LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Yohaannis

      • Maariyaam miila Yesuus irratti zayitii dhangalaaste (1-11)

      • Yesuus injifannoodhaan seene (12-19)

      • Yesuus duʼa isaa ilaalchisee raajii dubbate (20-37)

      • Yihudoonni amantii dhabuun isaanii raajiin akka raawwatamu godhe (38-43)

      • Yesuus addunyaa fayyisuuf dhufe (44-50)

Yohaannis 12:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 11:1, 43

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 236

Yohaannis 12:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 10:40

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 236

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 206-207

Yohaannis 12:3

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “paawundii tokkoo.” Jechuunis, paawundii Roomaa gara 327 g taʼu. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:6-10; Mar 14:3-6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 236

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2091, 2179

Yohaannis 12:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:47; Mar 14:10; Luq 22:48; Yoh 13:29; HoE 1:16

Yohaannis 12:5

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Yohaannis 12:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2015, ful. 29

Yohaannis 12:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:12; Mar 14:8; Yoh 19:40

Yohaannis 12:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 15:11
  • +Mat 26:11; Mar 14:7

Yohaannis 12:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 11:43, 44

Yohaannis 12:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 7:31; 11:44, 45

Yohaannis 12:13

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 21:8, 9; Mar 11:8, 9; Yoh 1:49
  • +Fr 118:25, 26

Yohaannis 12:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 21:7; Mar 11:7; Luq 19:35

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 238

Yohaannis 12:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 1:33, 34; Isa 62:11; Zak 9:9; Mat 21:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 238

Yohaannis 12:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 7:39
  • +Luq 24:45; Yoh 14:26

Yohaannis 12:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “awwaala yaadannoo.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 11:1, 43
  • +Mat 21:15; Luq 19:37

Yohaannis 12:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 11:48

Yohaannis 12:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/15/2015, ful. 21

    Yesuus—Karaa, ful. 240

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2079

Yohaannis 12:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 1:44

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/15/2015, ful. 21

Yohaannis 12:22

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 240

Yohaannis 12:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 13:31, 32; 17:1

Yohaannis 12:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 16:21; Rom 14:9; 1Qo 15:36

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 240

Yohaannis 12:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 12:11
  • +Mat 16:25; Mar 8:35; Luq 9:24

Yohaannis 12:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:3; 17:24; 1Ta 4:17

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 241

Yohaannis 12:27

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuun koo dhiphatteetti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:38; Mar 14:34
  • +Luq 12:50; 22:41, 42; Ibr 5:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 241

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2010, ful. 11

Yohaannis 12:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 3:17; 17:5; Mar 1:11; 9:7; Luq 3:22; 9:35; 2Ph 1:17
  • +Yoh 17:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2019, ful. 11-13

    Yesuus—Karaa, ful. 242

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2010, ful. 11

Yohaannis 12:30

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242

Yohaannis 12:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:30; 16:11; HoE 26:17, 18; 2Qo 4:3, 4; Efe 2:1, 2; 1Yo 5:19
  • +Luq 10:18; Mul 12:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2009, ful. 11

Yohaannis 12:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242

Yohaannis 12:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 5:30

Yohaannis 12:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 89:35, 36; 110:4; Isa 9:7
  • +Yoh 3:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242

Yohaannis 12:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 11:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242

Yohaannis 12:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Efe 5:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 32

Yohaannis 12:38

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

  • *

    Ykn., “gabaasa keenyatti.”

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 10:16
  • +Isa 53:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2011, ful. 11

    1/1/2009, ful. 15

Yohaannis 12:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 6:10; Mat 13:14; Mar 4:11, 12; HoE 28:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242

Yohaannis 12:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 6:1, 8

Yohaannis 12:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 19:38
  • +Yoh 9:22; 16:2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 242-243

Yohaannis 12:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 5:44

Yohaannis 12:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 10:40; Mar 9:37

Yohaannis 12:45

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:9

Yohaannis 12:46

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 12:35
  • +Yoh 3:19; 8:12; 9:5

Yohaannis 12:47

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 3:16, 17

Yohaannis 12:49

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:38; 14:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 15

