Faarfannaa
KITAABA SHANAFFAA
(Faarfannaa 107-150)
107 Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;
Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
2 Warri Yihowaan fure,*
Warri inni harka* diinaa jalaa fure,+
3 Warri inni biyyoota adda addaa irraa,
Bahaa fi dhiha* irraa,
Kaabaa fi kibba irraa walitti qabe+ akkana haa jedhan.
4 Isaan lafa onaa gammoojjii taʼe keessa ni jooran;
Daandii gara magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan tokkotti geessu hin arganne.
5 Isaan beelaʼanii fi dheebotanii turan;
Dadhabbii irraa kan kaʼes gaggabanii turan.*
7 Gara magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanitti akka dhufaniif,+
Daandii isa sirrii irra akka deeman godhe.+
8 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+
9 Sababiin isaas, inni isa dheebote* dheebuu baaseera,
10 Tokko tokko dukkana cimaa keessa
Cunqurfamanii, hidhaa sibiilaatiinis hidhamanii mana hidhaa keessa jiraatu turan.
11 Sababiin isaas, isaan dubbii Waaqayyoo irratti fincilaniiru;
Gorsa isa Hundaa Oliis tuffataniiru.+
12 Kanaafuu, inni rakkinaan garaa isaanii gad qabe;+
Isaan ni gufatan, namni isaan gargaarus hin turre.
13 Yeroo dhiphina isaaniitti gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti iyyatan;
Innis rakkina isaanii irraa isaan oolche.
14 Dukkana cimaa keessaa isaan baase,
Hidhaa sibiilaa isaaniis ni kukkute.+
15 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+
16 Sababiin isaas, inni balbaloota sibiila diimaa caccabseera,
Danqaraawwan sibiilaas kukkuteera.+
18 Nyaata hundumaatiif fedhii dhaban;*
Gara karrawwan duʼaattis ni dhihaatan.
19 Yeroo dhiphina isaaniitti gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti iyyatu turan;
Innis rakkina isaanii irraa isaan oolcha ture.
20 Dubbii isaa ergee isaan fayyisa,+
Boolla keessatti qabaman keessaas isaan baasa ture.
21 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.
22 Aarsaa galataa haa dhiheessan,+
Ililchuudhaanis hojiiwwan isaa haa labsan.
23 Warri dooniidhaan galaana irra imalan,
Warri bishaanota babalʼoo irratti daldalan,+
24 Hojiiwwan Yihowaa,
Hojiiwwan dinqisiisoo inni galaana keessatti raawwate,+
25 Dambaliiwwan galaanaa ol kaasuudhaan,
Bubbeen dubbii isaatiin akkamitti akka ol kaʼu+ arganiiru.
26 Isaan hamma samiitti ol ni kaʼu,
Gara iddoo gad fagootti gad ni lixu.
Balaa isaan eeggatuun kan kaʼes, ija jabinni* isaanii ni bada.
27 Akkuma nama machaaʼeetti lafti isaaniin mara, ni gatantarus,
Dandeettiin isaanii hundi gatii kan hin qabne taʼa.+
28 Achiis yeroo dhiphina isaaniitti gara Yihowaatti iyyatu,+
Innis rakkina isaanii irraa isaan oolcha.
29 Bubbee sana cal jechisiisa;
Dambaliiwwan galaanichaas ni callisu.+
30 Yeroo wantoonni kun calluma jedhan isaan ni gammadu,
Innis gara iddoo tasgabbii hawwaa turaniitti isaan geggeessa.
31 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,
Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+
33 Inni lageen gara gammoojjiitti,
Burqaawwan bishaaniis gara lafa gogaatti ni jijjiira;+
34 Hammina warra ishii keessa jiraniitiin kan kaʼe,
Biyya oomisha kennitu gara lafa soogiddaa ona taʼetti jijjiira.+
35 Gammoojjii gara kuufamawwan bishaanii biqiltuudhaan guutamaniitti,
Lafa gogaas gara burqaawwan bishaaniitti jijjiira.+
36 Isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan akka hundeeffataniif,+
Warri beelaʼan achi akka jiraatan ni godha.+
38 Inni isaan eebbisa, isaanis akka malee ni baayʼatu;
Loon isaanii akka hirʼatan hin godhu.+
39 Taʼus, cunqursaa, rakkinaa fi gaddaan kan kaʼe
Isaan ammas ni xiqqaatu, ni salphatus.
40 Guguddoota irratti tuffii ni dhangalaasa,
Lafa onaa daandii hin qabne keessa akka jooranis ni godha.+