LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 17
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Hosheʼaa mootii Israaʼel (1-4)

      • Israaʼel ni kufte (5, 6)

      • Israaʼel gantuu waan taateef ni boojiʼamte (7-23)

      • Namoonni biyya ormaa gara magaalota Samaariyaatti fidaman (24-26)

      • Amantii wal makaa warra Samaariyaa (27-41)

2 Mootota 17:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 15:30

2 Mootota 17:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:9; Isa 10:5, 6; Hos 10:14, 15
  • +2Mo 18:14

2 Mootota 17:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 31:1

2 Mootota 17:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hos 13:16
  • +Lew 26:32, 33; Kes 4:27; 28:64; 1Mo 14:15
  • +1Se 5:26
  • +2Mo 18:9-11

2 Mootota 17:7

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “sodaatan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:2
  • +Bau 20:5

2 Mootota 17:9

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, bakka namoonni wal irraa faffacaʼanii itti jiraatanittis taʼe heddumminaan keessa jiraatan hundatti.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hos 12:11

2 Mootota 17:10

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 12:2; Isa 57:5
  • +Bau 34:13; Kes 16:21, 22

2 Mootota 17:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 20:23

2 Mootota 17:12

Miiljaleewwan

  • *

    Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:3-5; Lew 26:1; Kes 4:23
  • +1Mo 12:28-30; 21:25, 26

2 Mootota 17:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 24:18, 19; 36:15, 16; Er 25:4
  • +Isa 55:7

2 Mootota 17:14

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “akkuma boquu abbootii isaanii boquu isaanii jabeessanii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 1:32; 31:27

2 Mootota 17:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 5:2; 29:12
  • +Hos 4:6
  • +Kes 12:30
  • +Kes 32:21; 1Sa 12:21
  • +Fr 115:4-8; Isa 44:9

2 Mootota 17:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “siidaawwan jibootaa baqfamanii tolfaman lama.”

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:28-30
  • +1Mo 14:15; 16:33
  • +Kes 4:19; Er 8:2
  • +1Mo 16:30, 31; 22:51, 53; 2Mo 10:21; 23:4, 5

2 Mootota 17:17

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “ibidda keessa dabarsan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 16:1, 3
  • +Kes 18:10; Mik 5:12

2 Mootota 17:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 23:12, 13; Isa 42:24

2 Mootota 17:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:22; Er 3:8
  • +His 23:4, 11

2 Mootota 17:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:20

2 Mootota 17:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:28-30

2 Mootota 17:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:45, 63; 1Mo 14:16; Hos 1:4; Amo 5:27; Mik 1:6
  • +2Mo 18:11

2 Mootota 17:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 19:11, 13

2 Mootota 17:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “hin waaqeffatan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 23:29

2 Mootota 17:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “barsiifata waaqeffannaa Waaqa biyyattii.”

2 Mootota 17:28

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “waaqeffachuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 28:18, 19; Iya 16:1; 1Mo 12:28, 29
  • +Yoh 4:20-22

2 Mootota 17:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 17:24

2 Mootota 17:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 18:34

2 Mootota 17:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:31, 32; 13:33

2 Mootota 17:33

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “barsiifata waaqeffannaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 17:24, 41

2 Mootota 17:34

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “barsiifata waaqeffannaa.”

  • *

    Kal., “hin sodaanne.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 32:28

2 Mootota 17:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 19:5; 24:7; Kes 29:1
  • +Bau 20:3-5; 23:24; 34:14; Kes 5:9

2 Mootota 17:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 6:6
  • +Kes 6:12, 13

2 Mootota 17:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 31:9

2 Mootota 17:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 4:23

2 Mootota 17:40

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “barsiifata waaqeffannaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 17:34

2 Mootota 17:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iz 4:1, 2

Yaada Wal Simu

2Mot. 17:12Mo 15:30
2Mot. 17:32Mo 18:9; Isa 10:5, 6; Hos 10:14, 15
2Mot. 17:32Mo 18:14
2Mot. 17:4Isa 31:1
2Mot. 17:6Hos 13:16
2Mot. 17:6Lew 26:32, 33; Kes 4:27; 28:64; 1Mo 14:15
2Mot. 17:61Se 5:26
2Mot. 17:62Mo 18:9-11
2Mot. 17:7Bau 20:2
2Mot. 17:7Bau 20:5
2Mot. 17:9Hos 12:11
2Mot. 17:10Kes 12:2; Isa 57:5
2Mot. 17:10Bau 34:13; Kes 16:21, 22
2Mot. 17:11Lew 20:23
2Mot. 17:12Bau 20:3-5; Lew 26:1; Kes 4:23
2Mot. 17:121Mo 12:28-30; 21:25, 26
2Mot. 17:132Se 24:18, 19; 36:15, 16; Er 25:4
2Mot. 17:13Isa 55:7
2Mot. 17:14Kes 1:32; 31:27
2Mot. 17:15Kes 5:2; 29:12
2Mot. 17:15Hos 4:6
2Mot. 17:15Kes 12:30
2Mot. 17:15Kes 32:21; 1Sa 12:21
2Mot. 17:15Fr 115:4-8; Isa 44:9
2Mot. 17:161Mo 12:28-30
2Mot. 17:161Mo 14:15; 16:33
2Mot. 17:16Kes 4:19; Er 8:2
2Mot. 17:161Mo 16:30, 31; 22:51, 53; 2Mo 10:21; 23:4, 5
2Mot. 17:172Mo 16:1, 3
2Mot. 17:17Kes 18:10; Mik 5:12
2Mot. 17:18Iya 23:12, 13; Isa 42:24
2Mot. 17:191Mo 14:22; Er 3:8
2Mot. 17:19His 23:4, 11
2Mot. 17:211Mo 12:20
2Mot. 17:221Mo 12:28-30
2Mot. 17:23Kes 28:45, 63; 1Mo 14:16; Hos 1:4; Amo 5:27; Mik 1:6
2Mot. 17:232Mo 18:11
2Mot. 17:242Mo 19:11, 13
2Mot. 17:25Bau 23:29
2Mot. 17:28Uma 28:18, 19; Iya 16:1; 1Mo 12:28, 29
2Mot. 17:28Yoh 4:20-22
2Mot. 17:302Mo 17:24
2Mot. 17:312Mo 18:34
2Mot. 17:321Mo 12:31, 32; 13:33
2Mot. 17:332Mo 17:24, 41
2Mot. 17:34Uma 32:28
2Mot. 17:35Bau 19:5; 24:7; Kes 29:1
2Mot. 17:35Bau 20:3-5; 23:24; 34:14; Kes 5:9
2Mot. 17:36Bau 6:6
2Mot. 17:36Kes 6:12, 13
2Mot. 17:37Kes 31:9
2Mot. 17:38Kes 4:23
2Mot. 17:402Mo 17:34
2Mot. 17:41Iz 4:1, 2
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 17:1-41

Mootota Lammaffaa

17 Akaaz mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa 12ffaa isaatti, Hosheʼaan+ ilmi Eelaa Samaariyaa keessa taaʼee Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa sagaliifis ni bulche. 2 Hamma mootota Israaʼel warra isa dura turanii taʼuu baatus, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate. 3 Shaalmaanesar mootiin Asoor isatti dhufe;+ Hosheʼaanis tajaajilaa isaa taʼe; gibiras isaaf kaffaluu jalqabe.+ 4 Haa taʼu malee, Hosheʼaan gara Soo mootii Gibxiitti namoota waan ergeef,+ akkasumas akka waggoottan darbaniitti gibira mootii Asooriif kaffalamu waan hin fidneef, mootiin Asoor Hosheʼaan akka isa irratti mariʼate ni hubate. Kanaafuu, mootiin Asoor qabee hidhee mana hidhaatti isa galche.

5 Mootiin Asoor guutummaa biyyattii ni weerare; gara Samaariyaa dhufees waggaa sadiif ishiitti marse. 6 Hosheʼaan mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti, mootiin Asoor Samaariyaa ni qabate.+ Achiis inni namoota Israaʼel boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan+ bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa qubachiise.+

7 Kunis kan taʼe, sabni Israaʼel Waaqa isaanii Yihowaa isa biyya Gibxiitii, bittaa Faraʼoon mootii Gibxii jalaa isaan baase irratti cubbuu waan hojjetaniifi.+ Isaan waaqolii kan biroo waaqeffatan;*+ 8 barsiifata saboota warra Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼee baase sanaas ni hordofan; akkasumas barsiifata mootonni Israaʼel hundeessan sana ni hordofan.

9 Israaʼelonni wantoota Waaqa isaanii Yihowaa duratti sirrii hin taane hordofu turan. Isaan masaraa eegumsaa irraa jalqabee hamma magaalaa dallaa dhagaa qabduutti,* magaalota isaanii hunda keessatti iddoowwan ol kaʼoo ni ijaaran.+ 10 Tabba dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti+ ofii isaaniitiif siidaawwan waaqeffannaa+ fi utubaawwan waaqeffannaa* ni dhaaban; 11 kana malees, isaan akkuma saboonni Yihowaan isaan duraa ariʼee akka boojiʼaman godhe sun godhanitti iddoowwan ol kaʼoo hunda irratti aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ Yihowaa dheekkamsiisuufis wantoota hamaa raawwachuu isaanii itti fufan.

12 Isaan wanta Yihowaan, “Kana hin godhinaa!”+ jedhee isaanitti hime gochuudhaan, waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼan tajaajiluu isaanii itti fufan.+ 13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture. 14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+ 15 Dambiiwwan isaa fi kakuu+ isaa isa inni abbootii isaanii wajjin gale, akkasumas yaadachiisawwan isaa warra inni isaan akeekkachiisuuf kenne ni tuffatan;+ saboota naannoo isaanii warra Yihowaan akka isaan hin fakkaanne isaan akeekkachiise hundumaa fakkaachuudhaan,+ waaqolii tolfamoo gatii hin qabne hordofan;+ isaanumti iyyuu warra gatii hin qabne taʼan.+

16 Isaan ajajawwan Waaqa isaanii Yihowaa hunda ni dhiisan; siidaawwan jabbilee lama sibiila irraa* ni tolchan;+ utubaa waaqeffannaa*+ tokkos ni hojjetan; guutummaa raayyaa samiitiif ni sagadan;+ Baʼaaliinis ni tajaajilan.+ 17 Ijoollee dhiiraa isaanii fi ijoollee durbaa isaanii ibiddaan ni guban;*+ falfala ni raawwatan;+ milkii ni ilaallatan; isa dheekkamsiisuufis wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe hojjechuuf dabarsanii of kennan.

18 Kanaafuu, Yihowaan akka malee Israaʼelitti waan aareef fuula isaa duraa isaan balleesse.+ Gosa Yihudaa qofa malee eenyu iyyuu akka hafu hin heyyamne.

19 Namoonni Yihudaa illee ajajawwan Waaqa isaanii Yihowaa hin eegne;+ isaanis barsiifata Israaʼelonni hordofan irra ni deddeebiʼan.+ 20 Yihowaan fuula isaa duraa hamma isaan balleessutti sanyiiwwan Israaʼel hunda ni dhiise; isaan ni salphise; akkasumas harka warra saamtotaatti dabarsee isaan kenne. 21 Inni Israaʼeliin mana Daawit irraa ni tarsaase; isaanis Yeroboʼaam ilma Nebaatiin mootii godhatan.+ Yeroboʼaam garuu Israaʼelonni Yihowaa hordofuu irraa akka jalʼatanii fi cubbuu guddaa akka hojjetan ni godhe. 22 Namoonni Israaʼelis cubbuuwwan Yeroboʼaam hojjete hundumaa irra ni deddeebiʼan.+ Cubbuuwwan kana irraas hin gorre; 23 akkuma Yihowaan karaa tajaajiltoota isaa warra raajota isaa taʼan hundumaa dubbatettis, Israaʼeliin fuula isaa duraa hamma balleessutti akkana gochuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, Israaʼelonni boojiʼamanii gara biyya Asooritti geeffaman;+ isaan hamma harʼaatti achumatti argamu.

24 Achiis mootiin Asoor Baabilon, Kuutaa, Aawaa, Hamaatii fi Sefaarwaayim+ keessaa namoota fuudhee, magaalota Samaariyaa keessatti bakka Israaʼelotaa isaan qubachiise; isaanis Samaariyaa fudhatanii magaalota ishii keessa jiraachuu jalqaban. 25 Isaan yommuu jalqaba achi jiraachuu eegalan Yihowaa hin sodaatan* turan. Kanaafuu, Yihowaan isaan gidduutti leencota erge;+ leenconni sunis isaan keessaa namoota muraasa ni ajjeesan. 26 Yeroo kanatti namoonni, “Saboonni ati biyya isaaniitii baastee magaalota Samaariyaa keessa qubachiiste Waaqni biyyattii akkamitti akka waaqeffatamu* hin beekan. Kanaafuu, tokkoon isaanii illee Waaqni biyyattii akkamitti akka waaqeffatamu waan hin beekneef, inni leencota isaan ajjeesan isaan gidduutti ergaa jira” jedhanii mootii Asooritti himan.

27 Yeroo kanatti mootiin Asoor, “Luboota biyya isaaniitii baastanii fudhattan sana keessaa tokko deebiʼee achi akka jiraatuu fi Waaqni biyyattii akkamitti akka waaqeffatamu akka isaan barsiisu godhaa” jedhee ajaje. 28 Kanaafuu, luboota Samaariyaadhaa baasanii fudhatan keessaa inni tokko Beetel+ keessa jiraachuuf deebiʼee dhufe; innis akkamitti Yihowaa sodaachuu* akka qaban isaan barsiisuu jalqabe.+

29 Haa taʼu malee, saboonni garaa garaa sun hundi waaqolii ofii isaanii hojjetanii manneen waaqeffannaa iddoowwan ol kaʼoo irra jiranii fi warri Samaariyaa hojjetan keessa ni kaaʼan; saboonni garaa garaa sun hundis magaalota isaanii warra keessa jiraatan keessatti akkanuma godhan. 30 Kanaafuu, namoonni Baabilon Suukoot Benootiin, namoonni Kuut Nergaaliin, namoonni Hamaatis+ Ashiimaa ni hojjetan; 31 Aawoonnis Nibhaazii fi Taartaaqiin ni hojjetan. Sefaarwaayimonni immoo Adraamelekii fi Anaamelek warra waaqolii Sefaarwiim+ taʼaniif ilmaan isaanii ibiddaan ni gubu turan. 32 Isaan Yihowaa kan sodaatan taʼus, iddoowwan ol kaʼoodhaaf uummatuma isaanii keessaa luboota ni muudan; luboonni kunis manneen waaqeffannaa iddoowwan ol kaʼoo irra jiranitti isaaniif ni hojjetu turan.+ 33 Akka kanaan, isaan Yihowaa kan sodaatan taʼus, akka waaqeffannaa* sabootaa warra keessaa baafaman sanaatti waaqolii ofii isaanii ni waaqeffatu turan.+

34 Isaan hamma harʼaatti waaqeffannaa* isaanii isa duraa hordofu. Isaan keessaa tokko illee Yihowaa hin waaqeffanne;* isaan keessaa tokko illee dambiiwwan isaa, murtiiwwan isaa, Seerichaa fi ajaja Yihowaan ilmaan Yaaqoob isa maqaa isaa Israaʼel jedhee jijjiire+ sanaaf kenne hin hordofne. 35 Yihowaan yommuu isaanii wajjin kakuu galetti+ akkana jedhee isaan ajajee ture: “Waaqolii kan biroo hin sodaatinaa; isaaniif hin sagadinaa yookiin isaan hin tajaajilinaa yookiin aarsaa isaaniif hin dhiheessinaa.+ 36 Kanaa mannaa, Yihowaa isa humna guddaa fi irree diriirfameen biyya Gibxii keessaa isin baase+ sana sodaadhaa;+ isaaf sagadaa; isaaf aarsaa dhiheessaa. 37 Dambiiwwan, murtiiwwan, Seerichaa fi ajaja inni isiniif barreesse sana yeroo hunda of eeggannoodhaan hordofaa;+ waaqolii kan biroo hin sodaatinaa. 38 Kakuu ani isinii wajjin gale hin irraanfatinaa;+ waaqolii kan biroo hin sodaatinaa. 39 Kanaa mannaa, harka diinota keessan hundumaa jalaa kan isin baasu isa waan taʼeef, Waaqa keessan Yihowaa sodaadhaa.”

40 Isaan garuu hin ajajamne; kanaa mannaa, waaqeffannaa* isaanii isa durii hordofan.+ 41 Kanaafuu, saboonni kun Yihowaa kan sodaatan+ taʼus, fakkiiwwan isaanii warra bocamanis ni tajaajilu turan. Ijoolleen isaanii fi ijoolleen ijoollee isaaniis hamma harʼaatti akkuma abbootiin isaanii gochaa turan godhu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi