LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faaruu Ermiyaas 3
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Faaruu Ermiyaas

      • Ermiyaas miira isaa fi abdii qabu ibse

        • ‘Obsaan nan eeggadha’ (21)

        • Gara laafinni Waaqaa yeroo hundumaa ganama ganama haaraa dha (22, 23)

        • Waaqni warra isa abdataniif gaarii dha (25)

        • Dargaggoonni waanjoo baachuun isaanii gaarii dha (27)

        • Waaqni isatti akka hin dhihaanneef duumessaan daandii isaa cufe (43, 44)

Faaruu Ermiyaas 3:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:15, 29; Er 13:16

Faaruu Ermiyaas 3:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 63:10

Faaruu Ermiyaas 3:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 8:14; 9:15; Fru 3:19

Faaruu Ermiyaas 3:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 39:7

Faaruu Ermiyaas 3:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ni ittisa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 80:4; 102:2; Isa 1:15; Mik 3:4

Faaruu Ermiyaas 3:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 63:17

Faaruu Ermiyaas 3:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 38:39, 40; Hos 5:14; Amo 5:18, 19

Faaruu Ermiyaas 3:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn tarii, “lafa akkan baʼus godheera.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 6:8; 32:43

Faaruu Ermiyaas 3:12

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “irra ejjeteera.”

Faaruu Ermiyaas 3:13

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Ilmaan.”

Faaruu Ermiyaas 3:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 9:15; 23:15

Faaruu Ermiyaas 3:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 102:9; Er 6:26

Faaruu Ermiyaas 3:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 9:15; Fru 3:5
  • +Nah 9:32; Fr 137:1

Faaruu Ermiyaas 3:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 113:5-7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yihowaatti Dhihaadhu, ful. 238-239

Faaruu Ermiyaas 3:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 130:6-8; Mik 7:7

Faaruu Ermiyaas 3:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iz 9:8
  • +Nah 9:31; Er 30:11; Mik 7:18

Faaruu Ermiyaas 3:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 30:5
  • +Kes 32:4; Fr 36:5

Faaruu Ermiyaas 3:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 16:5; 73:26; 142:5
  • +Fr 130:6-8

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    9/15/2011, ful. 8-10

Faaruu Ermiyaas 3:25

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 25:3; 130:5; Isa 25:9; 30:18; Mik 7:7
  • +1Se 28:9; Isa 26:9; Sef 2:3

Faaruu Ermiyaas 3:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “obsaan.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 37:7
  • +Fr 116:6

Faaruu Ermiyaas 3:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 119:71

Faaruu Ermiyaas 3:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 39:8, 9; Fru 3:39

Faaruu Ermiyaas 3:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 16:63
  • +Yoe 2:12-14

Faaruu Ermiyaas 3:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 3:12; 31:37; 32:40; Mik 7:18

Faaruu Ermiyaas 3:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 30:5; 103:9, 11; Isa 54:7; Er 31:20

Faaruu Ermiyaas 3:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 55:7; His 33:11; 2Ph 3:9

Faaruu Ermiyaas 3:34

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 102:19, 20

Faaruu Ermiyaas 3:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 12:5; Fak 17:15

Faaruu Ermiyaas 3:39

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Namni lubbuudhaan jiru.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 103:10; Mik 7:9

Faaruu Ermiyaas 3:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Hag 1:5
  • +Kes 4:30; Isa 55:7; Yoe 2:13

Faaruu Ermiyaas 3:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 4:29; 2Se 7:14; 34:27

Faaruu Ermiyaas 3:42

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Nah 9:26
  • +2Mo 24:3, 4; Dan 9:5, 12

Faaruu Ermiyaas 3:43

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fak 15:8
  • +Kes 4:26; Fru 2:2; His 9:10

Faaruu Ermiyaas 3:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 80:4; Fak 15:29; 28:9; Isa 1:15; Mik 3:4; Zak 7:13

Faaruu Ermiyaas 3:46

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fru 2:16

Faaruu Ermiyaas 3:47

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 28:66, 67
  • +Isa 51:19; Er 4:6

Faaruu Ermiyaas 3:48

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 9:1

Faaruu Ermiyaas 3:49

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 14:17; Fru 1:16

Faaruu Ermiyaas 3:50

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 80:14; 102:19-21; Isa 63:15

Faaruu Ermiyaas 3:51

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu kootti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 11:22

Faaruu Ermiyaas 3:55

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 130:1; Yon 2:1, 2

Faaruu Ermiyaas 3:58

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu kootii.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 50:34

Faaruu Ermiyaas 3:59

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:36, 37

Faaruu Ermiyaas 3:61

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 74:18

Yaada Wal Simu

Faru. 3:2Kes 28:15, 29; Er 13:16
Faru. 3:3Isa 63:10
Faru. 3:5Er 8:14; 9:15; Fru 3:19
Faru. 3:7Er 39:7
Faru. 3:8Fr 80:4; 102:2; Isa 1:15; Mik 3:4
Faru. 3:9Isa 63:17
Faru. 3:10Iyo 38:39, 40; Hos 5:14; Amo 5:18, 19
Faru. 3:11Er 6:8; 32:43
Faru. 3:15Er 9:15; 23:15
Faru. 3:16Fr 102:9; Er 6:26
Faru. 3:19Er 9:15; Fru 3:5
Faru. 3:19Nah 9:32; Fr 137:1
Faru. 3:20Fr 113:5-7
Faru. 3:21Fr 130:6-8; Mik 7:7
Faru. 3:22Iz 9:8
Faru. 3:22Nah 9:31; Er 30:11; Mik 7:18
Faru. 3:23Fr 30:5
Faru. 3:23Kes 32:4; Fr 36:5
Faru. 3:24Fr 16:5; 73:26; 142:5
Faru. 3:24Fr 130:6-8
Faru. 3:25Fr 25:3; 130:5; Isa 25:9; 30:18; Mik 7:7
Faru. 3:251Se 28:9; Isa 26:9; Sef 2:3
Faru. 3:26Fr 37:7
Faru. 3:26Fr 116:6
Faru. 3:27Fr 119:71
Faru. 3:28Fr 39:8, 9; Fru 3:39
Faru. 3:29His 16:63
Faru. 3:29Yoe 2:12-14
Faru. 3:31Er 3:12; 31:37; 32:40; Mik 7:18
Faru. 3:32Fr 30:5; 103:9, 11; Isa 54:7; Er 31:20
Faru. 3:33Isa 55:7; His 33:11; 2Ph 3:9
Faru. 3:34Fr 102:19, 20
Faru. 3:35Fr 12:5; Fak 17:15
Faru. 3:39Fr 103:10; Mik 7:9
Faru. 3:40Hag 1:5
Faru. 3:40Kes 4:30; Isa 55:7; Yoe 2:13
Faru. 3:41Kes 4:29; 2Se 7:14; 34:27
Faru. 3:42Nah 9:26
Faru. 3:422Mo 24:3, 4; Dan 9:5, 12
Faru. 3:43Fak 15:8
Faru. 3:43Kes 4:26; Fru 2:2; His 9:10
Faru. 3:44Fr 80:4; Fak 15:29; 28:9; Isa 1:15; Mik 3:4; Zak 7:13
Faru. 3:46Fru 2:16
Faru. 3:47Kes 28:66, 67
Faru. 3:47Isa 51:19; Er 4:6
Faru. 3:48Er 9:1
Faru. 3:49Er 14:17; Fru 1:16
Faru. 3:50Fr 80:14; 102:19-21; Isa 63:15
Faru. 3:51Er 11:22
Faru. 3:55Fr 130:1; Yon 2:1, 2
Faru. 3:58Er 50:34
Faru. 3:59Er 51:36, 37
Faru. 3:61Fr 74:18
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
  • 48
  • 49
  • 50
  • 51
  • 52
  • 53
  • 54
  • 55
  • 56
  • 57
  • 58
  • 59
  • 60
  • 61
  • 62
  • 63
  • 64
  • 65
  • 66
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Faaruu Ermiyaas 3:1-66

Faaruu Ermiyaas

א [Aleef]

3 Ani ulee dheekkamsa isaatiin kan kaʼe nama rakkina arge taʼeera.

 2 Inni gad na baaseera, ifa keessa utuu hin taʼin dukkana keessa akkan deemu godheera.+

 3 Dhuguma iyyuu inni guyyaa guutuu irra deddeebiʼee harka isaa na irratti kaaseera.+

ב [Beet]

 4 Inni foon koo fi gogaa koo butucheera;

Lafee koos caccabseera.

 5 Inni natti marseera; summii hadhaaʼaa+ fi rakkina natti naannesseera.

 6 Akka namoota bara dheeraa dura duʼaniitti, iddoo dukkana taʼe keessa akkan taaʼu na dirqisiiseera.

ג [Giimel]

 7 Miliquu akkan hin dandeenyetti, dallaa natti cufeera;

Hidhaa sibiila diimaa ulfaatuunis na hidheera.+

 8 Yommuun dhiphina guddaadhaan gargaarsaaf iyyutti inni kadhannaa koo ni tuffata.*+

 9 Daandiiwwan koo dhagoota bocamaniin cufeera;

Karaawwan koos jajalʼiseera.+

ד [Daalet]

10 Inni akkuma amaaketaa, akkuma leenca dhokateetti riphee na eeggata.+

11 Dirqisiisee daandii irraa na baaseera, na ciccireeras;*

Onas na godheera.+

12 Iddaa isaa dabsateera,* xiyya natti darbachuufis akeeka godhee na dhaabeera.

ה [Hii]

13 Xiyyawwan* korojoo xiyyaa isaa keessa jiraniin kalee koo waraaneera.

14 Ani namoota hundumaa biratti nama itti kolfamu nan taʼe, isaan guyyaa guutuu sirba isaanii keessatti natti qoosu.

15 Inni wantoota hadhaaʼoo taʼaniin na guuteera, hadheessas na quubseera.+

ו [Waaw]

16 Ilkaan koo cirrachaan caccabsa;

Daaraa keessas akkan gangaladhu godha.+

17 Ati nagaa na dhowwatteetta; ani wanta gaarii taʼe irraanfadheera.

18 Kanaafuu, “Simboon koos taʼe abdiin Yihowaa irratti qabu badeera” nan jedha.

ז [Zaayin]

19 Rakkachuu koo fi mana dhabuu koo, hadheessaa fi summii hadhaaʼaa+ nyaachuu koos yaadadhu.+

20 Ati dhugumaan ni yaadatta, gara koottis gad ni jetta.+

21 Ani garaa kootti waaʼee kanaa nan yaada; obsaan kanan eeggadhus kanaafi.+

ח [Heet]

22 Nuti kan hin dhumne jaalala Yihowaa isa amanamaa taʼeen kan kaʼe dha,+

Sababiin isaas, gara laafinni isaa matumaa dhuma hin qabu.+

23 Gara laafinni isaa yeroo hundumaa ganama ganama haaraa dha;+ amanamummaan kee hedduu dha.+

24 “Yihowaan qooda koo ti,+ obsaan kanan isa eeggadhus kanaafi”+ nan jedhe.

ט [Teet]

25 Yihowaan nama isa abdatuuf,+ nama* yeroo hundumaa isa barbaaddatuuf gaarii dha.+

26 Fayyina Yihowaan argamsiisu calluma jedhanii* eeggachuun+ gaarii dha.+

27 Namni tokko dargaggummaa isaatti waanjoo baachuun isaa isaaf gaarii dha.+

י [Yood]

28 Yommuu Waaqayyo waanjoo isa irra kaaʼutti inni kophaa isaa haa taaʼu, callumas haa jedhu.+

29 Fuula isaa awwaara keessa haa dhoksu;+ tarii amma iyyuu abdii ni qabaata taʼa.+

30 Maddii isaa isa isa kabalutti haa kennu; arrabsoos haa quufu.

כ [Kaaf]

31 Sababiin isaas, Yihowaan bara baraaf nu hin gatu.+

32 Inni gadda kan geessise taʼus, akka jaalala isaa isa amanamaa isa hedduu taʼetti gara laafinas ni argisiisa.+

33 Sababiin isaas, ilmaan namootaa miidhuun yookiin gaddisiisuun garaa isaa keessa hin jiru.+

ל [Laamed]

34 Yommuu hidhamtoonni lafa irra jiran hundi miila jalatti caccaban,+

35 Yommuu namni tokko Isa Hundaa Olii duratti haqa dhowwatamu,+

36 Yommuu namni tokko dhimma seeraa isaa irratti gowwoomfamu,

Yihowaan wantoota akkanaa hin obsu.

מ [Meem]

37 Maarree, Yihowaan yoo ajaje malee, eenyutu waa dubbatee akka raawwatamu gochuu dandaʼa?

38 Wantoonni hamoonii fi wantoonni gaggaariin yeroo tokkotti

Afaan Isa Hundaa Olii keessaa hin baʼan.

39 Namni* tokko cubbuu raawwateen kan kaʼe miidhaa isa irra gaʼeen kan gungumu maaliifi?+

נ [Nuun]

40 Daandiiwwan keenya haa gamaaggamnu, of eeggannoodhaanis haa qorru,+ gara Yihowaattis haa deebinu.+

41 Garaa keenyaa fi harka keenya gara Waaqa isa samiiwwan keessa jiruutti ol kaasnee+ akkana haa jennu:

42 “Nuti yakkineerra, fincilleerras,+ atis dhiifama hin goone.+

ס [Saamek]

43 Nuti sitti akka hin dhihaanneef dheekkamsa keetiin daandii nutti cufteetta;+

Nu ariiteetta, gara laafina malees nu ajjeesteetta.+

44 Kadhannaan keenya gara keetti akka hin darbinetti, duumessaan daandii nutti cufteetta.+

45 Saboota gidduutti xurii fi kosii nu gooteetta.”

פ [Pee]

46 Diinonni keenya hundi afaan isaanii nu irratti banu.+

47 Dhumni keenya naasuu fi kiyyoo,+ diigamuu fi caccabuu taʼeera.+

48 Caba intala saba kootiitiin kan kaʼe, ija koo keessaa imimmaan akka bishaaniitti dhangalaʼa.+

ע [Ayiin]

49 Ijji koo yeroo hundumaa utuu wal irraa hin kutin booʼa,+

50 Kunis, hamma Yihowaan gad jedhee samii irraa ilaalutti dha.+

51 Ijoollee durbaa magaalaa kootii hundumaatiin kan kaʼe ijji koo gadda natti* fideera.+

צ [Tsadee]

52 Diinonni koo sababa malee akkuma simbirrootti adamsanii na qabaniiru.

53 Isaan lubbuu koo boolla keessatti cal jechisiisaniiru; dhagaa natti darbachuu isaaniis itti fufaniiru.

54 Bishaan mataa koo irra yaaʼeera, anis “Naa dhume!” nan jedhe.

ק [Qoof]

55 Yaa Yihowaa, boolla gad fagoo keessaa maqaa kee nan waammadhe.+

56 Sagalee koo dhagaʼi; boqonnaa akka naaf kennitu yommuun gargaarsaaf gara keetti iyyadhu gurra kee hin cufin.

57 Guyyaan si waammadhetti ati natti dhihaatte. “Hin sodaatin” naan jette.

ר [Reesh]

58 Yaa Yihowaa, dhimma seeraa koo* irratti naaf falmiteetta, lubbuu koos furteetta.+

59 Yaa Yihowaa, balleessaa na irratti raawwatame argiteetta; maaloo, haqa naaf argamsiisi.+

60 Haaloo isaan na irratti baʼan hundumaa, mala isaan na irratti qopheessan hundumaas argiteetta.

ש [Siin] ykn [Shiin]

61 Yaa Yihowaa, arrabsoo isaanii fi mala isaan na irratti qopheessan hundumaa,+

62 Dubbii warra na mormanii, akkasumas guyyaa guutuu na irratti asaasuu isaanii dhageesseetta.

63 Isaan ilaali; yommuu taaʼanii fi yommuu kaʼan sirba isaanii keessatti natti qoosu!

ת [Taaw]

64 Yaa Yihowaa, ati akka gocha isaaniitti isaaniif ni deebista.

65 Ati akkuma abaarsa isaan abaarte sanaatti mata jabeeyyii isaan ni goota.

66 Dheekkamsa keetiin isaan ariita, samiiwwan Yihowaa jalaas haxooftee isaan balleessita.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi