Ermiyaas
30 Dubbiin akkana jedhu Yihowaa biraa gara Ermiyaas ni dhufe: 2 “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti himu hundumaa kitaaba irratti barreessi. 3 Sababiin isaas, “Kunoo, guyyaan ani saba koo warra boojiʼaman, jechuunis Israaʼelii fi Yihudaa itti walitti qabu ni dhufa”+ jedha Yihowaan; “Gara biyya ani abbootii isaaniitiif kennettis isaan nan deebisa; isaan ammas deebiʼanii ishii ni dhaalu”+ jedha Yihowaan.’”
4 Dubbiin Yihowaan Israaʼelii fi Yihudaatti dubbate kana dha.
5 Yihowaan akkana jedha:
“Nuti sagalee namoota sodaadhaan iyyanii dhageenyeerra;
Naasuu malee nagaan hin jiru.
6 Mee maaloo, dhiirri daʼuu kan dandaʼu taʼuu isaa gaafadhaa.
Maarree, dhiirri jabaan hundi
Akkuma dubartii ciniinsuu irra jirtuutti garaa* isaa utuu qabatuu kanan argu maaliifi?+
Fuulli hundi kan daalachaaʼe maaliifi?
7 Guyyaan sun sodaachisaa* waan taʼeef, wayyoo!+
Kan akka isaa hin jiru,
Guyyichi Yaaqoobiif yeroo sodaachisaa taʼe dha.
Taʼus inni guyyicha irraa ni oola.”
8 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Guyyaa sanatti ani morma kee irraa waanjoo nan cabsa; hidhaa kees bakka lamatti nan kuta; kana booda warri biyya ormaa garba isa* hin godhatan. 9 Isaan Waaqa isaanii Yihowaa fi mootii isaanii Daawit isan isaaniif kaasu ni tajaajilu.”+
10 “Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, hin sodaatin,
Yaa Israaʼel, hin naʼin.+
Sababiin isaas, ani siin biyya fagoo irraa,
Sanyii kees biyya boojiʼamanii itti fudhataman irraa nan deebisa.+
Yaaqoob ni deebiʼa, utuu hin jeeqamin tasgabbiidhaan ni jiraata,
Kan isa sodaachisus hin jiraatu” jedha Yihowaan.+
11 “Sababiin isaas, ani si oolchuuf sii wajjinan jira.
Saboota ani gidduu isaaniitti si bittinneesse hundumaa haxaaʼee nan balleessa;+
Siin garuu haxaaʼee hin balleessu.+
12 Sababiin isaas, Yihowaan akkana jedha:
“Cabni kee hin fayyu.+
Madaan kees fayyuu kan hin dandeenye dha.
13 Dhimma keetiif kan falmu hin jiru,
Madaan kee karaa itti fayyu hin qabu.
Ati fayyuu hin dandeessu.
14 Warri baayʼee si jaallatan hundi si irraanfataniiru.+
Isaan kana booda si hin barbaadan.
Ani yakka kee isa guddaa taʼee fi cubbuuwwan kee warra hedduu taʼaniin kan kaʼe,+
Rukuttaa diinaatiin si rukuteera,+
Adaba nama gara jabeessa taʼeetiinis si adabeera.
15 Caba keetiin kan kaʼe kan iyyitu maaliifi?
Dhukkubbiin kee fayyuu kan hin dandeenye dha!
Yakka kee isa guddaa taʼee fi cubbuuwwan kee warra hedduu taʼaniin kan kaʼe,+
Ani wanta kana si irratti raawwadheera.
Warri si boojiʼan ni boojiʼamu,
Warra si saaman hundumaas saamichatti dabarsee nan kenna.”+
17 “Isaan kan gatamte akka taate yoo dubbatanii fi
‘Xiyoon ishii eenyu iyyuu hin barbaanne’ yoo siin jedhan iyyuu,+
Ani garuu fayyaa kee siif nan deebisa, madaa kees nan fayyisa”+ jedha Yihowaan.
18 Yihowaan akkana jedha:
“Kunoo, ani warra dunkaanota Yaaqoob keessaa boojiʼaman walitti nan qaba,+
Godoowwan qulqulluu isaatiifis nan gadda.
Magaalattiin tabba ishii irratti deebitee ni ijaaramti,+
Masaraan cimaan sunis iddoo isaa isa sirrii taʼe irra ni dhaabbata.
19 Isaan keessaas galannii fi sagaleen kolfaa ni baʼa.+
Ani isaan nan baayʼisa, isaan hin xinnaatan;+
Hedduu* isaan nan godha,
Lakkoofsi isaaniis hin xiqqaatu.+
20 Ilmaan isaa akkuma bara durii ni taʼu,
Yaaʼiin isaas na duratti jabaatee ni dhaabbata.+
Ani warra isa cunqursan hundumaa nan adaba.+
21 Saba isaa keessaa inni ulfina qabeessa taʼe,
Gidduu isaatiis inni isaaf bulchaa taʼe ni baʼa.
Inni akka natti siqu nan godha, innis natti ni dhihaata.”
“Taʼuu baannaan garuu, eenyutu natti dhihaachuuf onnata?”* jedha Yihowaan.
22 “Isin saba koo ni taatu,+ anis Waaqa keessan nan taʼa.”+
23 Kunoo, dheekkamsi Yihowaa akkuma obomboleettiitti humnaan ni baʼa;+
Akkuma bubbee haxaaʼee sokkuuttis mataa hamootaa irratti saffisaan gad ni buʼa.
24 Yihowaan hamma fedhii garaa isaa raawwatuttii fi fiixaan baasutti,
Dheekkamsi isaa inni bobaʼu duubatti hin deebiʼu.+
Guyyoota dhumaatti kana ni hubattu.+