LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 15
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Mootii Yihudaa kan taʼe Abiyaam (1-8)

      • Mootii Yihudaa kan taʼe Aasaa (9-24)

      • Mootii Israaʼel kan taʼe Naadaab (25-32)

      • Mootii Israaʼel kan taʼe Baʼaashaa (33, 34)

1 Mootota 15:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 12:20
  • +2Se 13:1, 2

1 Mootota 15:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 11:20-22

1 Mootota 15:3

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Waaqa isaa Yihowaadhaaf guutummaatti kan bule.”

1 Mootota 15:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “sanyii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 7:8, 12; Fr 89:33-37; Isa 37:35; Er 33:20, 21
  • +1Mo 11:36; 2Se 21:7; Fr 132:13, 17

1 Mootota 15:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Sa 11:4, 15; Fr 51:ibsa jalqaba boqonnaarra jiru

1 Mootota 15:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:30; 2Se 12:15

1 Mootota 15:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 13:22
  • +2Se 13:3

1 Mootota 15:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 3:10; Mat 1:7
  • +2Se 14:1

1 Mootota 15:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 11:21, 22

1 Mootota 15:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 14:2-5, 11; 15:17

1 Mootota 15:12

Miiljaleewwan

  • *

    Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 23:17, 18; 1Mo 14:24; 22:45, 46
  • +1Mo 11:7; 14:22, 23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2012, ful. 8

1 Mootota 15:13

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 11:18, 20
  • +Kes 7:5; 2Mo 18:1, 4; 2Se 34:1, 4
  • +2Sa 15:23; 2Se 15:16-18; Yoh 18:1

1 Mootota 15:14

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “guyyoota.”

  • *

    Ykn., “Yihowaadhaaf guutummaatti kan bule.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lak 33:52; Kes 12:2; 1Mo 22:41, 43

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2017, ful. 19

1 Mootota 15:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Se 26:26, 27

1 Mootota 15:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:3, 12

1 Mootota 15:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “naannoo Aasaa Mootichaa keessaa akka gad hin baane ykn gara naannoo isaatti akka hin seenne.”

  • *

    Ykn., “jabeessuu; deebisee ijaaruu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 18:21, 25
  • +2Se 16:1-6

1 Mootota 15:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 16:7

1 Mootota 15:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “kakuun.”

  • *

    Ykn., “kakuu.”

1 Mootota 15:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 15:29
  • +Abo 18:29; 1Mo 12:28, 29

1 Mootota 15:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “jabeessuu; deebisee ijaaruu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:17; Wed 6:4

1 Mootota 15:22

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ni jabeesse; deebisee ni ijaare.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 21:8, 17
  • +Iya 18:21, 26; Abo 20:1; 1Sa 7:5; Er 40:6

1 Mootota 15:23

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “jabeesses; deebisee ijaares.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 16:11-14

1 Mootota 15:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 22:42; 2Se 17:3, 4; 18:1; 19:4; Mat 1:8

1 Mootota 15:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:20

1 Mootota 15:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:7, 9
  • +1Mo 12:28-30; 13:33

1 Mootota 15:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iya 19:44, 48; 21:20, 23; 1Mo 16:15

1 Mootota 15:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:9, 10

1 Mootota 15:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 12:15

1 Mootota 15:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:8

1 Mootota 15:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:7
  • +1Mo 12:28-30; 13:33

Yaada Wal Simu

1Mot. 15:11Mo 12:20
1Mot. 15:12Se 13:1, 2
1Mot. 15:22Se 11:20-22
1Mot. 15:42Sa 7:8, 12; Fr 89:33-37; Isa 37:35; Er 33:20, 21
1Mot. 15:41Mo 11:36; 2Se 21:7; Fr 132:13, 17
1Mot. 15:52Sa 11:4, 15; Fr 51:ibsa jalqaba boqonnaarra jiru
1Mot. 15:61Mo 14:30; 2Se 12:15
1Mot. 15:72Se 13:22
1Mot. 15:72Se 13:3
1Mot. 15:81Se 3:10; Mat 1:7
1Mot. 15:82Se 14:1
1Mot. 15:102Se 11:21, 22
1Mot. 15:112Se 14:2-5, 11; 15:17
1Mot. 15:12Kes 23:17, 18; 1Mo 14:24; 22:45, 46
1Mot. 15:121Mo 11:7; 14:22, 23
1Mot. 15:132Se 11:18, 20
1Mot. 15:13Kes 7:5; 2Mo 18:1, 4; 2Se 34:1, 4
1Mot. 15:132Sa 15:23; 2Se 15:16-18; Yoh 18:1
1Mot. 15:14Lak 33:52; Kes 12:2; 1Mo 22:41, 43
1Mot. 15:151Se 26:26, 27
1Mot. 15:161Mo 16:3, 12
1Mot. 15:17Iya 18:21, 25
1Mot. 15:172Se 16:1-6
1Mot. 15:182Se 16:7
1Mot. 15:202Mo 15:29
1Mot. 15:20Abo 18:29; 1Mo 12:28, 29
1Mot. 15:211Mo 14:17; Wed 6:4
1Mot. 15:22Iya 21:8, 17
1Mot. 15:22Iya 18:21, 26; Abo 20:1; 1Sa 7:5; Er 40:6
1Mot. 15:232Se 16:11-14
1Mot. 15:241Mo 22:42; 2Se 17:3, 4; 18:1; 19:4; Mat 1:8
1Mot. 15:251Mo 14:20
1Mot. 15:261Mo 14:7, 9
1Mot. 15:261Mo 12:28-30; 13:33
1Mot. 15:27Iya 19:44, 48; 21:20, 23; 1Mo 16:15
1Mot. 15:291Mo 14:9, 10
1Mot. 15:322Se 12:15
1Mot. 15:331Mo 16:8
1Mot. 15:341Mo 16:7
1Mot. 15:341Mo 12:28-30; 13:33
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 15:1-34

Mootota Tokkoffaa

15 Yeroboʼaam+ Mootichi ilmi Nebaat mootii taʼee waggaa 18ffaa isaatti Abiyaam Yihudaa irratti mootii taʼe.+ 2 Inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa sadiif ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼaakaa+ yommuu taʼu, ishiin intala intala Abishaalom turte. 3 Inni cubbuu abbaan isaa isa dura raawwate hundumaa ni raawwate; garaan isaas akka garaa abbaa isaa Daawit Waaqa isaa Yihowaa biratti guutuu* hin turre. 4 Haa taʼu malee, Daawitiin+ kan kaʼe Waaqni isaa Yihowaan isa booda ilma isaa kaasuudhaan, akkasumas Yerusaalem jiraachuu ishii akka itti fuftu gochuudhaan Yerusaalem keessatti ibsaa* isaaf ni kenne.+ 5 Kun kan taʼe, Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe waan raawwateefi; inni Uuriyaa Heetichaa wajjin haala wal qabateen wanta raawwateen alatti, bara jireenyaa isaa guutuu wanta inni isa ajaje kam irraa iyyuu hin jalʼanne.+ 6 Bara jireenya isaa hundumaatti, Rooboʼaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+

7 Seenaan Abiyaam inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii?+ Kana malees, Abiyaamii fi Yeroboʼaam gidduutti waraanni ni godhama ture.+ 8 Achiis Abiyaam abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanis Magaalaa Daawit keessatti isa awwaalan; ilmi isaa Aasaanis+ bakka isaa mootii taʼe.+

9 Yeroboʼaam mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa 20ffaa isaatti Aasaan Yihudaa irratti bulchuu jalqabe. 10 Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 41f ni bulche. Akkoon isaa Maʼaakaa+ kan jedhamtu yommuu taʼu, ishiin intala intala Abishaalom turte. 11 Aasaan akkuma abbaa isaa Daawit wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate.+ 12 Inni dhiirota mana qulqullummaa keessatti dhiirotaa wajjin saalqunnamtii raawwatan biyyattii keessaa ni ariʼe;+ waaqolii tolfamoo balfamoo* taʼanii fi abbootiin isaa hojjetan hundas ni balleesse.+ 13 Akkoon isaa Maʼaakaan+ waaqeffannaa utubaa waaqeffannaatiif* akka taʼuuf waaqa tolfamaa isa balfamaa taʼe waan hojjetteef, aangoo mootuu taʼuudhaan qabdu irraa ishii ni buuse. Aasaan waaqa tolfamaa ishii isa balfamaa taʼe muree+ Sulula Qedroon+ keessatti gube. 14 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan.+ Taʼus Aasaan umurii* isaa guutuu garaan isaa Yihowaa biratti guutuu* ture. 15 Wantoota innii fi abbaan isaa qulqulleessan, jechuunis meetii, warqii fi miʼawwan adda addaa gara mana Yihowaatti ni fide.+

16 Aasaa fi Baʼaashaa+ mootii Israaʼel gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture. 17 Kanaafuu, Baʼaashaan mootiin Israaʼel Yihudaa waraanuuf dhufee eenyu iyyuu Aasaa mootii Yihudaa biraa akka gad hin baanee fi gara isaattis akka hin seenne* dhowwuuf Raamaa+ ijaaruu* jalqabe.+ 18 Yeroo kanatti Aasaan meetii fi warqii manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti hafe hunda fuudhee tajaajiltoota isaatti kenne. Achiis Aasaan Mootichi tajaajiltoota isaa kana gara Benhadaad ilma Taabrimoon, ilma Heziyoon isa mootii Sooriyaa+ taʼee fi Damaasqoo keessa jiraachaa turetti ni erge; akkana isaan jedhe: 19 “Anaa fi si gidduu, abbaa koo fi abbaa kee gidduus walii galteen* jira. Ani kennaa meetii fi kennaa warqii siif ergeera. Inni ana irraa akka deebiʼuuf, kottuutii walii galtee* Baʼaashaa mootii Israaʼelii wajjin goote diigi.” 20 Benhadaadis Aasaa Mooticha dhagaʼee magaalota Israaʼeliin akka waraananiif ajajjoota raayyawwan waraanaa isaa ni erge; isaanis Iyooniin,+ Daaniin,+ Abeel Beet Maʼaakaa, guutummaa Kinereetii fi guutummaa biyya Niftaalem ni rukutan. 21 Baʼaashaanis wanta kana yommuu dhagaʼu, yeruma sana Raamaa ijaaruu* dhiisee Tirzaa+ keessa jiraachuu isaa itti fufe. 22 Achiis Aasaa Mootichi nama tokko utuu hin hambisin namoota Yihudaa hunda walitti ni qabe; isaanis dhagootaa fi saanqaawwan Raamaa isa Baʼaashaan ittiin ijaaraa ture sana fudhatanii deeman; Aasaa Mootichis wantoota kanatti fayyadamee Geebaa+ ishii Biiniyaam keessa jirtuu fi Misphaa+ ni ijaare.*

23 Seenaan Aasaa inni hafe hundi, jabinni isaa hundii fi wanti inni godhe hundi, magaalonni inni ijaares* kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? Bara dulluma isaatti garuu Aasaan dhukkuba miilaatiin baayʼee rakkata ture.+ 24 Achiis Aasaan abbootii isaa wajjin ni boqote; isaanii wajjinis Magaalaa abbaa isaa Daawit keessatti ni awwaalame; ilmi isaa Yoshaafaaxis+ bakka isaa mootii taʼe.

25 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti Naadaab+ ilmi Yeroboʼaam Israaʼel irratti mootii taʼe; inni Israaʼel irratti waggaa lamaaf ni bulche. 26 Wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaas itti fufe; akkasumas daandii abbaan isaa irra deemee+ fi cubbuu abbaan isaa Israaʼelonni akka hojjetan godhe irra ni deddeebiʼe.+ 27 Baʼaashaan ilmi Ahiyaa inni mana Yisaakor keessaa taʼe isa irratti ni mariʼate; Naadaabii fi guutummaan Israaʼel Gibetoonitti+ marsanii utuu jiraniis Baʼaashaan Gibetoon ishii magaalaa Filisxeemotaa taate keessatti isa ni ajjeese. 28 Kanaafuu, Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Baʼaashaan Naadaabiin ajjeesee bakka isaa mootii taʼe. 29 Innis akkuma mootii taʼeen maatii Yeroboʼaam hundumaa ni ajjeese. Wanta kan Yeroboʼaam taʼe keessaas hafuura kan baafatu tokko illee hin hambisne; inni akkuma Yihowaan karaa tajaajilaa isaa Ahiyaa Shiiloonichaa dubbatetti akka isaan guutummaatti balleeffaman ni godhe.+ 30 Kunis kan taʼe, cubbuu Yeroboʼaam hojjetee fi Israaʼelonni akka hojjetan godheen, akkasumas inni Yihowaa Waaqa Israaʼeliin akka malee dheekkamsiisuu isaatiin kan kaʼe dha. 31 Seenaan Naadaab inni hafee fi wanti inni godhe hundi, kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Israaʼel dubbatu keessatti barreeffameera mitii? 32 Aasaa fi Baʼaashaa mootii Israaʼel gidduutti waraanni wal irraa hin cinne ni godhama ture.+

33 Aasaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Baʼaashaan ilmi Ahiyaa Tirzaa keessa taaʼee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe; waggaa 24fis ni bulche.+ 34 Haa taʼu malee, inni wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gochuu isaa itti fufe;+ akkasumas daandii Yeroboʼaam irra deemee fi cubbuu inni Israaʼelonni akka hojjetan godhe irra ni deddeebiʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi