TASALONQEE LAMMAFFAA
1 Phaawulos, Silwaanosii* fi Ximotewos+ irraa, gumii Tasalonqee warra Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoosii wajjin tokkummaa qabaniif:
2 Waaqayyo Abbaa fi Gooftaa Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.
3 Yaa obbolootaa, nuti yeroo hunda waaʼee keessaniif Waaqayyoon galateeffachuuf dirqamni nu irra jira. Amantiin keessan baayʼee guddachaa waan jiruuf, jaalalli tokkoon tokkoon keessan waliif qabdanis dabalaa waan jiruuf kana gochuun keenya sirrii dha.+ 4 Ariʼatamaa fi rakkina isin irra gaʼe hunda keessatti jabaattanii dhaabbachuu keessanii fi amantii argisiistaniin kan kaʼe,+ nuti mataan keenya gumiiwwan Waaqayyoo gidduutti isiniin ni boonna.+ 5 Kun Waaqayyo murtii qajeelaa akka kennu kan argisiisu dha; kanaan kan kaʼes, Mootummaa Waaqayyoo isa isaaf jettanii rakkachaa jirtan sana argachuun kan isiniif malu akka taatanitti ilaalamtu.+
6 Waaqayyo qajeelaa waan taʼeef, warra rakkina isin irra geessisan ni adaba.+ 7 Haa taʼu malee, isin warri rakkinni irra gaʼe, Gooftaan keenya Yesuus yeroo maleekota isaa+ humna guddaa qabanii wajjin samii irraa mulʼatu nuu wajjin boqonnaa isiniif kenna;+ 8 inni samii irraa kan mulʼatu ibidda bobaʼuun yeroo taʼu, warra Waaqayyoon hin beeknee fi misiraachoo waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsuuf hin ajajamne irratti haaloo ni baʼa.+ 9 Isaan Gooftaa fi humna isaa isa ulfina qabeessa duraa fageeffamanii, badiisa bara baraatiin adabamu;+ 10 Gooftaan guyyaa dhufutti qulqulloota isaa wajjin ulfina ni argata, akkasumas warra isatti amanan hundumaa gidduutti dinqisiifannaadhaan kabaja ni argata; isin warri wanta nuti ragaa baane fudhattanis isaan gidduutti lakkaaʼamtu.
11 Kanaafuu, nuti Waaqni keenya waamicha isaatiif kan maltan godhee akka isin lakkaaʼu,+ akkasumas humna isaatiin wanta gaarii isa gammachiisu hundumaa fi hojii amantii hunda guutummaatti akka hojjettan yeroo hunda isiniif kadhanna. 12 Kunis gaarummaa guddaa Waaqa keenyaa fi kan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii wajjin haala wal simuun, maqaan gooftaa keenya Yesuus isiniin ulfina akka argatuu fi isinis tokkummaa isaa wajjin qabdaniin ulfina akka argattaniifi.
2 Haa taʼu malee yaa obbolootaa, argama Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii+ fi gara isaatti walitti qabamuu keenya+ ilaalchisee, kana isin kadhanna: 2 Dubbii geggeessaa hafuuraatiin* dubbatameen+ yookiin ergaa afaaniin dubbatameen yookiin xalayaa kan nu biraa ergame fakkaatuun, guyyaan Yihowaa*+ gaʼeera jettanii daftanii yaada keessaniin hin raafaminaa yookiin hin naʼinaa.
3 Namni tokko illee haala akkamiitiin iyyuu karaa irraa isin hin jalʼisin;* sababiin isaas, guyyaan Waaqayyoo jalqaba gantummaan+ sun utuu hin dhufin, akkasumas namni seera mormu+ inni ilma badiisaa+ taʼe sun utuu hin mulʼatin hin dhufu. 4 Inni warra waaqolii jedhaman yookiin wantoota waaqeffataman hundumaa mormee dhaabbata, akkasumas isaan gararraatti ol of godha; akka kanaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa taaʼee akka waan waaqa taʼetti ifatti of mulʼisa. 5 Yeroon isinii wajjin turetti wantoota kana isinitti himaa akkan ture hin yaadattanii?
6 Inni yerooma isaatti akka mulʼatuuf, amma akka inni hin mulʼanne wanti isa dhowwu maal akka taʼe beektu. 7 Dhugaa dha, iccitiin seera mormuu kun amma iyyuu hojjechaa jira;+ taʼus, iccitii taʼee kan turu hamma wanti amma isa dhowwu sun karaa irraa fuudhamutti dha. 8 Sana booda inni seera mormu sun, inni Gooftaan Yesuus hafuura afaan isaatiin balleessuu+ fi argama isaatiin yeroo mulʼatutti+ dhabamsiisu sun ni mulʼata. 9 Haa taʼu malee, inni seera mormu sun kan argamu humna Seexanaatiin+ yeroo taʼu, hojii guguddaa, mallattoowwanii fi dinqiiwwan sobaa,+ 10 akkasumas gowwoomsaa+ jalʼina irratti hundaaʼe hundumaa raawwata; isaan fayyuu akka dandaʼanitti dhugaa waan hin fudhannee fi waan hin jaallanneef, kun warra badaniif akka adabaatti dhufa. 11 Waaqayyo isaan soba akka amananiif dhiibbaan gowwoomsaa akka isaan dogoggorsu kan heyyame kanaafi;+ 12 kunis kan taʼe isaan dhugaa amanuu mannaa, jalʼinatti waan gammadaniif hundi isaanii akka isaanitti murteeffamuufi.
13 Haa taʼu malee, isin obboloonni Yihowaa* biratti jaallatamtan, Waaqayyo jalqabumaa kaasee hafuura isaa fi amantii dhugaa irratti qabdaniin isin qulqulleessuudhaan+ fayyinaaf waan isin filateef,+ waaʼee keessaniif yeroo hunda Waaqayyoon galateeffachuuf dirqamna. 14 Ulfina Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos akka argattaniif,+ inni karaa misiraachoo nuti labsinu kanaa isin waameera. 15 Kanaafuu yaa obbolootaa, jabaadhaa dhaabbadhaa;+ akkasumas ergaa afaaniitiinis taʼe xalayaa nu biraa barreeffameen wanta nu irraa barattan jabeessaa qabadhaa.+ 16 Kana malees, Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, akkasumas Waaqayyo Abbaan keenya inni nu jaallatee+ fi gaarummaa guddaadhaan jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuu kenne,+ 17 garaa keessan haa jajjabeessan, hojii gaarii fi dubbii gaarii hundumaanis isin haa cimsan.
3 Dhuma irrattis yaa obbolootaa, akkuma isin gidduutti taʼe, dubbiin Yihowaa* saffisaan babalʼachuu isaa akka itti fufuu+ fi ulfina akka argatu nuuf kadhachuu keessan itti fufaa;+ 2 akkasumas namoota miidhaa geessisanii fi hamoo taʼan irraa akka oollu+ nuuf kadhadhaa; sababiin isaas, amantiin wanta namni hundi qabu miti.+ 3 Haa taʼu malee, Gooftaan amanamaa dha; inni isin cimsa, isa hamaa sana irraas isin eega. 4 Kana malees, nuti duuka buutota Gooftaa waan taaneef, qajeelfama isiniif kennine hojii irra oolchaa akka jirtanii fi hojii irra oolchuu keessan akka itti fuftan ni amanna. 5 Waaqayyoon akka jaallattanii+ fi jabaattanii Kiristoosiif akka dhaabbattan,+ Gooftaan garaa keessan kallattii sirrii taʼe irra geggeessuu isaa itti haa fufu.
6 Ammas yaa obbolootaa, obboleessa akka barumsa isin nu irraa fudhattaniitti* utuu hin taʼin,+ seera malee deddeebiʼu+ kam irraa iyyuu akka fagaattan maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin qajeelfama isiniif kennina. 7 Fakkeenya keenya akkamitti hordofuu akka qabdan isin iyyuu beektu;+ sababiin isaas, nuti isin gidduu seera malee hin jiraanne, 8 akkasumas, nyaata nama kamii iyyuu tola* hin nyaanne.+ Kanaa mannaa, isin keessaa nama tokko illee baasii hedduu baasisuudhaan baʼaa akka isinitti hin taaneef, halkanii fi guyyaa dadhabnee, akkasumas dhamaanee hojjenna turre.+ 9 Kana kan goone, aangoo waan hin qabneef utuu hin taʼin,+ fakkeenya hordofuu qabdan goonee isiniif of dhiheessuu waan barbaanneefi.+ 10 Eeyyee, yeroo isin bira turre ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu irra deddeebinee isiniif kennaa turre.+ 11 Sababiin isaas, namoonni tokko tokko isin gidduu seera malee deddeebiʼaa akka jiran dhageenyeerra;+ isaan hojii hojjechuu dhiisanii wanta isaan hin galchine keessa galu.+ 12 Namoonni akkasii gab jedhanii akka hojjetanii fi wanta ofiin hojjetanii argatan akka nyaatan,+ maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isaan ajajna, akkasumas jabeessinee isaan gorsina.
13 Isin garuu yaa obbolootaa, wanta gaarii hojjechuu keessan hin dhiisinaa. 14 Haa taʼu malee, namni dubbii nuti karaa xalayaa kanaa isiniif ergineef hin ajajamne yoo jiraate, akka inni qaanaʼuuf mallattoo itti godhaa, michummaa isaa wajjin qabdanis dhaabaa.+ 15 Taʼus akka diinaatti isa hin ilaalinaa; kanaa mannaa, akka obboleessaatti isa gorsuu keessan itti fufaa.+
16 Gooftaan nagaa karaa hundumaan yeroo hunda nagaa isiniif haa kennu.+ Gooftaan hunda keessanii wajjin haa taʼu.
17 Kun nagaa koo isa ani Phaawulos harkuma kootiin barreesse dha,+ kun mallattoo xalayaa koo hundaa ti, kun akkaataa ani itti barreessu dha.
18 Gaarummaa guddaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hunda keessanii wajjin haa taʼu.
Siilaas jedhamees ni waamama.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “isin hin gowwoomsin.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn tarii, “isaan nu irraa fudhatanitti.”
Ykn., “kaffaltii malee.”