    Masaraa Eegumsaa,

    2/15/2008, ful. 13

Yohaannis 12:50

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 6:40
  • +Yoh 3:34

Yaada Wal Simu

Yoh. 12:1Yoh 11:1, 43
Yoh. 12:2Luq 10:40
Yoh. 12:3Mat 26:6-10; Mar 14:3-6
Yoh. 12:4Mat 26:47; Mar 14:10; Luq 22:48; Yoh 13:29; HoE 1:16
Yoh. 12:7Mat 26:12; Mar 14:8; Yoh 19:40
Yoh. 12:8Kes 15:11
Yoh. 12:8Mat 26:11; Mar 14:7
Yoh. 12:9Yoh 11:43, 44
Yoh. 12:11Yoh 7:31; 11:44, 45
Yoh. 12:13Mat 21:8, 9; Mar 11:8, 9; Yoh 1:49
Yoh. 12:13Fr 118:25, 26
Yoh. 12:14Mat 21:7; Mar 11:7; Luq 19:35
Yoh. 12:151Mo 1:33, 34; Isa 62:11; Zak 9:9; Mat 21:5
Yoh. 12:16Yoh 7:39
Yoh. 12:16Luq 24:45; Yoh 14:26
Yoh. 12:17Yoh 11:1, 43
Yoh. 12:17Mat 21:15; Luq 19:37
Yoh. 12:19Yoh 11:48
Yoh. 12:21Yoh 1:44
Yoh. 12:23Yoh 13:31, 32; 17:1
Yoh. 12:24Mat 16:21; Rom 14:9; 1Qo 15:36
Yoh. 12:25Mul 12:11
Yoh. 12:25Mat 16:25; Mar 8:35; Luq 9:24
Yoh. 12:26Yoh 14:3; 17:24; 1Ta 4:17
Yoh. 12:27Mat 26:38; Mar 14:34
Yoh. 12:27Luq 12:50; 22:41, 42; Ibr 5:7
Yoh. 12:28Mat 3:17; 17:5; Mar 1:11; 9:7; Luq 3:22; 9:35; 2Ph 1:17
Yoh. 12:28Yoh 17:1
Yoh. 12:31Yoh 14:30; 16:11; HoE 26:17, 18; 2Qo 4:3, 4; Efe 2:1, 2; 1Yo 5:19
Yoh. 12:31Luq 10:18; Mul 12:9
Yoh. 12:32Yoh 8:28
Yoh. 12:33HoE 5:30
Yoh. 12:34Fr 89:35, 36; 110:4; Isa 9:7
Yoh. 12:34Yoh 3:14
Yoh. 12:35Yoh 11:10
Yoh. 12:36Efe 5:8
Yoh. 12:38Rom 10:16
Yoh. 12:38Isa 53:1
Yoh. 12:40Isa 6:10; Mat 13:14; Mar 4:11, 12; HoE 28:27
Yoh. 12:41Isa 6:1, 8
Yoh. 12:42Yoh 19:38
Yoh. 12:42Yoh 9:22; 16:2
Yoh. 12:43Yoh 5:44
Yoh. 12:44Mat 10:40; Mar 9:37
Yoh. 12:45Yoh 14:9
Yoh. 12:46Yoh 12:35
Yoh. 12:46Yoh 3:19; 8:12; 9:5
Yoh. 12:47Yoh 3:16, 17
Yoh. 12:49Yoh 8:38; 14:10
Yoh. 12:50Yoh 6:40
Yoh. 12:50Yoh 3:34
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
  • 48
  • 49
  • 50
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yohaannis 12:1-50

Wangeela Yohaannis

12 Ayyaanni Faasikaa gaʼuu isaa guyyaa jaʼa dura, Yesuus Bitaaniyaa bakka Alaazaar+ jiraatu gaʼe; Alaazaar kun isa Yesuus duʼaa kaase sana dha. 2 Kanaafuu, isaan achitti irbaata kan isaaf qopheessan yeroo taʼu, Maartaan isaan tajaajilaa turte;+ Alaazaar garuu warra isaa wajjin maaddiitti dhihaatan keessaa tokko ture. 3 Yeroo kanatti Maariyaam zayitii urgaaʼaa gara liitirii walakkaa* taʼu, gatiin isaa baayʼee guddaa taʼee fi naardosii qulqulluu irraa qophaaʼe fiddee miila Yesuus irratti erga dhangalaastee booda rifeensa ishiitiin haxooftee qoorsite. Manichis urgaa zayitii sanaatiin guutame.+ 4 Haa taʼu malee, Yihudaa Asqorotichi+ inni barattoota isaa keessaa tokko taʼee fi dabarsee isa kennuuf jedhu akkana jedhe: 5 “Zayitiin urgaaʼaan kun dinaaree* 300tti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kan hin kennamne maaliifi?” 6 Taʼus kana kan dubbate hiyyeeyyiidhaaf waan yaadeef utuu hin taʼin, hattuu waan taʼee fi maallaqa saanduqa isa harka jiru keessa buufamu irraa hatuu waan amaleeffateef ture. 7 Yeroo kanatti Yesuus akkana jedhe: “Ishii dhiisaa, ishiin kana kan goote barsiifata kana raawwachuudhaan guyyaan itti awwaalamuuf na qopheessuufi.+ 8 Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin jiru;+ anaan garuu yeroo hunda hin argattan.”+

9 Yeroo kanatti, Yihudoonni hedduun akka inni achi jiru beekanii dhufan; isaan kan dhufan Yesuusiin qofa utuu hin taʼin, Alaazaar isa inni duʼaa kaase sanas ilaaluuf ture.+ 10 Kanaafuu, dura buutonni lubootaa Alaazaariinis ajjeesuuf mariʼatan; 11 kanas kan godhan, Yihudoonni hedduun sababii isaatiin achi dhaqanii Yesuusitti waan amananiif ture.+

12 Guyyaa itti aanutti namoonni gara ayyaanichaa dhufan hedduun, Yesuus gara Yerusaalem dhufaa akka jiru dhagaʼan. 13 Kanaafuu, damee muka meexxii qabatanii isa simachuuf baʼan; sagalee isaanii ol kaasaniis, “Akka isa oolchitu si kadhanna! Mootiin Israaʼel inni+ maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!”+ jechuu jalqaban. 14 Yesuus ilmoo harree argatee irra taaʼe;+ kunis akkuma akkana jedhamee barreeffametti dha: 15 “Yaa intala Xiyoon, hin sodaatin. Kunoo, mootiin kee ilmoo harree irra taaʼee dhufa.”+ 16 Barattoonni isaa jalqaba irratti wantoota kana hin hubanne turan; yommuu Yesuus ulfina argatu garuu,+ wantoonni kun waaʼee isaa akka barreeffamanii fi isaanis wantootuma kana akka isaaf godhan yaadatan.+

17 Namoonni yommuu inni Alaazaariin awwaala* keessaa waamee+ duʼaa kaasu isaa wajjin turan hedduun, wanta argan ragaa baʼuu isaanii itti fufan.+ 18 Namoonni hedduun sunis isa simachuu kan dhaqan, dinqii kana hojjechuu isaa waan dhagaʼaniif ture. 19 Kanaafuu Fariisonni, “Nuti waan tokko illee gochuu akka hin dandeenye ni argituu? Kunoo, guutummaan addunyaa isa duukaa buʼeera” waliin jedhan.+

20 Namoota bakka ayyaanichaatti waaqeffachuu dhufan keessaa Giriikonni tokko tokko jiru turan. 21 Isaan Filiphoos+ isa Beetasaayidaa ishii Galiilaatii dhufetti dhihaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusiin arguu barbaanna” jedhanii isa gaafatan. 22 Filiphoosis dhufee Indiriyaasitti hime. Indiriyaasii fi Filiphoos immoo dhufanii Yesuusitti himan.

23 Yesuus garuu akkana jedhee isaaniif deebise: “Saʼaatiin Ilmi namaa ulfina itti argatu gaʼeera.+ 24 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, firiin qamadii tokko lafa buutee yoo duʼuu baatte, firii tokkittii taatee hafti; erga duutee booda garuu,+ firii hedduu godhatti. 25 Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu ni balleessa, namni addunyaa kana keessatti lubbuu isaa jibbu kam iyyuu+ garuu jireenya bara baraatiif ishii eeggata.+ 26 Namni na tajaajiluu barbaadu hundi ana duukaa haa buʼu, bakka ani jiru tajaajilaan koos achi ni taʼa.+ Nama na tajaajiluu barbaadu hundaaf, Abbaan ulfina ni kenna. 27 Amma ani dhiphadheera,*+ maal jechuun dandaʼa? Yaa Abbaa, saʼaatii kana irraa na oolchi.+ Haa taʼu malee, ani saʼaatii kanaafan dhufe. 28 Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni.” Achiis sagaleen,+ “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf”+ jedhu tokko samii irraa ni dhufe.

29 Namoonni achi dhaabbatanis sagalee kana yommuu dhagaʼan, “Kakawwee dha” jedhan. Kaan immoo, “Maleekaatu isatti dubbate” jedhan. 30 Yesuusis deebisee akkana jedhe: “Sagaleen kun kan dhagaʼame isiniif malee anaaf miti. 31 Yeroon addunyaa kanatti murteeffamu amma; yeroon bulchaan addunyaa kanaa+ alatti itti gatamu amma.+ 32 Ani garuu lafa irraa yoon ol kaafame,+ akaakuu namootaa hunda ofitti nan harkisa.” 33 Kana kan dubbate, duʼa akkamii duʼuuf akka jedhu argisiisuuf ture.+ 34 Achiis namoonni sun deebisanii, “Nuti Kiristoos bara baraaf akka jiraatu Seericha irraa dhageenyeerra.+ Maarree ati akkamitti Ilmi namaa ol kaafamuu qaba jetta?+ Ilmi namaa kun eenyu?” isaan jedhan. 35 Kanaafuu, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Ifni sun yeroo gabaabaadhaaf isin bira ni tura. Kanaafuu, dukkanni sun akka isin hin liqimsineef, yeroo ificha qabdanitti deemaa; namni dukkana keessa deemu hundi, eessa akka dhaqu hin beeku.+ 36 Isin ilmaan ifaa akka taataniif, yeroo ificha qabdan kanatti ifichatti amanaa.”+

Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda achii deemee isaan jalaa dhokate. 37 Inni dinqii hedduu isaan duratti kan hojjete taʼus, isaan isatti hin amanne; 38 kunis kan taʼe, wanti Isaayyaas raajichi, “Yaa Yihowaa,* wanta nu irraa dhagaʼetti* kan amane eenyu?+ Irreen Yihowaa* hoo eenyutti mulʼifame?”+ jedhee dubbate akka raawwatamuuf ture. 39 Sababii isaan amanuu itti hin dandeenye ilaalchisee Isaayyaas ammas akkana jedheera: 40 “Isaan ija isaaniitiin arganii, garaa isaaniitiin hubatanii, akka hin deebinee fi akkan isaan hin fayyisnetti, inni ija isaanii jaamseera; garaan isaaniis didaa akka taʼu godheera.”+ 41 Isaayyaas akkana kan jedhe, ulfina isaa waan argeef ture; waaʼee isaas dubbateera.+ 42 Taʼus, bulchitoota keessaa illee hedduun isaanii isatti amananii turan;+ haa taʼu malee, Fariisonni mana sagadaa keessaa akka isaan hin ariineef+ waaʼee isaa ifatti hin dubbatan turan; 43 sababiin isaas, isaan ulfina Waaqayyo biraa argamu caalaa, ulfina namoota biraa argamu jaallataniiru.+

44 Yesuus garuu sagalee isaa ol kaasee akkana jedhe: “Namni anatti amanu hundi, anatti qofa utuu hin taʼin isa na erge sanattis ni amana;+ 45 namni na argu hundi, isa na erge sanas ni arga.+ 46 Namni anatti amanu hundi dukkana keessa akka hin jiraanneef,+ ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.+ 47 Haa taʼu malee, namni tokko dubbii koo dhagaʼee yoo eeguu baate ani isatti hin murteessu; sababiin isaas, ani addunyaatti murteessuuf utuu hin taʼin, addunyaa fayyisuufan dhufe.+ 48 Nama ana tuffatuu fi dubbii koo hin fudhannetti kan murteessu tokko jira. Dubbiin ani dubbadhe guyyaa dhumaatti isatti ni murteessa. 49 Sababiin isaas, wantan jedhuu fi wantan dubbadhu Abbaa isa na erge sanatu na ajaje malee, ani ofii kootiin kakaʼee hin dubbanne.+ 50 Ajajni isaa jireenya bara baraatti akka geessu ani beeka.+ Kanaafuu, ani wantan dubbadhu hunda akkuma Abbaan anatti himettan dubbadha.”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi