LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 18
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 1 Moototaa

      • Eeliyaas Obaadiyaa fi Ahaabii wajjin wal arge (1-18)

      • Eeliyaas Qarmeelositti raajota Baʼaalii wajjin wal morke (19-40)

        • ‘Yaada lamaan okkoluu’ (21)

      • Ongeen waggaa sadii fi walakkaadhaaf ture ni dhaabbate (41-46)

1 Mootota 18:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 4:25; Yaq 5:17
  • +Fr 65:9, 10; Er 14:22

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2008, ful. 27

1 Mootota 18:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:26; Kes 28:24

1 Mootota 18:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2006, ful. 19

1 Mootota 18:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:31

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    10/1/2006, ful. 19

1 Mootota 18:5

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lageen goggogan.”

1 Mootota 18:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 1:8

1 Mootota 18:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:2, 3

1 Mootota 18:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 2:15, 16; Mat 4:1; HoE 8:39

1 Mootota 18:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 18:4

1 Mootota 18:15

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “isa ani dura dhaabbadhuu.”

1 Mootota 18:17

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Israaʼel akka jibbamu gochaa.”

1 Mootota 18:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:4; 1Mo 9:9; 16:30-33

1 Mootota 18:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 16:33
  • +Iya 19:26, 31

1 Mootota 18:21

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “hookkoo ykn kazaraa lama irra.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 2:11; Hos 10:2; Mat 12:30; 1Qo 10:21; 2Qo 6:14, 15
  • +Bau 20:5; Iya 24:15; 1Sa 7:3; Fr 100:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 46

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    3/2017, ful. 14-15

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 99-101

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2008, ful. 19

    1/1/2006, ful. 10-17

1 Mootota 18:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:9, 10

1 Mootota 18:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 101

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2008, ful. 19

1 Mootota 18:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 6:31
  • +Lew 9:23, 24; Kes 4:24; Abo 6:21; 1Se 21:26; 2Se 7:1

1 Mootota 18:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 45:20; Er 10:5; Dan 5:23; An 2:18, 19; 1Qo 8:4

1 Mootota 18:27

Miiljaleewwan

  • *

    Jechuunis, mana fincaanii.

  • *

    Ykn tarii, “karaa deemeera taʼa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 41:23

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 101-102

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2008, ful. 20

1 Mootota 18:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “akka raajotaa taʼan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 44:19, 20

1 Mootota 18:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 19:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 102

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2008, ful. 20

    1/1/2006, ful. 12-13

1 Mootota 18:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 32:28, 30; 35:10; Isa 48:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 102

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2008, ful. 20

1 Mootota 18:32

Miiljaleewwan

  • *

    Safartuun siihii tokko 7.33 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:25; Kes 27:6

1 Mootota 18:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Uma 22:9; Lew 1:7, 8

1 Mootota 18:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 29:41
  • +Uma 26:24
  • +Uma 28:13
  • +Lak 16:28; Yoh 11:42

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 102-104

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2011, ful. 4

    1/1/2008, ful. 20

1 Mootota 18:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 31:18; His 33:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 102-104

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2011, ful. 4

    1/1/2008, ful. 20

1 Mootota 18:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 9:23, 24; Abo 6:21; 2Se 7:1
  • +1Mo 18:23, 24

1 Mootota 18:40

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “laga gogaa.”

  • *

    Jechuunis, qale.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Abo 5:20, 21; Fr 83:9
  • +Kes 13:1-5; 18:20

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 104-105

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2008, ful. 20-21

1 Mootota 18:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 17:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 107-109

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2008, ful. 25-26

1 Mootota 18:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yaq 5:17, 18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 107-108

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2008, ful. 25-26

1 Mootota 18:43

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 109-111

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2008, ful. 26-27

1 Mootota 18:44

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 109-112

    Masaraa Eegumsaa,

    4/1/2009, ful. 15-16

    7/1/2008, ful. 26-28

1 Mootota 18:45

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 12:18; Iyo 38:37
  • +Iya 19:17, 18; 1Mo 21:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 112

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2008, ful. 28

1 Mootota 18:46

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mudhii isaa hidhatee.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Fakkeenyasaanii Hordofaa, ful. 112-114

    Masaraa Eegumsaa,

    7/1/2008, ful. 28

Yaada Wal Simu

1Mot. 18:1Luq 4:25; Yaq 5:17
1Mot. 18:1Fr 65:9, 10; Er 14:22
1Mot. 18:2Lew 26:26; Kes 28:24
1Mot. 18:41Mo 16:31
1Mot. 18:72Mo 1:8
1Mot. 18:101Mo 17:2, 3
1Mot. 18:122Mo 2:15, 16; Mat 4:1; HoE 8:39
1Mot. 18:131Mo 18:4
1Mot. 18:18Bau 20:4; 1Mo 9:9; 16:30-33
1Mot. 18:191Mo 16:33
1Mot. 18:19Iya 19:26, 31
1Mot. 18:21Er 2:11; Hos 10:2; Mat 12:30; 1Qo 10:21; 2Qo 6:14, 15
1Mot. 18:21Bau 20:5; Iya 24:15; 1Sa 7:3; Fr 100:3
1Mot. 18:221Mo 19:9, 10
1Mot. 18:24Abo 6:31
1Mot. 18:24Lew 9:23, 24; Kes 4:24; Abo 6:21; 1Se 21:26; 2Se 7:1
1Mot. 18:26Isa 45:20; Er 10:5; Dan 5:23; An 2:18, 19; 1Qo 8:4
1Mot. 18:27Isa 41:23
1Mot. 18:29Isa 44:19, 20
1Mot. 18:301Mo 19:14
1Mot. 18:31Uma 32:28, 30; 35:10; Isa 48:1
1Mot. 18:32Bau 20:25; Kes 27:6
1Mot. 18:33Uma 22:9; Lew 1:7, 8
1Mot. 18:36Bau 29:41
1Mot. 18:36Uma 26:24
1Mot. 18:36Uma 28:13
1Mot. 18:36Lak 16:28; Yoh 11:42
1Mot. 18:37Er 31:18; His 33:11
1Mot. 18:38Lew 9:23, 24; Abo 6:21; 2Se 7:1
1Mot. 18:381Mo 18:23, 24
1Mot. 18:40Abo 5:20, 21; Fr 83:9
1Mot. 18:40Kes 13:1-5; 18:20
1Mot. 18:411Mo 17:1
1Mot. 18:42Yaq 5:17, 18
1Mot. 18:451Sa 12:18; Iyo 38:37
1Mot. 18:45Iya 19:17, 18; 1Mo 21:1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
1 Mootota 18:1-46

Mootota Tokkoffaa

18 Yeroo muraasa booda waggaa sadaffaatti+ dubbiin Yihowaa, “Dhaqi, Ahaabitti mulʼadhu; ani lafa irratti bokkaa nan roobsa”+ jedhu gara Eeliyaas ni dhufe. 2 Kanaafuu, yeroo beelli sun Samaariyaa keessatti hammaatee turetti,+ Eeliyaas Ahaabitti mulʼachuu ni dhaqe.

3 Kana gidduutti Ahaab Obaadiyaa isa mana isaa irratti itti gaafatamummaa qabu ni waame. (Obaadiyaan nama baayʼisee Yihowaa sodaatu ture; 4 yeroo Iizaabel+ raajota Yihowaa ajjeesaa turtetti Obaadiyaan raajota 100 fuudhee 50 holqa tokko keessa, 50 immoo holqa kan biraa keessa dhoksee nyaataa fi bishaan isaaniif kennaa ture.) 5 Achiis Ahaab Obaadiyaadhaan, “Biyyattii keessa gara bakka burqaawwan bishaanii fi sululawwan* itti argaman hundumaa dhaqi. Tarii horiiwwan keenya akka hin dhumneef, marga gaʼaa fardeenii fi gaangolii lubbuudhaan tursuuf gargaaru argachuu dandeenya taʼa” jedhe. 6 Kanaafuu, biyya keessa darbanii deemuuf jedhan sana ni hiratan. Ahaab kophaa isaa karaa tokko ni deeme; Obaadiyaanis kophaa isaa karaa kan biraa ni deeme.

7 Obaadiyaan yommuu karaa isaa irra buʼu, Eeliyaas isa argachuuf ni baʼe. Innis yeruma sana eenyummaa isaa ni beeke; achiis adda isaatiin gombifamee, “Eeliyaas gooftaa koo, kun dhuguma siʼii?” isaan jedhe.+ 8 Innis deebisee, “Eeyyee ana dha. Dhaqi, ‘Eeliyaas as jira’ jedhiitii gooftaa keetti himi” isaan jedhe. 9 Obaadiyaan garuu akkana isaan jedhe: “Ahaab akka na ajjeesu ana tajaajilaa kee dabarsitee kan isatti kennitu cubbuu maaliin hojjedhe? 10 Waaqa kee Yihowaa isa jiraataa taʼeen nan kakadha, gooftaan koo si barbaacha sabni yookiin mootummaan inni ergaa itti hin ergine hin jiru. Isaan, ‘Inni as hin jiru’ erga jedhanii booda immoo, mootummaanis taʼe sabni sun akka si hin arganne kakatanii akka mirkaneessan godha ture.+ 11 Ati immoo amma, ‘Dhaqi, “Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jetta. 12 Ani yommuun si irraa addaan baʼu, hafuurri Yihowaa gara bakka ani hin beeknetti si geessa;+ Ahaabitti ergan himee booda inni yoo si dhabe akka na ajjeesu beekamaa dha. Haa taʼu malee, ani tajaajilaan kee ijoollummaa kootii jalqabee Yihowaa nan sodaadha. 13 Yeroo Iizaabel raajota Yihowaa ajjeesaa turtetti ani raajota Yihowaa keessaa 100 fuudhee 50 holqa tokko keessa, 50 immoo holqa kan biraa keessa dhoksee nyaataa fi bishaan isaaniif kennaa akkan ture ati gooftaan koo hin dhageenyee?+ 14 Ati garuu amma, ‘Dhaqi, “Eeliyaas as jira” jedhiitii gooftaa keetti himi’ naan jechaa jirta. Inni akka na ajjeesu beekamaa dha.” 15 Eeliyaas garuu, “Yihowaa Gooftaa Raayyaa isa ani tajaajiluu* fi jiraataa taʼeen nan kakadha, harʼa isatti nan mulʼadha” isaan jedhe.

16 Kanaafuu, Obaadiyaan gara Ahaab deemee itti hime; Ahaabis Eeliyaasiin argachuuf deeme.

17 Achiis Eeliyaasiin akkuma argeen, “Inni Israaʼel irratti rakkina guddaa fidaa* jiru siʼii?” isaan jedhe.

18 Yeroo kanatti inni akkana isaan jedhe: “Ajajawwan Yihowaa dhiisuudhaan, Baʼaal duukaas buʼuudhaan Israaʼel irratti rakkina fidaa kan jiru+ sii fi mana abbaa keetii ti malee ana miti. 19 Egaa amma Israaʼelota hunda, akkasumas raajota Baʼaal 450 fi raajota utubaa waaqeffannaa*+ 400 warra maaddii Iizaabel irraa nyaatan Gaara Qarmeelos+ irratti walitti naaf qabi.” 20 Kanaafuu, Ahaab namoota Israaʼel hundatti dhaamsa erge; raajota sanas Gaara Qarmeelos irratti walitti qabe.

21 Achiis Eeliyaas namoota sana hundatti dhihaatee, “Hamma yoomiitti yaada lamaan* okkoltu?+ Yihowaan Waaqa dhugaa yoo taʼe, isa duukaa buʼaa;+ Baʼaal Waaqa dhugaa yoo taʼe immoo isa duukaa buʼaa!” isaaniin jedhe. Namoonni sun garuu waan tokko illee isaaf hin deebisne. 22 Achiis Eeliyaas namoota sanaan akkana jedhe: “Raajota Yihowaa keessaa ana qofatu hafe;+ raajonni Baʼaal garuu 450 dha. 23 Namoonni kun jiboota lama nuuf haa kennan; raajonni Baʼaal jibicha tokko filatanii kukkutanii qoraanicha irra haa kaaʼan; garuu ibidda itti qabsiisuu hin qaban. Ani immoo jibicha isa kan biraa qopheessee qoraanicha irra nan kaaʼa; garuu ibidda itti hin qabsiisu. 24 Achiis isin maqaa waaqa keessanii waammadhaa;+ anis maqaa Yihowaa nan waammadha. Waaqni ibidda ergee deebii kennu, inni Waaqa dhugaa dha.”+ Yeroo kanatti namoonni sun hundi, “Wanti ati jette gaarii dha” jedhanii isaaf deebisan.

25 Eeliyaasis raajota Baʼaaliin, “Isin baayʼee waan taataniif, jalqaba jibicha tokko filadhaatii qopheessaa. Achiis maqaa waaqa keessanii waammadhaa; garuu ibidda itti qabsiisuu hin qabdan” jedhe. 26 Kanaafuu, isaan jibicha isaaniif kenname fudhatanii ni qopheessan; achiis, “Yaa Baʼaal, deebii nuu kenni!” jedhanii ganamaa jalqabee hamma waareetti maqaa Baʼaal waammachuu isaanii itti fufan. Haa taʼu malee, sagaleen hin turre; qaamni isaaniif deebii kennes hin turre.+ Isaan okkolaa iddoo aarsaa ijaaran sanatti naannaʼuu isaanii itti fufan. 27 Gara waareettis Eeliyaas, “Sagalee keessan ol kaasaatii iyyaa! Silaa inni waaqa dha!+ Tarii yaadaan fudhatameera yookiin mana boolii* dhaqeera taʼa.* Yookiin rafee taʼuu waan dandaʼuuf namni isa dammaqsu isa barbaachisa taʼa!” jedhee isaanitti qoosuu jalqabe. 28 Isaanis sagalee isaanii ol kaasanii iyyaa, akkasumas akka barsiifata isaaniitti hamma dhiigni isaanii dhangalaʼutti cuubee fi eeboodhaan of mummuraa turan. 29 Waaree boodas hamma yeroon aarsaan midhaanii inni galgalaa itti dhihaatu gaʼutti akka maraachuu taʼan;* haa taʼu malee, sagaleen hin turre; qaamni isaaniif deebii kennes hin turre; xiyyeeffannaa kan kennes hin turre.+

30 Sana booda, Eeliyaas namoota sana hundaan, “Natti dhihaadhaa” jedhe. Kanaafuu, namoonni sun hundi isatti dhihaatan. Innis iddoo aarsaa Yihowaa isa diigamee ture sana ni haaresse.+ 31 Sana booda, Eeliyaas dhagoota 12 lakkoofsi isaanii gosoota ilmaan Yaaqoob isa Yihowaan, “Maqaan kee Israaʼel jedhama”+ jedhee itti hime sanaa wajjin qixxee taʼe ni fudhate. 32 Dhagoota kanaanis maqaa Yihowaatiin iddoo aarsaa ni ijaare.+ Achiis iddoo aarsaa balʼinni isaa sanyii safartuu siihii* lama facaasisuu dandaʼutti naannessee boolla ni qote. 33 Sana booda qoraan sana tarree naqe; jibicha sanas kukkutee qoraanicha irra kaaʼe.+ Achiis, “Hubboo guguddaa afuritti bishaan guutaatii aarsaa gubamuu fi qoraanicha irratti naqaa” isaaniin jedhe. 34 Achiis, “Ammas itti naqaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, ammas itti naqan. Ammas, “Yeroo sadaffaadhaaf itti naqaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan yeroo sadaffaadhaaf itti naqan. 35 Bishaanichis naannoo guutummaa iddoo aarsaa sanaatti ni lolaʼe; Eeliyaas boolla sanas bishaaniin ni guute.

36 Naannoo yeroo aarsaan midhaanii inni galgalaa itti dhihaatutti,+ Eeliyaas raajichi gara fuulduraatti dhihaatee akkana jedhe: “Waaqa Abrahaam,+ Waaqa Yisihaaqii+ fi Waaqa Israaʼel kan taate yaa Yihowaa, ati Israaʼel keessatti Waaqa akka taatee fi ani immoo tajaajilaa kee akkan taʼe, wantoota kana hunda kanan godhes dubbii keetiin akka taʼe harʼa haa beekamu.+ 37 Yaa Yihowaa, deebii naaf kenni! Sabni kun ati Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu kee fi garaa isaaniis ofitti deebisaa akka jirtu akka beekaniif deebii naaf kenni.”+

38 Yeroo kanatti ibiddi Yihowaa gubbaadhaa gad buʼee aarsaa gubamu sana, qoraanicha, dhagoota sanaa fi biyyoo sana ni nyaate;+ bishaan boollicha keessa tures ni arraabe.+ 39 Namoonni sun hundis yommuu kana argan, yeruma sana adda isaaniitiin gombifamanii, “Yihowaan Waaqa dhugaa dha! Yihowaan Waaqa dhugaa dha” jedhan. 40 Achiis Eeliyaas, “Raajota Baʼaal qabaa! Isaan keessaa tokko illee akka hin miliqne!” isaaniin jedhe. Isaanis yeruma sana isaan qaban; Eeliyaasis gara laga* Qiishoonitti+ gad isaan buusee achitti isaan gorraʼe.*+

41 Yeroo kanatti Eeliyaas Ahaabiin, “Sagaleen bokkaa cimaa waan dhagaʼamuuf, ol baʼi, nyaadhu, dhugis” jedhe.+ 42 Kanaafuu, Ahaab nyaachuu fi dhuguuf ol ni baʼe; yeroo kanatti Eeliyaas gara fiixee Qarmeelositti ol baʼee quphanee fuula isaa jilba isaa lamaan gidduu galchee ture.+ 43 Achiis tajaajilaa isaatiin, “Maaloo, ol baʼiitii gara galaanichaa ilaali” jedhe. Innis ol baʼee ilaalee, “Wanti tokko illee hin jiru” isaan jedhe. Eeliyaasis siʼa torba, “Deebiʼii dhaqi” isaan jedhe. 44 Tajaajilaan isaas siʼa torbaffaa irratti, “Kunoo, duumessi xinnoon hamma harka namaa geessu galaanicha keessaa baʼaa jirti” isaan jedhe. Yeroo kanatti inni, “Dhaqiitii Ahaabiin, ‘Gaarii fardaa kee feʼadhu! Bokkaan akka si hin dhowwinetti gad buʼi!’ jedhi” isaan jedhe. 45 Kana gidduutti samiin duumessaan ni gurraachaʼe; bubbeen ni bubbise; bokkaa cimaanis ni roobe;+ Ahaabis gaarii fardaa isaa yaabbatee gara Yezriʼelitti+ qajeele. 46 Haa taʼu malee, harki Yihowaa Eeliyaas irratti ni dhufe; innis uffata isaa maree mudhii isaatti suuqqachuudhaan* hamma Yezriʼel gaʼutti Ahaab dura buʼee fiige.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi