Saamuʼel Lammaffaa
3 Waraanni mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduutti godhamu yeroo dheeraadhaaf itti fufe; Daawit jabaachaa yommuu deemu,+ manni Saaʼol garuu dadhabaa deeme.+
2 Kana gidduutti Kebroon keessatti Daawit ilmaan ni dhalche.+ Ilmi isaa inni angafaa Amnoon+ isa Ahinoʼaam+ ishiin nama biyya Yezriʼel deesse dha. 3 Inni lammaffaan Kileʼaab* isa Abigaayil+ ishiin haadha manaa Naabaal Qarmeelosichaa turte sun deesse dha; inni sadaffaan Abishaalom+ ilma Maʼaakaa ti; ishiin intala Taalmaay+ isa mootii Geeshur taʼe sanaa ti. 4 Inni arfaffaan Adoniyaa+ ilma Haagiit ture; inni shanaffaan Shefaatiyaa ilma Abixaal ture. 5 Inni jaʼaffaan immoo Yitreʼaam isa haati manaa Daawit Eglaan deesse dha. Kanneen kun warra Daawit Kebroon keessatti dhalche turan.
6 Waraanni mana Saaʼolii fi mana Daawit gidduutti godhamu utuma itti fufee jiruu, Abneer+ mana Saaʼol irratti aangoo isaa cimsachaa deeme. 7 Saaʼol saajjatoo* Rizphaa+ jedhamtu qaba ture; ishiin intala Aayaa turte. Boodas Ish Bosheet+ Abneeriin, “Saajjatoo abbaa kootii wajjin saalqunnamtii kan raawwatte maaliifi?” jedhe.+ 8 Abneeris wanta Ish Bosheet dubbate kanatti baayʼee aaree akkana jedhe: “Ani saree* Yihudaa tii? Ani hanga guyyaa harʼaatti mana abbaa kee Saaʼoliif, obboloota isaatiifis taʼe michoota isaatiif jaalala amanamaa argisiiseera; siinis harka Daawititti dabarsee hin kennine; ati garuu kunoo harʼa sababii dubartiitiif dogoggora akkan raawwadhetti na himatta. 9 Akkuma Yihowaan isaaf kakatetti+ yoon Daawitiif gochuu baadhe, Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu. 10 Inni mootummicha mana Saaʼol irraa fuudhee, teessoo Daawit Israaʼelii fi Yihudaa irratti Daan irraa jalqabee hanga Ber Sheebaatti+ hundeessuuf isaaf kakateera.” 11 Ish Bosheetis waan isa sodaateef, jecha tokko illee Abneeriif deebisuu hin dandeenye.+
12 Abneeris yeruma sana gara Daawititti ergamtoota ergee, “Biyyattiin kan eenyuu ti? Anaa wajjin kakuu gali; anis Israaʼelonni hundi gara kee akka goran gochuuf wantan dandaʼu hundumaa nan godha”* isaan jedhe.+ 13 Yeroo kanatti innis deebisee, “Tole! Sii wajjin kakuu nan gala. Garuu wanti ani si irraa barbaadu tokko jira; ati yommuu na bira dhuftu, Miikaal+ intala Saaʼol yoo fidde malee fuula koo ilaaluuf yaalii akka hin goone” isaan jedhe. 14 Achiis Daawit, “Miikaal haadha manaa too, ishii ani qolofa* Filisxeemotaa 100n kaadhimadhe naa kenni” jedhee gara Ish Bosheet+ ilma Saaʼolitti ergamtoota erge.+ 15 Kanaafuu, Ish Bosheet abbaa manaa ishii Paaltiʼel+ ilma Laaʼish irraa ishii fudhatanii akka fidaniif namoota erge. 16 Abbaan manaa ishii garuu hanga Baahuriimitti+ booʼaa ishii duukaa buʼe. Achiis Abneer, “Beenu, deebiʼi!” isaan jedhe. Innis ni deebiʼe.
17 Kana gidduutti Abneer akkana jedhee jaarsolii Israaʼelitti dhaamsa erge: “Duruma iyyuu Daawit mootii keessan akka taʼu ni barbaaddu turtan. 18 Yihowaan Daawitiin, ‘Ani harka tajaajilaa koo Daawititti fayyadamee+ saba koo Israaʼeliin harka Filisxeemotaa fi harka diinota isaanii hundumaa jalaa nan oolcha’ waan jedheef, isin amma tarkaanfii fudhadhaa.” 19 Achiis Abneer namoota Biiniyaamii+ wajjin ni mariʼate. Kana malees, Abneer wanta Israaʼelonnii fi guutummaan mana Biiniyaam irratti walii galan kophaatti isatti himuuf gara Daawit isa Kebroonitti argamuu dhaqe.
20 Abneer namoota 20 wajjin Daawit isa Kebroonitti argamu bira yommuu dhaqu, Daawit Abneerii fi namoota isaa wajjin jiraniif affeerraa ni qopheesse. 21 Achiis Abneer Daawitiin, “Isaan sii wajjin kakuu akka galaniif, dhaqeen Israaʼelota hundumaa gara gooftaa koo mootichaatti walitti qaba; atis wanta barbaadde* hundumaa irratti mootii ni taata” jedhe. Kanaafuu, Daawit Abneeriin of biraa ni geggeesse; innis nagaadhaan karaa isaa qajeele.
22 Yeruma sana tajaajiltoonni Daawitii fi Yoʼaab wanta hedduu boojiʼanii bakka duulaatii deebiʼan. Daawit nagaadhaan of biraa waan isa geggeesseef, yeroo kanatti Abneer Kebroon keessa Daawitii wajjin hin turre. 23 Yoʼaabii+ fi guutummaan raayyaa waraanaa isaa wajjin ture yommuu achi gaʼan, “Abneer+ ilmi Neer+ gara mootichaa dhufee ture; innis of biraa isa geggeesse; Abneeris nagaadhaan karaa isaa qajeele” jedhamee Yoʼaabitti himame. 24 Kanaafuu, Yoʼaab gara mootichaatti seenee akkana isaan jedhe: “Wanti ati goote kun maali dha? Abneer gara kee dhufee ture. Inni nagaadhaan akka deemu maaliif isa geggeessite ree? 25 Abneer ilma Neeriin beekta! Inni as kan dhufe si gowwoomsuuf, sochii kee hundumaa beekuu fi wanta ati gootu hundumaa basaasuufi.”
26 Kanaafuu, Yoʼaab Daawit biraa baʼee Abneer duubaan ergamtoota erge; isaanis boolla bishaanii Siiraa biraa deebisanii isa fidan; Daawit garuu waaʼee kanaa homaa hin beeku ture. 27 Abneer yommuu gara Kebroonitti+ deebiʼu, Yoʼaab kophaatti isa haasofsiisuuf gara karra balbalichaatti isa geesse. Haa taʼu malee, Yoʼaab achitti garaa isaa ni waraane; innis ni duʼe;+ kana kan godhes Abneer obboleessa isaa Asaaheliin waan ajjeeseef ture.+ 28 Daawitis booda waaʼee kanaa yommuu dhagaʼu akkana jedhe: “Anii fi mootummaan koo dhiiga Abneer ilma Neeriif Yihowaa duratti itti gaafatamuu irraa bara baraaf walaba dha.+ 29 Dhiigni isaa mataa Yoʼaabii fi mataa guutummaa mana abbaa isaa irratti haa deebiʼu.+ Mana Yoʼaab keessaa namni dhangalaʼaa qaama isaa keessaa yaaʼuun+ yookiin dhukkuba nadaayiitiin* rakkatu+ yookiin dhiirri caliidhaan foʼu* yookiin namni goraadeedhaan duʼu yookiin namni nyaata dhabee rakkatu hin dhabamin!”+ 30 Akka kanaan, Yoʼaabii fi obboleessi isaa Abishaay,+ Abneer+ waraana Gibeʼonitti godhame irratti obboleessa isaanii Asaaheliin waan ajjeeseef+ isa ni ajjeesan.
31 Achiis Daawit Yoʼaabii fi namoota isaa wajjin jiran hundumaatiin, “Uffata keessan tarsaasaa; uffata gaddaas uffadhaatii Abneeriif booʼaa” jedhe. Daawit Mootichi iyyuu siree reeffichaa duuba deemaa ture. 32 Isaanis Abneeriin Kebroon keessatti ni awwaalan; mootichis awwaala Abneer biratti sagalee isaa ol kaasee booʼe; namoonni hundis ni booʼan. 33 Mootichis akkana jedhee Abneeriif faaruu gaddaa faarfate:
“Abneer akka nama gatii hin qabneetti haa duʼuu?
34 Harki kee hin hidhamne;
Miilli kees hidhaa sibiilaa keessa* hin galle.
Ati akkuma nama yakkamtoota* duratti kufutti kufte.”+
Yeroo kanatti namoonni hundi ammas irra deebiʼanii isaaf booʼan.
35 Boodas namoonni sun hundi gara Daawit dhufanii isa jajjabeessuuf guyyaadhaan nyaata* isaaf ni kennan; inni garuu, “Hamma aduun lixxutti nyaata yookiin wanta tokko illee yoon afaaniin qabe Waaqayyo adaba guddaa na haa adabu!” jedhee kakate.+ 36 Namoonni sun hundis kana ni qalbeeffatan; kunis isaan gammachiise. Akkuma wantoota mootichi godhe kaan hundumaatti kunis namoota sana hundumaa ni gammachiise. 37 Kanaafuu, namoonni sun hundii fi Israaʼelonni hundi mootichi Abneer ilmi Neer ajjeefamuu isaatti akka itti hin gaafatamne guyyaa sanatti ni hubatan.+ 38 Achiis mootichi tajaajiltoota isaatiin akkana jedhe: “Guyyaa harʼaatti Israaʼel keessatti bulchaanii fi namni guddaan tokko akka kufe hin beektanii?+ 39 Ani mootii taʼee kanan dibame+ taʼus, harʼa humna dhabeera; ilmaan Zeruuyaa+ kun baayʼee natti hammaataniiru.+ Yihowaan isa hammina hojjetuuf akka hammina isaatti isaaf haa deebisu.”+