Faarfannaa
Geggeessaa muuziqaatiif; Mutlaabeenitti.* Faarfannaa Daawit.
א [Aleef]
9 Yaa Yihowaa, garaa koo guutuudhaan sin jajadha;
Waaʼee hojiiwwan kee warra dinqisiisoo taʼan hundumaas nan dubbadha.+
2 Ani sitti nan gammada, nan ililchas;
Yaa Isa Hundaa Olii, maqaa keetiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*+
ב [Beet]
3 Diinonni koo yommuu duubatti deebiʼan,+
Gufatanii si duraa ni badu.
4 Sababiin isaas, ati haqa naaf kenniteetta, naaf falmiteettas;
Ati teessoo kee irra teessee qajeelummaadhaan ni murteessita.+
ג [Giimel]
5 Saboota ifatteetta,+ hamootas balleessiteetta,
Maqaa isaanii baraa hamma bara baraatti haqxeetta.
6 Diinni bara baraaf balleeffameera;
Ati magaalota isaanii buqqisteetta,
Yaadannoon isaanii hundis ni bada.+
ה [Hii]
8 Inni warra lafa irra jiraataniif* qajeelummaadhaan murtii ni kenna;+
Sabootaafis murtoo seeraa qajeelaa taʼe ni dabarsa.+
ו [Waaw]
9 Yihowaan warra cunqurfamaniif iddoo amansiisaa kooluu itti galan* ni taʼa,+
Inni yeroo rakkinaatti kooluu amansiisaa dha.+
10 Warri maqaa kee beekan sitti amanamu;+
Yaa Yihowaa, ati warra si barbaaddatan matumaa hin dhiistu.+
ז [Zaayin]
11 Yihowaa isa Xiyoon keessa jiraatuuf faarfannaa galataa faarfadhaa;
Gochawwan isaas namoota gidduutti beeksisaa.+
12 Sababiin isaas, inni dhiiga isaaniitiif haaloo baʼu, isaan ni yaadata;+
Iyya warra cunqurfamaniis hin irraanfatu.+
ח [Heet]
13 Yaa Yihowaa, gaarummaa natti argisiisi;
Ati inni karrawwan duʼaa irraa na kaastu,+ cunqursaa warri na jibban na irraan gaʼan ilaali;
14 Kunis ani karrawwan intala Xiyoon+ irratti hojiiwwan kee warra jajamuu qaban akkan labsuuf,
Gochawwan fayyinaa keettis akkan gammaduufi.+
ט [Teet]
15 Saboonni boolluma ofii isaaniitiin qotan keessa lixaniiru;
Miilli isaanii kiyyoo ofii isaaniitiin dhoksaniin qabameera.+
16 Yihowaan murtii kennuun ni beekama.+
Inni hamaan hojiidhuma harka isaatiin kiyyoo keessa galeera.+
Higaayoon.* (Seelaa)
י [Yood]
17 Hamoonni gara Awwaalaatti* deebiʼu;
Saboonni Waaqayyoon irraanfatan hundis achi dhaqu.
כ [Kaaf]
19 Yaa Yihowaa, kaʼi! Namni duʼu si hin moʼin.
Saboonni si duratti itti haa murteeffamu.+
20 Yaa Yihowaa, sodaa isaanitti buusi,+
Saboonni namoota duʼan taʼuu isaanii haa beekan. (Seelaa)