LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 69
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Faarfannaa

      • Kadhannaa lubbuudhaan ooluuf dhihaate

        • “Hinaaffaan ani mana keetiif qabu na gube” (9)

        • “Dafii deebii naaf kenni” (17)

        • “Wanta dhangaggaaʼaa akkan dhugu naaf kennan” (21)

Faarfannaa 69:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu kootti waan dhufaniif.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 144:7; Fru 3:54; Yon 2:5

Faarfannaa 69:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 40:2
  • +Fr 32:6; Yon 2:3

Faarfannaa 69:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 22:2
  • +Fr 119:82, 123; Isa 38:14

Faarfannaa 69:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Warri sababa malee diinota koo taʼan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 23:22; Yoh 15:24, 25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 146

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2011, ful. 11

Faarfannaa 69:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 22:6; Er 15:15
  • +Isa 50:6; Mat 26:67; 27:29

Faarfannaa 69:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 19:13; Fr 31:11; Yoh 1:11; 7:5

Faarfannaa 69:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:10; Fr 119:139; Mat 21:12, 13; Mar 11:15-17; Yoh 2:13-17
  • +Rom 15:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 146

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2010, ful. 8-9

Faarfannaa 69:10

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “Yommuun booʼee fi soometti.”

  • *

    Ykn., “lubbuu koo.”

Faarfannaa 69:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “mammaaksa.”

Faarfannaa 69:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 49:8; Ibr 5:7
  • +Fr 68:20

Faarfannaa 69:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 144:7

Faarfannaa 69:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “boolli.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 69:2
  • +Fr 16:10

Faarfannaa 69:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 63:3; 109:21
  • +Fr 25:16

Faarfannaa 69:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 27:9; 102:2
  • +Fr 31:9; 40:13

Faarfannaa 69:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Lubbuu kootti dhihaadhuutii ishii furi.”

Faarfannaa 69:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 22:6

Faarfannaa 69:20

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ani abdii kutachuu jala gaʼeera.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 142:4
  • +Iyo 19:14

Faarfannaa 69:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “biqiltuu summaaʼaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 27:34; Mar 15:23
  • +Mat 27:48; Mar 15:36; Luq 23:36; Yoh 19:29

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 146

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2011, ful. 15

Faarfannaa 69:22

Miiljaleewwan

  • *

    Kun gosa kiyyoo ti.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 11:9, 10

Faarfannaa 69:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 21:9

Faarfannaa 69:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Buufanni isaanii inni dallaa dhagaa qabu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 1:20

Faarfannaa 69:28

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Kitaaba jireenyaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 32:33
  • +Flp 4:3; Mul 3:5; 13:8

Faarfannaa 69:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 109:22

Faarfannaa 69:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 50:13-15; Hos 14:2

Faarfannaa 69:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 10:17; 102:17; Isa 66:2
  • +Fr 146:7; Isa 61:1; Luq 4:18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2008, ful. 12

Faarfannaa 69:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 96:11; Isa 49:13

Faarfannaa 69:35

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, biyyattiis.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 51:18

Faarfannaa 69:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 61:9; 66:22
  • +Fr 91:14; Yaq 1:12

Yaada Wal Simu

Far. 69:1Fr 144:7; Fru 3:54; Yon 2:5
Far. 69:2Fr 40:2
Far. 69:2Fr 32:6; Yon 2:3
Far. 69:3Fr 22:2
Far. 69:3Fr 119:82, 123; Isa 38:14
Far. 69:4Luq 23:22; Yoh 15:24, 25
Far. 69:7Fr 22:6; Er 15:15
Far. 69:7Isa 50:6; Mat 26:67; 27:29
Far. 69:8Iyo 19:13; Fr 31:11; Yoh 1:11; 7:5
Far. 69:91Mo 19:10; Fr 119:139; Mat 21:12, 13; Mar 11:15-17; Yoh 2:13-17
Far. 69:9Rom 15:3
Far. 69:13Isa 49:8; Ibr 5:7
Far. 69:13Fr 68:20
Far. 69:14Fr 144:7
Far. 69:15Fr 69:2
Far. 69:15Fr 16:10
Far. 69:16Fr 63:3; 109:21
Far. 69:16Fr 25:16
Far. 69:17Fr 27:9; 102:2
Far. 69:17Fr 31:9; 40:13
Far. 69:19Fr 22:6
Far. 69:20Fr 142:4
Far. 69:20Iyo 19:14
Far. 69:21Mat 27:34; Mar 15:23
Far. 69:21Mat 27:48; Mar 15:36; Luq 23:36; Yoh 19:29
Far. 69:22Rom 11:9, 10
Far. 69:24Fr 21:9
Far. 69:25HoE 1:20
Far. 69:28Bau 32:33
Far. 69:28Flp 4:3; Mul 3:5; 13:8
Far. 69:29Fr 109:22
Far. 69:31Fr 50:13-15; Hos 14:2
Far. 69:33Fr 10:17; 102:17; Isa 66:2
Far. 69:33Fr 146:7; Isa 61:1; Luq 4:18
Far. 69:34Fr 96:11; Isa 49:13
Far. 69:35Fr 51:18
Far. 69:36Isa 61:9; 66:22
Far. 69:36Fr 91:14; Yaq 1:12
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faarfannaa 69:1-36

Faarfannaa

Geggeessaa muuziqaatiif; “Abaaboowwaniin.” Faarfannaa Daawit.

69 Yaa Waaqayyo, bishaanonni lubbuu koo waan doorsisaniif* na oolchi.+

 2 Ani bakka lafti gogaan hin jirretti, dhoqqee gad fagoo keessa lixeera.+

Bishaanota gad fagoo keessa seeneera,

Lagni guutes na fudhatee deemeera.+

 3 Iyyuu kootiin kan kaʼe dadhabeera;+

Qoonqoon koo cufameera.

Waaqa koo eeggachuudhaan kan kaʼe ijji koo dadhabeera.+

 4 Warri sababii malee na jibban,+

Rifeensa mataa kootii caalaa hedduu dha.

Warri na balleessan,

Diinonni koo warri haxxee taʼan* baayʼataniiru.

Wantan hin hanne akkan deebisu nan dirqisiifame.

 5 Yaa Waaqayyo, ati gowwummaa koo beekta,

Balleessaan koos si duraa kan dhokate miti.

 6 Gooftaa Ol Aanaa kan taate yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,

Warri si abdatan anaan kan kaʼe hin qaaneffamin.

Yaa Waaqa Israaʼel,

Warri si barbaaddatan anaan kan kaʼe hin salphifamin.

 7 Siin kan kaʼe nan arrabsame;+

Salphinnis fuula koo ni haguuge.+

 8 Obboloota kootiif keessummaa,

Ilmaan haadha tiyyaatiifis nama biyya ormaa nan taʼe.+

 9 Hinaaffaan ani mana keetiif qabu na gube,+

Arrabsoon warra si arrabsanii ana irras ni gaʼe.+

10 Yommuun soomaan of* cunqursetti,*

Sababa kanaan nan arrabsame.

11 Uffanni koo uffata gaddaa akka taʼu yommuun godhetti,

Isaan biratti kan tuffatamu* nan taʼe.

12 Warri karra magaalattii irra taaʼan waaʼee koo odeessu,

Warri machooftuu taʼanis maqaa koo dhaʼanii sirbu.

13 Taʼus yaa Yihowaa, yeroo fudhatama qabutti+

Kadhannaan koo gara kee haa dhufu.

Yaa Waaqayyo, jaalala kee isa amanamaa isa hedduu taʼeen,

Gochawwan fayyinaa kee warra mirkanaaʼoo taʼaniin deebii naaf kenni.+

14 Dhoqqee irraa na oolchi;

Akkan gad lixu hin godhin.

Warra na jibban jalaa,

Bishaanota gad fagoo jalaas na oolchi.+

15 Lolaan na fudhatee akka deemu+

Yookiin bishaan gad fagoon akka na liqimsu

Yookiin boolli bishaanii* afaan isaa akka na irratti cufu hin godhin.+

16 Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan gaarii waan taʼeef, deebii naaf kenni.+

Akka baayʼina gara laafina keetti gara kootti garagali,+

17 Fuula kee tajaajilaa kee jalaa hin dhoksin.+

Ani dhiphina keessa waanan jiruuf, dafii deebii naaf kenni.+

18 Natti dhihaadhu, na baraaris;*

Diinota kootiif jedhiitii na furi.

19 Ati arrabsamuu koo, qaanaʼuu koo fi salphachuu koo beekta.+

Diinota koo hundumaas ni argita.

20 Arrabsoon garaa koo cabseera, madaan isaas kan fayyu miti.*

Gara laafina argachuuf abdadheen ture, garuu namni tokko illee hin turre,+

Warra na jajjabeessan argachuuf abdadheen ture, garuu homaa hin arganne.+

21 Haa taʼu malee, isaan bakka nyaataa summii* naaf kennan,+

Dheebuu kootiifis wanta dhangaggaaʼaa akkan dhugu naaf kennan.+

22 Maaddiin isaanii kiyyoo,

Badhaadhinni isaaniis qamaaxira* isaanitti haa taʼu.+

23 Arguu akka hin dandeenyeef, ijji isaanii haa dukkanaaʼu,

Mudhiin isaaniis yeroo hundumaa akka hollatu godhi.

24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi,

Aariin kee inni bobaʼaanis isaanitti haa dhufu.+

25 Buufanni isaanii* haa onu;

Namni dunkaanota isaanii keessa jiraatu tokko illee hin argamin.+

26 Sababiin isaas, isaan isa ati rukutte ni ariʼu,

Waaʼee waraansa warra ati madeessitees ni odeessu.

27 Yakka isaanii irratti yakka dabali,

Isaan qajeelummaa kee keessatti qooda hin qabaatin.

28 Kitaaba warra jiraatoo* irraa haa haqaman,+

Warra qajeeloo gidduuttis hin galmeeffamin.+

29 Ani garuu cunqurfameera, dhukkubsadheeras.+

Yaa Waaqayyo, humni kee inni oolchu na haa eegu.

30 Maqaa Waaqayyootiif faarfannaa galataa nan faarfadha,

Galata dhiheessuudhaanis isaaf ulfina nan kenna.

31 Kun qotiyyoo caalaa,

Jibicha gaanfaa fi kottee qabu caalaas Yihowaa ni gammachiisa.+

32 Garraamonni kana arganii ni gammadu.

Isin warri Waaqayyoon barbaaddattan, garaan keessan haa bayyanatu.

33 Sababiin isaas, Yihowaan isa hiyyeessa ni dhagaʼa,+

Saba isaa isa boojiʼames hin tuffatu.+

34 Laftii fi samiin,

Galaanonnii fi warri isaan keessa sochoʼan hundi isa haa jajatan.+

35 Sababiin isaas, Waaqayyo Xiyooniin ni oolcha,+

Magaalota Yihudaas deebisee ni ijaara,

Isaanis achi keessa ni jiraatu, ishiis* ni dhaalu.

36 Sanyiiwwan tajaajiltoota isaa ishii ni dhaalu,+

Warri maqaa isaa jaallatanis+ ishii keessa ni jiraatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi