LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 66
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Waaqeffannaa dhugaa fi waaqeffannaa sobaa (1-6)

      • Xiyoon ishii haadha taatee fi ilmaan ishii (7-17)

      • Namoonni waaqeffannaadhaaf Yerusaalemitti walitti qabaman (18-24)

Isaayyaas 66:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 5:34, 35
  • +2Se 6:18; HoE 17:24
  • +1Se 28:2; HoE 7:48-50

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 55

Isaayyaas 66:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “abdii kutatee.”

  • *

    Ykn., “waaʼee dubbii kootii dhiphatu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 40:26
  • +2Mo 22:18, 19; Luq 18:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 55

Isaayyaas 66:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “akkuma nama waaqa tolfamaa jajatuu ti.”

  • *

    Ykn., “lubbuun isaanii ni gammada.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 1:11
  • +Lew 11:27
  • +Kes 14:8
  • +Lew 2:1, 2
  • +Isa 1:13

Isaayyaas 66:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:15
  • +Er 7:13
  • +2Mo 21:9; Isa 65:3

Isaayyaas 66:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “waaʼee dubbii isaa dhiphattan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 5:18, 19; 29:13
  • +Isa 65:13, 14; Er 17:13, 18

Isaayyaas 66:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 54:1

Isaayyaas 66:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2014, ful. 26

    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!, ful. 263

Isaayyaas 66:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 137:6; Isa 44:23

Isaayyaas 66:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 9:7
  • +Isa 60:3; Hag 2:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    9/2018, ful. 13-14

Isaayyaas 66:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 51:3
  • +Isa 44:28; 65:18, 19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    9/2018, ful. 13-14

Isaayyaas 66:14

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Humni.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 59:18

Isaayyaas 66:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Ta 1:7, 8
  • +Kes 4:24
  • +Fr 50:3; Er 25:32, 33

Isaayyaas 66:16

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “namoota.”

Isaayyaas 66:17

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, iddoowwan biqiltuu addaa waaqeffannaa waaqa tolfamaatiif oolan.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 1:29; 65:3
  • +Lew 11:7, 8; Isa 65:4
  • +Lew 11:29

Isaayyaas 66:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 10:4
  • +Uma 10:6, 13
  • +Uma 10:2; His 27:12, 13
  • +Isa 60:3; Mil 1:11

Isaayyaas 66:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 30:1-3; Isa 11:16; 43:6; 60:4, 9

Isaayyaas 66:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 65:17, 18; 2Ph 3:13; Mul 21:1
  • +Isa 65:23; Er 31:35, 36

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2009, ful. 18-19

    Barreeffamoota Qorannaa Walgaʼii, 12/2019, ful. 7

Isaayyaas 66:23

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Namni.”

  • *

    Ykn., “na waaqeffachuuf.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 86:9; Zak 14:16; Mil 1:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/1/2006, ful. 31-32

Isaayyaas 66:24

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “foon.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 34:10; Mat 25:41; Mar 9:47, 48; 2Ta 1:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 76

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2008, ful. 27

Yaada Wal Simu

Isa. 66:1Mat 5:34, 35
Isa. 66:12Se 6:18; HoE 17:24
Isa. 66:11Se 28:2; HoE 7:48-50
Isa. 66:2Isa 40:26
Isa. 66:22Mo 22:18, 19; Luq 18:14
Isa. 66:3Isa 1:11
Isa. 66:3Lew 11:27
Isa. 66:3Kes 14:8
Isa. 66:3Lew 2:1, 2
Isa. 66:3Isa 1:13
Isa. 66:4Kes 28:15
Isa. 66:4Er 7:13
Isa. 66:42Mo 21:9; Isa 65:3
Isa. 66:5Isa 5:18, 19; 29:13
Isa. 66:5Isa 65:13, 14; Er 17:13, 18
Isa. 66:7Isa 54:1
Isa. 66:10Fr 137:6; Isa 44:23
Isa. 66:12Isa 9:7
Isa. 66:12Isa 60:3; Hag 2:7
Isa. 66:13Isa 51:3
Isa. 66:13Isa 44:28; 65:18, 19
Isa. 66:14Isa 59:18
Isa. 66:152Ta 1:7, 8
Isa. 66:15Kes 4:24
Isa. 66:15Fr 50:3; Er 25:32, 33
Isa. 66:17Isa 1:29; 65:3
Isa. 66:17Lew 11:7, 8; Isa 65:4
Isa. 66:17Lew 11:29
Isa. 66:19Uma 10:4
Isa. 66:19Uma 10:6, 13
Isa. 66:19Uma 10:2; His 27:12, 13
Isa. 66:19Isa 60:3; Mil 1:11
Isa. 66:20Kes 30:1-3; Isa 11:16; 43:6; 60:4, 9
Isa. 66:22Isa 65:17, 18; 2Ph 3:13; Mul 21:1
Isa. 66:22Isa 65:23; Er 31:35, 36
Isa. 66:23Fr 86:9; Zak 14:16; Mil 1:11
Isa. 66:24Isa 34:10; Mat 25:41; Mar 9:47, 48; 2Ta 1:9
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 66:1-24

Isaayyaas

66 Yihowaan akkana jedha:

“Samiiwwan teessoo koo ti, laftis ejjeta miila kootii ti.+

Maarree, manni isin naaf ijaaruu dandeessan,+

Bakki ani itti boqodhus kan akkamii ti?”+

 2 “Wantoota kana hundumaa kan tolche harkuma koo ti,

Hundi isaaniis kan argaman akka kanaani” jedha Yihowaan.+

“Anis gara isa kanaatti,

Gara isa gad of qabu, isa hafuurri isaa cabee* fi dubbii kootiin romʼu* kanaatti nan ilaala.+

 3 Namni qotiyyoo qalu, akkuma nama nama ajjeesuu ti.+

Namni aarsaa godhee hoolaa dhiheessu, akkuma nama morma saree cabsuu ti.+

Namni kennaa dhiheessu, akkuma nama dhiiga booyyee dhiheessuu ti!+

Namni aarsaa yaadannoo godhee ixaana adii dhiheessu,+ akkuma nama dubbii moraatti fayyadamee nama eebbisuu ti.*+

Isaan daandiiwwan ofii isaanii filataniiru,

Wanta jibbisiisaa taʼettis ni gammadu.*

 4 Kanaan kan kaʼes, ani isaan adabuuf karaa nan barbaada,+

Wantuma isaan sodaatanis isaan irratti nan fida.

Sababiin isaas, yommuun isaan waametti namni tokko illee hin owwaanne;

Yommuun dubbadhettis namni tokko illee na hin dhaggeeffanne.+

Wanta na duratti hamaa taʼe gochuu isaanii itti fufaniiru,

Wanta na hin gammachiisne gochuus filataniiru.”+

 5 Isin warri dubbii isaatiin romʼitan* dubbii Yihowaa kana dhagaʼaa:

“Obboloonni keessan warri sababa maqaa kootiin isin jibbanii fi of irraa isin fageessan, ‘Yihowaan ulfina haa argatu!’ jedhaniiru.+

Inni garuu isinitti mulʼatee gammachuu isiniif argamsiisa,

Kan qaaneffamus isaanuma dha.”+

 6 Magaalattii keessaa wacni, mana qulqullummaa keessaas sagaleen tokko ni dhagaʼama!

Sagaleen kunis sagalee Yihowaa isa yeroo inni diinota isaatiif adaba isaaniif malu kennutti dhagaʼamu dha.

 7 Ishiin ciniinsifachuu ishii dura, ni deesse.+

Ciniinsuun ishii qabuu isaa duras, mucaa dhiiraa ni deesse.

 8 Namni wanta akkanaa dhagaʼee beeku jiraa?

Namni wantoota akkanaa arge jiraa?

Biyyi guyyuma tokkotti ni dhalataa?

Yookiin sabni tokko takkaatti ni dhalataa?

Xiyoon garuu akkuma ciniinsifachuu jalqabdeen ilmaan ishii ni deesse.

 9 “Ani daaʼimni dhalachuu jala gaʼee akka hin dhalanne nan godhaa?” jedha Yihowaan.

“Yookiin ciniinsuu ergan fidee booda gadameessa nan cufaa?” jedha Waaqni kee.

10 Warri ishii jaallattan hundi, Yerusaalemii wajjin gammadaa, ishii wajjinis ililchaa.+

Warri ishiidhaaf gaddaa jirtan hundi, ishii wajjin baayʼee gammadaa,

11 Sababiin isaas, harma jajjabinaa ishii ni hootu, akka gaariittis ni quuftu,

Hamma quuftanitti ni dhugdu, baayʼina ulfina ishiittis ni gammaddu.

12 Yihowaan akkana jedha:

“Kunoo, ani akkuma lagaatti nagaa,+

Akkuma yaaʼaa bishaaniittis ulfina sabootaa ishiidhaaf nan kenna.+

Isinis tafa irra teessanii ni hootu, kunuunsas ni argattu,

Gudeeda irra teessaniis ni ururfamtu.

13 Akkuma haati ilma ishii urursitutti,

Anis isin urursuu koo ittan fufa;+

Isinis Yerusaalemiin kan kaʼe jajjabina ni argattu.+

14 Kana ni argitu, garaan keessanis ni gammada,

Lafeen keessan akkuma marga haaraatti ni lalisa.

Harki* Yihowaas tajaajiltoota isaa biratti kan beekame ni taʼa,

Taʼus inni diinota isaa ni balaaleffata.”+

15 “Sababiin isaas, Yihowaan dheekkamsa cimaadhaan haaloo baʼuuf,

Labooba ibiddaatiinis ifachuuf,+

Akka ibiddaatti ni dhufa,+

Gaariiwwan fardaa isaas akkuma obomboleettii ti.+

16 Yihowaan ibiddaan,

Eeyyee, goraadee isaatiin foon* hundumaa irratti murtii ni dabarsa;

Warri Yihowaan ajjeesus hedduu ni taʼu.

17 “Warri isa walakkaatti argamu sana duukaa buʼuudhaan, gara iddoowwan biqiltuutti*+ seenuuf of qulqulleessanii fi of dhiqan, warri foon booyyee,+ wantoota jibbisiisoo fi hantuuta+ nyaatan hundi waliin ni dhumu” jedha Yihowaan. 18 “Ani waaʼee hojii isaanii fi yaada isaanii waanan beekuuf, sabootaa fi qooqa hundumaa keessaa namoota walitti qabuuf nan dhufa; isaanis dhufanii ulfina koo ni argu.”

19 “Ani isaan gidduutti mallattoo tokko nan dhaaba; warra lubbuudhaan oolan keessaa muraasa gara sabootaatti, jechuunis gara Tarshiish,+ Puulii fi Luud+ warra iddaadhaan darbachuu irratti dandeettii qabanitti, akkasumas gara Tuubaal, gara Yaawaanii+ fi gara odolawwan fagoo jiran warra waaʼee koo hin dhageenye yookiin ulfina koo hin arginetti nan erga; isaanis saboota gidduutti ulfina koo ni labsu.+ 20 Akkuma namoonni Israaʼel kennaawwan isaanii miʼa qulqulluutti qabatanii gara mana Yihowaatti fidanitti, isaanis saboota hundumaa keessaa obboloota keessan hundumaa fardeen irra, gaariiwwan fardaa irra, gaariiwwan uwwifaman keessa, gaangolii irra, akkasumas gaalota saffisa qaban irra kaaʼanii, Yihowaadhaaf kennaa godhanii gara gaara koo isa qulqulluutti, gara Yerusaalemitti ni fidu”+ jedha Yihowaan.

21 “Kana malees, ani lubootaa fi Leewwota akka taʼaniif muraasa isaanii nan fudhadha” jedha Yihowaan.

22 “Akkuma samiiwwan haaraanii fi lafti haaraan+ warri ani tolchaa jiru na duratti jabaatanii dhaabbatan, sanyiin keessanii fi maqaan keessanis jabaatee ni dhaabbata”+ jedha Yihowaan.

23 “Baatii haaraa irraa hamma baatii haaraatti, sanbata irraa hamma sanbataattis,

Foon* hundi na duratti sagaduuf* ni dhufa”+ jedha Yihowaan.

24 “Isaanis gad baʼanii reeffa namoota na irratti fincilan sanaa ni ilaalu;

Raammoon isaan irra jiru hin duʼu,

Ibiddi isaaniis hin dhaamu,+

Isaan namoota* hundumaa duratti jibbisiisoo ni taʼu.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi