Ermiyaas
48 Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa Moʼaabiin+ ilaalchisee akkana jedha:
“Ishiin waan balleeffamteef, Neboodhaaf+ wayyoo!
Qiriyaataayim+ qaaneffamteetti, qabamteettis.
Iddoo amansiisaan kooluu itti galamu* qaaneffameera, caccabeeras.+
2 Isaan kana booda Moʼaabiin hin jajatan.
‘Kottaa, saba taʼuun ishii akka hafu haa goonu,’
Jedhanii ishii kuffisuuf Heshboon+ keessatti mala qopheessan.
Atis yaa Maadmeen,
Goraadeen si hordofaa waan jiruuf calluma jedhi.
3 Sagaleen iyyaa, sagaleen badiisaa fi sagaleen kufaatii guddaa,
Horonaayim+ keessaa ni dhagaʼama.
4 Moʼaab cabdeetti.
Ijoolleen ishii warri xixinnoonis ni iyyu.
5 Isaan tabba Luhiit irra yommuu ol baʼanitti utuu wal irraa hin kutin ni booʼu.
Daandii Horonaayim irraa gad buusu irrattis namoonni badiisa sanaan kan kaʼe yommuu iyyan ni dhagaʼu.+
6 Baqadhaa, lubbuu keessan oolfadhaa!
Akkuma muka birbirsaa lafa onaa keessa jiruu taʼaa.
7 Hojii kee fi qabeenya keetti waan amanamteef,
Atis ni qabamta.
Kemoosh+ luboota isaa fi bulchitoota isa tajaajilanii wajjin
Boojuudhaan ni fudhatama.
8 Inni badiisa geessisu sun gara magaalaa hundumaatti ni seena,
Magaalaan tokko illees hin oolu.+
9 Moʼaabiif mallattoo daangaa kaaʼaa,
Sababiin isaas, yommuu magaalonni ishii diigamanitti namoonni ishii ni baqatu,
Magaalonni ishiis wanta sodaachisuu fi
Bakka namni keessa hin jiraanne ni taʼu.+
10 Namni hojii Yihowaa dhimmee hin raawwanne abaaramaa dha!
Namni goraadee isaa dhiiga dhangalaasuu irraa deebisu abaaramaa dha!
11 Akkuma daadhii wayinii siicoo irra taaʼeetti
Moʼaabonnis ijoollummaa isaaniitii jalqabee tasgabbiidhaan taaʼaniiru.
Isaan miʼa tokko irraa gara miʼa kan biraatti hin garagalfamne,
Boojuudhaanis fudhatamanii hin beekan.
Dhandhamni isaanii akkuma duraanii kan taʼe kanaafi,
Urgaan isaaniis hin jijjiiramne.
12 “Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, guyyaan ani isaan garagalchuuf namoota itti ergu ni dhufa. Isaanis isaan gombisu, miʼawwan isaanii duwwaa godhu, hubboowwan isaanii warra guguddaa taʼanis ni caccabsu. 13 Akkuma manni Israaʼel Beetel ishii amanannaa isaanii taatetti qaanaʼan, Moʼaabonnis Kemooshitti ni qaanaʼu.+
14 Isin, “Nuti loltoota jajjaboo waraanaaf qophoofne dha” jettanii dubbachuuf akkamitti onnattan?’+
15 ‘Moʼaab balleeffamteetti,
Magaalonni ishii weeraramaniiru,+
Dargaggoonni ishii warri filatamoo taʼanis gorraʼamaniiru’+
Jedha Mootichi inni maqaan isaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa taʼe.+
16 Badiisni Moʼaabota irra gaʼu dhiheenyatti ni dhufa,
Kufaatiin isaaniis hatattamaan dhihaachaa jira.+
17 Warri naannoo isaaniitti argaman hundi,
Warri maqaa isaanii beekan hundis isaaniif ni gaddu.
‘Uleen jabaan, bokkuun bareedinaa akkamitti cabuu dandaʼe?’ isaaniin jedhaa.
18 Yaa intala Diboon+ keessa jiraattu nana,
Ulfina kee irraa gad buʼiitii dheebodhuu* taaʼi;
Sababiin isaas, inni Moʼaabiin balleessu sun sitti dhufeera,
Iddoowwan kee warra dallaa dhagaa qabanis ni diiga.+
19 Yaa ishii Aroʼer+ keessa jiraattu nana, daandii qarqara dhaabbadhuutii ilaali.
‘Maaltu uumame?’ jedhiitii dhiira baqachaa jiruu fi dubartii miliqaa jirtu gaafadhu.
20 Moʼaab qaanofteetti, jeeqamteettis.
Isin gadoodaa, iyyaas.
Moʼaab balleeffamuu ishii Arnoon+ keessatti labsaa.
21 “Murtiin lafa diriiraa*+ irratti, Hoolon, Yaahaazii+ fi Mefaat+ irratti, 22 Diboon,+ Neboo+ fi Beet Diblaataayim irratti, 23 Qiriyaataayim,+ Beet Gaamulii fi Beet Meʼoon+ irratti, 24 Qeriyootii+ fi Boozraa irratti, akkasumas magaalota biyya Moʼaab warra fagoo fi dhihootti argaman hundumaa irratti dhufeera.
25 ‘Jabinni* Moʼaab kutameera;
Irreen isaas cabeera’ jedha Yihowaan.
26 ‘Inni Yihowaa irratti waan ol of qabeef,+ isa macheessaa.+
Moʼaab hooqqisa isaa keessa gangalata,
Wanta itti qoosamus taʼeera.
27 Israaʼel siif wanta itti qoosamu taʼeera mitii?+
Ati mataa kee raastee isa irratti kan dubbattu,
Inni hattoota gidduutti argameetii?
28 Yaa jiraattota Moʼaab, magaalota keessaa baʼaatii kattaa irra jiraadhaa,
Akkuma gugee qarqara hallayyaatti manʼee ishii ijaarrattus taʼaa.’”
29 “Nuti waaʼee koora Moʼaab dhageenyeerra, inni baayʼee of bokoksa,
Waaʼee of guguddisuu isaa, waaʼee koora isaa, waaʼee of bokoksuu isaa fi garaan isaa of tuultuu taʼuu isaa dhageenyeerra.”+
30 “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani aarii isaa isa guddaa nan beeka,
Taʼus dubbiin isaa inni gatii hin qabne ni bada.
Isaan homaa gochuu hin dandaʼan.
31 Ani Moʼaabiif kanan gadoodu kanaafi,
Guutummaa Moʼaabiif nan iyya,
Namoota Qiir Hereesiifis+ nan aada.
Dameewwan kee warri lalisoon galaanicha gamatti ceʼaniiru.
Isaan galaanicha bira, Yaazeer bira gaʼaniiru.
Inni badiisa geessisu sun
Gara firii bonaa keettii fi gara makara firii wayinii keetti gad buʼeera.+
33 Gammachuunii fi ililchi maasii fuduraa irraa,
Biyya Moʼaab irraas badeera.+
Ani daadhiin wayinii bakka daadhii wayinii itti cuunfan irraa dhangalaʼuu akka dhiisu godheera.
Eenyu iyyuu ililchaa wayinii hin dhidhiitu.
Iyyi sun iyya addaa ni taʼa.’”+
34 “‘Iyyi Heshboon+ irraa hamma Eleʼaaleetti+ dhagaʼamu tokko jira.
Isaan hamma Yaahaazitti,+
Zoʼaar irraa hamma Horonaayimitti,+ hamma Eglaat Sheliishiyaatti sagalee isaanii ol kaasanii ni iyyu.
Bishaanonni Nimriim illee ni gogu.+
35 Inni iddoo ol kaʼaa irratti aarsaa fidu,
Inni waaqa isaatiif aarsaawwan dhiheessus
Moʼaab keessaa akka badu nan godha’ jedha Yihowaan.
36 ‘Garaan koo akkuma ululleetti* Moʼaabiif kan aadu* kanaafi,
Garaan koo akkuma ululleetti* namoota Qiir Hereesiif ni aada.*+
Sababiin isaas, qabeenyi inni horate ni bada.
37 Mataan hundi molateera,+
Areedni hundis murameera.
38 “‘Baaxiiwwan Moʼaab hundumaa irratti,
Addabaabayiiwwan ishii hundumaa keessattis,
Gadooduu qofatu dhagaʼama.
Sababiin isaas, ani akkuma hubboo gatameetti
Moʼaabiin cabseera’ jedha Yihowaan.
39 ‘Ishiin akkam naate! Isin namoonni gadoodaa!
Moʼaab akkam qaanaʼee duubatti garagale!
Moʼaab wanta itti qoosamu,
Warra naannoo isaatti argaman hundumaa birattis wanta sodaachisaa taʼeera.’”
40 “Yihowaan akkana jedha:
41 Magaalonni ni qabamu,
Dahoowwan ishiis ni fudhatamu.
Guyyaa sanatti garaan loltoota Moʼaab
Akkuma garaa dubartii ciniinsuu irra jirtuu ni dhiphata.’”
43 Yaa isa Moʼaab keessa jiraattu nana,
Naasuun, boollii fi kiyyoon si dura jira’ jedha Yihowaan.
44 ‘Namni naasuu jalaa baqatu kam iyyuu boolla keessatti kufa,
Namni boolla keessaa baʼu kam iyyuus kiyyoodhaan ni qabama.’
‘Sababiin isaas, ani waggaa isaan itti adabaman Moʼaab irratti nan fida’ jedha Yihowaan.
45 ‘Warri baqatan dadhabanii gaaddisa Heshboon jala ni dhaabbatu.
Sababiin isaas, ibiddi Heshboon keessaa,
Laboobnis Sihoon gidduudhaa ni baʼa.+
Innis adda Moʼaab,
Buqqee mataa ilmaan jeequmsaas ni nyaata.’+
46 ‘Yaa Moʼaab, siif wayyoo!
Namoonni Kemoosh+ dhumaniiru.
Ijoolleen dhiiraa kee boojiʼamaniiru,
Ijoolleen durbaa kees boojuudhaan fudhatamaniiru.+
47 Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti warra Moʼaab keessaa boojiʼaman walitti nan qaba.
Murtiin Moʼaab irratti dabarfame as irratti xumurama’ jedha Yihowaan.”+