LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 107
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Faarfannaa

      • Hojiiwwan isaa dinqisiisoo taʼaniif Waaqa galateeffadhaa

        • Daandii isa sirrii irra isaan geggeesse (7)

        • Isa dheebotee fi isa beelaʼe quubseera (9)

        • Dukkana keessaa isaan baase (14)

        • Dubbii isaa ergee isaan fayyise (20)

        • Hiyyeeyyii cunqurfamuu irraa ni eega (41)

Faarfannaa 107:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 18:19
  • +1Se 16:34; Fr 103:17

Faarfannaa 107:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “deebisee bite.”

  • *

    Ykn., “humna.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 35:10; Er 15:21; Mik 4:10

Faarfannaa 107:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Baha biiftuu fi lixa biiftuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 106:47; Isa 43:5, 6; Er 29:14; 31:8

Faarfannaa 107:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuun isaanii gaggabee ture.”

Faarfannaa 107:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hos 5:14, 15
  • +Isa 41:17

Faarfannaa 107:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Nah 11:3
  • +Isa 30:21

Faarfannaa 107:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 16:8; Fr 40:5

Faarfannaa 107:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu waxalame.”

  • *

    Ykn., “Lubbuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 34:10; Isa 55:2; Luq 1:53

Faarfannaa 107:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 106:43; Fru 3:42

Faarfannaa 107:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:21

Faarfannaa 107:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 68:6; 146:7; Isa 49:8, 9; 61:1

Faarfannaa 107:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fru 3:22

Faarfannaa 107:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 45:1, 2

Faarfannaa 107:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fru 3:39
  • +Er 2:19

Faarfannaa 107:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Lubbuun isaanii nyaata hundumaa jibbe.”

Faarfannaa 107:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 147:3

Faarfannaa 107:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 7:12; Fr 50:14

Faarfannaa 107:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 9:21; His 27:9

Faarfannaa 107:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 1:21; Fr 104:25

Faarfannaa 107:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 135:7; Er 10:13; Yon 1:4

Faarfannaa 107:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuun.”

Faarfannaa 107:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yon 1:4, 13

Faarfannaa 107:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yon 1:14

Faarfannaa 107:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 65:7; 89:9; Yon 1:15

Faarfannaa 107:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 105:5

Faarfannaa 107:32

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Teessoo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 111:1

Faarfannaa 107:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:1, 7; Isa 42:15; Amo 4:7

Faarfannaa 107:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 13:10; Kes 29:22, 23

Faarfannaa 107:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 3:17; Isa 35:7; 41:18

Faarfannaa 107:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 107:7
  • +Fr 146:7; Luq 1:53

Faarfannaa 107:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 65:21
  • +HoE 14:17

Faarfannaa 107:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 7:13, 14

Faarfannaa 107:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 12:21, 24

Faarfannaa 107:41

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “iddoo ol kaʼaa irra kaaʼa,” jechuunis, iddoo bira hin gaʼamne.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 2:8

Faarfannaa 107:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 58:10
  • +Bau 11:7; Fr 63:11

Faarfannaa 107:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 64:9; Hos 14:9
  • +Fr 77:12; 143:5; Er 9:24

Yaada Wal Simu

Far. 107:1Luq 18:19
Far. 107:11Se 16:34; Fr 103:17
Far. 107:2Isa 35:10; Er 15:21; Mik 4:10
Far. 107:3Fr 106:47; Isa 43:5, 6; Er 29:14; 31:8
Far. 107:6Hos 5:14, 15
Far. 107:6Isa 41:17
Far. 107:7Nah 11:3
Far. 107:7Isa 30:21
Far. 107:81Se 16:8; Fr 40:5
Far. 107:9Fr 34:10; Isa 55:2; Luq 1:53
Far. 107:11Fr 106:43; Fru 3:42
Far. 107:12Lew 26:21
Far. 107:14Fr 68:6; 146:7; Isa 49:8, 9; 61:1
Far. 107:15Fru 3:22
Far. 107:16Isa 45:1, 2
Far. 107:17Fru 3:39
Far. 107:17Er 2:19
Far. 107:20Fr 147:3
Far. 107:22Lew 7:12; Fr 50:14
Far. 107:232Se 9:21; His 27:9
Far. 107:24Uma 1:21; Fr 104:25
Far. 107:25Fr 135:7; Er 10:13; Yon 1:4
Far. 107:27Yon 1:4, 13
Far. 107:28Yon 1:14
Far. 107:29Fr 65:7; 89:9; Yon 1:15
Far. 107:31Fr 105:5
Far. 107:32Fr 111:1
Far. 107:331Mo 17:1, 7; Isa 42:15; Amo 4:7
Far. 107:34Uma 13:10; Kes 29:22, 23
Far. 107:352Mo 3:17; Isa 35:7; 41:18
Far. 107:36Fr 107:7
Far. 107:36Fr 146:7; Luq 1:53
Far. 107:37Isa 65:21
Far. 107:37HoE 14:17
Far. 107:38Kes 7:13, 14
Far. 107:40Iyo 12:21, 24
Far. 107:411Sa 2:8
Far. 107:42Fr 58:10
Far. 107:42Bau 11:7; Fr 63:11
Far. 107:43Fr 64:9; Hos 14:9
Far. 107:43Fr 77:12; 143:5; Er 9:24
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faarfannaa 107:1-43

Faarfannaa

KITAABA SHANAFFAA

(Faarfannaa 107-150)

107 Inni gaarii+ waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;

Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+

 2 Warri Yihowaan fure,*

Warri inni harka* diinaa jalaa fure,+

 3 Warri inni biyyoota adda addaa irraa,

Bahaa fi dhiha* irraa,

Kaabaa fi kibba irraa walitti qabe+ akkana haa jedhan.

 4 Isaan lafa onaa gammoojjii taʼe keessa ni jooran;

Daandii gara magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan tokkotti geessu hin arganne.

 5 Isaan beelaʼanii fi dheebotanii turan;

Dadhabbii irraa kan kaʼes gaggabanii turan.*

 6 Yeroo dhiphina isaaniitti gara Yihowaatti iyyatan;+

Innis rakkina isaanii irraa isaan oolche.+

 7 Gara magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanitti akka dhufaniif,+

Daandii isa sirrii irra akka deeman godhe.+

 8 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,

Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+

 9 Sababiin isaas, inni isa dheebote* dheebuu baaseera,

Isa* beelaʼes wantoota gaggaariidhaan quubseera.+

10 Tokko tokko dukkana cimaa keessa

Cunqurfamanii, hidhaa sibiilaatiinis hidhamanii mana hidhaa keessa jiraatu turan.

11 Sababiin isaas, isaan dubbii Waaqayyoo irratti fincilaniiru;

Gorsa isa Hundaa Oliis tuffataniiru.+

12 Kanaafuu, inni rakkinaan garaa isaanii gad qabe;+

Isaan ni gufatan, namni isaan gargaarus hin turre.

13 Yeroo dhiphina isaaniitti gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti iyyatan;

Innis rakkina isaanii irraa isaan oolche.

14 Dukkana cimaa keessaa isaan baase,

Hidhaa sibiilaa isaaniis ni kukkute.+

15 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,

Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+

16 Sababiin isaas, inni balbaloota sibiila diimaa caccabseera,

Danqaraawwan sibiilaas kukkuteera.+

17 Gowwoonni balleessaa isaanii fi dogoggora isaaniitiin kan kaʼe,+

Rakkinni isaan irra gaʼee ture.+

18 Nyaata hundumaatiif fedhii dhaban;*

Gara karrawwan duʼaattis ni dhihaatan.

19 Yeroo dhiphina isaaniitti gargaarsa argachuuf gara Yihowaatti iyyatu turan;

Innis rakkina isaanii irraa isaan oolcha ture.

20 Dubbii isaa ergee isaan fayyisa,+

Boolla keessatti qabaman keessaas isaan baasa ture.

21 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,

Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.

22 Aarsaa galataa haa dhiheessan,+

Ililchuudhaanis hojiiwwan isaa haa labsan.

23 Warri dooniidhaan galaana irra imalan,

Warri bishaanota babalʼoo irratti daldalan,+

24 Hojiiwwan Yihowaa,

Hojiiwwan dinqisiisoo inni galaana keessatti raawwate,+

25 Dambaliiwwan galaanaa ol kaasuudhaan,

Bubbeen dubbii isaatiin akkamitti akka ol kaʼu+ arganiiru.

26 Isaan hamma samiitti ol ni kaʼu,

Gara iddoo gad fagootti gad ni lixu.

Balaa isaan eeggatuun kan kaʼes, ija jabinni* isaanii ni bada.

27 Akkuma nama machaaʼeetti lafti isaaniin mara, ni gatantarus,

Dandeettiin isaanii hundi gatii kan hin qabne taʼa.+

28 Achiis yeroo dhiphina isaaniitti gara Yihowaatti iyyatu,+

Innis rakkina isaanii irraa isaan oolcha.

29 Bubbee sana cal jechisiisa;

Dambaliiwwan galaanichaas ni callisu.+

30 Yeroo wantoonni kun calluma jedhan isaan ni gammadu,

Innis gara iddoo tasgabbii hawwaa turaniitti isaan geggeessa.

31 Namoonni jaalala isaa isa amanamaadhaaf,

Hojiiwwan isaa warra dinqisiisoo inni ilmaan namootaatiif raawwateefis Yihowaadhaaf galata haa galchan.+

32 Gumii uummataa keessatti ol isa haa qaban,+

Yaaʼii* jaarsolii keessattis isa haa jajatan.

33 Inni lageen gara gammoojjiitti,

Burqaawwan bishaaniis gara lafa gogaatti ni jijjiira;+

34 Hammina warra ishii keessa jiraniitiin kan kaʼe,

Biyya oomisha kennitu gara lafa soogiddaa ona taʼetti jijjiira.+

35 Gammoojjii gara kuufamawwan bishaanii biqiltuudhaan guutamaniitti,

Lafa gogaas gara burqaawwan bishaaniitti jijjiira.+

36 Isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan akka hundeeffataniif,+

Warri beelaʼan achi akka jiraatan ni godha.+

37 Maasii irratti sanyii ni facaasu, muka wayiniis ni dhaabu,+

Isaanis oomisha gaarii ni kennu.+

38 Inni isaan eebbisa, isaanis akka malee ni baayʼatu;

Loon isaanii akka hirʼatan hin godhu.+

39 Taʼus, cunqursaa, rakkinaa fi gaddaan kan kaʼe

Isaan ammas ni xiqqaatu, ni salphatus.

40 Guguddoota irratti tuffii ni dhangalaasa,

Lafa onaa daandii hin qabne keessa akka jooranis ni godha.+

41 Hiyyeeyyii garuu cunqurfamuu irraa ni eega,*+

Maatii isaaniis akka bushaayeetti baayʼisa.

42 Qajeelonni kana arganii gammadu;+

Jalʼoonni hundi garuu afaan isaanii cufatu.+

43 Namni ogeessa taʼe kam iyyuu wantoota kana ni hubata,+

Gochawwan Yihowaa warra jaalala isaa isa amanamaa irratti hundaaʼanis of eeggannoodhaan ilaala.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi