan dhaqa” jedhe. Kanaafuu, Simiʼoon isaa wajjin ni deeme.

4 Yihudaan yeroo ol baʼetti, Yihowaan Kanaʼaanotaa fi Pheriizota harka isaaniitti dabarsee kenne;+ isaanis Beezeq keessatti dhiirota 10,000 injifatan. 5 Isaan Beezeq keessatti Adonii Beezeqiin argatan; achitti isa waraananii Kanaʼaanotaa+ fi Pheriizota+ injifatan. 6 Adonii Beezeq yeroo baqatettis, duukaa buʼanii isa qaban; achiis abgudduuwwan harka isaa fi abgudduuwwan miila isaa kutan. 7 Achiis Adonii Beezeq, “Mootonni abgudduuwwan harka isaanii fi abgudduuwwan miila isaanii irraa kutamee maaddii koo jalaa nyaata funaannatan 70ni jiru. Waaqayyo wantuma ani godhe naaf deebise” jedhe. Sana booda isaan gara Yerusaalemitti isa fidan;+ innis achitti duʼe.

8 Kana malees, namoonni Yihudaa Yerusaalemiin+ waraananii ishii qabatan; magaalattii goraadeedhaan rukutanii ibidda itti gadhiisan. 9 Sana booda, namoonni Yihudaa Kanaʼaanota warra naannoo gaarotaa keessa, akkasumas Negeebii fi Shefelaa+ keessa jiraatan waraanuuf gad buʼan. 10 Kanaafuu, Yihudaan Kanaʼaanota warra Kebroon (maqaan Kebroon duraan Qiriyaat Arbaa jedhama ture) keessa jiraatan irratti duule; isaanis Sheshaayiin, Ahimaanii fi Taalmaayiin+ ni rukutan.

11 Achii kaʼaniis jiraattota Deebir+ irratti duulan. (Maqaan Deebir duraan Qiriyaat Seefer jedhama ture.)+ 12 Achiis Kaaleb,+ “Nama Qiriyaat Seefer rukutee ishii qabatuuf intala tiyya Aksaa isatti nan heerumsiisa” jedhe.+ 13 Otniʼel+ ilmi Qeenaazis+ biyyattii ni qabate; Qeenaaz obboleessa Kaaleb isa quxisuu dha. Kanaafuu, Kaaleb intala isaa Aksaa isatti ni heerumsiise. 14 Ishiinis utuu gara manaa deemaa jirtuu, abbaan ishii maasii akka isaaf kennu akka gaafatu abbaa manaa ishiitti himte. Achiis harree ishii irraa ni buute.* Kaalebis, “Maal barbaadda?” jedhee ishii gaafate. 15 Ishiinis, “Kan naa laatte lafa xinnoo gara kibbaatti* argamtu waan taʼeef, maaloo na eebbisi; Guuloot Maayimiinis* naaf kenni” isaan jette. Kanaafuu, Kaaleb Guuloot Isa Olii fi Guuloot Isa Gadii ishiidhaaf ni kenne.

16 Sanyiin Qeenicha+ isa abbiyyuu*+ Musee taʼe sanaa namoota Yihudaa wajjin magaalaa mukeetii meexxii+ biraa gara lafa onaa Yihudaa isa Aaraad+ irraa kallattii kibbaatiin argamuutti ni dhufan. Achi dhaqaniis sabicha gidduu jiraachuu jalqaban.+ 17 Yihudaan garuu obboleessa isaa Simiʼoonii wajjin Kanaʼaanota Zefaat keessa jiraatan irratti duulee isaan haleele; biyyattiis guutummaatti ni balleessan.+ Kanaafuu, magaalattii Hoormaa*+ jedhanii moggaasan. 18 Achiis Yihudaan Gaazaa+ fi naannoo ishii, Ashqaloonii+ fi naannoo ishii, akkasumas Eqroonii+ fi naannoo ishii ni qabate. 19 Yihowaan Yihudaa wajjin ture; isaanis naannoo gaarotaa sana ni dhaalan; haa taʼu malee, jiraattonni dirree* sanaa gaariiwwan fardaa waraanaa haamtuu sibiilaa qaban* waan qabaniif isaan ariʼuu hin dandeenye.+ 20 Akkuma Museen waadaa galee turettis+ Kebrooniin Kaalebiif ni kennan; innis ilmaan Anaaq+ sadan achi keessaa ni ariʼe.

21 Biiniyaamonni garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan hin ariine; kanaafuu, Yebuusonni hanga harʼaatti Biiniyaamotaa wajjin Yerusaalem keessa jiraachaa jiru.+

22 Yeroo kanatti manni Yoseef+ Beetel irratti duule; Yihowaanis isaanii wajjin ture.+ 23 Gaaf tokko manni Yoseef Beeteliin (maqaan magaalaa kanaa duraan Luuz+ jedhama ture) basaasaa ture; 24 basaastonni sunis namicha magaalattii keessaa gad baʼaa jiru tokko argan. Isaanis, “Maaloo, daandii gara magaalattiitti seensisu nutti argisiisi; nutis gaarummaa* sitti argisiisna” isaan jedhan. 25 Namichis daandii gara magaalattiitti seensisu isaanitti argisiise; isaanis magaalattii goraadeedhaan rukutan; namichaa fi guutummaa maatii isaa garuu nagaadhaan gadhiisan.+ 26 Namichi sunis gara biyya Heetotaa deeme; achiis magaalaa tokko ijaaree Luuz jedhee ishii moggaase; hanga harʼaattis maqaan ishii kanuma dha.

27 Minaaseen, Beet Shiʼaanii fi magaalota ishii jalatti* argaman, Taʼaanaakii+ fi magaalota ishii jalatti argaman, Doorii fi magaalota ishii jalatti argaman, Yibleʼaamii fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Megidoo fi magaalota ishii jalatti argaman+ dhaalaan hin fudhanne. Kanaʼaanonni biyyattii gadhiisanii deemuu didanii turan. 28 Israaʼelonni jabaachaa yeroo dhufanitti Kanaʼaanota hojii dirqamaa hojjechiisan+ malee, guutummaatti isaan hin ariine.+

29 Efreemis Kanaʼaanota Geezer keessa jiraachaa turan hin ariine. Kanaʼaanonni Geezer keessatti isaan gidduu jiraachuu isaanii ittuma fufan.+

30 Zaabiloon jiraattota Qiitroonii fi jiraattota Nahaalool+ hin ariine. Kanaʼaanonni sun isaan gidduu jiraachuu isaanii kan itti fufan yeroo taʼu, isaanis hojii dirqamaa isaan hojjechiisu turan.+

31 Asheer jiraattota Aakoo, akkasumas jiraattota Siidoon,+ Ahilaab, Akziib,+ Helbaa, Afiiqii+ fi Rehoob+ hin ariine. 32 Asheeronnis Kanaʼaanota biyyattii keessa jiraatan gidduu jiraachuu isaanii ittuma fufan; sababiin isaas, isaan isaan hin ariine turan.

33 Niftaalem jiraattota Beet Sheemeshii fi jiraattota Beet Aanaat+ hin ariine; kanaa mannaa Kanaʼaanota biyyattii keessa jiraatan gidduu jiraachuu isaanii ittuma fufan.+ Jiraattonni Beet Sheemeshii fi Beet Aanaat warra hojii dirqamaa isaaniif hojjetan ni taʼan.

34 Daanonni gara dirreetti* akka gad buʼan Amooronni waan isaaniif hin heyyamneef,+ naannoo gaarotaa keessa jiraachuuf dirqaman. 35 Kanaafuu, Amooronni Gaara Herees, Ayiloonii+ fi Shaʼaalbiimiin+ gadhiisanii deemuu didan. Humni* mana Yoseef yommuu dabaletti* garuu, isaan hojii humnaa ulfaataa taʼe akka hojjetan dirqisiifaman. 36 Naannoon Amoorotaa tabba Aqraabiimii+ fi Seelaa irraa jalqabee kan ol baʼu ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi