Keessa Deebii
2 “Achiis akkuma Yihowaan naan jedhetti duubatti deebinee karaa Galaana Diimaatiin gara lafa onaa sanaa ni dhaqne;+ guyyoota hedduudhaafis naannoo Gaara Seʼiir keessa ni deemne. 2 Dhuma irrattis Yihowaan akkana naan jedhe: 3 ‘Isin yeroo dheeraadhaaf naannoo gaara kanaa keessa deemtaniittu. Amma gara kaabaatti deebiʼaa. 4 Sabichas akkana jedhii ajaji: “Isin karaa daangaa sanyii Esaawu warra obboloota keessan taʼanii+ fi Seʼiir keessa jiraachaa jiran+ sanaatiin ni darbitu; isaan isin ni sodaatu;+ isinis of eeggannoo guddaa godhaa. 5 Ani lafa isaanii irraa iddoo hamma faana miilaa geessu illee isiniif waan hin kennineef, isaanii wajjin diinummaa hin uuminaa;* sababiin isaas, ani Gaara Seʼiir Esaawuf dhaalaan kenneera.+ 6 Nyaata nyaattaniifis taʼe bishaan dhugdaniif maallaqa isaaniif kaffalaa.+ 7 Sababiin isaas, Waaqni kee Yihowaan wanta goote hundumaa irratti si eebbiseera. Inni lafa onaa guddaa kana keessa darbuu kee akka gaariitti beeka. Waggoota 40 kanatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin ture; wanti sitti hirʼates hin jiru.”’+ 8 Kanaafuu, nuti daandii Arabaa, Eelaatii fi Eexiyoon Geber irraa fagaannee,+ sanyii Esaawu warra obboloota keenya taʼanii fi Seʼiir keessa jiraachaa jiran sana bira ni darbine.+
“Sana booda deebinee karaa lafa onaa Moʼaab irra deemne.+ 9 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: ‘Ani lafa isaa keessaa waan tokko illee dhaalaan waanan siif hin kennineef, Moʼaabii wajjin diinummaa hin uumin yookiin isa hin lolin; sababiin isaas, ani biyya Aar sanyii Looxiif dhaalaan kenneera.+ 10 (Eemiim+ warri saba guddaa, saba hedduu fi akka Anaaqiim dhedheeroo taʼan dur achi jiraatu turan. 11 Refaayimis+ akka Anaaqiimitti+ ilaalamu turan; Moʼaabonnis Eemiim jedhanii isaan waamu turan. 12 Hooronni+ dur Seʼiir keessa jiraatu turan; haa taʼu malee, akkuma Israaʼel lafa isaanii isa dhaala isaanii taʼee fi Yihowaan dhugumaan isaaniif kennu irratti godhu, sanyiiwwan Esaawu biyya isaanii irraa ariʼanii haxaaʼanii isaan balleessuudhaan iddoo isaanii irra buufataniiru.)+ 13 Ammas kaʼaatii Sulula* Zereed ceʼaa.’ Nutis Sulula* Zereed+ ni ceene. 14 Qaadesh Barneʼaa irraa kaanee hamma Sulula* Zereed ceenutti waggaa 38 nutti fudhate; yeroo kanatti akkuma Yihowaan isaanitti kakatee turetti, guutummaan dhaloota dhiirota waraanaaf leenjiʼan sanaa buufaticha keessaa ni dhume.+ 15 Isaan hamma dhumanitti harki Yihowaa buufaticha keessaa haxaaʼee isaan balleessuuf isaan irratti kaʼee ture.+
16 “Dhiironni waraanaaf leenjiʼan hundi akkuma sabicha gidduudhaa duʼanii dhumaniin,+ 17 Yihowaan ammas akkana naan jedhe: 18 ‘Harʼa karaa naannoo Moʼaab, jechuunis karaa Aar irra ni darbita. 19 Lafa isan Amoonotaaf dhaalaan kenne irraa isa tokko illee waanan siif hin kennineef, yommuu Amoonotatti dhihaattu isaan hin dhiphisin yookiin isaan hin aarsin; sababiin isaas, biyyattii sanyii Looxiif dhaalaan kenneera.+ 20 Kunis biyya Refaayimotaa+ akka taʼetti ilaalama ture. (Refaayimonni dur achi jiraatu turan; Amoononnis Zaamzumiim jedhanii isaan waamu turan. 21 Isaan saba guddaa, saba hedduu fi akka Anaaqiimotaa dhedheeroo turan;+ taʼus, Yihowaan Amoonota duraa haxaaʼee isaan balleesse; Amoononnis isaan ariʼanii biyya isaanii keessa ni buufatan. 22 Hoorota isaan duraa haxaaʼee yeroo balleessetti+ wanti inni sanyii Esaawu warra Seʼiir+ keessa jiraachaa jiraniif godhe kanuma ture; kanaan kan kaʼes, isaan lafa isaanii irraa isaan ariʼanii hamma harʼaatti biyya isaanii keessa jiraachaa jiru. 23 Warri Awiim immoo Kaaftoriimonni warri Kaaftor*+ keessaa dhufan isaan balleessanii biyya isaanii keessa jiraachuu hamma jalqabanitti, gandeen Gaazaatti+ argaman keessa jiraatu turan.)
24 “‘Kaʼaatii Sulula* Arnoon+ ceʼaa. Kunoo, ani Sihoon+ Amooricha isa mootii Heshboon taʼe harka keessanitti dabarsee kenneera. Kanaafuu, lafa isaa dhaalaan fudhadhaa; waraanas isa irratti banaa. 25 Harʼa namoota samii jalatti argaman warra waaʼee kee dhagaʼan hundumaa irratti sodaa buusuu nan jalqaba. Isaan sababii keessaniin ni jeeqamu, ni romʼus.’*+
26 “Achiis lafa onaa Qedemoot+ keessaa gara Sihoon isa mootii Heshboon taʼetti dhaamsa nagaa akkana jedhu akka itti himaniif ergamtoota nan erge:+ 27 ‘Biyya kee keessa akkan darbu naaf heyyami. Ani daandichuma irran deema; isa irraa gara mirgaattis taʼe gara bitaatti hin goru.+ 28 Nyaata natti gurgurtu qofan nyaadha; bishaan natti gurgurtu qofan dhuga. Miilumaan akkan darbu qofa naaf heyyami; 29 sanyiin Esaawu warri Seʼiir keessa jiraachaa jiranii fi Moʼaabonni warri Aar keessa jiraachaa jiran gara biyya Waaqni keenya Yihowaan nuuf kennutti seenuuf hamman Yordaanosiin ceʼutti akkana naaf godhaniiru.’ 30 Sihoon mootiin Heshboon garuu akka darbinu nuuf hin heyyamne; sababiin isaas, akkuma amma taʼe harka keetti dabarsee isa kennuuf,+ inni* didaa akka taʼuu fi garaan isaa jabaataa akka taʼu Waaqni kee Yihowaan heyyamee ture.+
31 “Achiis Yihowaan, ‘Kunoo, ani ammuma iyyuu Sihoonii fi biyya isaa siif kennuu jalqabeera. Biyya isaa dhaalaan fudhachuu jalqabi’+ naan jedhe. 32 Sihoon guutummaa saba isaa wajjin Yaahaazitti nu loluuf yommuu baʼetti,+ 33 Waaqni keenya Yihowaan harka keenyatti dabarsee isa kenne; nutis isa, ilmaan isaa fi guutummaa saba isaa ni injifanne. 34 Yeroo sanatti magaalota isaa hundumaa ni qabanne; dhiirota, dubartootaa fi ijoollee dabalatee magaalaa hundumaa guutummaatti ni balleessine. Nama tokko illees lubbuudhaan hin hambisne.+ 35 Horiiwwan ofii keenyaaf saamnee fi wantoota magaalota qabanne sana keessaa boojine qofa fudhanne. 36 Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti argamtu (magaalaa sululicha keessatti argamtu dabalatee) irraa jalqabee hamma Giiliyaaditti magaalaan humna keenyaa ol taʼe tokko illee hin turre. Waaqni keenya Yihowaan hunda isaanii iyyuu harka keenyatti dabarsee kenneera.+ 37 Taʼus ati biyya Amoonotaatti,+ guutummaa qarqara Sulula* Yaaboqittii+ fi magaalota naannoo gaarotaa keessa jiranitti yookiin bakka Waaqni keenya Yihowaan nu dhowwe kan biraa kamitti iyyuu hin dhihaanne.