PHEEXIROS LAMMAFFAA
1 Simoon Pheexiros isa garbichaa fi ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa, warra qajeelummaa Waaqa keenyaa fi Yesuus Kiristoos Fayyisaa keenyaatiin akkuma keenya amantii gatii guddaa qabu argataniif:
2 Beekumsa sirrii+ waaʼee Waaqayyoo fi waaʼee Gooftaa keenya Yesuus argattaniin gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa baayʼatu; 3 sababiin isaas, humni Waaqayyoo ulfina isaa fi gaarummaa isaatiin, karaa beekumsa sirrii isa nu waame sanaatiin wantoota jireenyaa fi namoota Waaqayyoof bulle taʼuuf nu barbaachisan hunda nuuf kenneera.*+ 4 Inni karaa wantoota kanaa abdiiwwan gatii guddaa qabanii fi baayʼee guddaa taʼan nuu kenneera;*+ kunis isin karaa wantoota kanaa mancaʼiinsa addunyaa isa hawwii dogoggoraatiin dhufe jalaa baatanii ulfina Waaqayyoo irraa qooda akka qabaattaniifi.+
5 Kanaan kan kaʼes, amantii keessan irratti gaarummaa,+ gaarummaa keessan irratti beekumsa+ dabaluuf wanta dandeessan hunda godhaa;+ 6 beekumsa keessan irratti of toʼachuu, of toʼachuu+ keessan irratti jabaatanii dhaabbachuu, jabaatanii dhaabbachuu keessan irratti Waaqayyoof buluu,+ 7 Waaqayyoof buluu keessan irratti jaalala obbolummaa, jaalala obbolummaa keessan irratti, nama hunda jaallachuu dabalaa.+ 8 Sababiin isaas, wantoonni kun isin keessa yoo jiraatanii fi yoo isiniif baayʼatan, beekumsa sirrii Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii wajjin haala wal qabateen, hojii kan hiiktanii fi firii kan hin godhanne akka hin taane isin eegu.+
9 Namni wantoota kana hin qabne kam iyyuu nama jaamaa ifa akka hin argineef ija isaa dunuunfate* dha;+ cubbuu isaa isa durii irraa qulqullaaʼuu+ isaas irraanfateera. 10 Kanaafuu yaa obbolootaa, waamamuu+ fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa; wantoota kana gochuu keessan yoo itti fuftan matumaa hin kuftan.+ 11 Kana yoo gootan, gara Mootummaa bara baraa+ isa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuudhaan eebba guddaa argattu.+
12 Kanaafuu, isin wantoota kana kan beektanii fi dhugaa isa beektan sana keessa jabaattanii kan dhaabbattan taʼus, yeroo hundumaa waaʼee wantoota kanaa isin yaadachiisuu nan barbaada. 13 Hamman dunkaana*+ kana keessa jirutti wanta kana isin yaadachiisee isin dammaqsuun koo sirrii natti fakkaata;+ 14 akkuma Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos anaaf ibsetti, yeroo dhihootti dunkaana kana dhiisee akkan deemu beeka.+ 15 Ergan deemee booda, wantoota kana ofuma keessanii yaadachuu* akka dandeessaniif, yeroo hunda wanta naaf dandaʼame nan godha.
16 Nuti humnaa fi argamuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos kan isinitti beeksisne, seenaa sobaa haxxummaadhaan uumame hordofnee utuu hin taʼin, guddina isaa ija keenyaan arginee ti.+ 17 Inni yeroo jechoonni,* “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani ofii kootii itti gammadu dha”+ jedhan ulfina guddaadhaan isatti dubbatamanitti Waaqayyo Abbaa biraa ulfinaa fi kabaja argateera. 18 Eeyyee, nuti yeroo isaa wajjin gaara qulqulluu sana irra turretti yommuu jechoonni kun samii keessaa dubbataman dhageenyeerra.
19 Kanaafuu, nuti dubbii raajii caalaatti mirkanaaʼaa taʼe qabna; isinis akka ibsaa+ iddoo dukkanaa keessatti (hanga lafti bariʼee bakkalchi+ baʼutti), garaa keessan keessatti ifuutti dubbii raajii kanaaf xiyyeeffannaa kennuun keessan gaarii dha. 20 Hundumaa dura raajiin Kitaabota Qulqulluu kam iyyuu yaada namootaa irraa kan madde akka hin taane beektu. 21 Sababiin isaas, raajiin yoom iyyuu fedhii namaatiin hin dhufne;+ kanaa mannaa, namootatu ergaa Waaqayyo biraa dhufe hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee* dubbate.+
2 Haa taʼu malee, akkuma raajonni sobaa saba sana gidduu turan, isin gidduuttis barsiisonni sobaa ni kaʼu.+ Namoonni kun gareewwan amantii badii geessisan dhoksaadhaan ni hundeessu, akkasumas gooftaa isa isaan bite+ illee gananii badiisa hatattamaa ofitti fidu. 2 Kana malees, namoonni hedduun daandii addaggummaa*+ isaanii hordofu; sababii isaaniitiinis daandiin dhugaa ni arrabsama.+ 3 Akkasumas dubbii fakkeessaatti fayyadamanii sassataan isin saamu. Taʼus, murtiin yeroo dheeraa dura isaan irratti murteeffame+ hin turu, badiisni isaaniis kan hin oolle dha.+
4 Waaqayyo maleekota warra cubbuu hojjetan+ adabuu irraa duubatti hin jenne; kanaa mannaa, Inxoroxoos*+ keessatti isaan darbatee, dukkana cimaa keessatti funcaadhaan isaan hidhee* murtiidhaaf isaan kaaʼeera.+ 5 Akkasumas addunyaa bara duriitti ture sana adabuu irraa duubatti hin jenne;+ yeroo addunyaa namoota Waaqayyoon hin sodaanne sana irratti bishaan badiisaa fidetti+ garuu, Noh isa qajeelummaa lallabu+ namoota kan biroo torbaa wajjin oolcheera.+ 6 Wantoota gara fuulduraatti namoota Waaqayyoon hin sodaanne irra gaʼaniif fakkeenya akka taʼuufis,+ magaalota Sodoomii fi Gomoraa daaraa gochuudhaan isaanitti murteesse.+ 7 Loox nama qajeelaa isa addaggummaa* namoonni hamoon raawwatanitti baayʼee dhiphachaa ture sana garuu oolcheera;+ 8 sababiin isaas, namni qajeelaan sun yommuu isaan gidduu jiraachaa turetti, gocha hamaa isa arguu fi isa dhagaʼu sanaan kan kaʼe lubbuu* isaa isa qajeelaa baayʼee dhiphisee ture. 9 Kanaafuu, Yihowaan* namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu,+ jalʼoota immoo guyyaa murtiitti+ akka balleeffamaniif akkamitti akka tursu beeka; 10 keessumaa immoo namoota qaama warra kaanii xureessuu barbaadanii+ fi aangoo* tuffatan+ guyyaa murtiitiif ni tursa.
Isaan ija jabeeyyii fi yaada mataa isaaniitiin kan geggeeffaman waan taʼaniif, warra ulfina qaban arrabsuu hin sodaatan; 11 haa taʼu malee, maleekonni isaan caalaa jabinaa fi humna yoo qabaatan iyyuu, kabaja Yihowaadhaaf* qabaniin kan kaʼe, dubbii arrabsootiin isaan irratti himata hin dhiheessine.+ 12 Namoonni kun garuu akka bineensota yaaduu hin dandeenyee fi uumamaan waa godhaniitti, akkasumas qabamuu fi baduuf dhalataniitti waaʼee wantoota hin beeknee dubbii arrabsoo dubbatu.+ Isaan daandii isaanii isa hamaadhaan badiisa ofitti fidu; 13 daandii jalʼinaa hordofaniin deebisanii miidhaa ofitti fidu.
Isaan guyyaadhaan illee fedhii foonii guuttachuutti+ ni gammadu. Namoonni kun xurii fi mudaa siʼa taʼan, yommuu affeerraa keessan irratti isinii wajjin argaman barumsa isaanii isa gowwoomsaa taʼeen warra kaan gowwoomsuutti baayʼee gammadu.+ 14 Ijji isaanii ejjaan kan guutame dha,+ cubbuu hojjechuu irraa aara galfachuu hin dandaʼan, akkasumas namoota* cimoo hin taane ni sossobu. Garaa sassataan leenjiʼe qabu. Isaan ijoollee abaaramoo dha. 15 Daandii isa sirrii dhiisanii, karaa irraa jalʼataniiru. Daandii Balaʼaam+ ilma Beʼor isa faayidaa argachuuf jedhee hammina hojjete+ sanaa hordofaniiru; 16 haa taʼu malee, inni seera cabsuu isaatiin kan kaʼe ifatameera.+ Harreen dubbachuu hin dandeenye afaan namaatiin dubbattee deemsa maraatummaa raajichaa ittisteetti.+
17 Namoonni kun burqaa bishaan hin qabnee fi hurrii bubbee jabaadhaan oofamani dha, dukkana cimaatu isaan eeggata.+ 18 Isaan of tuulu, taʼus wanti isaan dubbatan faayidaa hin qabu. Fedhii foonii+ kakaasuu fi gocha addaggummaa* raawwachuudhaan, namoota dhiheenyatti warra dogoggora keessa jiraatan jalaa baʼan gowwoomsu.+ 19 Ofii isaaniitii garboota badiisaa taʼanii utuu jiranii, bilisa baatu jedhanii waadaa isaaniif galu;+ namni tokko nama kan biraatiin yoo moʼame inni nama sanaaf garbicha dha.*+ 20 Beekumsa sirrii waaʼee Gooftaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos argachuudhaan xurii addunyaa jalaa erga baʼanii+ booda, lammata wantootuma kanatti yoo deebiʼanii fi isaaniin yoo moʼaman, haalli isaanii inni dhumaa isa jalqabaa irra akka hammaatu beekamaa dha.+ 21 Daandii qajeelummaa sirriitti erga beekanii booda ajaja qulqulluu isa fudhatan sana irraa garagaluu mannaa, utuu hin beekne taʼee isaaniif wayya ture.+ 22 Mammaaksi dhugaan, “Sareen hooqqisa ishiitti deebiti; booyyeen dhiqamtes dhoqqee keessa gangalachuutti deebiti”+ jedhu sun isaan irratti raawwatameera.
3 Yaa obboloota jaallatamo, akkuman xalayaa isa jalqabaa irratti godhe yaadachiisa isiniif kennuudhaan sirriitti akka yaaddan isin kakaasuuf+ xalayaa lammaffaa kanas isiniif barreesseera; 2 kunis wantoota raajonni qulqulluun dursanii dubbatan, akkasumas ajaja Gooftaanii fi Fayyisaan keenya karaa ergamoota keessanii dubbate akka yaadattaniifi. 3 Hundumaa dura, guyyoota dhumaatti qoostonni fedhii ofii isaanii hordofuudhaan qoosan akka dhufan beekaa;+ 4 isaan, “Waadaan inni argama isaa ilaalchisee gale eessa jira?+ Guyyaa abbootiin keenya duʼanii* jalqabee, wanti hundi jalqaba uumamaatii kaasee akkuma jirutti itti fufeera”+ jedhu.
5 Namoonni kun dhugaa kana, jechuunis bara duriitti samiiwwan akka turan, akkasumas dubbii Waaqayyootiin lafti bishaan keessaa ol baatee jabaattee akka dhaabbattee fi bishaan gidduu akka turte+ taʼe jedhanii fudhachuu didu; 6 wantoota kanaan addunyaan yeroo sana ture bishaaniin yommuu liqimfametti badeera.+ 7 Dubbii kanaan samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiranis ibiddaaf kaaʼamanii, hanga guyyaa murtii yeroo namoonni Waaqayyoon hin sodaanne itti balleeffamaniitti+ eegamaa jiru.
8 Haa taʼu malee, yaa obboloota jaallatamo, Yihowaa* biratti guyyaan tokko akka waggaa kuma tokkoo, waggaan kumni tokko immoo akka guyyaa tokkoo+ akka taʼe hin dagatinaa. 9 Namoonni tokko tokko akka yaadanitti Yihowaan* waadaawwan gale raawwachuuf hin turu;+ kanaa mannaa, hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneef isiniif jedhee obsa.+ 10 Taʼus, guyyaan Yihowaa*+ akka hattuutti dhufa;+ yeroo sanatti samiiwwan sagalee guddaadhaan ni darbu,+ wantoonni samiiwwanii fi lafti ittiin hojjetamanis hoʼa cimaadhaan ni baqu, laftii fi hojiiwwan ishii irratti hojjetamanis ni saaxilamu.+
11 Wantoonni kun hundi haala kanaan kan baqan erga taʼee, amala qulqulluu qabaachuu fi hojiiwwan Waaqayyoof kan bultan taʼuu keessan argisiisan hojjechuudhaan namoota akkamii taʼuu akka qabdan itti yaadaa; 12 dhufaatii guyyaa Yihowaa*+ isa samiiwwan ibiddaan itti balleeffaman,+ akkasumas wantoonni samiiwwanii fi lafti ittiin hojjetaman hoʼa cimaadhaan itti baqan eeggadhaa; akkasumas sammuu keessanitti dhiheessaa yaadaa!* 13 Haa taʼu malee, akkuma inni waadaa galetti, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa+ warra qajeelummaan keessa buufatu+ ni eegganna.
14 Kanaafuu, yaa obboloota jaallatamo, wantoota kana eeggachaa waan jirtaniif, dhuma irratti isa duratti xurii fi mudaa kan hin qabne taatanii nagaadhaan argamuuf+ wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa. 15 Kana malees, akkuma obboleessi keenya Phaawulos inni jaallatamaan ogummaa isaaf kennameen isiniif barreesse, obsi Gooftaa keenyaa fayyina keessan akka taʼetti yaadaa;+ 16 inni xalayaawwan isaa hunda keessatti waaʼee wantoota kanaa dubbateera. Taʼus xalayaawwan kana keessa wantoonni hubachuuf ulfaataa taʼan tokko tokko jiru; namoonni beekumsa hin qabnee* fi cimoo hin taane akkuma Kitaabota Qulqulluu kaan jalʼisan, warra kanas ni jalʼisu; kunis badiisa isaanitti fida.
17 Kanaafuu, yaa obboloota jaallatamo, isin kana dursitanii waan beektaniif, dogoggora namoonni hamoon hojjetaniin gowwoofamtanii isaanii wajjin akka hin fudhatamnee fi ejjennoo cimaan qabdan akka hin laafne of eeggadhaa.+ 18 Kanaa mannaa, gaarummaa guddaadhaan, akkasumas beekumsa Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoosiin guddachuu keessan itti fufaa. Ammas taʼe bara baraaf ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
Ykn., “tola kennameera.”
Ykn., “tola nuu kenneera.”
Ykn tarii, “fageessee hin ilaalle.”
Jechuunis, qaama isaa isa lafa irraa.
Ykn., “dubbachuu.”
Kal., “sagaleen.”
Kal., “oofamee.”
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “boolla keessatti isaan darbatee.”
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “gooftummaa.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “lubbuuwwan.”
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “wanta tokkoon yoo moʼame, inni wanta sanaaf garbicha dha.”
Kal., “rafanii.”
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
Ykn., “hawwiidhaan eegaa.” Kal., “ariifachiisaa.”
Ykn., “hin barannee.”