LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Hojii Ergamootaa

      • Mulʼata Qorneelewos (1-8)

      • Pheexiros bineensota qulqulleeffaman mulʼataan arge (9-16)

      • Pheexiros Qorneelewos bira dhaqe (17-33)

      • Pheexiros saba kan biraatiif misiraachoo lallabe (34-43)

        • ‘Waaqayyo hin loogu’ (34, 35)

      • Saboonni kaan hafuura qulqulluu ni fudhatan, ni cuuphamanis (44-48)

Hojii Ergamootaa 10:1

Miiljaleewwan

  • *

    Garee waraanaa warra Roomaa loltoota 600 qabu.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 78

Hojii Ergamootaa 10:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 3:1

Hojii Ergamootaa 10:4

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 65:2

Hojii Ergamootaa 10:6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 77

Hojii Ergamootaa 10:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 11:5-10

Hojii Ergamootaa 10:11

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “miʼi.”

Hojii Ergamootaa 10:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 11:4, 13-20; 20:25; Kes 14:3, 19; His 4:14

Hojii Ergamootaa 10:16

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “miʼi.”

Hojii Ergamootaa 10:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 11:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 79

Hojii Ergamootaa 10:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 13:2; 15:28; 16:6; 20:23

Hojii Ergamootaa 10:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:1

Hojii Ergamootaa 10:24

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 80, 85

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2014, ful. 3-4

Hojii Ergamootaa 10:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 4:8; HoE 14:12-15; Mul 19:10; 22:8, 9

Hojii Ergamootaa 10:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 18:28
  • +HoE 10:45; Efe 3:5, 6

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 80

Hojii Ergamootaa 10:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 9:43

Hojii Ergamootaa 10:33

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A5 ilaali.

Hojii Ergamootaa 10:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 10:17; 2Se 19:7; Rom 2:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 1 2022, ful. 6-7

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 80-81

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 5

    Dammaqaa!,

    Lakk. 1 2021, ful. 7

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2018, ful. 9

Hojii Ergamootaa 10:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Rom 2:13; 1Qo 12:13; Gal 3:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman, mataduree 64

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 1 2022, ful. 6-7

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 80-81

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 5

    Dammaqaa!,

    Lakk. 1 2021, ful. 7

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    8/2018, ful. 9

    Masaraa Eegumsaa,

    1/1/2011, ful. 11

Hojii Ergamootaa 10:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 28:18; Rom 14:9; Mul 19:11, 16
  • +Isa 52:7; Nho 1:15

Hojii Ergamootaa 10:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 4:14

Hojii Ergamootaa 10:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 11:2; 42:1; 61:1; Mat 3:16
  • +Yoh 3:1, 2
  • +Luq 13:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    7/2020, ful. 31

    Kitaaba Qulqulluu Irraa Baradhu, ful. 186-187

Hojii Ergamootaa 10:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yon 1:17; 2:10; HoE 2:23, 24

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Sabaa),

    Lakk. 6 2017, ful. 9

Hojii Ergamootaa 10:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 24:30, 31; Yoh 21:13, 14

Hojii Ergamootaa 10:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 17:31; Rom 14:9; 2Qo 5:10; 2Xi 4:1; 1Ph 4:5
  • +Mat 28:19, 20; HoE 1:8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    12/15/2008, ful. 16, 19

    Tajaajila Mootummaa,

    2/2003, ful. 3

Hojii Ergamootaa 10:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 53:11; Er 31:34; Dan 9:24
  • +Luq 24:27; Mul 19:10

Hojii Ergamootaa 10:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 4:31; 8:14, 15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 81

Hojii Ergamootaa 10:45

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “namoonni amanamoon.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Dhugaa Baʼuu’, ful. 81

Hojii Ergamootaa 10:46

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 2:1, 4; 19:6

Hojii Ergamootaa 10:47

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 3:11; HoE 8:36; 11:17

Hojii Ergamootaa 10:48

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 16:19; HoE 2:38

Yaada Wal Simu

HoE. 10:3HoE 3:1
HoE. 10:4Fr 65:2
HoE. 10:10HoE 11:5-10
HoE. 10:14Lew 11:4, 13-20; 20:25; Kes 14:3, 19; His 4:14
HoE. 10:17HoE 11:11
HoE. 10:19HoE 13:2; 15:28; 16:6; 20:23
HoE. 10:22HoE 10:1
HoE. 10:26Luq 4:8; HoE 14:12-15; Mul 19:10; 22:8, 9
HoE. 10:28Yoh 18:28
HoE. 10:28HoE 10:45; Efe 3:5, 6
HoE. 10:32HoE 9:43
HoE. 10:34Kes 10:17; 2Se 19:7; Rom 2:11
HoE. 10:35Rom 2:13; 1Qo 12:13; Gal 3:28
HoE. 10:36Mat 28:18; Rom 14:9; Mul 19:11, 16
HoE. 10:36Isa 52:7; Nho 1:15
HoE. 10:37Luq 4:14
HoE. 10:38Isa 11:2; 42:1; 61:1; Mat 3:16
HoE. 10:38Yoh 3:1, 2
HoE. 10:38Luq 13:16
HoE. 10:40Yon 1:17; 2:10; HoE 2:23, 24
HoE. 10:41Luq 24:30, 31; Yoh 21:13, 14
HoE. 10:42HoE 17:31; Rom 14:9; 2Qo 5:10; 2Xi 4:1; 1Ph 4:5
HoE. 10:42Mat 28:19, 20; HoE 1:8
HoE. 10:43Isa 53:11; Er 31:34; Dan 9:24
HoE. 10:43Luq 24:27; Mul 19:10
HoE. 10:44HoE 4:31; 8:14, 15
HoE. 10:46HoE 2:1, 4; 19:6
HoE. 10:47Mat 3:11; HoE 8:36; 11:17
HoE. 10:48Mat 16:19; HoE 2:38
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
  • 48
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Hojii Ergamootaa 10:1-48

Hojii Ergamootaa

10 Namichi Qorneelewos jedhamu tokko Qisaariyaa keessa jira ture; inni kutaa loltootaa Xaaliyaanii* keessatti ajajaa dhibbaa ture. 2 Inni Waaqayyoof kan bule, guutummaa maatii isaa wajjin Waaqayyoon kan sodaatuu fi namootaaf kennaa gara laafinaa hedduu kan kennu, akkasumas nama yeroo hunda Waaqayyotti wawwaannaa dhiheessu ture. 3 Guyyaa keessaa gara saʼaatii sagalii+ maleekaan Waaqayyoo tokko gara isaa dhufee, “Qorneelewos!” yommuu isaan jedhu mulʼataan ifatti arge. 4 Qorneelewos sodaadhaan fajajee isa ilaalaa, “Yaa Gooftaa, maali dha?” jedhee gaafate. Innis akkana isaan jedhe: “Kadhannaan kee fi kennaan gara laafinaa kee yaadannoodhaaf Waaqayyo duratti ol baʼeera.+ 5 Kanaafuu, amma gara Yoopheetti namoota ergiitii Simoon isa Pheexiros jedhamu waamsisi. 6 Namichi kun keessummummaadhaan Simoon isa gogaa duuguu fi manni isaa qarqara galaanaatti argamu bira jira.” 7 Innis akkuma maleekaan isatti dubbate sun isa biraa deemeen, tajaajiltoota isaa lamaa fi loltoota isa tajaajilan keessaa immoo isa Waaqayyoof bule tokko ofitti waamee, 8 wanta hunda isaanitti himee gara Yoopheetti isaan erge.

9 Guyyaa itti aanutti deemsa isaanii itti fufanii magaalattiitti yommuu dhihaatan, Pheexiros gara saʼaatii jaʼaa kadhachuudhaaf baaxii manaatti ol baʼe. 10 Haa taʼu malee, baayʼee waan beelaʼeef nyaachuu barbaade. Utuma isaan nyaata qopheessaa jiraniis akka muguu taʼe;+ 11 samiin banamee wanti* huccuu guddaa quncee talbaa irraa tolfame fakkaatu tokko karaa afuriin qabamee yommuu gara lafaatti gad buʼu arge; 12 achi keessa akaakuun bineensota lafa irraa hundi, jechuunis miila afur kan qaban, lafa irra kan loʼanii fi simbirroonni samii jiru turan. 13 Achiis sagaleen tokko, “Pheexiros, kaʼiitii qalii nyaadhu!” isaan jedhe. 14 Pheexiros garuu, “Yaa Gooftaa, hin taʼu; ani matumaa wanta xuraaʼaa fi wanta qulqulluu hin taane nyaadhee hin beeku” jedhe.+ 15 Sagaleen sun ammas yeroo lammaffaadhaaf, “Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu dhiisi” jedhee isatti dubbate. 16 Sagaleen sun siʼa sadaffaa isatti dubbate; achiis wanti* sun yeruma sana gara samiitti ol fudhatame.

17 Pheexiros mulʼanni arge sun hiika maalii akka qabu utuma bitaa itti taʼee jiruu, namoonni Qorneelewos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii karra dura dhaabbatan.+ 18 Isaanis warra manichaa waamanii Simoon inni Pheexiros jedhamu keessummummaadhaan achi jiraachuu isaa gaafatan. 19 Pheexiros utuma mulʼata kana irratti yaadaa jiruu, hafuurri qulqulluun+ akkana jedhe: “Kunoo, namoonni sadii si barbaadaa jiru. 20 Kanaafuu, kaʼiitii gad buʼii isaanii wajjin deemi; kan isaan erge ana waan taʼeef, matumaa hin mamin.” 21 Achiis Pheexiros gara namoota sanaatti gad buʼee, “Inni isin barbaaddan sun ana. Dhimma maaliitiif dhuftan?” isaaniin jedhe. 22 Isaanis, “Qorneelewos+ ajajaan dhibbaa, inni qajeelaan Waaqayyoon sodaatuu fi saba Yihudootaa hunda biratti maqaa gaarii qabu, namoota sitti ergee mana isaatti si waamsisee wanta ati jettu akka dhagaʼuuf maleekaa qulqulluun tokko qajeelfama isaaf kenneera” jedhan. 23 Kanaafuu, inni gara manaatti ol isaan galchee isaan keessumsiise.

Guyyaa itti aanutti immoo kaʼee isaanii wajjin deeme; obboloonni Yoophee tokko tokkos isaa wajjin deeman. 24 Borumtaa isaas Qisaariyaa gaʼe. Qorneelewos firoottan isaa fi michoota isaa walitti waamee isaan eegaa ture. 25 Pheexiros yommuu ol seenu, Qorneelewos isa simate; miila isaatti kufees isaaf sagade. 26 Pheexiros garuu, “Kaʼi; anis namuma akka keetii ti” jedhee ol isa kaase.+ 27 Isaa wajjin dubbachaa yommuu gara keessaatti seenus, namoonni hedduun walitti qabamanii arge. 28 Achiis akkana isaaniin jedhe: “Yihudiin tokko nama qomoo kan biraa wajjin michuu taʼuun yookiin itti dhihaachuun akka isaaf hin heyyamamne+ akka gaariitti beektu; taʼus nama tokkoon illee xuraaʼaa yookiin qulqulluu kan hin taane akkan hin jenne Waaqayyo natti argisiiseera.+ 29 Kanaan kan kaʼes, yommuu na waamsistan mormii tokko malee dhufeera. Kanaafuu, maaliif akka na waamsistan natti himaa.”

30 Achiis Qorneelewos akkana jedhe: “Guyyaa afur dura, yeruma kana saʼaatii sagalitti utuun mana koo keessatti kadhachaa jiruu namni uffata adii uffate tokko na dura dhaabbatee 31 akkana jedhe: ‘Yaa Qorneelewos, kadhannaan kee siif dhagaʼameera; kennaan gara laafinaa kees Waaqayyo duratti yaadatameera. 32 Kanaafuu, Yoopheetti namoota ergiitii Simoon isa Pheexiros jedhamu waamsisi. Inni keessummummaadhaan mana Simoon isa gogaa duuguu fi qarqara galaanaa jiru keessa jira.’+ 33 Anis yeruma sanan namoota sitti erge, atis dhufuun kee baʼeessa dha. Kanaafuu, amma hundi keenya wantoota Yihowaan* akka dubbattu si ajaje hunda dhagaʼuuf Waaqayyo duratti argamneerra.”

34 Yeroo kanatti Pheexiros akkana jedhee dubbachuu jalqabe: “Waaqayyo akka hin loogne ani amma dhuguma hubadheera;+ 35 kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.+ 36 Inni karaa Yesuus Kiristoos isa Gooftaa hundumaa taʼee,+ misiraachoo nagaa+ akka isaanii labsuuf ilmaan Israaʼeliif dubbicha ergeera. 37 Isin cuuphaa Yohaannis lallabe booda, Galiilaadhaa jalqabee guutummaa Yihudaa keessatti wanta odeeffamaa ture beektu;+ 38 waaʼeen Yesuus isa nama Naazireet, Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan akkamitti akka isa dibe,+ akkasumas Waaqayyo isaa wajjin waan tureef+ wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa+ biyyattii keessa akka naannaʼe ni odeeffama ture. 39 Nuti wantoota inni biyya Yihudootaa fi Yerusaalem keessatti raawwate hundumaatiif dhugaa baatota dha; isaan garuu muka irratti fannisanii isa ajjeesan. 40 Taʼus Waaqayyo guyyaa sadaffaatti duʼaa isa kaasee+ namootatti akka mulʼatu godhe; 41 kan mulʼate garuu namoota hundatti utuu hin taʼin, nu dhugaa baatota warra Waaqayyo dursee nu filatetti, akkasumas erga inni duʼaa kaʼee booda isaa wajjin nyaannee fi dhugnetti dha.+ 42 Kana malees inni warra jiranii fi warra duʼanitti akka murteessuuf, Waaqayyo kan isa muude taʼuu isaa+ namootaaf akka lallabnuu fi guutummaatti dhugaa akka baanu nu ajaje.+ 43 Isatti kan amanu hundi karaa maqaa isaa dhiifama cubbuu akka argatuuf+ raajonni hundi isaaf dhugaa baʼaniiru.”+

44 Utuma Pheexiros wantoota kana dubbachaa jiruu, hafuurri qulqulluun namoota dubbicha dhagaʼan hunda irra ni buʼe.+ 45 Hafuurri qulqulluun inni Waaqayyo tola kennu saboota kaan irrattis waan dhangalaʼeef, amantoonni* dhaqna qabatanii fi Pheexirosii wajjin dhufan ni dinqisiifatan. 46 Sababiin isaas, yommuu isaan afaan ormaatiin dubbatanii fi Waaqayyoof ulfina kennan isaan dhagaʼaa turan.+ Achiis Pheexiros akkana jedhe: 47 “Namoonni akkuma keenya hafuura qulqulluu fudhatan kun bishaaniin akka hin cuuphamne namni isaan dhowwuu dandaʼu jiraa?”+ 48 Yeroo kanatti maqaa Yesuus Kiristoosiin akka cuuphaman isaan ajaje.+ Isaanis guyyoota muraasaaf isaanii wajjin akka turu isa kadhatan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi